LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 84
  • Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Yesuus Dhalachuu Isaa Dura Ulfina Argateera
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Fakkeenya Maariyaamirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 84

SEENAA 84

Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise

DUBARTII bareedduun kun Maariyaamidha. Isheen magaalaa Naazireet keessa kan jiraattu dubartii Israa’elidha. Waaqayyo nama gaarii ta’uushee beeka ture. Ergamaansaa Gabri’el akka ishee haasofsiisuuf garasheetti kan isa erges kanumaafidha. Gabri’el Maariyaamitti maal akka itti himuu dhufe beektaa? Mee haa ilaallu.

Gabri’el: ‘Nagaan siif haa ta’u, Yihowaan sii wajjin jira, yaa ayyaana-qabeettii!’ jedheen. Maariyaam nama kana kanaan dura tasumaa argitee hin beektu. Maal jechuusaa akka ta’e waan isheedhaaf hin galleef ni yaaddofte. Haata’u malee, Gabri’el yeruma sana akka hin sodaanne ishee jajjabeesse.

‘Yaa Maariyaam hin sodaatin, Yihowaa biraa ayyaana argatteetta; kanaafuu waan gaarii siif godha. Yeroo dhihootti ilma ni deessa, maqaasaas Yesus jettee moggaafta’ jedheen.

Gabri’el itti fufee akkas jedheen: ‘Mucaan kun guddaa ta’a; ilma Waaqayyo isa hundaa oliis jedhamee ni waamama. Yihowaan akkuma Daawit mootii isa godha. Yesus garuu bara baraaf mootii ta’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu!’

Maariyaamis: ‘Kun hundi akkamitti ta’uu danda’a? Anoo hin heerumne; dhiiraa wajjinis hin ciisne. Egaa akkamittan mucaa godhachuu danda’aree?’ jettee gaafatte.

Gabri’elis deebisee: ‘Humni Waaqayyoo sirratti ni dhufa. Mucichis Ilma Waaqayyoo jedhamee waamama’ jedheen. Achiis: ‘Fira kee Elsaabexiin yaadadhu; namoonni isheen waan dulloomteef mucaa godhachuu hin dandeessu jedhanii turan. Haata’u malee, dhihoo kanatti ilma ni godhatti. Kanaafuu, Waaqayyoof wanti dadhabamu akka hin jirre ni argita.’

Maariyaamis yeruma sana: ‘Ani garbittii Yihowaati! Akkuma ati dubbatte anaaf haata’u’ jetteen. Ergamichis ni adeeme.

Maariyaam daftee Elsaabexiin gaafachuu adeemte. Elsaabex sagalee Maariyaam yommuu dhageessetti, mucaan gadameessashee keessa jiru gammachuudhaan utaale. Elsaabex hafuura qulqulluudhaan guutamtee Maariyaamiin: ‘Ati dubartoota hundumaarra eebbifamtuudha’ jetteen. Maariyaam Elsaabex bira gara ji’a sadii erga teessee booda, gara manashee gara Naazireetitti deebite.

Namni Yoseef jedhamu tokko Maariyaamiin fuudhuuf yaadee ture. Haata’u malee, Yoseef Maariyaam ulfa ta’uushee yommuu hubatetti, ishee fuudhuu hin qabu jedhee yaade. Yeroo kanatti ergamaan Waaqayyoo: ‘Yaa Yoseef, Maariyaamiin haadha manaa godhattee fudhachuuf hin sodaatin. Mucaa kan kenneef Waaqayyodha’ jedheen. Kanaafuu, Maariyaamiifi Yoseef wal fuudhanii yeroo Yesus itti dhalatu eeguu jalqaban.

Luqaas 1:26-56; Maatewos 1:18-25.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi