LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 103
  • Mana Cufame Keessatti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mana Cufame Keessatti
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bakka Awwaalaa Duwwaa—Yesuus Duʼaa Kaʼe!
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • “Ani Gooftaa Argeera!”
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Waaqayyo Ilmasaa Yaadateera
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Yesus Du’aa Ka’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 103

SEENAA 103

Mana Cufame Keessatti

PHEXROSIIFI Yohannis bakka awwaalaa reenfi Yesus keessa ture sanaa erga adeemanii booda, Maariyaamiin kophaashee achumatti haftee boo’uutti kaate. Akkuma fakkii kanaan duraarratti ilaalle, gadi jettee awwaalicha keessa ilaalte. Achittis ergamoota lama argite. Isaanis: ‘Maaliif boossa?’ jedhanii ishee gaafatan.

Maariyaamiinis deebistee: ‘Gooftaa koo asii fudhataniiru; eessa akka kaa’anis hin beeku’ jetteen. Achiis, Maariyaam of duuba gara galtee nama tokko argite. Innis: ‘Eenyuun barbaada?’ jedhee ishee gaafate.

Namichi, nama ashaakiltii eeguufi reenfa Yesus kan fudhate isheetti fakkaatee ture. ‘Situ fudhate yoo ta’e iddoo keesse natti himi’ jetteen. Haata’u malee, namichi kun Yesus ture. Qaama Maariyaam hin beekne uffatee ture. Haata’u malee, maqaasheetiin yommuu ishee waamu, Maariyaam Yesus ta’uusaa hubatte. Fiigdee dhaqxee: ‘Gooftaan arge!’ jettee bartootasaatti himte.

Gara guyyaammoo, bartoonni lama gara mandara Emaahus utuu adeemaa jiranii namni tokko karaarratti isaanii wajjin adeemuu jalqabe. Yesus waan ajjeefameef bartoonni kun baay’ee gaddaniiru. Utuma wajjin adeemanii, namichi Macaafa Qulqulluurraa waan isaan jajjabeessu baay’ee itti hime. Dhumarratti, nyaataaf yeroo boqotan namichi Yesus ta’uusaa hubatan. Boodas, Yesus ijasaanii duraa dhabame. Bartoonni lamaan kunis waa’ee Yesus ergamootasaatti himuuf dafanii gara Yerusaalem dhaqani.

Yeroo kanatti Yesus Phexrosittis ni mul’ate. Warri kaan kana yeroo dhaga’an baay’ee gammadan. Achiis, bartoonni lamaan kun gara Yerusaalem dhaqanii ergamootasaa argatan. Yesusii wajjin karaarratti akkamitti akka wal arganis itti himan. Utuu isaan waa’ee kanaa dubbachaa jiranii wanti dinqisiisaan raawwatame maal akka ta’e beektaa?

Fakkii kana ilaali. Balballi cufamee utuu jiruu, Yesus manicha keessatti isaan gidduutti argame. Bartoonnisaa baay’ee akka gammadan beekamaadha! Guyyaa nama gammachiisu mitii? Hanga ammaatti Yesus bartootasaatti al meeqa akka mul’ate lakkaa’uu dandeessaa? Al shan mitii?

Yommuu Yesus isaanitti mul’atu Toomaas ergamichi isaanii wajjin hin turre. Kanaafuu, bartoonni: ‘Gooftaa argine!’ jedhanii itti himan. Toomaas garuu Yesusiin argu malee akka isaan hin amanne itti hime. Guyyaa saddeet booda bartoonni mana cufame keessatti lammata wal ga’an; yeroo kanatti Toomaas isaanii wajjin ture. Akka tasaa Yesus manuma sana keessatti isaanitti mul’ate. Amma Toomaas ni amane.

Yohannis 20:11-29; Luqaas 24:13-43.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi