Rakkoo Amantiin Addadda Ta’uusaatiin Ga’u
Barsiisaa waan taateef, amantiin addaddaa ta’uunsaa rakkoo sitti fiduu kan danda’u si’a ta’u, rakkoo barsiisota jaarraawwan darbanitti turan hin mudannetu si mudata.
WAGGOOTA bara Giddu Galeessaa turanitti yeroo hedduu lammiileen biyya tokkoo amantii wal fakkaatu hordofuunsaanii beekamaa ture. Xumura jaarraa 19ffaa asitti Awurooppaan amantii gurguddaa muraasa qofa qabdi turte: karaa lixaa Kaatolikiifi Pirootestaantii, bahaanimmoo Ortodoksii, Musiliimaafi amantii Yihudootaati. Yeroo har’aatti garuu Awurooppaa qofa utuu hin ta’in addunyaa maratti dhaabbilee amantii hedduutu jira. Amantiin hin beekamne, lammii biyyichaatiin ykn godaantotaafi kooluu galtootaan babal’achaa dhufeera.
Kanaaf, yeroo ammaatti biyyoota akka Awustiraaliyaa, Biriitaaniyaa, Faransaay, Jarmaniifi Yuunaayitid Isteetis jiranitti, Musiliimota, Budihistootaafi Hindoota hedduutu argama. Dhugaa Baatonni Yihowaas, biyyoota 239 ol ta’an keessatti dammaqinaan tajaajilaa kan jiran si’a ta’u, biyyoota 14 keessatti lakkoofsi Dhugaa Baatotaa 150,000 ol ta’eera.—Saanduqa, “Sochii Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maraa” jedhu ilaali.
Barattoonni barsiifata amantii addadda qabaachuunsaanii barsiisotarratti dhiibbaa geessisa ta’a. Fakkeenyaaf, ayyaanawwan beekamoo kabajuu ilaalchisee gaaffiiwwan barbaachisoon tokko tokko ka’uu danda’u: Barataan tokko amantiinsaa maaliyyuu yoo ta’e ayyaana hunda akka kabaju dhiibbaan irra ga’uu qabaa? Barattoonni baay’een ayyaanawwan akkasii kabajuun rakkoo tokkoyyuu hin qabu jedhanii yaadu ta’a. Haata’u malee, ilaalchi maatiiwwan amantii namoota hedduurraa adda ta’e qaban kabajamuu hin qabuu? Wanti xiyyeeffannaan kennamuufii qabu garabiraanis jira: Barattoonni biyyoota seera amantiin dhimma siyaasaa keessa akka hin seenneefi barumsi amantii sagantaa barumsaa keessa akka hin galle dhorkan keessatti argaman, ayyaanawwan akkasii akka kabajan dirqisiisuun sirriidhaa?
Guyyaa Dhalootaa
Ayyaanawwan amantii wajjin walitti dhufeenya waan hin qabne fakkaatanii wajjin haala wal qabateenis ilaalchi addaddaa jiraachuu danda’a. Kun guyyaa dhalootaa manneen barumsaa hedduu keessatti kabajamurratti kan mul’atudha. Dhugaa Baatonni Yihowaa warri kaan guyyaa dhalootaa kabajuuf mirga akka qaban amananis, ayyaanawwan akkasiirratti akka hin hirmaanne hubachuu hin ooltu. Ta’us, isaanis ta’an ijoolleensaanii ayyaanawwan kanarratti hirmaachuurraa fagaachuuf kan murteessan maaliif akka ta’e hin beektu ta’a.
Insaaykilooppiidiyaan La liivir dee relejon (Kitaaba Amantii) jedhamuufi Faransaayitti bal’inaan tamsa’ee argamu, duudhaa kana sirna seera mataasaa qabu jedhee kan waame si’a ta’u, wantoota “sirna amantiirraa walaba ta’an” keessaa tokko ta’uusaa ibseera. Yeroo ammaatti guyyaa dhalootaa kabajuun akka duudhaa miidhaa hin geessisnetti ilaalamus, ayyaanni kun namoota Waaqayyoon hin waaqeffannerraa kan dhufedha.
Za Insaaykilooppiidiyaa Ameerikaanaan (maxxansa 1991) akkas jedha: “Gibxoonni, Giriikonni, warri Roomaafi Faares durii guyyaa dhalootaa waaqolii, moototaafi namoota beekamoo ni kabaju turan.” Barreessitonni Raalfiifi Adliin Liintan jedhaman sababii kun itti ta’e kitaabasaanii isa Za Loor oov Barzideeyis jedhamurratti akkas jechuun barreessaniiru: “Warri Mesophotaamiyaafi Gibxii madda qaroomaa ta’uusaaniirrayyuu, biyyoota guyyaa dhalootaasaanii yaadataniifi kabajuu jalqabanidha. Bara duriitti, sababii guddaan namoonni guyyaa dhalootaasaanii itti galmeessan, urjii lakkaa’uudhaan carraa gara fuulduraa beekuuf guyyaan dhalootaa baay’ee barbaachisaa waan ta’eefidha.” Namoonni akeekkachiisa Macaafni Qulqulluu urjii lakkaa’uu ilaalchisee kennu hojiirra oolchuu barbaadan, guyyaan dhalootaa urjii lakkaa’uu wajjin kallattiin kan wal qabate ta’uunsaa baay’ee isaan yaaddessa.—Isaayaas 47:13-15.
Kanaaf Za Worlid Buuk Insaaykilooppiidiyaan, “Kiristiyaanonni durii guyyaa dhalootaa nama kamiyyuu kabajuun barsiifata saboota Waaqayyoon hin beekne godhanii waan ilaalaniif, guyyaa dhalootaa [Kiristos] hin kabajne” jechuunsaa kan nama dinqisiisuu miti.—Jildii 3, ful. 416.
Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo gaarii waliin dabarsu
Dhugaa Baatonni Yihowaa sababii armaan olitti ibsamaniin kan ka’e, sirna guyyaa dhalootaa kabajuurratti hin hirmaatan. Mucaa godhachuun kan nama gammachiisu ta’uunsaa beekamaadha. Waggoonni darbaa ennaa adeeman ijoolleen guddachaa adeemuunsaanii warra kan ta’an hunda akka gammachiisu hin shakkisiisu. Dhugaa Baatonni Yihowaas maatiifi michootasaaniif kennaa kennuu, akkasumas isaanii wajjin yeroo gaarii dabarsuun baay’ee isaan gammachiisa. Ta’us, guyyaa dhalootaa kabajuun saboota Waaqayyoon hin beeknerraa kan madde waan ta’eef, kana yeroo garabiraatti gochuu filatu.—Luqaas 15:22-25; Hojii Ergamootaa 20:35.
Ayyaana Qillee
Ayyaanni Qillee biyyoota Kiristiyaana hin taane hedduu dabalatee addunyaa maratti kabajama. Saboonni Kiristiyaanaa hedduun Ayyaana Qillee waan kabajaniif, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana kana kabajuu dhiisuunsaanii namootatti gaaffii kaasuu danda’a. Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Qillee kan hin kabajne maaliifi?
Akkuma Insaaykilooppiidiyaa baay’een ibsanitti, ayyaanni guyyaan dhalootaa Yesus Muddee 25 kan kabajamu ayyaana warra Roomaa isa warri Waaqayyoon hin beekne kabajaa turanii wajjin wal fakkeessuu waan barbaadameefidha.a Ibsawwan Insaaykilooppiidiyaa addaddaa armaan gadii kana qalbeeffadhu:
“Guyyaan Kiristos itti dhalate hin beekamu. Wangeelonni guyyaasaas ta’e ji’a inni itti dhalate hin caqasan.”—Niiwu Kaatolik Insaaykilooppiidiyaa, Jildii III, ful. 656.
“Ayyaanni Saatarnaaliyaa Roomaatti kabajamaa ture gochawwan yeroo ayyaanni Qillee kabajamutti raawwatamaniif akka fakkeenyaatti tajaajileera.”—Insaaykilooppiidiyaa oov Riilijin eend Eetiiksi
“Duudhaawwan Ayyaana Qillee yeroo ammaatti Awurooppaatti bal’inaan argaman ykn baroota darbanitti galmeeffamanii argaman duudhaawwan Kiristiyaanummaa dhugaarraa utuu hin ta’in, Waldaan Kiristiyaanaa fudhatte ykn utuu hin balaaleffatin hafteefi duudhaa saboota Waaqayyoon hin beeknerraa kan maddanidha. . . . Ayyaanni Saatarnaaliyaa Roomaatti kabajamaa ture gochawwan yeroo Ayyaanni Qillee kabajamutti raawwatamaniif akka fakkeenyaatti tajaajileera.”—Insaaykilooppiidiyaa oov Riilijin eend Eetiiksi (Eediinbar, 1910), Jamsi Hastiingiin kan qophaa’e, Jildii III, ful. 608-9.
“Ayyaanni Qillee jaarraa arfaffaadhaa jalqabee Saboota Kiristiyaanaa hundaa biratti Muddee 25 kabajamaa jira. Bara sanatti, namoota Waaqayyoon hin beekne yeroo guyyaansaa dheeratuufi jiini gannaa xumuramuu jalqabuu ayyaana ‘Guyyaa Dhalootaa (Laatiiniin, naataala) Aduu’ kabajamu wajjin akka walirra oolu yaadameeti. Roomaa keessatti, Waldaan Kiristiyaanaa ayyaana baay’ee jaallatamaa ta’e kanaaf . . . maqaa haaraa kennitee fudhatte.”—Insaaykilooppiidiyaa Yuuniivarsaaliis, 1968, (afaan Faransaayi) Jildii 19, fuula 1375.
Namoonni tokko tokko waa’ee Ayyaana Qillee yeroo hubatan tarkaanfii akkamii fudhataniiru? Za Insaaykilooppiidiyaa Biriitaanikaan akkas jedha: “Bara 1644tti Pirootestaantonni biyya Ingiliiz haaromsa geggeessaa turan sirnawwan [Ayyaana Qillee] wajjin wal qabatan kamiyyuu ayyaana namoonni Waaqayyoon hin beekne kabajan irraa dhufedha jechuun Paarlaamaan akka dhorkamuufi guyyaan kun soomaan akka kabajamu ajaja dabarsaniiru. Chaarlis Lammaffaan ayyaanni kun akka babal’atu godhus, Iskootilaandoonni haaromsa Pirootestaantonni godhan cimsanii hordofuusaanii itti fufaniiru.” Kiristiyaanni durii Ayyaana Qillee hin kabajne; Dhugaa Baatonni Yihowaas ayyaana kana hin kabajan ykn sochiiwwan ayyaana kanaa wajjin wal qabaterratti hin hirmaatan.
Ta’us, Macaafni Qulqulluun guyyoota kan biraatti kennaa kennuu ykn maatiifi michoota afeeruu hin dhorku. Warri ijoolleensaanii yeroo namoonni waan isaaniirraa eeganiif qofa utuu hin ta’in garaadhaa kaka’anii arjummaa akka argisiisan jajjabeessu. (Maatewos 6:2, 3) Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa, ilaalcha namootaa akka kabajan kan barsiifaman si’a ta’u, kunis warri kaan Ayyaana Qillee kabajuuf mirga akka qaban hubachuus kan dabalatudha. Isaanis, murtoo isaan Ayyaana Qilleerratti hirmaachuurraa fagaachuuf godhan warri kaan yeroo isaanii kabajan ni gammadu.
Ayyaanota Garabiraa
Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaanawwan yeroo barumsaatti kabajamaniifi maddisaanii amantii ta’e ykn hamma tokko amantii wajjin walitti dhufeenya qabaniifis ejjennoo wal fakkaatu qabu. Isaanis biyyoota baay’ee keessatti kan kabajaman si’a ta’an, Biraaziilitti Juun feestivaal, Faransaayitti Cuuphaa, Jarmanitti Kaarniivaal, Jaappaanitti Seetisibaniifi Yuunaayitid Isteetisitti Haloowiin jedhaman dabalatu. Ayyaanawwan kanaafi asirratti hin caqasamne kamiyyuu ilaalchisee gaaffii qabaannaan, warri Dhugaa Baatota ta’an ykn ijoolleensaanii gammachuudhaan sii deebisu.
a “Biyya keenyatti, Ayyaanni Qillee kan kabajamu akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29 si’a ta’u, guyyaan kun akka lakkoofsa warra Awurooppaatti Amajjii 7, akka lakkoofsa Juliyaanootaa Ortodoksii bahaattimmoo Muddee 25rra oola.”