LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g16 Lakk. 6 ful. 12-13
  • Kilaawun Fiishi Isa Dinqisiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kilaawun Fiishi Isa Dinqisiisaa
  • Dammaqaa!—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘SI MALEE JIRAACHUU HIN DANDAʼU’
  • BAKKA WARRI KAAN DAAKUU SODAATAN DEEMUU
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2016
Dammaqaa!—2016
g16 Lakk. 6 ful. 12-13

Kilaawun Fiishi Isa Dinqisiisaa

Kilaawun fiishii halluu burtukaanaa

Kilaawun fiishii halluu burtukaanaa

GOSNOONNI qurxummii akka kilaawun fiishii jiranii fi xiyyeeffannaa keenya harkisan muraasa dha. Tarii qurxummiin kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu, uffata halluudhaan guutamee fi namoonni sarkasii hojjetan uffatan waan nu yaadachiisuufi dha. Yookiin bakki jiraachuuf filatu, teentikiloota jechuunis uumamawwan bishaan keessaa aneemanii jedhamanii fi idduu dandaʼan gidduu taʼuun isaa nu dinqisiisa taʼa. Kanaaf qurxummiin kun maqaa biraa aneemaniifiishi jedhamu qabaachuun isaa nama hin dinqisiisu.

Akkuma taatota fiilmii beekamoo taʼan tokko tokkoo, kilaawun fiishiinis suuraa kaʼuu hin sodaatu. Bakka jiraatuu fagaatee waan hin deemneef, yoo namni itti siiqus waan hin baqanneef, namoonni bishaan keessa gad lixanii daakan salphaadhumatti suuraa isa kaasuu dandaʼu.

Taʼus, wanti kilaawun fiishii dinqisiisaa taasisu, bakka balaadhaaf isa saaxilu jiraachuu isaa ti. Teentikiloota summii qaban gidduu jiraachuun, manʼee bofaa keessa jiraachuu wajjin tokko dha. Taʼus kilaawun fiishii fi aneemaniin wal irraa adda hin baʼan. Michummaan baramaa hin taane akkasii uumanii waliin jiraachuu kan dandaʼan akkamitti?

‘SI MALEE JIRAACHUU HIN DANDAʼU’

Kilaawun fiishii sarara lama qabu

Kilaawun fiishii sarara lama qabu

Akkuma michooma gaarii tokko irraa eegamu, michoomni kilaawun fiishii fi aneemanii gidduu jiru wal deggeruu fi wal gargaaruu irratti kan hundaaʼe dha. Michoomni kun kilaawun fiishiif gaarii qofa utuu hin taʼin, baayʼee barbaachisaa dha. Baayooloojiistoonni uumama bishaan keessaa qoratan, kilaawun fiishiin gargaarsa aneemanii malee jiraachuu akka hin dandeenye mirkaneessaniiru. Saffisaan daakuu waan hin dandeenyeef, eegumsa aneemanii hin argatu taanaan, adamsitoota beelaʼan kaaniin nyaatamuun isaa hin oolu. Haa taʼu malee, kilaawun fiishiin aneemanii wajjin jiraachuun isaa fi yommuun balaan gaʼutti gara isaatti baqachuun isaa, tarii hanga umurii waggaa kudhanitti akka jiraatu isa taasisa.

Aneemaniin bakka kilaawun fiishiin jiraatuu fi itti wal horu isaaf kenna. Kilaawun fiishiin bakka jireenyaa isaanii aneemanii gidduutti kan hanqaaqan siʼa taʼu, kormaa fi dhalaa taʼanii hanqaaquu isaanii of eeggannoodhaan eegu. Kilaawun fiishiin hanqaaquu keessaa erga yaaʼanii booda, maatiin kilaawun fiishii naannuma aneemanii sanaa yommuu daakan arguun ni dandaʼama.

Haa taʼu malee, aneemaniin michooma kana irraa faayidaa maalii argata? Kilaawun fiishiin eegduu bishaan keessaa taʼee kan tajaajilu siʼa taʼu, gosoota qurxummii batarfilayi fiishii jedhamanii fi teentaakiloota nyaachuu dhufan irraa isaan eega. Yoo xinnaate gosni aneemanii kilaawun fiishii ala matumaa jiraachuu hin dandeenye tokko jira. Qorattoonni aneemanii sana kilaawun fiishii keessaa yommuu fuudhan, saʼaatii 24 keessatti guutummaatti baduu dandaʼeera. Tarii, batarfilayi fiishiidhaan waan nyaatameef taʼuu dandaʼa.

Gosni qurxummii kilaawun fiishii jedhamu kun madda isaan humna irraa argatan taʼuu hin oolu. Ammooniyamiin kilaawun fiishiin baasu guddina aneemanii ariifachiisuuf gargaara. Kana malees kilaawun fiishiin teentaakiloota gidduu yommuu daaku, aneemaniin bishaan oksijiinii qabu akka argatu godha.

BAKKA WARRI KAAN DAAKUU SODAATAN DEEMUU

Kilaawun fiishii iskaankii bildiimaa

Kilaawun fiishii iskaankii bildiimaa

Eegumsi kilaawun fiishiin argatu, gogaa isaa irratti kan hundaaʼe dha. Dhangalaʼaan wal harkisuu fi gogaa isaa irra jiru akka hin iddamne isa eega. Keemikaala kanaan waan uwwiifameef, aneemaniin kilaawun fiishiin akka waan kan isaa taʼetti isa ilaala. Baayooloojiistiin uumama bishaan keessaa qoratan tokko, kilaawun fiishiin “qurxummii uffata aneemanii uffate” taʼuu isaa ibsaniiru.

Qorannaan tokko tokko akka argisiisutti, kilaawun fiishiin iddoo jireenyaa haaraa yommuu filatu, jalqaba aneemanii wajjin wal baruu qabu. Qurxummiin sun yeroo jalqabaatiif aneemanii sanatti yommuu dhihaatu, saʼaatii muraasaaf deddeebiʼee yommuu isa tuttuqu argameera. Kilaawun fiishiin haala kanaan tuttuquun isaa, dhangalaʼaa gogaa isaa irra jiru fi isa eegu guddisuudhaan, summii aneemanii isa haaraa sanaa wajjin akka wal baruu isa taasisa. Haa taʼu malee, kilaawun fiishiin sun kana giddutti iddamuu dandaʼa. Taʼus sana booda, lamaanuu waliin jiraachuu jalqabu.

Uumamawwan garaa garaa kun haala kanaan wal simanii jiraachuun isaanii, gareedhaan hojjechuu ilaalchisee barumsa guddaa nuuf kennu. Namoonni aadaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban waliin hojjechuuf carraaquun isaanii karaa adda addaatiin buʼaa guddaa argamsiiseera. Akkuma kilaawun fiishii, namoota kaanii wajjin hojjechuu baruun yeroo muraasa kan nutti fudhatu taʼu illee, buʼaan isaa garuu kan nama gaabbisiisu miti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi