LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 1 ful. 3-7
  • Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?
  • Dammaqaa!—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • WANTOOTA DHIPHINA DARGAGGOOTAATIIF SABABA TAʼAN
  • QAAMAA FI SAMMUU KEE KUNUUNSI
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 1 ful. 3-7
Dargaggeessa umurii kurnanii siree isaa taaʼee gaddee jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu? Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?

AANAANa akkana jetteetti: “Yommuun dhiphadhu, wantan yeroo kaan hojjechuu jaalladhu dabalatee wanta hunda hojjechuuf kakaʼumsan dhaba. Yeroo kanatti rafuu qofan barbaada. Yeroo baayʼee immoo namoonni akka na hin jaallanne, nama faayidaa hin qabnee fi namoota kaanitti baʼaa akkan taʼe natti dhagaʼama.”

Juuliyaan wanta yaadattu yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Waaʼee of ajjeesuu nan yaadan ture. Duʼuu garuu hin barbaadu. Yaada akkasii dhiisuu barbaadeen ture. Yeroo kaanitti namootaaf nan yaada; yommuun dhiphadhutti garuu waaʼeen namootaas taʼe wanti kam iyyuu na hin yaaddessu.”

Aanaa fi Juuliyaan dhiphinni akkasii kan isaan mudate yeroo isaan jalqaba umurii waggoota kurnanii keessatti argamanitti ture. Dargaggoonni kaanis yeroo tokko tokko kan dhiphattan taʼus, dhiphinni Aanaa fi Juuliyaa garuu torban hedduudhaaf ykn jiʼootaaf kan itti fufu ture. Aanaan, “Boolla baayʼee gadi fagoo dukkanaaʼaa taʼee fi keessaa baʼuun hin dandaʼamne keessa waanan jiru natti fakkaata ture. Waanuma sirriitti yaaduu dadhabdee fi eenyummaa kee irraanfatte sitti fakkaata” jetteetti.

Haalli Aanaa fi Juuliyaa yeroo baayʼee namoota kan mudatu dha. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka gabaasetti, lakkoofsi dargaggoota dhukkuba kanaan qabamanii haala nama naasisuun dabalaa jira. Dhukkubni kun “dhiironnis taʼan shamarran umurii waggoota 10 hanga 19 gidduu jiran, gama sammuutiinis taʼe qaamaan akka miidhaman gochaa jira.”

Mallattoowwan dhukkuba dhiphinaa, yeroo dargaggummaatti mudachuu dandaʼu; isaanis barsiifata hirribaa, fedhii nyaataa fi ulfaatina qaamaa irratti jijjiirama dhufu dabalachuu dandaʼa. Akkasumas, abdii kutachuu, gadduu fi gatii akka hin qabne yaaduu taʼuu dandaʼa. Kana malees, namoota irraa of fageessuu, waan tokko irratti xiyyeeffachuu ykn waa yaadachuu dadhabuu, of ajjeesuuf yaaduu ykn yaaluu, akkasumas mallattoowwan yaalii fayyaatiin hin mirkaneeffamne kan biroo dabalachuu dandaʼa. Ogeessonni yaalii fayyaa sammuu namni tokko dhukkuba dhiphinaatiin qabamuu isaa yommuu shakkan, yeroo baayʼee mallattoowwan sun torban hedduudhaaf kan turanii fi jireenya nama sanaa irratti dhiibbaa kan geessisan taʼuu isaanii mirkaneeffachuuf yaalu.

WANTOOTA DHIPHINA DARGAGGOOTAATIIF SABABA TAʼAN

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhetti, akkaataa warri kaan itti nu qaban, yaaddoo ykn jijjiirama gama qaamaatiin mulʼatu dabalatee wantoonni hedduun dhiphinaaf sababa taʼuu dandaʼu. Mee wantoota kana keessaa tokko tokko haa ilaallu.

Jijjiirama gama qaamaatiin mulʼatu. Akkuma Juuliyaa mudate, dhiphinni keemikaalota sammuu keessa jiran irratti jijjiirama fiduudhaan, maatii keessatti dhalootaan kan daddarbu taʼuu dandaʼa. Jijjiiramoonni gama qaamaatiin mulʼatan kaan immoo dhukkuboota onnee, hoormooniin dabaluu ykn hirʼachuu isaa, wantoota akka alkoolii fi yeroo dheeraadhaaf qorichaa seeraan ala fudhachuu wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu; wantoonni kun immoo dhukkubni kun ittuma caalaa akka deemu godhu.b

Yaaddoo. Hamma tokko yaaddaʼuun kan jiru taʼus, gar malee ykn yeroo dheeraadhaaf yaaddaʼuun garuu, qaamaa fi sammuu miidhuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko immoo dargaggoonni salphaatti waan miidhamaniif dhukkuba kanaaf isaan saaxiluu dandaʼa. Taʼus, kaʼumsa dhukkuba dhiphinaa sirriitti beekuun hin dandaʼamu; akkuma olitti ibsame wantoota hedduu kan of keessatti hammatu taʼuus ni dandaʼa.

Wantoonni yaaddoo wajjin wal qabatanii fi dhukkuba dhiphinaa fiduu dandaʼan kaanis jiru; fakkeenyaaf warri wal hiikuu ykn addaan baʼuu isaanii, nama jaallatan duʼaan dhabuu, miidhaa karaa qaamaa ykn karaa saalaa irra gaʼe, balaa cimaa, dhukkuba ykn barumsa qabachuu dadhabuu (keessumaa mucaan tokko sababa kanaan akka dagatame kan itti dhagaʼamu yoo taʼe) taʼuu dandaʼu. Kana malees, sababni kan biraan kana ilaalchisee kaʼu, tarii warri gama barumsaatiin ijoollee isaanii irraa humnaa ol eeguu isaanii taʼuu dandaʼa. Sababiiwwan kan biroon immoo, miidhaa ijoolleen abbaa humnaa taʼan isaan irraan geessisan, waaʼee gara fuulduraa beekuu dadhabuu ykn warri isaanii dhukkuba dhiphinaatiin kan kaʼe miirri isaanii jeeqamuu isaa, akkasumas wanti gara fuulduraatti warra isaanii mudachuu dandaʼu isaan yaaddessa taʼa. Wantoota kanaan kan kaʼe, ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran dhukkuba dhiphinaatiin yoo qabaman, wanti damdamachuuf isaan gargaaru maali dha?

QAAMAA FI SAMMUU KEE KUNUUNSI

Dhukkubni dhiphinaa salphaanis taʼe baayʼee cimaa taʼe, yeroo baayʼee qorichaa fi gorsa ogeessota yaalii fayyaa sammuutiin walʼaanamuu dandaʼa.c Yesuus Kiristoos, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu” jedheera. (Maarqos 2:17) Akkasumas dhukkubni, sammuu keenya dabalatee kutaa qaama keenyaa kam iyyuu miidhuu dandaʼa! Sammuun keenyaa fi qaamni keenya kan walqabate waan taʼeef, akkaataa jireenyaa keenya irratti jijjiirama gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa.

Dhukkuba dhiphinaatiin rakkachaa jirta yoo taʼe, hamma siif dandaʼame qaamaa fi sammuu keetiif kunuunsa godhi. Fakkeenyaaf, nyaata fayyaa keetiif taʼu nyaadhu, hirriba gaʼaa rafi; akkasumas yeroo hundumaa sochii qaamaa godhi. Sochii qaamaa gochuun kee qaamni kee keemikaalonni miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godhan akka maddan, humni kee akka dabaluu fi hirribni kee akka fooyyaʼu taasisa. Dandaʼamnaan, wantoota dhiphina kee dabalanii fi mallattoolee dhiphinni akka si jalqabuuf jedhu mulʼisan hubachuuf yaali; achiis tarkaanfii haala isaatiif taʼu fudhachuuf karoorfadhu. Iccitii kee nama amantutti himi. Miseensonni maatii fi michoonni kee tarii mallattoowwan isaa akka hirʼatan gochuudhaan, dhukkuba dhiphinaa kee akka gaariitti damdamachuuf si gargaaruu dandaʼu. Akkuma Juuliyaa ishii olitti ibsamtee, atis yaada kee fi miira kee barreessi. Hunda caalaa immoo wanta karaa hafuuraa si barbaachisuuf xiyyeeffannaa kenni. Kunis ilaalcha ati jireenyaaf qabdu irratti jijjiirama guddaa fida. Yesuus Kiristoos, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” jedheera.—Maatewos 5:3.

Shamarree warra ishii wajjin nyaachaa, akkasumas sochii qaamaa gochaa fi rafaa jirtu

Akka gaariitti nyaadhu, sochii qaamaa godhi, akkasumas hirriba gaʼaa rafi

Shamarree Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu

Wanta karaa hafuuraa si barbaachisu guuttachuudhaan jajjabina argachuu ni dandeessa

Aanaa fi Juuliyaan wanti Yesuus dubbate dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru. Aanaan akkana jetteetti: “Sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuun koo rakkina koo irratti utuu hin taʼin, namoota kaan gargaaruu irratti akkan xiyyeeffadhu na taasiseera. Kun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, kana gochuun koo gammachuu guddaa naaf argamsiisa.” Juuliyaanis kadhachuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan jajjabina argatteetti. Akkana jetteetti: “Wanta garaa koo keessa jiru kadhannaadhaan Waaqayyo duratti dhangalaasuun koo na tasgabbeessa. Kitaabni Qulqulluunis Waaqayyo duratti bakka guddaa akkan qabuu fi dhugumaan akka inni naaf yaadu akkan hubadhu na gargaareera. Akkasumas Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo yeroo gara fuulduraatiif ilaalcha gaarii akkan qabaadhu na taasiseera.”

Uumaan keenya Yihowaan, akkaataan guddinaa keenya, wanti jireenya keessatti nu mudatee fi uumamni keenya ilaalchaa fi miira keenya irratti dhiibbaa akka godhu guutummaatti hubata. Kanaaf, gargaarsaa fi jajjabina nu barbaachisu nuuf kennuu ni dandaʼa; tarii namoota gara laafeyyii taʼanii fi haala keenya hubatanitti fayyadamee nu gargaara. Hunda caalaa immoo, yeroon Waaqayyo dhukkuba qaamaa fi sammuu dabalatee, dhukkuba hunda itti balleessu ni dhufa. Isaayaas 33:24, “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedha.

Kitaabni Qulqulluun abdii Waaqayyo, “imimmaan hundumaa ija [keenya] irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru” jechuudhaan kenne qabateera. (Mulʼata 21:4) Kun baayʼee nama hin jajjabeessuu? Kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiifis taʼe lafaaf qabu ilaalchisee caalaatti barachuu yoo barbaadde, weebsaayitii keenya jw.org/om jedhamu ilaaluu dandeessa. Weebsaayitii kana irraa Kitaaba Qulqulluu fi mata dureewwan waaʼee dhiphinaa ibsan dabalatee, dhimmawwan garaa garaa argatta.

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Dhukkuboonni, yaaliiwwan fayyaa fi qorichawwan seeraan ala gurguraman hedduun miira nama tokkoo miidhuu dandaʼu; kun immoo qorannaan yaalii fayyaa caalaatti akka barbaachisu taasisuu dandaʼa.

c Barruun Dammaqaa! yaalii ykn walʼaansa tokko deggeruudhaan gorsa hin kennu.

Wanta Haatii fi Abbaan Gochuu Dandaʼan

  • Dargaggoonni dhukkuba dhiphinaa qaban, miira isaanii ibsuun kan isaan rakkisu taʼuu isaa fi wanta isaan irra gaʼaa jiru akka hin beekne hubadhaa. Tarii mallattoowwan dhiphinaa iyyuu addaan baasanii hin beekan taʼa.

  • Dargaggoonni miira isaanii karaa namoonni guguddaan itti ibsan irraa haala adda taʼeen ibsu; kanaaf, jijjiirama guguddaa ijoollee keessan irratti mulʼatan, keessummaa immoo torban hedduudhaaf isaan irra turan hubachuuf dammaqoo taʼa; fakkeenyaaf, amala isaanii, akkaataa nyaataa isaanii, miira isaanii, haala hirriba isaanii fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qaban qalbeeffadhaa.

  • Of ajjeesuu ilaalchisee wanta isaan dubbatan ykn wantoota akka isaan of ajjeesuu barbaadan mulʼisan akka laayyootti hin ilaalinaa.

  • Dhukkuba dhiphinaa taʼuu isaa yoo shakkitan (miiraa gaddaa yeroodhaaf itti dhagaʼamu hin dabalatu), ogeessonni yaalii fayyaa sammuu akka isaan ilaalan godhaa.

  • Ijoolleen keessan yaalii ogeessa fayyaa sirriitti akka hordofan gargaaraa; jijjiirama kan hin argisiisne ykn yaalii sanaan kan kaʼe, miidhaan isaan irra gaʼaa kan jiru yoo taʼe ogeessa fayyaa gorsa gaafadhaa.

  • Maatiidhaan nyaachuu fi sochii qaamaa gochuu amaleeffadhaa, akkasumas barsiifata hirribaa gaarii taʼe qabaadhaa.

  • Ijoollee keessanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaadhaa; miira sababa dhiphinaatiin isaanitti dhagaʼamu akka moʼanis isaan gargaaraa.

  • Dhiphinni, ijoollee keessanitti kophummaan, qaaniin, faayidaa akka hin qabne akka itti dhagaʼamu waan godhuuf, yeroo hunda akka isaan jaallattan isaaniif mirkaneessaa.

Wantoota Miira Kee Tasgabbeessuuf si Gargaaran Qopheeffadhu

Wantoota miira tasgabbeessuuf gargaaran, yaadawwan gaggaarii, yaadannoowwan, caqasoota, muuziqaa, mata dureewwanii fi muuxannoowwan dabalata

Dhukkubni dhiphinaa baayʼee si rakkisaa jira yoo taʼe, wantoota yaadaa fi miira kee toʼachuuf si gargaaran qopheeffachuu dandeessa. Wantoonni kun fuula kana irratti kan ibsaman siʼa taʼu, akka siif taʼutti sirreeffama irratti gochuu dandeessa.

  • Teessoo namoota yeroo gaddi sitti dhagaʼamu waamuu dandeessuu

  • Muuziqaawwan gaarii taʼanii fi si haaromsuu dandaʼan

  • Jechootaa fi mata dureewwan miira gaarii siif uuman

  • Caqasoota si jajjabeessuu dandaʼanii fi Kitaaba Qulqulluu irratti argaman, kan akka Faarfannaa 34:18; 51:17; 94:19; Filiphisiyus 4:6, 7

  • Yaadannoowwan namoota si jaallatan si yaadachiisan

  • Galmee yaadawwan gaggaarii, akkasumas muuxannoowwan gaggaarii ati dabarsite si yaadachiisu

Dhiphina Shamarran Mudatu

Dhiphinni shamarran umurii waggoota kurnanii keessatti argaman mudatu kan dardarootaa caalaa waan babalʼate fakkaata. Sababiin inni tokko, tarii dhiphina karaa miiraa, karaa qaamaa ykn miidhaa saalaa yeroo baayʼee shamarran mudatuun dhufu taʼuu dandaʼa. Gorsituu dhibee sammuu kan taʼan Shaaran Harshi, ‘Wantoonni karaa alaa shamarran mudatanii fi miirri dhiphinaa isaanitti dhagaʼamu yommuu walitti buʼu, miidhaan inni geessisu yeroo baayʼee sodaachisaa fi kan nama burjaajessu taʼa’ jedhaniiru. Akkasumas, wantoonni bareedina qaamaa ilaalchisee sabqunnamtii irratti dhihaatan, utuu hin barbaachisin shamarran irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Shamarreen bareedduu akka hin taane itti dhagaʼamu ykn hiriyoota ishii biratti fudhatama argachuu ilaalchisee gar malee yaaddoftu, dhukkuba dhiphinaatiif saaxilamuu dandeessi.d

d Mata duree “Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?—Bareedina Qaamaa” jedhuu fi Dammaqaa! Lakk. 4 2016 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi