LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g23 Lakk. 1 ful. 12-14
  • Qilleensa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qilleensa
  • Dammaqaa!—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Qilleensi Balaadhaaf Saaxilameera
  • Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte
  • Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?
Dammaqaa!—2023
g23 Lakk. 1 ful. 12-14
Hiriyoonni gaaʼelaa tokko naannoo cabbiidhaan uwwifamee fi haroo fi gaarreen bosonaan uwwifaman qabu, akkasumas samiin qulqullaaʼee itti mulʼatu keessa deemaa jiru.

LAFTI BADIISARRAA NI OOLTII?

QILLEENSA

QILLEENSI nu barbaachisa; garuu oksijiinii irraa argachuuf qofa miti. Qilleensi pilaaneetiin keenya madana aduurraa madduu fi miidhaa geessisu hedduurraa eegumsa akka argattu godha. Qilleensi hin jiru utuu taʼee tempireecharri addunyaa baayʼee qorraa taʼa.

Qilleensi Balaadhaaf Saaxilameera

Faalamni qilleensaa lubbu qabeeyyii lafarra jiraatan balaa cimaadhaaf saaxileera. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhetti uummata addunyaa keessaa qilleensa qulqulluu argachaa kan jiru parsantii tokko qofadha.

Faalamni qilleensaa dhukkuboota sirna hargansuu miidhan, kaansarii sombaa fi dhukkuba onneetiif sababa taʼuu dandaʼa. Waggaa waggaadhaan namoonni gara 7,000,000 taʼan faalama qilleensaatiin kan kaʼe umurii isaanii malee duʼu.

Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte

Pilaaneetiin keenya qilleensa qulqulluu lubbu qabeeyyii ishiirra jiraatan hundaaf gaʼu maddisiisuu akka dandeessu godhamtee uumamte. Kun taʼuu kan dandaʼu garuu namoonni faalama naannoo yoo hirʼisan qofadha. Fakkeenyota muraasa ilaali.

  • Bosonni qilleensa keessaa kaarboon daayoksaayidii akka ofitti fudhatu beekamaadha. Haa taʼu malee, naannoowwan caffaaʼaan qarqara bishaaniitti argamanii fi bakki mukkeen maangiruuv jedhaman itti biqilan kana caalaa faayidaa qabu. Mukkeen maangiruuv jedhaman kun bosona naannoowwan hoʼa qabanitti argamu caalaa harka shan qilleensa keessaa kaarboon daayoksaayidii balleessuurratti shoora guddaa taphatu.

  • Qorannoowwan dhiheenya kana geggeeffaman akka argisiisanitti algee guguddaan keelpi jedhaman tokko tokko kaarboon daayoksaayidii qilleensa keessaa balleessuu dandaʼu. Baalli keelpi afuuffeewwan bishaan gubbaa fageenya dheeraa deemuu dandaʼan qaba. Afuuffeewwan kun qarqara galaanaarraa erga fagaatanii deemanii booda ni dhoʼu; achiis baalli keelpi inni kaarboon daayoksaayidiidhaan guutame bishaan keessa gadi lixa. Sana booda jaarraawwan hedduudhaaf garba keessa awwaalamee hafa.

  • Qilleensi naannoo keenya faalama dandamachuu akka dandaʼu yeroo weerara dhibee Kooviid-19tti ifa taʼeera. Bara 2020tti yeroo warshaaleen addunyaa fi konkolaataawwan qilleensa faalamaa gadhiisuu dhaabanitti qulqullinni qilleensaa saffisaan fooyyaʼee ture. “Gabaasni Qulqullina Qilleensaa Addunyaa 2020” akka argisiisutti biyyoota qorannoon keessatti geggeeffame keessaa dhibbeentaa 80 ol kan taʼan sababa Kooviid-19n dhorkaan kaaʼamee utuma baayʼee hin turin qilleensa qulqulluu akka argatan gabaasaniiru.

    KANA BEEKTAA?

    Qulqullinni Qilleensaa Fooyyaʼuu Dandaʼa

    Giraafii baayʼina paartiikiloota faalama uumanii (PM2.5) Niwu Deelii, Hindii keessa ture argisiisu. Inni Amajjii 2020tti galmaaʼee fi 128.1 kaasee jiru nama kamiifiyyuu gaarii miti, inni Hagayya 2020tti galmaaʼee fi 35.5 gadi jiru giddugaleessadha.

    Kooviid-19n kan kaʼe yeroo dhorkaan kaaʼamee turetti biyya Hindii magaalaa Niwu Deelii keessatti faalamni qilleensaa warshaalee fi konkolaataawwaniin dhufu baayʼee hirʼatee ture. Baayʼinni paartikiloota faalama uumanii (PM2.5) saffisaan hirʼatee ture. Paartikiloonni xixinnoon kun (.0025 mm ykn isaa gadi) dhukkuboota sirna hargansuu miidhanii fi dhukkuboota ciccimoo kan birootiif sababa taʼuu dandaʼu. Fooyyaʼiinsi kun yeroo muraasaaf qofa kan ture taʼus, haalli kun qilleensi naannoo faalama miidhaa geessisurraa dafee bayyanachuu akka dandaʼu argisiisa.

    Niwu Deelii, Hindii dhuma 2019tti, naannoo faalama qilleensaatiin kan kaʼe gurraachaʼee jiru.

    © Amit kg/Shutterstock

    Dhuma bara 2019tti

    Niwu Deelii, Hindii boodarra yeroo weerara dhibee Kooviid-19n kan kaʼe dhorkaan kaaʼamee turetti, naannoo faalamni qilleensaa hirʼachuu isaatiin kan kaʼe qulqullaaʼee mulʼatu.

    © Volobotti/Shutterstock

    Yeroo dhorkaa Kooviid-19tti

Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?

Namichi tokko hojii erga deemee booda saayikilii isaa dhaabaa jira.

Saayikiliidhaan deemuun faalama qilleensaa hirʼisuurratti gumaacha godha

Mootummoonni warshaaleen faalama qilleensaa akka hirʼisan dhiibbaa gochuu isaanii itti fufaniiru. Kana malees, saayintistoonni malawwan haaraa miidhaa faalamni qilleensaa geessisu hambisuuf gargaaran argachaa jiru. Fakkeenyaaf, malli tokko wantoota faalama fidan gara wantoota miidhaa hin geessisneetti jijjiiruuf maayikiroobotatti fayyadama. Akkasumas namoonni konkolaataadhaan deemuurra miilaan ykn saayikiliidhaan akka deeman, mana keessattis itti fayyadama anniisaa hirʼisuuf mala akka barbaadan hayyoonni gorsaa jiru.

Dubartiin takka mana ishii keessa lafarra teessee nyaata hojjechaa jirti. Midijjaan ishii inni xinnoo taʼe salphaa taʼus aarri baayʼeen akka hin uumamne kan godhudha.

Mootummoonni tokko tokko faalama qilleensaa hirʼisuuf lammiilee isaaniitiif midijjaa ammayyaa dhiheessaa jiru; taʼus namoonni baayʼeen ammayyuu hin arganne

Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa dabalatee gabaasni dhaabbileen idil addunyaa bara 2022tti baasan akka argisiisutti garuu kun qofti gaʼaa miti.

Gabaasni kun akka argisiisutti bara 2020tti uummata addunyaa keessaa tokko sadaffaan nyaata bilcheessuuf wantoota qilleensa faalanitti fayyadamu. Naannoowwan hedduutti midijjaa haaraa ykn teknoolojiiwwan wal fakkaatan argachuu kan dandaʼan namoota muraasa qofadha.

Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?

“Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaan, Uumaan samiiwwanii . . . inni lafaa fi oomisha ishii tolche, inni namoota lafa irra jiraniif hafuura, warra ishii irra deddeebiʼaniifis jireenya kenne akkana jedha.”—Isaayyaas 42:5.

Qilleensa fudhannus taʼe marsaa uumamaa qilleensa qulqulleessu kan uume Waaqayyodha; inni humna daangaa hin qabne qaba, ilmaan namootaatiifis jaalala qaba. Kanaafuu, faalama qilleensaa ni balleessa jedhanii amanuun sirriidha. Mata duree “Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera” jedhu ilaali.

CAALAATTI BARADHU

Lafti hawaa keessaa yeroo ilaalamtu.

Qilleensi naannoo eessaa dhufe? Viidiyoo Hawaan Uumamaan Argamee? jedhamu jw.org irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi