LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 18
  • Yaaqoob Gara Kaaraan Dhaqe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaaqoob Gara Kaaraan Dhaqe
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaaqoob Maatii Guddaa Qaba
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yihowaan Yeroo Rakkinni hin Eegamne Si Mudatu Si Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 18

SEENAA 18

Yaaqoob Gara Kaaraan Dhaqe

NAMOONNI Yaaqoob haasofsiisuun kun eenyufaa akka ta’an beektaa? Yaaqoob, guyyoota baay’ee erga deemee booda, boolla bishaanii tokko biratti isaan argate. Isaan hoolotasaanii tiksaa jiru turan. Yaaqoob: ‘Isin warra eessaati?’ jedhee isaan gaafate.

‘Warra Kaaraani’ jedhaniin.

Yaaqoobis, ‘nama Laabaan jedhamu beektuu?’ jedhee isaan gaafate.

‘Eeyyee’ jedhanii deebisaniif. ‘Kunoo, intallisaa Raahel hoolotasaa fiddee dhufaa jirti’ jedhaniin. Raahel fagoodhaa yommuu dhuftu ni argitaa?

Rachel cares for her father’s sheep

Yaaqoob, Raahel hoolota obboleessa haadhasaa fiddee dhufuushee ennaa argu, hoolonnishee bishaan dhuguu akka danda’aniif, dhaqee dhagaa boolla bishaanii sanarratti qadaadame konkolaachiseef. Achiis, Yaaqoob Raaheliin dhungatee, inni eenyu akka ta’e itti hime. Isheenis baay’ee gammadde; kanaaf fiigichaan gara manaa dhaqxee abbaashee Laabaanitti himte.

Laabaan, Yaaqoob isaa wajjin jiraachuuf dhufuusaatti baay’ee gammade. Yaaqoob, Raaheliin fuudhuuf yeroo gaafatu Laabaan gammadee ture. Haata’u malee, Raaheliin argachuuf waggaa torba akka isa tajaajilu Yaaqoobiin gaafate. Yaaqoob, Raaheliin baay’ee waan jaallatuuf akkuma jedhame godhe. Haata’u malee, guyyaan gaa’elasaanii yommuu ga’u wanta ta’e beektaa?

Laabaan, Raaheliin utuu hin ta’in intalasaa ishee Liyaa jedhamtu Yaaqoobiin fuusise. Yaaqoob, ammas dabalee waggaa torba yommuu isa tajaajilu, Raaheliinis ni kenneef. Yeroo sanatti Waaqayyo, namoonni haadha manaa tokkoo ol akka qabaatan ni heyyama ture. Amma garuu, akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti, namni tokko haadha manaa tokko qofaa qabaachuu qaba.

Uumama 29:1-30.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi