Warri Kaan Gargaarsa Gochuu Kan Danda’an Akkamitti?
“WANTIN si gargaaru yoo jiraate natti himi.” Jechi kun, wanta baay’een keenya nama dhiheenyatti namni jaallatu ykn firrisaa jalaa du’een jennudha. Kanas kan jennu garaa keenyaati. Isa gargaaruuf wanta fedheyyuu nigoona. Haata’u malee namni gaddi irra ga’e sun nu waamee, “Wanta naa gootu tokko qabda” nuun jedhaa? Yeroo baay’ee akkas hin jedhu. Dhugumaan nama gaddi irra ga’e sana gargaaruufi jajjabeessuu kan barbaannu taanaan, ofuma keenyaan kakaanee waan tokko gochuu akka qabnu beekamaadha.
Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko akkas jedha: “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti.” (Fakkeenya 15:23; 25:11) Wanta jedhamuufi hin jedhamne, akkasumas wanta godhamuufi hin godhamne beekuun barbaachisaadha. Yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’aniifi namoota nama jaallatan du’aan dhaban gargaaran tokko tokko armaan gaditti dhihaataniiru.
Wantoota Godhamuu Qaban . . .
Dhaggeeffadhaa: Yaaqoob 1:19, “Dhaga’uutti ariifataa” ta’i jedha. Nama gadde tokko gargaaruuf karaawwan baay’ee barbaachisaa ta’an keessaa inni tokko wanta inni jedhu dhaggeeffachuudha. Namoonni gaddan tokko tokko waa’ee nama du’e sanaa, balaa ykn dhukkuba isa ajjeese ilaalchisee ykn du’asaa booda miira isaanitti dhaga’amaa jiru dubbachuu barbaadu ta’a. Kanaaf, “Waa’eesaa dubbachuu barbaaddaa?” jedhaa gaafadhaa. Isaanumti akka murteessan heyyamaafii. Dargageessi tokko yeroo abbaansaa du’e yaadachuudhaan, “Namoonni waa’ee du’asaa na gaafatanii wanta ani dubbadhu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunsaanii guddaa na jajjabeesseera” jedheera. Deebii ykn furmaata kennuun qaba jettanii utuu hin yaadin obsaafi gara laafinaan isaan dhaggeeffadhaa. Wanta isinitti himuu barbaadan hunda akka dubbatan heyyamaafii.
Isaanii mirkaneessaa: Wanta gochuu danda’an hunda (ykn wanta dhugaafi nama jajjabeessu beektan kan biraa) gochuusaanii mirkaneessaafii. Miirri isaanitti dhaga’amu jechuunis, gaddi, aariin, dheekkamsi, of komachuun ykn wanti kan biraan wanta isaanirratti qofa mul’atu akka hin taane mirkaneessaafii. Namoonni beektan gaddi akkasii isaanirra ga’ee akka jajjabaatan itti himaa. Fakkeenyi 16:24, “Dubbii ba’eessi” akkasii ‘lafee namaa in cimsa’ jedha.—1 Tasaloniiqee 5:11, 14.
Isaanirraa hin fagaatinaa: Guyyoota jalqabaa muraasa michoonniifi firoonni jiranitti qofa utuu hin ta’in, hundisaanii gara hojii hojiisaaniitti erga deebi’anii booda, ji’ootaafillee taanaan isaanirraa hin fagaatinaa. Akkas gochuudhaan “michuu” dhugaa “yeroo gidiraatti” isaan cina dhaabattan ta’uu keessan mirkaneessitu. (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Dubartiin Teerezaa jedhamtuufi mucaashee balaa konkolaataatiin dhabde tokko akkas jetti: “Michoonni keenya manatti yeroo dheeraaf qofaa keenya akka hin taane gochuuf, yeroo hundumaa galgala galgala sagantaa akka qabaannu godhu turan. Kunimmoo miira akka gatii hin qabne nutti dhaga’amu mo’uuf nu gargaareera.” Aadaawwan tokko tokko keessatti guyyaa itti wal fuudhan ykn guyyaa namni sun itti du’e yaadachuun, nama gaddarra jiru sana dhiphisuu danda’a. Yeroo akkasiitti michoonni tokko tokko isaan jajjabeessuuf walitti qabamu.
Gargaarsi akka isaan barbaachisu yoo hubattan utuu isin hin gaafatin raawwadhaafii
Yeroo barbaachisaa ta’etti dursa fudhadhaa: Akka isaaniif ergamtan barbaaduu? Namni ijoolleesaanii qabuuf isaan barbaachisaa? Michoonniifi firoonni isaan gaafachuu dhufan bakka boqotan barbaaduu? Namoonni namni jaallatan jalaa du’e yeroo baay’ee waan godhan waan wallaalaniif namootaan akkas naa godhaa jechuu yaa hafuutii, isaanumtillee maal gochuu akka qaban hin beekan. Kanaaf wanti gochuufii qabdan akka jiru hubannaan ofuma keessaniin kaka’aatii raawwadhaa malee, hamma isin gaafatanitti hin eeginaa. (1 Qorontos 10:24; 1 Yohannis 3:17, 18 waliin ilaali.) Dubartiin abbaan manaashee du’e tokko akkas jechuudhaan yaadatti: “‘Wanti ani si gargaaruu danda’u yoo jiraate natti himi’ kan jedhan baay’eedha. Michuunkoo tokko garuu akkas jettee na hin gaafanne. Kanaa mannaa, kutaa ciisichaa galtee ansoolaa yeroo abbaan manaakoo du’e xuraa’ee ture baastee miicuu jalqabde. Isheen kaanimmoo baaldii, bishaaniifi meeshaalee ittiin qulqulleessan fudhattee afata lafaa abbaan manaakoo irratti hoqqise qulqulleessuu jalqabde. Torban muraasa boodammoo, jaarsi gumii tokko huccuu hojiisaa akkuma uffatetti meeshaalee hojii qabatee, ‘Wanta suphamu akka qabdu beeka. Maal sii suphu?’ jedhee na gaafate. Namni kun balbalakoo buqqa’ee kufuu ga’eefi meeshaalee elektiriikii tokko tokko waan naa supheef garaa kootiin isa galateeffadhe!”—Yaaqoob 1:27 waliin ilaali.
Isaan simadhaa: Macaafni Qulqulluun, “Keessummoota simuu hin dagatinaa!” jechuudhaan nu yaadachiisa. (Ibroota 13:2) Keessumaa namoota gaddarra jiran mana keenyatti simachuu dagachuu hin qabnu. “Yeroo barbaaddetti kottu” jechuu mannaa, guyyaafi sa’aatii murteessaa isaan afeeraa. Afeerrii keessan fudhachuu baannaan, daftanii abdii hin kutatinaa. Irra deddeebitanii isaan afeeruun barbaachisaa ta’uu danda’a. Tarii afeerraa keessan kan didan, namoota duratti miirakoo to’achuun dadhaba jedhanii waan sodaataniif ta’uu danda’a. Yookiin yeroo akkasiitti nyaata afeeramuufi warra kaanii wajjin gammaduun sirrii akka hin taane itti dhaga’amee ta’uu danda’a. Liidiyaa ishee Macaafa Qulqulluu keessatti keessummaa simachuudhaan beekamtu yaadadhaa. Luqaas manasheetti erga afeeramee booda, “Akka nuyi dhaqnuufis nu giddisiifte” jedheera.—Hojii Ergamootaa 16:15.
Kan obsitaniifi hubannaa kan qabdan ta’aa: Wanta namoonni nama jaallatan du’aan dhaban yeroo jalqabaatiif dubbataniin hin dinqisiifatinaa. Waan aaraniif ykn waan of komataniif ta’uu akka danda’u yaadadhaa. Yoo isinitti dheekkaman, aariidhaan akka isaanii hin deebisneef, hubannaafi obsa qabaachuu isin barbaachisa. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nu gorsa: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa!”—Qolosaayis 3:12, 13.
Xalayaa barreessaafii: Yeroo baay’ee xalayaan faayidaa akka qabu ni dagatama. Faayidaansaa maali? Haadhashee dhukkuba kaansariitiin kan dhabde Siindiin akkas jechuudhaan deebisaa kenniti: “Hiriyaankoo tokko xalayaa ba’eessa naa barreessite. Irra deddeebi’ee waanan dubbiseef baay’ee na jajjabeesseera.” Xalayaan nama jajjabeessu akkasii ‘gabaabsamee kan caafame’ ta’us wanta isinitti dhaga’amu kan ibsu ta’uu qaba. (Ibroota 13:22) Nama gadde sanaaf garaa keessanii akka yaaddaniifi wanti addaa nama du’e sana isin yaadachiisu akka jiru ykn namni du’e sun jireenya keessanirratti jijjiirama akkamii akka fide kan ibsu ta’uu danda’a.
Wajjin kadhadhaa: Faayidaa nama gaddi irra ga’e sanaa wajjin ykn isaaf kadhachuun qabu salphistanii hin ilaalinaa. Macaafni Qulqulluun, “Kadhannaan nama qajeelaa waan baay’ee hojjechuu in danda’a” jedha. (Yaaqoob 5:16) Fakkeenyaaf, akka isaaniif kadhattu dhaga’uunsaanii miirawwan dogoggoraa, kan akka of komachuu jiran mo’uuf isaan gargaaruu danda’a.—Yaaqoob 5:13-15 waliin ilaali.
Wanta Gochuu Hin Qabne . . .
Mana yaalaatti argamuun keessan nama gadde sana jajjabeessuu danda’a
Wanta dubbattan ykn wanta gootan waan wallaaltaniif qofa isaanirraa hin fagaatinaa: ‘Amma qofaasaanii ta’uu akka qaban nan beeka’ jettu ta’a. Garuu isaanirraa kan fagaattan waan dogoggora ta’e dubbanna ykn goona jettanii waan sodaataniif ta’uu danda’a. Haata’u malee, namni gadde sun michoonni, firoonni ykn namoonni hidhata amantaasaa ta’an ofirraa isa fageessuunsaanii, akka qofaasaa ta’etti isatti dhaga’amee caalaatti akka gaddu isa gochuu danda’a. Yeroo baay’ee jechiifi gochi xinnoon qoftillee gaarii ta’uusaa yaadadhaa. (Efesoon 4:32) Bakkuma sanatti argamuun keessan qofti isaan jajjabeessuu danda’a. (Hojii Ergamootaa 28:15 waliin ilaali.) Tereezaan guyyaa intallishee duute yaadachuudhaan akkas jetti: “Sa’aatii tokko gidduutti, mana yaalaa keessatti bakki keessummaan taa’u michoota keenyaan guutame; jaarsoliin gumiifi haadhotiin manaasaanii hundi jiru turan. Dubartoonni tokko tokko rifeensi mataasaanii akka marametti kaanis akkuma huccuu hojii uffatanitti dhufan. Yeruma sana waan hojjetan hundumaa dhiisanii dhufan. Baay’eensaanii waan dubbatan akka dhaban nutti himanis wanti guddaan dhufuusaanii ture.”
Gadduu akka dhiisan isaan hin dirqisiisinaa: ‘Ga’a hin boo’in’ isaaniin jechuu barbaanna ta’a. Akka boo’an isaan dhiisuun garuu gaarii ta’uu danda’a. Dubartiin Kaatriin jedhamtu yeroo abbaan manaashee du’e yaadachuudhaan, “Namoonni gaddan miirasaanii akka baasaniifi akka boo’an isaan dhiisuun gaarii natti fakkaata” jettetti. Akkamitti gadduu akka qaban itti himuurraa of qusadhaa. Gadda isaanii akka hin kakaasne sodaachuudhaan, wanta isinitti dhaga’amu dhoksuu akka qabdan hin yaadinaa. Kanaa mannaa Macaafni Qulqulluun, “Warra boo’anii wajjinis boo’aa!” jechuudhaan nu gorsa.—Roomaa 12:15.
Ofiisaaniitii hanga godhanitti uffataafi meeshaa nama du’e sanaa manaa akka baasan gorsuuf hin ariifatinaa: Meeshaaleen nama du’e sana isaan yaadachiisan, hamma tokko gaddisaanii yeroo dheeraaf akka turu waan godhaniif mana keessaa baasuun gaarii nutti fakkaachuu danda’a. Wanti ijarraa fagaate hundi qalbiirraa fagaata jechuu miti. Namni gadde nama du’e sana kan irraanfatu suutuma suuta ta’uu danda’a. Seenaan Macaafa Qulqulluu, abbaa amantaa kan ture Yaaqoob ilmasaa isa xinnoo bineensi hamaan akka nyaate yeroo dhaga’etti maal akka godhe nutti hima. Wayyaa Yoseef dhiiga keessa cuuphanii yeroo isatti argisiisan, “ilma isaatiif guyyaa baay’ee in gadde. Ilmaan isaa fi intaloonni isaa hundinuu isa jajjabeessuudhaaf in dhufan, inni garuu jajjabaachuu in dide.”—Uumama 37:31-35.
‘Mucaa kan biraa godhachuu dandeessa’ hin jedhinaa: Haati mucaanshee jalaa du’e tokko, “Namoonni mucaa kan biraa godhachuu akkan danda’u natti himan baay’ee na aarsu turan” jechuudhaan yaadatti. Kun jajjabeessuuf kan dubbatamu ta’us, warra gaddarra jiranitti mucaan du’e kan biraatiin bakka buufamuu akka danda’u dubbachuun ‘akka billaa isaan waraanuu’ danda’a. (Fakkeenya 12:18) Mucaan tokko tasumaa isa kaan bakka bu’uu hin danda’u. Maaliif? Tokkoon tokkoonsaanii addadda waan ta’aniifidha.
Nama du’e sana maqaa dha’uun sirrii akka hin taane isinitti hin dhaga’amin: Haati tokko akkas jechuudhaan waan yaadattu dubbatti, “Namoonni baay’een ilmakoo Jiimii maqaa hin dha’an, waa’eesaas hin dubbatan turan. Dhugaa dubbachuuf kun hamma tokko na miidheera.” Yeroo namni du’e maqaa dha’amu dubbicha jijjiiruuf hin yaalinaa. Namni gadde sun waa’ee nama du’e sanaa haasa’uu kan barbaadu ta’uusaa gaafadhaa. (Iyoob 1:18, 19 fi 10:1 waliin ilaali.) Namoonni gaddan hedduun, michoonnisaanii amalawwan gaarii nama du’e sanaa yeroo dubbatan dhaga’uun isaan gammachiisa.—Hojii Ergamootaa 9:36-39 waliin ilaali.
‘Du’uunsaa gaariidha’ jechuuf hin ariifatinaa: Sababii du’uunsaa gaarii itti ta’e dubbachuuf yaaluun yeroo hundumaa namoota ‘dhiphatan jajjabeessa’ jechuu miti. (1 Tasaloniiqee 5:14, NW) Dubartiin umrii dargaggummaarra jirtu tokko yeroo haatishee duute yaadachuudhaan akkas jetti: “Warri tokko tokkoo, ‘Isheen ni obbaafatte’ ykn ‘Boqonnaa argatte’ jedhu turan. Ani garuu kana dhaga’uu hin barbaadun ture.” Kun, namoonni sun gadduu akka hin qabne ykn midhaan isaanirra ga’e guddaa akka hin taane akka itti dhaga’amu godha. Isaan garuu nama jaallatan sana dhabuusaaniitiin baay’ee gaddaa jiru ta’a.
‘Hangam akka sitti dhaga’amu beeka’ utuu hin jettan ta’ee gaariidha: Dhuguma hangam akka isaanitti dhaga’amu beektuu? Fakkeenyaaf, mucaan isin jalaa hin duune taanaan warra mucaansaanii jalaa du’etti maal akka isaanitti dhaga’amu beekuu dandeessuu? Yoo beektanillee, wanti isinitti dhaga’amu warra kaanirraa adda ta’uusaa hubadhaa. (Faaruu Ermiyaas 1:12 waliin ilaali.) Karaa biraatiinimmoo, barbaachisaa taanaan, yeroo namni jaallattan du’e akkamitti akka jajjabaattan isaanitti himuun keessan isaan gargaaruu danda’a. Dubartiin intallishee jalaa ajjeesamte tokko, haati intallishee jalaa duute tokko akkamitti akka jajjabaatte itti himuunshee ishee jajjabeesseera. Akkas jetti: “Haati intallishee jalaa duute kun, haasaashee kan jalqabde ‘Hangam akka sitti dhaga’amu beeka’ jettee miti. Wanta isheerra ga’ee ture natti himuudhaan, haala isheen keessa dabartee wajjin akkan of madaalu na goote.”
Nama gadde tokko gargaaruun gara laafina, hubannaafi jaalala guddaa qabaachuu gaafata. Namni gadde sun hanga gargaarsa isin gaafatutti hin eeginaa. “Wantin sii gochuu qabu yoo jiraate . . . ” hin jedhinaa. “Wanta” sana ofuma keessanii beekaatii raawwadhaafii.
Ammas gaaffiiwwan muraasni ni ka’u: Macaafni Qulqulluun waa’ee abdii du’aa ka’uu maal jedha? Abdiin kun isiniifis ta’e nama isin jalaa du’eef hiika maalii qabaachuu danda’a? Abdiin kun amansiisaa ta’uusaa akkamitti beekuu dandeenya?