LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g21 Lakk. 3 ful. 14-15
  • Deebiisaa Beekuun kan Si Fayyadu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebiisaa Beekuun kan Si Fayyadu Akkamitti?
  • Dammaqaa!—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jireenyi kee caalaatti gammachiisaa taʼa
  • Jireenya keetiif qajeelfama amansiisaa argatta
  • Gaaffiiwwan keetiif deebii argatta
  • Abdii qabaatta
  • Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Taʼe Isa Kami?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqayyo Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2021
g21 Lakk. 3 ful. 14-15
Michoota simbirroota muka irra jiran waliin dinqisiifachaa jiran.

Deebiisaa Beekuun kan Si Fayyadu Akkamitti?

Uumaan jiraachuuf dhiisuu isaa beekuun kee kan si fayyadu akkamitti? Ragaan jiru Waaqni hundumaa dandaʼu jiraachuu isaa si amansiiseera yoo taʼe, ragaa Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura isaatiin kan barreeffame akka taʼe argisiisu qoruuf kakaata taʼa. Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti kan amantu yoo taʼe immoo faayidaawwan armaan gadii argatta.

Jireenyi kee caalaatti gammachiisaa taʼa

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “[Waaqayyo] wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.”—Hojii Ergamootaa 14:17.

MAAL JECHUU DHA? Uumamawwan naannoo keenyatti argaman hundi kennaa Uumaa keenyaa ti. Qaamni kennaawwan kana nuuf kenne hammam akka siif yaadu yeroo hubattu dinqisiifannaan kennaawwan kanaaf qabdu ni guddata.

Jireenya keetiif qajeelfama amansiisaa argatta

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Wanta qajeelaa, haqaa fi sirrii taʼe, guutummaa daandii wanta gaarii taʼees ni hubatta.”—Fakkeenya 2:9.

MAAL JECHUU DHA? Waaqayyo Uumaa kee waan taʼeef, wanti gammachuu qabaachuuf si barbaachisu maal akka taʼe beeka. Kitaaba Qulqulluu qoruudhaan barumsa yeroo ammaatti si fayyadu argachuu dandeessa.

Gaaffiiwwan keetiif deebii argatta

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Beekumsa [Waaqayyoo] ni argatta.”—Fakkeenya 2:5.

MAAL JECHUU DHA? Uumaan akka jiru beekuun kee gaaffiiwwan kanneen akka armaan gadiitiif deebii argachuuf si gargaara: Kaayyoon jireenyaa maali dha? Rakkinni kan baayʼate maaliifi? Yeroo duunu maal taana? Gaaffiiwwan kanaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii quubsaa argatta.

Abdii qabaatta

KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Yihowaan akkana jedha: ‘Wantan isiniif yaade akka gaariitti nan beeka; ani badiisa utuu hin taʼin nagaa fi wanta gara fuulduraatti abdiidhaan eeggattan isiniif kennuu nan barbaada.’”—Ermiyaas 29:11.

Viidiyoowwan Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? fi Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha? jedhaman jw.org/om irraa ilaali. Viidiyoowwan kana argachuuf saanduqa barbaadi jedhu keessatti “Kitaabni Qulqulluun dhugaa” ykn “Kitaaba Qulqulluu kan barreessise” jettee barreessuu dandeessa.

MAAL JECHUU DHA? Waaqayyo gara fuulduraatti hammina, rakkinaa fi duʼa illee akka balleessu waadaa galeera. Waadaawwan Waaqayyo gale irratti amantii yoo qabaatte, abdiin kee rakkoowwan guyyaa guyyaadhaan si mudatan ija jabinaan moʼuuf si gargaara.

Namoonni Tokko Tokko Uumaatti Amanuu Isaaniitiin Kan Fayyadaman akkamitti?

Siindii.

“Waaqayyo jireenya keenya keessatti karaa hedduudhaan akkamitti akka nu gargaare arguun koo yeroo hunda baayʼee na ajaaʼibsiisa. Wanti jireenya keessatti hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe maal akka taʼe, warra kaanii wajjin akkamitti walii gallee jiraachuu akka dandeenyuu fi michuu isaa taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa.”—Siindii, Yuunaayitid Isteetis.

Eliis.

“Uumaa irratti amantii qabaachuun koo jireenyi koo gammachiisaa akka taʼu godheera. Waaqayyotti waanan amanuuf jireenyi koo nuffisiisaa miti; waaʼee isaa, waaʼee uumamawwan isaa fi waaʼee Dubbii isaa barachuu koo ittan fufa.”—Eliis, Faransaayi.

Piitar.

“Wanta Uumaan keenya Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan nu barsiisu hojii irra oolchuun koo caalaatti gammachuu akkan qabaadhu na gargaareera. Warra kaan qeequu akkan dhiisu, caalaatti hubataa akkan taʼuu fi wantan qabutti gammadee akkan jiraadhu na gargaareera. Abbaa gaarii akkan taʼus na gargaareera.”—Piitar, Neezarlaandi.

Liiz.

“Waaʼee Yihowaa barachuu koo dura, jireenyi koo nyaachuu, rafuu fi saʼaatiidhaan hojii galuuf dhamaʼuu irratti qofa kan xiyyeeffate ture. Jireenyi koo dhiphinaan kan guutame ture. Amma garuu jireenyi kennaa ajaaʼibsiisaa taʼuu isaa hubadheera; jireenyatti gammaduu fi iddoo guddaa kennuufii akkan qabus hubadheera.”—Liiz, Istooniyaa.

Eediriyaan.

“Wanta baayʼeetu na yaaddessa. Taʼus hamminni, jalʼinni haqaa fi rakkinni akka balleeffamu beekuun koo dhiphina koo dandamachuuf na gargaareera.”—Eediriyaan, Faransaayi.

Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan guguddaa jireenya kee keessatti kaastuuf deebii kan siif kennu akkamitti akka taʼe hubadhu. Viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?—Guutuu Isaa jedhamu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi