LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 63
  • Mootii Ogeessa Kan Ta’e Solomoon

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootii Ogeessa Kan Ta’e Solomoon
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Solomoon Mootii Ogeessa Ture
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Fakkeenya Gaariimoo Akeekkachiisa Siif Taʼa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaare
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yesus, Isa Daawit Guddichaafi Solomoon Guddicha Ta’eef Bakka Guddaa Kennuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 63

SEENAA 63

Mootii Ogeessa Kan Ta’e Solomoon

SOLOMOON yommuu mootii ta’u waggoota kurnan keessa jira ture. Yihowaa ni jaallata ture; gorsa abbaansaa Daawit isaa kennes fudhateera. Yihowaa Solomoonitti baay’ee waan gammadeef gaaf tokko abjuudhaan: ‘Solomoon, maal akkan siif kennu barbaadda?’ jedhee gaafateen.

Achiis Solomoon akkas jedhee deebise: ‘Waaqa koo Yihowaa, ani ijoollee waanan ta’eef akkamitti akkan bulchu hin beeku. Kanaafuu, saba kee karaa sirrii ta’een akkan geggeessuuf ogummaa naaf kenni.’

Yihowaan wanta Solomoon gaafatetti baay’ee gammade. Kanaafuu akkas jedhee deebiseef: ‘Bara dheeraa jiraachuu ykn qabeenya utuu hin ta’in ogummaa waan na kadhatteef, ogummaa namoonni kanaan dura turan qabanirra caalchisee siif nan kenna. Haata’u malee, wanta ati hin gaafanne, qabeenyaafi ulfinas dabaleen siif kenna.’

Yeroo gabaabaa booda, dubartoonni lama dhimma rakkisaa tokkoof gara Solomoon dhufan. Isheen tokko akkas jette: ‘Aniifi dubartiin kun mana tokko keessa jiraanna. Ani mucaa dhiiraa nan da’e; guyyaa lama booda isheenis mucaa dhiiraa deesse. Achiis halkan tokko mucaanshee ni du’e. Haata’u malee, ani rafee utuun jiruu, mucaashee isa du’e ana jala keessee kan koo fudhatte. Anis dammaqee mucaa du’e of jalatti yommuun argu kan koo akka hin taane nan hubadhe.’

Dubartiin isheen tokkommoo: ‘Lakki! Mucaan inni fayyaan kan kooti; inni du’emmoo kan isheeti!’ jette. Dubartiin isheen jalqabaas deebistee: ‘Miti! Mucaan inni du’e kan keeti; inni fayyaan kan kooti!’ jetteen. Dubartoonni sun akka kanaan waliin mormuu itti fufan. Solomoon maal godha laata?

Biillaa akka fidan erga ergee booda, yommuu fidan: ‘Mucaa isa fayyaa bakka lamatti hiraatii gartokkoosaa ishee tokkoof gartokkoosaammoo ishee lammaffaatiif kennaa’ jedhe.

Isheen dhugumaan haadha mucaa taate: ‘Hin ta’u!’ jettee boosse. ‘Maaloo, mucicha hin ajjeesinaa, isheedhaaf kennaa malee!’ jette. Dubartiin isheen lammataa garuu: ‘Bakka lamatti hiraa malee tokkoon keenyaafiyyuu hin kenninaa’ jette.

Dhumarratti Solomoon: ‘Mucicha hin ajjeesinaa! Dubartii ishee jalqabaatiif kennaa. Isheen dhugumaan haadha mucichaati’ jedhe. Isheen dhugumaan haadha mucichaa taate, mucaashee baay’istee waan jaallattuuf akka hin ajjeefamneefi dubartii ishee gara biraadhaaf akka kennamu waan barbaaddeef, Solomoon kana beekuu danda’eera. Solomoon rakkina kana akkamitti akka hiike namoonni yeroo dhaga’an, mootii ogeessa akkasii argachuusaaniitti baay’ee gammadan.

Yeroo Solomoon bulchaa turetti, Waaqayyo, lafti biyyoo gabbataa qabaattee qamadii, garbuu, wayinii, harbuufi nyaata gara biraas akka gaariitti akka magarsitu gochuudhaan, sabicha eebbiseera. Uffata gaarii ni uffatu, mana gaarii keessas ni jiraatu turan. Hundisaanii hamma barbaachisu caalaa waan gaarii qabu turan.

1 Mootota 3:3-28; 4:29-34.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi