LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 3 ful. 16
  • Morma Goondaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Morma Goondaa
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Itti Goondaan Sahaaraa Bifa Meetii Qabu Hoʼa Of Irraa Ittisu
    Dammaqaa!—2017
  • Akkaataa Goondaan Kaarpeentar Aanti Jedhamu Anteenaa Isaa Itti Qulqulleessu
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2017
  • Uumamni Ogummaa Yihowaa Mul’isa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 3 ful. 16

Qaamni Kana Tolche Jiraa?

Morma Goondaa

Goondaa afaan isaatti marga baate

INJINAROONNI MEKAANIKAALAA dandeettii goondaan wanta qaama isaa irra dachaa hedduu caalaa ulfaatu tokko baachuuf qabu isaan ajaaʼibsiisa. Yunaayitid Isteetisitti, injinaroonni Yunivarsiitii Ohaayoo Isteet keessatti argaman, dandeettii goondaan qabu kana hubachuuf, moodelota kompiitaraa akkaataa qaamni goondaa itti hojjetame, akkasumas amalawwan isaa fi sochiiwwan isaa tokko tokko argisiisan hojjetaniiru. Moodelonni kun kan hojjetaman, fakkii Raajii (maayikiroo Sii Tii iskaanii) kutaawwan qaama goondaa isa keessaa argisiisuu fi fakkiiwwan goondaan yommuu baʼaa guddaa baatu humna isa keessaa maddu argisiisan fayyadamuudhaani.

Baʼaan goondaan afaan isaatti qabatu, ulfaatinni isaa guutummaatti morma isaa irra waan ooluuf, qaama goondaa keessaa gama kanaan shoora guddaa kan qabu morma isaa ti. Ribuuwwan lallaafoon morma goondaa keessa jiran, lafeewwan ciccimoo naannoo qoma (qaama) isaa fi mataa isaa keessatti argamanii wajjin kan walitti hidhamani dha; kunis akkaataa harka dachaʼe irratti qubni keenya itti wal xaxuu wajjin wal fakkaata. Namoota qorannaa kana geggeessan keessaa tokko akkana jedheera: “Akkaataa ribuuwwan lallaafoonii fi lafeewwan ciccimoon kun itti uumamanii fi itti caaseffaman, hojii buusaan morma isaa hojjetuuf baayʼee murteessaa dha. Akkaataa qaamni isaa inni cimaanii fi inni laafaan karaa adda taʼeen itti wal qabate, bakki itti wal qabate sun jabaataa akka taʼu gochuu hin oolu; kun immoo sababii guddaa buusaan morma isaatii baʼaa ulfaataa akka baatu isa dandeessise keessaa tokko taʼuu hin oolu.” Qorattoonni mormi goondaa akkamitti akka hojjetu sirriitti hubachuun, roobootota nam-tolchee hojjechuu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf gumaacha godha jedhanii abdatu.

Maal sitti fakkaata? Akkaataa kutaawwan mormi goondaa karaa wal xaxaa taʼeen itti walitti hidhamanii mormi isaa baayʼee jabaataa akka taʼu godhan, jijjiirama tirannaatiin kan argamani dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi