Dhugaa Baatonni Yihowaa Maal Jedhanii Amanu?
“Waan ati yaaddu utuu si irraa dhageenyee in jaallanna turre; warra amantii keenya irraa addaan cabsate kanaan garuu, iddoo halletti akka ittiin morman in beekna.” (Hojii Ergamootaa 28:22) Geggeessitoonni biyya Roomaa jaarraa tokkoffaatti turan kun fakkeenya gaarii nuu ta’u. Namoonni kun warra mormitootarraa qofa utuu hin ta’in, namuma sanarraa dhaga’uu barbaadaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun, yeroo baay’ee namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa mormuudhaan dubbatu; kanaaf namoota sababii ga’aa utuu hin qabaatin isaan mormanirraa waa’eesaanii wanta dhugaa ta’e dhageenya jedhanii yaaduun dogoggoradha. Kanaaf, barumsawwan keenya gurguddaa ta’an tokko tokko siif ibsuu keenyatti baay’ee gammanna.
Macaafa Qulqulluu, Yesus Kiristosiifi Waaqayyo
“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame” jennee amanna. (2 Ximotewos 3:16) Namoonni tokko tokko nuyi Kiristiyaanota akka hin taane dubbatanis, dubbiinsaanii kun dhugaa miti. Wanta Phexros Yesus Kiristosiin ilaalchisee, “Maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhetti ni amanna.—Hojii Ergamootaa 4:12.
Haata’u malee, Yesus “Ilma Waaqayyoo” akka ta’e waan dubbateefi ‘Abbaan waan isa ergeef,’ Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyo Yesusirra akka caalu ni amanu. (Yohannis 10:36; 6:57) Yesusiyyuu, “Abbaan na caala’o” jechuun dhugaasaa dubbateera. (Yohannis 14:28; 8:28) Kanaaf akka barumsi Sillaasee jedhutti, Yesus Abbaasaa wajjin qixxeedha jennee hin amannu. Kanaa mannaa, Yesusiin kan uume Waaqayyo ta’uusaafi Yesusis abbaasaatii gadi akka ta’e amanna.—Qolosaayis 1:15; 1 Qorontos 11:3.
Maqaan Waaqayyoo Yihowaa jedhama. Macaafni Qulqulluun, “Maqaan kee ‘Isa Jiraataa’ [“Yihowaa,” NW] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” jedha. (Faarfannaa 83:18) Ibsa olitti kenname kanaa wajjin haala walsimuun, Yesus maqaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa guddaa kan kenne yommuu ta’u, bartoonnisaas, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. Innumtiyyuu, “Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera” jechuun Waaqayyoof kadhannaa dhiheesseera.—Maatewos 6:9; Yohannis 17:6.
Dhugaa Baatonni Yihowaas fakkeenya Yesus hordofuudhaan, maqaafi kaayyoo Waaqayyoo warra kaanitti himuun barbaachisaa ta’uusaa amanu. Fakkeenya Yesus isa “dhuga-baatuu amanamaa” ta’ee waan hordofnuuf, Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamna. (Mul’ata 1:5; 3:14) Namoota saba Waaqayyoo ta’an ilaalchisee Isaayaas 43:10, “Waaqayyo, ‘Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo’adhes isinuma’” jechuunsaa sirriidha.
Mootummaa Waaqayyoo
Yesus, duuka buutonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan kan isaan barsiise si’a ta’u, bu’uurri barumsasaas Mootummaa kana ta’uusaa ibseera. (Maatewos 6:10; Luqaas 4:43) Dhugaa Baatonni Yihowaa, Mootummaan kun bulchiinsa dhugaa samiirratti argamu ta’uusaa, gara fulduraatti guutummaa lafa kanaa akka bulchuufi Yesus Kiristosimmoo mootii Mootummaa kanaa isa ijaan hin argamnee ta’uusaa amanu. Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesus, “Humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira” jechuudhaan dubbata. Akkasumas, “Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu” jedha.—Isaayaas 9:6, 7.
Ta’us, Mootummaa Waaqayyoorratti mootii kan ta’u Yesus Kiristos qofa miti. Namoonni hedduun isaa wajjin samiirratti bulchu. Phaawulos, “obsaan yoo dandeenye, isaa wajjin immoo in moona” jechuun barreesseera. (2 Ximotewos 2:12) Macaafni Qulqulluun, namoonni Yesusii wajjin samiirratti bulchuuf du’aa ka’an, ‘kumaatama dhibbaa fi kuma afurtamii afur, warra biyya lafaa keessaa furaman’ qofa ta’uusaanii ibsa.—Mul’ata 14:1, 3.
Akkuma beekamu, mootummaan kamiyyuu namoota isa jalatti bulan qaba; Dhugaa Baatonni Yihowaas, namoota samiirratti bulchan kana malees namoonni biliyoonaan lakkaa’aman jireenya barabaraa akka argatan amanu. Lafti kun suuta suuta gara jannataatti jijjiiramti; namoota Mootummaa Waaqayyootiif malan, bulchiinsa Kiristosiifi namoota isaa wajjin bulchaniif bitamuuf fedhii qabaniin guutamti. Kanaan kan ka’es Dhugaa Baatonni Yihowaa, lafti kun matumaa akka hin banneefi abdiin “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [“lafandhaalu,” hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedhu akka raawwatamu amanu.—Faarfannaa 37:29 hiika bara 1889; 104:5.
Haata’u malee Mootummaan Waaqayyoo akkamitti dhufa? Yeroo namoonni hundi Mootummaa Waaqayyootiif fedhiidhaan abboomamanitti dhufaa? Kanaa mannaa Macaafni Qulqulluun, Mootummaan kun yommuu Waaqayyo dhimmawwan biyya lafaa keessa galutti akka dhufu dubbata. Akkas jedha: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, . . . dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—Daani’el 2:44.
Mootummaan Waaqayyoo yoom dhufa? Dhugaa Baatonni Yihowaa raajiiwwan Macaafa Qulqulluu yeroo ammaatti raawwatamaa jiranirraa ka’uudhaan, Mootummaan kun yeroo dhihootti akka dhufu amanu. Raajiiwwan waa’ee “dhuma barichaa” biyya lafaa kanaa dubbatan tokko tokko akka qortu si afeerra. Raajiiwwan kun Maatewos 24:3-14; Luqaas 21:7-13, 25-31fi 2 Ximotewos 3:1-5rratti argamu.
‘Garaa, jireenya, yaadaafi humna keenya guutuun Waaqayyoon waan jaallannuufi namoota akka mataa keenyaatti waan jaallannuuf,’ lammiin, gosaan ykn hawaasaan wal hin qoonnu. (Maarqos 12:30, 31) Jaalala Kiristiyaanota obboloota keenya ta’aniifi saba hundumaa keessa jiraniif qabnuun akka gaariitti beekamna. (Yohannis 13:35; 1 Yohannis 3:10-12) Kanaan kan ka’es, dhimmawwan siyaasaa saboota addaddaa keessa hin seennu. Akkuma duuka buutota Yesus durii ta’uu yaalla. Yesus waa’eesaanii, “Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti” jechuun dubbateera. (Yohannis 17:16) Biyya lafaa kanarraa adda ta’uun, amala addaggummaa yeroo ammaatti babal’aterraa fagaachuu malees, soba, hanna, ejja, halalummaa, gadhaa’ummaa, karaa sirrii hin taaneen dhiigatti fayyadamuu, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuufi wantoota Macaafa Qulqulluurratti dhowwaman kaan raawwachuurraa fagaachuu akka dabalatu amanna.—1 Qorontos 6:9-11; Efesoon 5:3-5; Hojii Ergamootaa 15:28, 29.
Gara Fuulduraatti Abdii Akkamii Qabna?
Nuyi Dhugaa Baatonni Yihowaa, jireenya jechuun isuma ammaa qofadha jennee hin amannu. Yihowaan Ilmisaa tokkichi Yesus Kiristos dhiigasaa akka nuu dhangalaasu erguudhaan, namoonni Waaqayyo biratti qajeeloo akka ta’aniifi addunyaa haaraa keessatti jireenya barabaraa akka argatan gochuusaa amanna. Ergamaan Yesus tokko, “Amma nuyi dhiiga isaa isa dhangala’een qajeelota . . taane” jedheera. (Roomaa 5:9; Maatewos 20:28) Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqayyoonis ta’e Ilmasaa isa furii nuu ta’uudhaan gara fuulduraatti jireenya akka argannuuf karaa nuu bane ni dinqisiifatu.
Dhugaa Baatonni Yihowaa, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo keessatti namoonni du’aa ka’anii jireenya akka argatan amantii guddaa qabu. Akkuma Macaafni Qulqulluun barsiisutti, namni tokko yommuu du’u, jireenyaan ala akka ta’uufi ‘akeeknisaa akka badu’ amanna. (Faarfannaa 146:3, 4; Hisqi’el 18:4; Lallaba 9:5) Eeyyee, namoonni du’an, du’aa ka’uudhaan jireenya argatu.—Yohannis 5:28, 29.
Haata’u malee Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoonni yeroo ammaatti lubbuudhaan jiran hedduun yommuu Mootummaan Waaqayyoo, mootummoota biyya lafaa hunda balleessu akka oolan ni amanu. Akkuma Nohifi maatiinsaa Bishaan Badiisaarraa oolan, namoonni kunis lafa hamoonni hin argametti barabaraaf gammachuun jiraatu. (Maatewos 24:36-39; 2 Phexros 3:5-7, 13) Ta’us, badiisarraa ooluun ulaagaa Yihowaan baase guutuurratti kan hundaa’edha. Macaafni Qulqulluun, “Biyyi lafaa . . . in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedha.—1 Yohannis 2:17; Faarfannaa 37:11; Mul’ata 7:9, 13-15; 21:1-5.
Wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa ittamanan hunda tiraaktii kanarratti ibsuun akka hin danda’amne beekamaadha; ta’us, odeeffannoo dabalataa akka argattu si afeerra.
Caqasawwan tiraaktii kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4rra jiru]
Fakkeenya Yesus waan hordofnuuf Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamna