LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 2 ful. 13-15
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Dandeettii Yaaduu Kee Irratti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Dandeettii Yaaduu Kee Irratti
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA BEEKUU QABDU
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Waaʼee Takkaatti Waan Lama Hojjechuu Maal Beekuun Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Meeshaa Eleektirooniksitiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Maxxansa Kana Keessatti
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 2 ful. 13-15
Namichi tokko utuu nyaata hojjetuu viidiyoo nyaanni akkamitti akka hojjetamu argisiisu ilaalaa jira.

Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Dandeettii Yaaduu Kee Irratti

Namoonni barnoota isaaniitiif, hojii isaaniitiif ykn wantoota kan birootiif wanta hedduu barachuun isaan barbaachisa. Teknoolojiin gama kanaan faayidaa qaba. Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroon akka ammaatti odeeffannoo argachuun baayʼee itti salphate hin jiru; manaa gad baʼuun, teessoo kee irraa illee kaʼuun utuu si hin barbaachisin odeeffannoo barbaaddu argachuu dandeessa.

Haa taʼu malee, namoonni teknoolojii gar malee fayyadaman hedduun . . .

  • yeroo dubbisan yaada isaanii sassaabbachuun isaan rakkisa.

  • hojii tokko irratti qofa xiyyeeffachuun isaan rakkisa.

  • yeroo kophaa taʼanitti dafanii nuffu.

WANTA BEEKUU QABDU

Shamarreen takka al takkaatti wantoota garaa garaa hojjechaa jirti. Bilbila ishiitiin ergaa gabaabaa barreessaa jirti, hiriyaa ishii wajjin viidiyoodhaan haasaʼaa jirti, akkasumas kompiitaraa fi kitaaba fayyadamtee qoʼachaa jirti.

DUBBISUU

Namoonni yeroo baayʼee meeshaalee elektiroonikii fayyadaman, yeroo tokko tokko mata duree tokko dubbisanii xumuruuf obsa waan hin qabneef, waa yeroo dubbisan yaada ijoo isaa argachuuf irra fiigu.

Dubbisni akkasii yeroo gaaffii tokkoof hatattamaan deebii argachuun si barbaachisutti si fayyaduu dandaʼa. Haa taʼu malee, akkas gochuun dhimma tokko gad fageenyaan hubachuuf si hin gargaaru.

MEE YAADI: Mata duree dheeraa dubbisuun si rakkisaa? Wanta tokko xiyyeeffannaadhaan dubbisuun kee caalaatti barachuuf kan si gargaaru akkamitti?—FAKKEENYA 18:15.

XIYYEEFFACHUU

Namoonni tokko tokko teknoolojiin takkaatti hojii lama hojjechuuf, fakkeenyaaf, utuma qoʼatanii hiriyaa isaaniitiif ergaa barreeffamaa erguuf akka isaan dandeessisu dubbatu. Haa taʼu malee, xiyyeeffannaan isaanii yeroo hihiramutti, keessumaa hojiin lamaanuu xiyyeeffannaa kan gaafatu taanaan, tokkoo isaa illee akka gaariitti hojjechuu hin dandaʼan.

Wanta tokko irratti xiyyeeffachuun of toʼachuu kan gaafatu taʼus faayidaa guddaa qaba. Shamarreen Girees jedhamtu, “Dogoggorri uumtu ni xiqqaata, dhiphinni kees siif hirʼata. Al takkaatti wanta tokko irratti xiyyeeffachuu fi wantoota yaada hihiran irraa fagaachuun faayidaa akka qabu baradheera” jetteetti.

MEE YAADI: Teknoolojiin wanta tokko irratti xiyyeeffachuu fi wanta qoʼatte yaadachuun akka sitti ulfaatu godheeraa?—FAKKEENYA 17:24.

KOPHAA TAʼUU

Namoonni tokko tokko kophaa taʼuu waan hin jaallanneef, teknoolojiitti fayyadamanii kophummaa isaanii of irranfachiisuu barbaadu. Dubartiin Oliiviyaa jedhamtu, “Moobaayilii ykn taabileetii koo utuu hin tuttuqin ykn televizyinii utuu hin banin daqiiqaa 15 turuun na nuffisiisa” jechuudhaan ifatti dubbatteetti.

Haa taʼu malee, kophaa taʼuun xiinxaluuf carraa nuuf bana; kun immoo wanta baranne yaadachuuf nu gargaara.

MEE YAADI: Yeroo kophaa taatutti xiinxaluuf itti fayyadamtaa?—1 XIMOTEWOS 4:15.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

ITTI FAYYADAMA TEKNOOLOJII KEE QORI

Dandeettii yaaduu kee guddifachuuf teknoolojiitti fayyadamuu kan dandeessu karaawwan kamiini? Teknoolojiin dandeettii wanta tokko irratti xiyyeeffachuu fi waa barachuu kee irratti miidhaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti?

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu.”—FAKKEENYA 3:21.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU:

  • Taanaan, yeroo baayʼee xiyyeeffannaa koo kan hihiru maali dha?

  • Wantoota xiyyeeffannaa koo hihiran kana hirʼisuuf ykn balleessuuf maal gochuun dandaʼa?

Gorsa gaarii: Jalqaba irratti mata duree gabaabaa dubbisuuf yaali; achiis, suutuma suuta hamma isaa dabalaa deemi. Wanta dubbisaa jirtu irratti xiyyeeffachuuf, sagalee kee ol kaasii suuta jedhii dubbisi.

  • Wantan dubbise irratti yaaduu fi xiinxaluuf yeroo gaʼaa argachuuf sirreeffama akkamiin gochuu dandaʼa?

Gorsa gaarii: Yeroo qoʼannaadhaaf ramadde keessaa daqiiqaa dhumaa kurnan wanta dubbiste irra deebiʼuuf itti fayyadami.

  • Al takkaatti hojii garaa garaa hojjechuuf kanan qoramu yoomi?

  • Al takkaatti hojii tokko irratti qofa xiyyeeffachuuf sirreeffama akkamiin gochuu dandaʼa?

Gorsa gaarii: Yeroo qoʼattutti wantoota xiyyeeffannaa kee hihiran of irraa fageessi.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Ogummaa argadhu, hubannaas argadhu.”—FAKKEENYA 4:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi