LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 22
  • Yoseef Mana Hidhaa Gale

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yoseef Mana Hidhaa Gale
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yihowaan Akka Milkooftu Si Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • “Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Itti Gaafatamummaasaa Hunda Raawwateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 22

SEENAA 22

Yoseef Mana Hidhaa Gale

YOSEEF biyya Gibxiitti yommuu geeffamu, umuriinsaa waggaa 17 qofaa ture. Achittis nama Phoxiifaar jedhamu tokkotti isa gurguran. Phoxiifaar, mootii Gibxii kan ta’e Fara’ooniif kan hojjetu ture.

Yoseef hojjechiisaasaa Phoxiifaariif ciminaan hojjeta ture. Yoseef yommuu guddate, Phoxiifaar qabeenyasaa hundumaarratti ajajjuu isa godhe. Yoseef mana hidhaa kan gale maaliifi ree? Sababii haadha manaa Phoxiifaariinidha.

Yoseef yommuu guddatetti, baay’ee bareedaa ta’e. Kanaaf haati manaa Phoxiifaar ishee wajjin akka ciisuu barbaadde. Yoseef garuu, kun sirrii akka hin taane waan beekuuf akkas hin godhu. Kanaaf haati manaa Phoxiifaar baay’ee aarte. Abbaan manaashee yommuu gara manaa dhufu sobdee: ‘Namichi gadheen Yoseef jedhamu sun anaa wajjin ciisuuf yaale’ jetteen. Phoxiifaar jecha haadha manaasaa waan amaneef Yoseefitti baay’ee aare. Kanaafuu mana hidhaatti isa galche.

Namichi mana hidhaa keessatti aangoo qabu, Yoseef nama gaarii ta’uusaa arge; kanaafuu, namoota hidhaman sana hundumaarratti ajajjuu isa godhe. Sanaan booda, Fara’oon, eegduu warra dhugaatii isaaf dhiheessaniifi eegduu warra buddeena isaaf tolchaniitti aaree mana hidhaa isaan galche. Halkan tokko lamaansaaniiyyuu abjuu adda addaa abjootan. Haata’u malee hiika abjuusaanii hin beekan ture. Guyyaa itti aanutti, Yoseef: ‘Waan abjoottan anatti himaa’ jedheen. Achiis yeroo itti himan, Yoseef gargaarsa Waaqayyootiin hiika abjuusaanii itti hime.

Yoseef, eegduu warra dhugaatii dhiheessaniitiin akkas jedheen: ‘Guyyaa sadi keessatti mana hidhaatii ni baata. Deebitees eegduu warra dhugaatii dhiheessanii ni taata.’ Achiis Yoseef: ‘Yommuu asii baatu, waa’ee koo Fara’oonitti himiitii akkan asii ba’u nagargaari’ jedheen. Eegduu warra buddeena tolchaniitiin garuu Yoseef akkas jedheen: ‘Guyyaa sadii keessatti Fara’oon morma kee sirraa ni kuta.’

Guyyaa sadi keessatti akkuma Yoseef jedhe ta’e. Fara’oon, eegduu warra buddeen tolchanii morma irraa kuchisiise. Eegduun warra dhugaatii dhiheessaniis, mana hidhaatii ba’ee akkuma durii mooticha tajaajiluu jalqabe. Waa’ee Yoseef garuu waan hundumaa waan irraanfateef, Fara’oonitti hin himne; kanaaf Yoseef mana hidhaa keessa ture.

Uumama 39:1-23; 40:1-23.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi