LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 57
  • Waaqayyo Daawitiin Filate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Daawitiin Filate
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nama Yihowaadhaaf Akka Garaasaa Taʼe
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • ‘Yihowaa Duratti Guddachaa Deeme’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 57
David has killed a bear to protect a lamb

SEENAA 57

Waaqayyo Daawitiin Filate

WANTA ta’aa jiru ni argitaa? Gurbichi ilmoolee hoolotaa kana amaaketa jalaa oolche. Amaaketichi ilmoolittii nyaachuuf dhufe. Gurbichi garuu isa duukaa fiigee afaansaarraa ishee buuse. Amaaketichi deebi’ee yeroo dhufu gurbichi amaaketicha rukutee ajjeese. Yeroo gara biraattimmoo, hoolaa tokko leenca jalaa oolcheera. Gurbaan kun cimaa mitii? Eenyu akka ta’e beektaa?

Gurbaan kun Daawitidha. Kan jiraatu magaalaa Betlihem keessadha. Akaakayyuunsaa ilma Bo’aziifi Ruut kan ta’e Yoobeedidha. Isaaniin ni yaadattaa? Abbaan Daawitimmoo Isey jedhama. Daawit hoolota abbaasaa tiksa ture. Daawit kan dhalate, Yihowaan Saa’oliin mootii godhee filachuusaa waggaa 10 duradha.

Yihowaan Saamu’eliin akkas jedhe: ‘Zayitii adda ta’e fudhadhuutii gara mana Isey gara Betlihem dhaqi. Ilmaansaa keessaa inni tokko mootii akka ta’u filadheera.’ Saamu’el ilma Isey isa hangafaa kan ta’e Eliiyaabiin yommuu argu, ‘Kun dhugumaan isa Yihowaan filatedha’ jedhee yaade. Haata’u malee, Yihowaan: ‘Dheerina hojjaasaafi bareedinasaa hin ilaalin. Ani mootii akka ta’u isa hin filanne’ jedheen.

Kanaafuu, Isey ilmasaa Abinaadaabin gara Saamu’elitti fide. Saamu’el garuu: ‘Yihowaan isa kanas hin filanne’ jedheen. Itti aansee, Isey ilmasaa Shamaahiin fide. Saamu’el: ‘Yihowaan isa kanas hin filanne’ jedhe. Isey ijoolleesaa torbanuu gara Saamu’elitti fide; haata’u malee, Yihowaan isaan keessaa tokkoyyuu hin filanne. Saamu’el ijoolleen kee kanumaa?’ jedhee isa gaafate.

Iseyis: ‘Inni quxisuunis jira; garuu hoolota tiksa’ jedheen. Daawit ennaa dhufu, mucaa bareedaa ta’uusaa Saamu’el ni arge. Yihowaan: ‘Kanan filadhe Isa kanadha; zayitii dibi’ jedheen. Saamu’elis akkasuma godhe. Yeroon Daawit mootii Israa’el itti ta’u ni dhufa.

1 Saamu’el 17:34, 35; 16:1-13.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi