LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 80
  • Sabni Waaqayyoo Baabilonii Ba’e

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sabni Waaqayyoo Baabilonii Ba’e
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gargaarsa Waaqayyootti Amanamuu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 80

SEENAA 80

Sabni Waaqayyoo Baabilonii Ba’e

ERGA Baabilon Medooniifi Faaresiin qabamtee kaasee waggoonni lama darbaniiru. Amma waan ta’aa jiru ilaali! Eeyyee, Israa’eloonni Baabiloniin gadhiisanii ba’aa jiru. Bilisa kan ba’an akkamitti? Achii kan isaan baase eenyu?

Qiiros mootii Faaresitu isaan baase. Qiiros dhalachuusaa bara dheeraa dura, Yihowaan, Isaayaas raajichi waa’eesaa akkas jedhee akka barreessu godhe: ‘Fedhii koo hundumaa ni raawwatta. Magaalattii qabachuu akka dandeessuuf karrishee banamee dhiifama.’ Biyya Baabilon qabachuuf weerara godhame dura bu’ee geggeessaa kan ture Qiirosidha. Medoononniifi Faaresoonni halkaniin gara magaalattii dhufanii karrawwan banaa turan sanaan seenan.

Haata’u malee, raajii Yihowaa kan ta’e Isaayaas, Yerusaalemiifi manni qulqullummaashee akka ijaaramaniif Qiiros ajaja akka kennus raajessee ture. Qiiros ajaja kana kenneeraaree? Eeyyee. Qiiros Israa’elootaan akkas jedhe: ‘Amma gara Yerusaalem dhaqaatii, mana qulqullummaa Yihowaa Waaqa keessanii ijaaraa.’ Israa’eloonni kunis akkuma achi ga’aniin kan godhan kanuma ture.

Haata’u malee, Yerusaalemitti deebi’uuf karaa dheeraa sana kan deeman Israa’eloota hundaa miti. Karaansaa kiilomeetira 800 waan ta’eef baay’ee fagoodha; baay’eensaaniimmoo dulloomanii ykn dhukkubsatanii waan turaniif karaa fagoo kana deemuu hin danda’an turan. Namoonni tokko tokko kan deemuu hin dandeenyeef sababiin biraas jira ture. Haata’u malee, Qiiros warra hin deemne sanaan: ‘Warra Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee ijaaruuf deebi’aniif, meetiifi warqee keessan, kennaa gara biraas kennaafii’ jedheen.

Kanaaf, Israa’eloota gara Yerusaalem deemaniif kennaawwan baay’eetu kennameef. Kana malees, Qiiros saanii golboofi shiinii Nebukadnezaar Mootichi yeroo Yerusaalemiin balleessetti mana qulqullummaa Yihowaatii fudhate isaaniif kenne. Warri Yerusaalemitti deebi’an waan fuudhanii deeman baay’etu jira ture.

Israa’eloonni adeemsa ji’a afurii booda Yerusaalem ga’an. Magaalattiin erga balleeffamtee waggaa 70 ta’eera. Kanaaf, ona namni tokkoyyuu keessa hin jiraanne taateetti. Israa’elonni biyyasaaniitti deebi’aniyyuu, kanatti aansinee akka barannutti rakkoon tokko tokko isaanirra ga’eera.

Isaayaas 44:28; 45:1-4; Izraa 1:1-11.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi