4. Akka Rakkannuuf Uumamnee?
Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
Deebiin gaaffii kanaa ilaalcha nuti jireenyaaf qabnu irratti jijjiirama fida.
Mee Yaadi
Waaqni wantoota babbareedoo uume jireenya rakkisaa akka jiraannu ni barbaada jedhanii yaaduun sirriidhaa?
Namoonni Waaqayyotti hin amanne, inni kakaʼumsa sirrii akka hin qabne ykn jiraachuu isaa akka shakkan ibsuuf rakkina akka sababaatti dhiheessu. Isaan, rakkinni wantoota kana keessaa tokko, jechuunis, (1) Waaqayyo rakkina balleessuuf humna akka hin qabne ykn (2) Waaqayyo rakkina balleessuuf fedhii akka hin qabne, ykn (3) Waaqayyo akka hin jirre akka argisiisu amanu.
Sababiin Namoonni itti rakkatan kanuma qofadhaa?
CAALAATTI BARADHU
Viidiyoo Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhu jw.org irraa ilaali.
Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?
Waaqayyo kan nu uume akka rakkannuuf miti.
Inni jireenyatti akka gammadnu barbaada.
“Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyoo ti.”—LALLABA 3:12, 13.
Waaqayyo namoota jalqabaa lamaaniif wanta isaan barbaachisu hunda kennee ture.
Isaaniinis taʼe ijoollee isaanii akka rakkataniif hin uumne.
‘Waaqayyo isaaniin, Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! jedhee ture’—UUMAMA 1:28.
Namoonni jalqabaa lamaan Waaqayyoof ajajamuu diduu filatan.
Kanaan kan kaʼes, ofii isaanii irrattis taʼe, sanyii isaanii irratti rakkina guddaa fidan.
“Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”—ROOMAA 5:12.a
Waaqayyo qajeelfama isaatiin alatti of dandeenyee akka jiraannu godhee nu hin uumne.
Nuti namoonni akkuma bishaan keessa jiraachuu hin dandeenye, ofiin of bulchuu hin dandeenyu.
‘Namni karaa jireenya isaatii ofii isaatiin geggeeffachuu hin dandaʼu.’—ERMIYAAS 10:23.
Waaqayyoo akka nuti rakkannu hin barbaadu.
Inni hamma nuuf dandaʼame rakkina irraa fagaannee akka jiraannu barbaada.
“Ati seerrata koo utuu eegdeetta taʼee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa’a.”—ISAAYAAS 48:18.
a Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “cubbuu” jedhu gocha dogoggoraa qofa utuu hin taʼin, haala namoonni hundi dhaalan kan argisiisu dha.