LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 58
  • Daawitiifi Goliyaad

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Daawitiifi Goliyaad
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Lolli kun kan Waaqayyoo Ti’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Daawit Hin Sodaanne
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • “Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Daawit Baqachuu Kan Qabu Maaliifi
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 58

SEENAA 58

Daawitiifi Goliyaad

AMMAS Filisxeemonni Israa’eloota loluu dhufan. Yeroo sanatti obboloonni Daawit warri hangafaa sadan loltoota Saa’ol gidduu turan. Kanaafuu, gaaf tokko Isey Daawitiin: ‘Akaayiifi buddeena xinnoo qabadhuutii obboloota kee ilaalii kottu’ jedheen.

Daawit naannoo loltoonni safaran yerooga’u, gara obbolootasaatti fiige. Goota Filisxeemotaa kan ture Goliyaad Israa’elootatti qoosuuf dhufe. Guyyaa 40f ganamaafi galgala akkasuma godha ture. Akkas jedhee iyye: ‘Namoota keessan keessaa nama na lolu filadhaa. Yoo na mo’eefi na ajjeesee, garboota keessan taana. Yoon ani mo’ee isa ajjeese garuu, garboota keenya taatu. Akka na loluufnama tokko filadhaa.’

Daawit: ‘Namni namicha Filisxeem kana ajjeesee Israa’eliin salphinarraa oolche maal argata?’ jedhee loltoota keessaa isa tokko gaafate.

Loltichis deebisee: ‘Saa’ol qabeenya baay’ee kennaaf; intalasaas haadha manaa godhee kennaaf’ jedheen.

Haata’u malee, Goliyaad nama sodaachisaa waan ta’eef Israa’eloonni hundinuu sodaataniiru. Hojjaansaa gara meetira 3 ture; loltuu gaachanasaa baatuuf gara biraas qaba ture.

Loltoota keessaa muraasni gara Saa’ol dhaqanii, Daawit Goliyaadiin loluu akka barbaadu itti himan. Saa’ol garuu Daawitiin: ‘Namicha Filisxeem kanaan loluu hin dandeessu. Ati mucaa xinnoodha, inni garuu umuriisaa guutuu loltuu ture’ jedheen. Daawitis deebisee: ‘Amaaketniifi leenci hoolota abbaa koo nyaachuuf yommuu dhufan nan ajjeesan ture. Namicha Filisxeem kanas akkasuman isa godha. Yihowaan na gargaara’ jedheen. Kanaafuu Saa’ol: ‘Dhaqi Yihowaan sii wajjin haa ta’u’ jedheen.

Daawit laga bu’ee, dhagaa funaanee korojoosaatti naqate. Achiis furrisasaa fudhatee gooticha loluuf ba’e. Goliyaad yommuu isa argu amanuu hin dandeenye. Daawitiin ajjeesuun baay’ee salphaa itti fakkaatee ture.

Goliyaad: ‘Kottu, foon kee simbiraafi bineensattin kennaa’ jedheen. Daawit garuu deebisee: ‘Ati billaafi eeboo qabattee natti dhufte; ani garuu, maqaa Yihowaatiinan sitti dhufa. Har’a Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna, anis sin ajjeesa’ jedheen.

Achii Daawit Goliyaaditti fiige. Korojoosaa keessaa dhagaa fudhatee furrisasaa keessa kaa’uudhaan, humna qabu hundaan itti darbate. Dhagichis walakkaa adda Goliyaad lixee isa ajjeese. Filisxeemonni hangafnisaanii Goliyaad kufuusaa yeroo argan, hundumtuu of duuba garagalanii fiigan. Israa’eloonnis duukaa bu’anii isaan ari’an.

1 Saamu’el 17:1-54.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi