LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 61
  • Daawit Mootii Ta’e

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Daawit Mootii Ta’e
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Daawit Baqachuu Kan Qabu Maaliifi
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Qabiyyee 1 Saamuʼel
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • “Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Israa’eloonni Mootii Moosifachuu Barbaadan
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 61

SEENAA 61

Daawit Mootii Ta’e

SAA’OL ammas Daawitiin qabachuuf yaala. Loltootasaa keessaa filatamoo kan ta’an namoota 3,000 fudhachuudhaan isa barbaaduu adeeme. Daawit kana yommuu hubatu, Saa’oliifi namoonnisaa halkan sana eessa akka bulan beekuuf gaaddota erge. Achiis Daawit namootasaa keessaa lamaansaaniitiin: ‘Isin keessaa naa wajjin bakka Saa’ol jiru kan dhaqu eenyu?’ jedhee gaafate.

Abiishaayi ‘ani nan dhaqa’ jedheen. Abiishaayi, ilma obboleettii Daawit ishee Zeruyaa jedhamtuuti. Saa’oliifi namoonnisaa rafanii utuu jiranii, Daawitiifi Abiishaayi suuta jedhanii bakka isaan jiran ga’an. Mataa Saa’ol duraa koddaa bishaaniifi eeboosaa fudhatanii adeeman. Hundasaanii hirribni cimaan fudhatee waan tureef, namni tokkoyyuu isaan hin argine, hin dhageenyes.

Amma Daawitiifi Abiishaayiin ilaali. Isaan biraa adeemanii utuu namni tokkollee isaan hin argin adeemanii tabba tokkorra ba’aniiru. Daawit geggeessaa loltuu Israa’elitti iyyee: ‘Abneer, gooftaa kee mooticha kan hin eegne maaliifi? Ilaali! Eebooniifi koddaansaa eessa jira?’ jedheen.

Saa’ol ni dammaqe. Sagalee Daawit ta’uusaa baree, ‘Daawit, sidhaa?’ jedhee gaafate. Saa’oliifi Abneeriin gajjallaa sanatti ni argitaa?

Daawit: ‘Eeyyee mooticha gooftaa koo’ jedhee Saa’oliif deebise. Daawit deebisee akkas jedhee gaafate: ‘Maaliif na qabuuf yaalta? Maalan si godhe? Eeboon kee kunooti gooftaa koo. Namoota kee keessaa inni tokko dhufee haa fudhatu.’

Saa’ol: ‘Balleesseera, gocha gowwummaa raawwadheera’ jedhee amane. Kanaan, Daawit karaasaa adeeme; Saa’olis manasaatti deebi’e. Haata’u malee Daawit: ‘Gaaf tokko Saa’ol na ajjeesuunsaa hin oolu. Gara biyya Filisxeemotaatti baqachuun qaba’ jedhee yaade. Akkuma jedhes ni baqate. Daawit Filisxeemota gowwoomsuudhaan kan isaaniif lolu akka isaanitti fakkaatu godhe.

Yeroo xinnoo boodas Filisxeemonni Israa’eloota waraanuuf ba’an. Waraanicharratti Saa’olis Yonaataanis ni ajjeefaman. Kun ta’uusaatti Daawit baay’isee waan gaddeef akkas jechuudhaan faarfannaa gaarii tokko barreesseera: ‘Obboleessa koo Yonaataan baay’een siif gadda. Ati anaaf michuu gaarii turte!’

Kana booddee Daawit gara biyya Israa’el magaalaa Keebroonitti deebi’e. Namoota ilma Saa’ol mootii godhachuu barbaadaniifi Daawit mootii akka ta’u barbaadan gidduutti waraanni ka’eera. Booddee garuu namoonni Daawitiif lolan mo’aniiru. Daawit mootii yommuu ta’u umuriinsaa waggaa 30 ture. Waggaa torbaafi walakkaadhaaf Keebrooniin bulche. Ijoollee dhiiraa isaaf dhalatan keessaa tokko tokko, Amnoon, Abiishaalomiifi Adoniyaa jedhamu.

Daawitiifi namoonnisaa magaalaa bareedduu Yerusaalem jedhamtu qabachuuf adeemu. Ilmi obboleettii Daawit ishee Zeruyaa jedhamtuu kan ta’e Yo’aab dura buutuu waraanichaa ta’eera. Kanaafuu Daawit, Yo’aab hangafa loltuusaa akka ta’u gochuudhaan isa kiiseera. Amma Daawit magaalaa Yerusaalemirratti bituu jalqabeera.

1 Saamu’el 26:1-25; 27:1-7; 31:1-6; 2 Saamu’el 1:26; 3:1-21; 5:1-10; 1 Seenaa 11:1-9.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi