LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 2 ful. 7
  • Mala Kanniisni Qubachuuf itti Fayyadamtu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mala Kanniisni Qubachuuf itti Fayyadamtu
  • Dammaqaa!—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ittiin Baafata
    Dammaqaa!—2017
  • Uumamawwan Ibsan
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Eegee Gaararraa Agaamaa
    Dammaqaa!—2013
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 2 ful. 7
Kanniisa abaaboo irra qubattee jirtu

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Mala Kanniisni Qubachuuf Itti Fayyadamtu

KANNIISONNI yeroo baayʼee bakka barbaadan rakkina tokko malee qubachuu ni danda’u. Garuu kana kan godhan akkamitti?

Mee yaadi: Kanniisni utuu hin miidhamin qubachuuf, bakka qubachuuf jettutti yeroo dhihaattu saffisa ishii gara zeerootti hirʼisuu qabdi. Kana gochuuf wantoota lama, jechuunis saffisa ittiin balaliituu fi fageenya iddoo irra qubattuu tilmaamuu qabdi; achiis kana irratti hundooftee saffisa ishii hirʼisti. Haa taʼu malee, tooftaan kun ilbiisota hedduudhaaf ulfaataa dha. Sababiin isaas, iji isaanii walitti dhihoo fi kan hin sochoone waan taʼeef fageenya tilmaamuu hin dandaʼan.

Iji kanniisaa namoota warra kallattii lamaan ilaaluu dandaʼan irraa baayʼee adda dha. Wanta tokkotti yeroo dhihaatamu wanti sun caalaatti guddatee mulʼata; kanniisonnis mala salphaa kanatti kan fayyadaman fakkaata. Yeroo isaan wanta tokkotti dhihaachaa deeman, wanti sun guddaa fakkaatee itti mulʼata. Qorannaan Yunivarsiitii Biyyoolessaa Awustiraaliyaatti godhame tokko akka argisiisutti kanniisni yeroo wanta tokko bira geessu saffisa ishii kan hirʼistu, yeroo guddinni wanta sanaa jijjiiramuu dhiisutti dha. Kanniisni iddoo irra qubattu bira yommuu geessu, saffisni ishii gara zeerootti kan hirʼatu siʼa taʼu, kun immoo miidhaa tokko malee qubachuuf ishii gargaara.

Barruun Za Piroosiidiingis Oof za Naashinaal Akkaadaamii Oof Saayinsis, “Malli kanniisni qubachuuf itti fayyadamtu kun salphaa waan taʼeef . . . qajeelfama robootonni balaliʼan ittiin geggeeffaman qopheessuuf hojii irra ooluu dandaʼa” jedhee gabaaseera.

Maal sitti Fakkaata? Malli kanniisni qubachuuf itti fayyadamtu kun jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi