LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g19 Lakk. 2
  • Rakkoowwan Dandamachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkoowwan Dandamachuu
  • Dammaqaa!—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • RAKKOOWWAN DANDAMACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
  • RAKKOOWWAN DANDAMACHUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • IJOOLLEEN RAKKOOWWAN AKKA DANDAMATAN BARSIISUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
  • Hammamin Cimina Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Ijoolleen Gufuu Isaan Mudatu Akka Moʼan Gargaaruu
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Sirreeffama Naa Kennamu Akkamittan Fudhachuu Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Akka Gad Of Qaban Ijoollee Barsiisuu
    Dammaqaa!—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2019
g19 Lakk. 2
Haadha intalli ishii keekiin tolchite jalaa baduu isaatiin aarte gargaaraa jirtu

BARUMSA 3

Rakkoowwan Dandamachuu

RAKKOOWWAN DANDAMACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

Namni rakkina isa irra gaʼe dandamatu haalawwan gufuu isatti taʼanii fi abdii isa kutachiisan yommuu isa mudatan harka kennuu mannaa kutannoodhaan gara fuulduraatti deema. Dandeettiin kun muuxannoo irraa argama. Akkuma ijoolleen darbee darbee utuu hin kufin miillaan deemuu hin baranne, haalli rakkisaan utuu isaan hin mudatin karaa milkaaʼina itti argatan barachuu hin dandaʼan.

RAKKOOWWAN DANDAMACHUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Ijoolleen tokko tokko wanti tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin yoo hafe, yommuu rakkinni isaan mudatu ykn yeroo warri kaan isaan ceephaʼan hamileen isaanii ni caba. Tokko tokko immoo guutummaatti abdii kutatu. Taʼus, ijoolleen dhugaawwan armaan gadii hubachuu qabu:

  • Wanta goonu hundumaa irratti milkaaʼina argachuun waan hin dandaʼamne dha.—Yaaqoob 3:2.

  • Namni hundi jireenya isaa keessatti yeroo taʼe tokkotti rakkinni isa mudata.—Lallaba 9:11.

  • Sirreeffamni nuuf kennamuu baannaan dogoggora keenya irraa barachuu hin dandeenyu.—Fakkeenya 9:9.

Ijoolleen keessan rakkoowwan dandamachuu yoo baratan, haalawwan rakkisoo jireenya isaanii keessatti isaan mudatan kam iyyuu karaa milkaaʼina qabuun moʼuu ni dandaʼu.

IJOOLLEEN RAKKOOWWAN AKKA DANDAMATAN BARSIISUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Ijoolleen keessan wanti tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin yommuu hafu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa.”—Fakkeenya 24:16.

Ijoolleen keessan wantootaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaatan isaan gargaaraa. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti qorumsa yoo kufan maal godhu? “Ani matumaa naaf milkaaʼuu hin dandaʼu!” jedhanii abdii kutatu taʼa.

Ijoolleen keessan rakkina akka dandamatan gargaaruuf, yeroo itti aanutti tooftaa fooyyaʼiinsa gochuu itti dandaʼan argachuuf carraaqqii akka godhan isaan gargaaraa. Kunis rakkina sanaan moʼamuu mannaa furmaata argachuuf carraaqqii akka godhan isaan gargaara.

Gama biraatiin immoo, gidduu seenuudhaan rakkina isaan mudate sanaaf furmaata kennuu irraa of qusadhaa. Kanaa mannaa, ofuma isaaniitiin tooftaa rakkina sana furuuf isaan gargaaru argachuuf carraaqqii akka godhan isaan gargaaraa. Akkana jettanii isaan gaafachuu dandeessu, “Gara fuulduraatti barumsa kana ilaalchisee hubannaa qabdu caalaatti fooyyessuuf maal gochuu dandeessa?”

Haalli rakkisaan yeroo isaan mudatu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan.”—Yaaqoob 4:14.

Eenyuun keenya iyyuu bor maal akka nu mudatu hin beeknu. Namni harʼa sooressa taʼe bor hiyyeessa taʼuu dandaʼa; namni harʼa fayya buleessa taʼe bor dhukkubsachuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Warri saffisan yeroo hundumaa dorgommii irratti hin moʼan, jajjaboonni yeroo hundumaa waraana irratti hin moʼan . . . sababiin isaas yeroo fi wanti hin eegamne hunduma isaanii irra ni gaʼa.”—Lallaba 9:11.

Warra waan taataniif ijoollee keessan balaa irraa eeguuf tarkaanfiiwwan tokko tokko akka fudhattan beekamaa dha. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, ijoollee keessan haalawwan rakkisoo isaan mudatan hunda irraa eeguu hin dandeessan.

Ijoolleen keessan rakkoowwan akka hojii dhabuu ykn rakkina dinagdee ilaalchisee mudatu dandamachuuf umuriin isaanii hin geenye taʼa. Taʼus, haalawwan rakkisoo kan biroon yommuu isaan mudatan, fakkeenyaaf, hiriyoota isaanii wajjin yommuu wal lolan ykn miseensa maatii isaanii yommuu duʼaan dhaban akkamitti akka dandamatan isaan leenjisuu dandeessu.a

Ijoolleen keessan sirreeffama akka godhan yommuu isaanitti himamu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Booda irratti ogeessa akka taatuuf, gorsa dhagaʼi.”—Fakkeenya 19:20.

Namni tokko ijoolleen keessan sirreeffama akka godhan yommuu itti himu, isaan doorsisuuf ykn isaan miidhuu waan barbaadeef utuu hin taʼin, wanta sirreeffama gochuun isaan barbaachisu irratti isaan gargaaruu waan barbaadeefi dha.

Ijoolleen keessan sirreeffama akka fudhatan kan barsiistan yoo taʼe ofii keessanis taʼe isaaniin gadda hedduu irraa eegdu. Abbaan Joon jedhamu tokko akkana jedheera: “Ijoolleen dogoggora isaanii akka sirreessan hin taasifaman taanaan, yoom iyyuu barachuu hin dandaʼan. Rakkina tokko keessaa yommuu baʼan rakkina kan biraa keessa utaalanii galu; isinis hojiin keessan umurii keessan guutuu ibidda isaan qabsiisan isaan jala deemtanii dhaamsuu taʼa. Kun immoo isinittis taʼe ijoollee keessanitti jireenya hadheessuu malee faayidaa hin qabu.”

Ijoolleen keessan ceephoo nama ijaaru irraa akka fayyadaman gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Ijoolleen keessan mana barumsaatti ykn bakka biraatti yeroo ceephaʼaman, yaanni isaaniif kenname sirrii akka hin taane dubbachuuf yoo qoramtan illee kana dubbachuu irraa of qusadhaa. Kanaa mannaa, akkana jettanii isaan gaafachuu dandeessu:

  • “Sirreeffamni kun kan siif kenname maaliif sitti fakkaata?”

  • “Gara fuulduraatti fooyyaʼiinsa akkamii gochuu dandeessa?”

  • “Yeroo kan biraatti sirreeffamni akkasii yoo siif kenname maal goota?”

Ceephoon nama ijaaru amma qofa utuu hin taʼin, yeroo gaʼeessa taʼanittis ijoollee keessan akka fayyadu yaadadhaa.

a Mata duree Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2008 irratti baʼee fi “Ijoolleen Keessan Gadda Isaan Irra Gaʼe Akka Dandamatan Gargaaraa” jedhu ilaali. (Amaariffa)

Haadha intalli ishii keekiin tolchite jalaa baduu isaatiin aarte gargaaraa jirtu

AMMUMAA ISAAN LEENJISAA

Ijoolleen haalawwan abdii nama kutachiisan yommuu isaan mudatan ykn dogoggora yommuu raawwatan harka kennuu mannaa kutannoodhaan kan dandamatan yoo taʼe, gara fuulduraatti ogummaa tokko yommuu baratan salphaatti abdii hin kutatan, akkasumas carraan isaan ogummaa sana irratti milkaaʼina argachuuf qaban balʼaa dha

Fakkeenya Taʼuudhaan Barsiisaa

  • Balleessaa koo amaneen fudhadha moo namoota kan biraattin qabadha?

  • Waaʼee dogoggorawwan koo fi wantoota utuu naaf hin milkaaʼin hafanii, akkasumas barumsan wantoota kana irraa argadhe nan dubbadhaa?

  • Dogoggora namoonni kaan raawwatanitti nan qoosaa?

Wanta Warri Tokko Tokko Raawwatan

“Ijoolleen keenya rakkinni tokko illee akka isaan hin mudanne isaan irraa hin dhowwinu turre; akkasumas wanti tokko utuu isaaniif hin milkaaʼin yoo hafe ykn dogoggora yommuu raawwatan gidduu seennee furmaata isaanii kennuuf yaalii hin goonu. Yeroon ijoollee turetti, wantoota akkasii dandamachuun koo amma eenyummaa fooyyaʼaa akkan qabaadhu na gargaareera. Ijoolleen keenya madaallii isaanii kan eeganii fi gaʼeessota bilchaatoo taʼuu kan dandaʼan, qananiidhaan waan hin guddanneef natti fakkaata.”—Jeef.

“Anii fi haati manaa tiyya ijoollee keenyaa wajjin haala wal qabateen dogoggora yeroo raawwannu yeroo hunda dhiifama gaafanna. Warri dogoggora raawwatan ijoollee isaaniitti himuu akka qaban nan amana; akkas gochuun isaanii dogoggora raawwachuun haala jireenya nama keessatti iyyuu uumamuu dandaʼu akka taʼe akka hubatan gargaara.”—Jeemsi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi