LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g25 Lakk. 1 ful. 12-13
  • Arjaa Taʼi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Arjaa Taʼi
  • Dammaqaa!—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Namoonni Arjummaadhaan Kennan Gammadoo Dha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Yihowaan Arjaafi Sababa Qabeessa Taʼuusaa Dinqisiifadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Qajeelfama Warra Kaanii Wajjin Nagaa Qabaachuuf Gargaaru
    Dammaqaa!—2021
  • Faayidaa Kennuun Argamsiisu Dhamdhamadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2025
g25 Lakk. 1 ful. 12-13
Maatiin tokko mooraa isaanii keessatti walitti qabamanii keessummaa tokko wajjin gammachuudhaan nyaata nyaachaa jiru.

QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU

Arjaa Taʼi

Qaalaʼiinsa jireenyaa wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe, arjummaa argisiisuun wanta hin dandaʼamne sitti fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, arjummaadhaan warra kaaniif kennuun kee rakkina dinagdee dandamachuuf si gargaaruu dandaʼa. Maallaqa qusachuus taʼe arjummaa argisiisuu ni dandeessa.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Karaawwan xixinnoo taʼaniinillee arjummaa argisiisuun, gammadoo taʼuu fi waaʼee ofii keenyaa miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu taasisa. Qorannoowwan akka argisiisanitti warra kaaniif kennuun fayyummaa qaamaa fi sammuu keenyaatiif gaariidha. Fakkeenyaaf yaaddoo, dhiphinaa fi dhiibbaa dhiigaa dabalatee, dhukkubbii hirʼisuu dandaʼa. Dabalataanis hirriba keenya fooyyessuu dandaʼa.

“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

Maallaqa ykn wantoota kan biroo warra kaaniif kan kenninu yoo taʼe, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gargaarsa isaanii fudhachuun nuuf salphata. Howaardi inni Ingilaandi keessa jiraatu akkas jedheera: “Anii fi haati manaa koo karaa warra kaanitti arjummaa argisiisnuu fi karaa itti isaan gargaarru argachuuf yaaluun keenya yommuu gargaarsi nu barbaachisutti fudhachuun akka nuuf salphatu godheera.” Dhugaadha, namoonni garaadhaa arjaa taʼan, warri kaan deebisanii waa akka isaaniif godhan hin eegan. Taʼus michoota dhugaa yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti fedhiidhaan isaan gargaaran ni argatu.

“Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu.”—Luqaas 6:38.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Wanta qabdu warra kaaniif qoodi. Wanti qabdu muraasa yoo taʼellee wanta warra kaaniif qooduu dandeessu hin dhabdu; tarii nyaata xinnoollee taʼuu dandaʼa. Dankanii fi maatiin isaa warri Ugaandaa keessa jiraatan baayʼee hiyyeeyyiidha; taʼus warra kaanitti arjummaa ni argisiisu. Dankan akkas jedheera: “Dilbata Dilbata anii fi haati manaa koo nyaata nu faana akka nyaatuuf nama tokko mana keenyatti ni affeerra. Warra kaanii wajjin yeroo dabarsuun nu gammachiisa.”

Dhugaadha, warra kaaniif yeroo kenninu madaallii keenya eeggachuu qabna. Utuu hin barbaachisin maatiin kee akka rakkatu gochuun sirrii miti.—Iyyoob 17:5.

Akkas gochuuf yaali: Nyaata ykn wanta dhugamu nama tokko affeeri. Wanta itti hin fayyadamne yoo qabaatte michoota ykn olloota kee wanta kanatti fayyadamuu dandaʼanii fi yoo isaaniif kennite dinqisiifataniif maaliif hin kennitu?


Wanta kennuu dandeessu kan biraa. Kennaawwan gaggaarii namootaaf kennuu dandeenyu keessaa tokko tokko maallaqa nu hin baasisan. Fakkeenyaaf, wanta warra kaan fayyadu raawwachuudhaan yeroo fi xiyyeeffannaa keenya isaaniif kennuu dandeenya. Dubbii gaarii dubbachuunillee kennaa taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, hammam akka isaan dinqisiifattu ykn akka isaan jaallatu warra kaanitti himi.

Akkas gochuuf yaali: Hojii mana keessaa hojjechuu, mana suphuu ykn isaaniif ergamuudhaan warra kaan gargaaruuf yaali. Michuu kee tokkoof kaardii ykn ergaa gabaabaa ergi; tarii waaʼeesaa akka yaaddu ibsuun qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa.

Karaa itti warra kaanitti arjummaa argisiistu argachuuf kan yaaltu yoo taʼe eebba hedduu argachuu dandeessa.

“Wanta gaarii gochuu fi waan qabdan warra kaaniif hiruu hin dagatinaa.”—Ibroota 13:16.

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko mooraa qulqulleessuurratti dubartii maanguddoo tokko gargaaraa jiru. Yeroo isaan baala haranitti wanta dhugamu isaanif kennaa jirti.
Tireeyi.

“Manni keenya xinnoo yoo taʼellee, michoota keenyaaf nyaata qopheessuunii fi isaanii wajjin nyaachuun nutti tola. Michoota keenya gargaaruu baayʼee jaallanna. Yeroo tokko tokko maallaqa isaaniif kennuu dandeenya. Yeroo baayʼee garuu yeroo keenya isaaniif kennina. Fudhachuu caalaa kennuun akka nama gammachiisu muuxannoo keenyarraa baranneerra.”—Tireeyi, Israaʼel.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi