LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 52
  • Giidewoniifi Namoota 300

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Giidewoniifi Namoota 300
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaarsoliin, Fakkeenya Giidewonirraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Yihowaa Michuu Keenya Isa Gaarii
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Humna Qabduun Dhaqi”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 52

SEENAA 52

Giidewoniifi Namoota 300

WAAN asitti raawwatamaa jiru ni argitaa? Namoonni kun hundi loltoota Israa’elidha. Namoonni jilbeenfatan kun bishaan dhugaa jiru. Namichi isaan bira dhaabatee Giidewon isa abbaa firdiiti. Akkamitti akka dhugan ilaalaa jira.

Jarreen kun haala adda addaatiin akkamiitiin akka dhugaa jiran ilaali. Isaan keessaa tokko tokko, bishaanichatti gadi jilbeenfatanii arrabasaaniitiin dhugaa jiru. Inni tokko garuu, ofirra garagalee ilaaluu akka danda’utti bishaanicha harkasaatiin waraabbatee dhugaa jira. Yihowaan, Giidewon namoota yommuu bishaan dhugan asiifi achiin ilaallatan akka filatu itti himee waan tureef, kun barbaachisaa ture. Waaqayyo warri kaan gara manasaaniitti akka deebi’an dubbateera. Maaliif akka ta’e haa ilaallu.

Israa’eloonni ammas rakkina guddaa keessa jiru. Sababiinsaas Yihowaadhaaf ajajamuu dhiisuusaaniiti. Namoonni biyya Miidiyaan isaanirratti humna godhatanii miidhaa isaanirraan geessisaniiru. Kanaafuu, Israa’eloonni gargaarsaaf Yihowaatti waan boo’aniif isaan dhaga’e.

Yihowaan Giidewon loltoota akka filatu waan itti himeef, Giidewon namoota waraanaa 32,000 walitti qabe. Haata’u malee, waraanni Israa’eloota loluuf qophaa’e garuu 135,000 ture. Ta’uyyuu, Yihowaan Giidewoniin: ‘Namoonni sii wajjin jiran baay’ataniiru’ jedheen. Yihowaan akkas kan jedhe maaliifi?

Sababiinsaa, Israa’eloonni waraanicharratti yoo mo’an, ciminasaaniitiin akka mo’an itti dhaga’amuu waan danda’uufi tarii, mo’uuf gargaarsi Yihowaa akka isaan hin barbaachisne itti dhaga’amuu waan danda’uufi. Kanaafuu, Yihowaan Giidewoniin: ‘Namoonni sodaatan hundinuu gara manasaaniitti akka deebi’an itti himi’ jedheen. Giidewon akkuma jedhame yeroo godhu, namoonni 22,000 ta’an gara manaatti deebi’an. Kanaaf, loltoota diinaa 135,000 wajjin loluuf namoota 10,000 qofaatu isaa wajjin hafe.

Haata’u malee, dhaggeeffadhu! Yihowaan: ‘Ammayyuu namoonni sii wajjin jiran baay’eedha’ jechaanii jira. Kanaafuu, namoota bishaanicha harkasaaniitiin waraabanii dhugan akka filatuufi warra jilbeenfatanii arrabasaaniitiin dhugan garuu, gara manasaaniitti akka deebisuu Giidewonitti hime. Yihowaan, ‘Namoota 300n ofirra ilaalaa dhugan qofaadhaan akka mootu nan godha’ jedhee abdii kenneef.

Yeroon itti wal waraanan ni ga’e. Giidewon namoota 300n garee saditti hire. Tokkoon tokkoonsaaniitiif fiinoofi huuroo gucni keessa jiru kenneef. Halkan walakkaa yommuu ta’u, hundisaanii naannoo safara loltoota diinaatti sassaabaman. Achiis, yeruma sanatti hundisaanii fiinoosaanii afuufanii, huuroosaanii caccabsan. Achiis, ‘Lolli kan Waaqayyooti! Lolli kan Giidewoni!’ jedhanii iyyan. Loltoonni diinaa yommuu dammaqan, waansaa waan wallaalaniif baay’ee sodaatan. Hundisaanii baqachuutti ka’an. Israa’eloonni lolicharratti ni mo’an.

Abboota Firdii boqonnaa 6 hanga 8.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi