BOQONNAA KUDHA LAMA
Rakkoowwan Maatii Balaarra Buusan Mo’uu Ni Dandeessu
1. Maatiiwwan tokko tokko keessa rakkoo dhokataa akkamiitu jira?
KONKOLAATAA moofaan tokko dhiqamee dibameera. Namoota isa bira darbanitti waan calalaquuf haaraa isaanitti fakkaata. Haata’u malee, keessa keessasaa qaamni konkolaatichaa ligidaan nyaatamaa jira. Haalli maatiiwwan tokko tokkoos kanuma fakkaata. Namoota keessa hin beekneef wanti hundumtuu gaarii fakkaata; fuulli ifaan argisiisan sodaafi dhiphina jiru dhoksa. Haala namoonni kaan hin argineen ligidni nagaa maatii miidhu jira. Rakkoowwan dhiibbaa akkasii geessisan lamaan, araada dhugaatii alkooliifi yakkadha.
MIIDHAA ARAADNI DHUGAATII ALKOOLII GEESSISU
2. (a) Dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha? (b) Araadni dhugaatii alkoolii maalidha?
2 Macaafni Qulqulluun machii malee, daangaasaa utuu hin darbin dhugaatii alkoolii dhuguu hin dhowwu. (Fakkeenya 23:20, 21; 1 Qorontos 6:9, 10; 1 Ximotewos 5:23; Tiitoos 2:2, 3) Araada dhugaatii alkooliitiin qabamuun garuu wanta machiirra darbedha. Dhugaatii alkooliitiif garba ta’uudhaan kan ka’e hamma dhugnu murteessuu dadhabuu jechuudha. Namoonni gurguddaan araada dhugaatii alkoolii qabaachuu danda’u; kan nama gaddisiisu garuu dargaggoonnis araada kanaan kan qabaman ta’uusaaniiti.
3, 4. Araadni dhugaatii alkoolii hiriyaa gaa’elaafi ijoollee namichaarratti dhiibbaa akkamii akka geessisu ibsi.
3 Macaafni Qulqulluun, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun nagaa maatii kan jeequ ta’uusaa yeroo dheeraa dura dubbateera. (Keessa Deebii 21:18-21) Miidhaan dhugaatiin alkoolii geessisu guutummaa maatii tuqa. Haati manaa namichi dhugaatiisaa akka dhaabu gochuu ykn amalasaa isa kana jedhamee hin beekamne wajjin qabsaa’uu qofarratti yaaddi ta’a.a Dhugaatiisaa jalaa dhoksuu, dhangalaasuu, qarshiisaa dhoksuufi jaalala maatiisaa, jireenyasaafi Waaqayyoof qabuun isa kadhachuuf yaalti; inni garuu dhugaatiisaa ittuma fufa. Dhugaatiisaa isa dhaabsisuuf yeroo baay’ee yaaltee dadhabuusheetiin kan ka’e, aaruufi abdii kutachuu dandeessi. Kanaan kan ka’es sodaachuu, dheekkamuu, balleessaan itti dhaga’amuu, na’uu, dhiphachuufi ofiif kabaja dhabuu jalqabdi.
4 Miidhaan warri araada dhugaatii alkooliitiin qabamuusaaniitiin ga’u, ijoolleerrattis rakkina fiduunsaa hin oolu. Ijoolleen tokko tokko ni reebamu. Kaanimmoo gudeedamaniiru. Ijoolleen, araada dhugaatii alkoolii warrasaaniitiif sababa kan ta’an isaan akka ta’an itti dhaga’amuu danda’a. Amala jijijjiiramaa namni araada kana qabu argisiisuun kan ka’e, warra kaan amanuu dadhabu. Wanta manasaanii keessatti raawwatamu dubbachuun waan isaan hin gammachiisneef, ijoolleen kun wanta isaanitti dhaga’amu ukkaamsanii qabachuu baru; kunimmoo fayyaasaaniiyyuu miidhuu danda’a. (Fakkeenya 17:22) Ijoolleen akkasii ga’eessota erga ta’anii boodallee ofitti amanamuu dadhabuufi of tuffachuusaanii ittuma fufuu danda’u.
MAATIIN MAAL GOCHUU DANDA’A?
5. Miidhaa araadni dhugaatii alkoolii geessisu mo’uun kan danda’amu akkamitti? Kunoo ulfaataa kan ta’e maaliifi?
5 Ogeeyyiin hedduun nama araada dhugaatii alkoolii qabuuf furmaanni hin jiru jedhaniyyuu, garri caalaansaanii garuu guutummaatti dhugaatii alkooliirraa fagaachuudhaan hamma ta’e furmaata argachuun akka danda’amu walii galu. (Maatewos 5:29 ilaali.) Haata’u malee, namichi araada kana qabu rakkina qabaachuusaa waan hin amanneef, gargaarsa isaaf kennamu akka fudhatu gochuun ulfaataadha. Ta’uyyuu, miseensonni maatii miidhaa araadni dhugaatii alkoolii isaanirraan ga’e mo’uuf tarkaanfii yeroo fudhatan, namni araada kana qabu rakkoo qabaachuusaa hubachuu jalqaba ta’a. Ogeessi fayyaa namoota araada dhugaatii alkoolii qabaniifi maatiiwwansaanii gargaare tokko akkas jedheera: “Miseensonni maatii kaan, hojii yeroo hundumaa raawwatan karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf yaaluunsaanii hunda caalaa barbaachisaa natti fakkaata. Achiis namni araada dhugaatii alkoolii qabu, isaafi miseensota maatii kaan gidduu jijjiiramni guddaan akka jiru hubachaa deema.”
6. Maatiiwwan namni araada dhugaatii qabu keessa jiru gorsa hundarra caalu eessaa argatu?
6 Maatii keessan keessa namni araada dhugaatii alkoolii qabu yoo jiraate, gorsi Macaafa Qulqulluu inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, hamma dandeessan jireenya gaarii akka jiraattan isin gargaaruu danda’a. (Isaayaas 48:17; 2 Ximotewos 3:16, 17) Seerawwan bu’uuraa maatiiwwan araada dhugaatii alkoolii akka mo’an gargaaran tokko tokko ilaalaa.
7. Miseensi maatii tokko araada dhugaatii alkoolii yoo qabaate eenyutu itti gaafatama?
7 Balleessaa keessan akka ta’etti isinitti hin dhaga’amin. Macaafni Qulqulluun, “Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba,” akkasumas “nu keessaa hundumtinuu addaddaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira” jedha. (Galaatiyaa 6:5; Roomaa 14:12) Namni araada kana qabu, dhugaatiisaatiif kan itti gaafataman miseensota maatii kaan akka ta’an dubbata ta’a. Fakkeenyaaf, “Utuu na aarsuu baattanii hin dhugun ture” jedha ta’a. Warri kaan yaadasaa kan deggeran yoo ta’e, dhuguusaa akka itti fufu isa jajjabeessaa jiru jechuudha. Haalawwan tokko tokkoon ykn namoota kaaniin miidhaan yoo nurra ga’eyyuu, nama araada dhugaatii qabu dabalatee hundi keenya wanta goonuuf itti gaafatamna.—Filiphisiiyus 2:12 waliin ilaali.
8. Karaawwan namni araada dhugaatii qabu bu’aawwan hojiisaa akka argu itti godhaman tokko tokko kami?
8 Nama araada dhugaatii alkoolii qabu yeroo hundumaa miidhaa gochisaa isatti fiderraa isa oolchuu akka qabdan isinitti hin dhaga’amin. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu, “Rakkina keessaa isa baasuu yoo yaalte, akka inni itti caalu in goota” jechuudhaan waa’ee nama aariisaa to’achuu hin dandeenyee dubbatu, nama araada dhugaatii qabuufis qixxuma hojjeta. (Fakkeenya 19:19) Inni araada akkasii qabu bu’aan dhugaatiisaa akka isarra ga’u godhaa. Wanta baballeesse ofumasaatii akka sirreessu ykn boorumtaasaatti nama isa hojjechiisuuf innumti akka bilbilu godhaa.
Jaarsoliin Kiristiyaanaa rakkoowwan maatii hiikuudhaan gargaarsa guddaa gochuu danda’u
9, 10. Maatiiwwan namni araada dhugaatii qabu keessa jiru gargaarsa fudhachuu kan qaban maaliifi? Keessumaa gargaarsa eenyuu barbaaduu qabu?
9 Gargaarsa warra kaanii fudhadhaa. Fakkeenyi 17:17, (1899) akkas jedha: “Michuun bara hundumaa jaallata, yeroo gidiraatti obboleessi ni jaallata.” Maatii keessan keessa namni araada dhugaatii alkoolii qabu yoo jiraate dhiphinni ni jiraata. Kanaaf gargaarsi isin barbaachisa. Gargaarsa argachuuf ‘michoota’ dhugaarratti amanamuurraa duubatti hin jedhinaa. (Fakkeenya 18:24) Warra rakkinni keessan galuufii danda’u ykn haalli akkasii isaan mudate yoo mari’achiistan, wanta gochuu qabdaniifi gochuu hin qabne ilaalchisee yaada hojiirra ooluu danda’u isinii hiru ta’a. Garuu nama mari’achiistan filachuu qabdu. Warra amantaniifi “dhoksaa” ykn iccitii keessan qabachuu danda’an mari’achiisaa.—Fakkeenya 11:13.
10 Jaarsolii Kiristiyaanaatti amanamuu baradhaa. Jaarsoliin gumii Kiristiyaanaa gargaarsa guddaa gochuu danda’u. Namoonni ga’eessota ta’an kun, Dubbii Waaqayyoo kan barataniifi seerawwan bu’uuraasaa hojiirra oolchuudhaan muuxannoo kan qabanidha. Isaanis “akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka da’oo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaa’uu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruus in ta’u.” (Isaayaas 32:2) Jaarsoliin Kiristiyaanaa walitti qabaatti gumicha dhiibbaawwan gadheerraa eeguu qofa utuu hin ta’in, dhuunfaadhaan namoota rakkina qaban ni jajjabeessu, ni haaromsu, akkasumas garaa guutuudhaan ni yaaduuf. Gargaarsa isaan kennanirraa guutummaatti fayyadamaa.
11, 12. Maatiiwwan namni araada dhugaatii qabu keessa jiruuf gargaarsa guddaa kan kennu eenyu? Gargaarsa kana kan kennuhoo akkamitti?
11 Hunda caalaa, jajjabina Yihowaan kennu argadhaa. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi’oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa’es in fayyisa.” (Faarfannaa 34:18) Miseensa maatii araada dhugaatii alkoolii qabuu wajjin jiraachuu keessaniin kan ka’e garaan keessan cabee ykn yaadni keessan caccabee bullaa’ee kan jiru yoo ta’e, ‘Yihowaan dhi’oo ta’uusaa’ beekaa. Inni haalli maatii keessanii hammam ulfaataa akka ta’e ni hubata.—1 Phexros 5:6, 7.
12 Wanta Yihowaan Dubbiisaa keessatti jedhe amanuun keessan rakkina mo’uuf isin gargaaruu danda’a. (Faarfannaa 130:3, 4; Maatewos 6:25-34; 1 Yohannis 3:19, 20) Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi seerawwan bu’uuraasaatiin jiraachuun, gargaarsa hafuura Waaqayyoo isa rakkina guyyaa guyyaadhaan nurra ga’u mo’uuf ‘humna humna gararraa’ nuu kennu argachuuf nu dandeessisa.—2 Qorontos 4:7.b
13. Rakkinni lammaffaan maatiiwwan baay’ee miidhu maalidha?
13 Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun rakkina maatiiwwan hedduu miidhu kan biraas ni geessisa; innis yakka mana keessatti raawwatamudha.
MIIDHAA YAKKA MANA KEESSATTI RAAWWATAMUUN GA’U
14. Yakki mana keessaa yoom jalqabame? Yeroo har’aahoo haallisaa maal fakkaata?
14 Yakki seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatame inni jalqabaa, yakka mana keessaa Qaayiniifi Abeel gidduutti raawwatamedha. (Uumama 4:8) Yeroo sanaa kaasee yakki akaakuu addaddaa mana keessatti raawwatamu ilmaan namootaarra miidhaa geessisaa tureera. Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii ni reebu; haadhotiin manaa abbootii manaasaaniirra miidhaa geessisu; warri gara jabinaan ijoolleesaanii ni reebu; ijoolleen gurguddatanis haadhaafi abbaasaanii warra dullooman ni miidhu.
15. Miseensonni maatii yakka maatii keessatti raawwatamuun miirrisaanii kan miidhamu akkamitti?
15 Yakki mana keessatti raawwatamu godaannisa qaamaa caalaa miidhaa geessisu qaba. Haati manaa abbaa manaasheetiin reebamaa turte tokko akkas jetteetti: “Balleessaafi qaanii guddaatu isinitti dhaga’ama. Ganama ganama, wanti raawwatame abjuu darbe akka ta’u hawwuudhaan siree keessanirra turuu barbaaddu.” Ijoolleen yakka mana keessatti raawwatamu argan ykn isaanirratti raawwatame, isaanis guddatanii maatii ofiisaanii yeroo godhatan yakka raawwachuu danda’u.
16, 17. Miidhaan miirarra ga’u kan akkamiiti? Miseensonni maatii kanaan miidhamuu kan danda’an akkamitti?
16 Yakka mana keessatti raawwatamuun miidhaan kan ga’u qaama qofarra miti. Yeroo baay’ee miidhaan akkasii kan raawwatamu afaaniinidha. Fakkeenyi 12:18, “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana” jedha. ‘Nama waraanuu’ inni jedhame yakka mana keessaa kan argisiisu si’a ta’u, kunis nama arrabsuufi namatti iyyuu, akkasumas nama komachuu, abaarsaafi rukuttaa kan dabalatudha. Madaan yakki miira namaarratti raawwatamu geessisu kan hin argamne waan ta’eef, yeroo baay’ee warri kaan hubachuu hin danda’an.
17 Keessumaammoo, yeroo hundumaa ijoollee komachuufi dandeettii, sammuu ykn barbaachisummaasaanii tuffachuudhaan, miirasaanii cabsuudhaan wanti isaanirratti raawwatamu baay’ee kan nama gaddisiisudha. Miidhaan afaaniin ga’u akkasii kun hamilee ijoollee cabsuu danda’a. Ijoolleen hundi adabni akka isaan barbaachisu beekamaadha. Ta’uyyuu Macaafni Qulqulluun, “Yaadni isaanii akka hin badnetti ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa!” jechuudhaan abbootii gorsa.—Qolosaayis 3:21.
YAKKA MANA KEESSATTI RAAWWATAMU HAMBISUUN KAN DANDA’AMU AKKAMITTI?
Hiriyoonni gaa’elaa Kiristiyaana ta’aniifi jaalalaafi ulfina waliif qaban wal dhabiinsa uumame dafanii hiiku
18. Yakki mana keessaa eessaa jalqaba? Macaafni Qulqulluun yakka dhiisuuf maal gochuun akka barbaachisu dubbata?
18 Yakki garaafi sammuu keessatti jalqabama. Wanta tokko kan raawwannu akkaataa itti yaanneeni. (Yaaqoob 1:14, 15) Namni yakka raawwatu gochasaa dhaabuuf akkaataa itti yaadurratti jijjiirama gochuu qaba. (Roomaa 12:2) Kana gochuun ni danda’amaa? Eeyyee. Dubbiin Waaqayyoo namoota jijjiiruuf humna qaba. Ilaalcha nama miidhu isa akka ‘da’oo jabaallee’ buqqisuu ni danda’a. (2 Qorontos 10:4; Ibroota 4:12) Beekumsi sirrii Macaafa Qulqulluurraa argatan guutummaatti namoota jijjiiruu waan danda’uuf, namummaa haaraa akka uffatan ibsameera.—Efesoon 4:22-24; Qolosaayis 3:8-10.
19. Kiristiyaanonni hiriyaa gaa’elaasaaniitii ilaalcha akkamii qabaachuufi akkamitti wal qabuu qabu?
19 Ilaalcha hiriyaa gaa’elaatiif qabaachuu qabdan. Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta’aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata.” (Efesoon 5:28) Akkasumas Macaafni Qulqulluun abbaan manaa “akka gar tokko dhagna [isaa] isa dadhabaatti ulfina” kennuufii akka qabu dubbata. (1 Phexros 3:7) Haadhotiin manaammoo, ‘abbootii manaasaanii akka jaallatan’ akkasumas ‘ulfina akka kennaniif’ gorfamaniiru. (Tiitoos 2:4; Efesoon 5:33) Abbaan manaa Waaqayyoon sodaatu tokko haadha manaasaa utuu reebuufi jechaan utuu ishee madeessuu isheen kabaja jechuu hin danda’u. Haati manaas abbaa manaasheetti kan iyyituufi dubbii nama tuquun kan isa salphistu ykn yeroo hundumaa kan maqaasaa balleessitu yoo ta’e, dhugumaan akka isa jaallattuufi akka isa kabajju dubbachuu hin dandeessu.
20. Warri, ijoolleesaanii ilaalchisee eenyu biratti itti gaafatamu? Wanta humnasaaniitii ol ta’e isaanirraa eeguu kan hin qabnehoo maaliifi?
20 Ijoolleedhaaf ilaalcha sirrii qabaachuu. Ijoolleen jaalalaafi xiyyeeffannaa warrasaanii argachuun isaaniif ni ta’a, isaan barbaachisas. Dubbiin Waaqayyoo, ijoolleen “kennaa Waaqayyoo” akkasumas “bu’aa inni namaaf kennu” akka ta’an dubbata. (Faarfannaa 127:3) Warri, kennaa isaaniif kenname kana kunuunsuuf Yihowaa biratti itti gaafatamummaa qabu. Macaafni Qulqulluun waa’ee “amala mucummaa” akkasumas waa’ee ‘wallaalummaa’ ijoollee ni dubbata. (1 Qorontos 13:11, 1899; Fakkeenya 22:15) Warri, wallaalummaa ijoolleesaanii yommuu argan dinqisiifamuu hin qaban. Ijoolleen nama guddaa miti. Warri umrii, akkaataa maatiifi dandeettiisaanii ol ijoolleerraa eeguu hin qaban.—Uumama 33:12-14 waliin ilaali.
21. Akkaataa haadhaafi abbaa dullooman itti ilaalluufi isaan itti qabnu ilaalchisee ilaalchi Waaqayyoo maalidha?
21 Ilaalcha haadhaafi abbaa keessan warra dulloomaniif qabaachuu qabdan. Lewwoonni 19:32, “Nama mataa harrii yommuu argitu ka’iif! Nama dulloomaaf ulfina kenni!” jedha. Kanaafuu, Seerri Waaqayyoo namoota dullooman akka kabajnuufi bakka guddaa akka kenninuuf nu gorsa. Warri dullooman wanta humnaa ol ta’e kan gaafatan yoo ta’e ykn dhukkubaan kan ka’e deemuu ykn dafanii yaaduu kan hin dandeenye yoo ta’an, kana gochuun ulfaataa ta’uu danda’a. Ta’uyyuu, ijoolleen “dugda warra isaanii [akka] deebisaniif” hubachiisni kennameeraaf. (1 Ximotewos 5:4) Kana jechuun ulfinaan isaan qabuu, tariimmoo qarshiidhaanis isaan gargaaruu jechuudha. Qaamaanis ta’e karaa biraatiin warra dullooman miidhuun, wanta Macaafni Qulqulluun akka goonu nutti himuu wajjin guutummaatti kan wal faallessudha.
22. Yakka mana keessatti raawwatamu to’achuuf amalli barbaachisaa ta’e kami? Kan argisiifamuu danda’uhoo akkamitti?
22 Amala of qabuu qabaadhaa. Fakkeenyi 29:11 akkas jedha: “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata.” Yaada keessan to’achuu kan dandeessan akkamitti? Aariin isin keessatti akka dagaagu gochuu mannaa, dafaatii rakkina uumame hiikaa. (Efesoon 4:26, 27) Of to’achuu akka dadhabdan yoo isinitti dhaga’amemmoo bakka sanaa deemaa. Hafuurri Waaqayyoo amala of qabuu horachuuf akka isin gargaaru kadhadhaa. (Galaatiyaa 5:22, 23) Karaa deemuun ykn sochii qaamaa tokko tokko hojjechuun miira keessan to’achuuf isin gargaaruu danda’a. (Fakkeenya 17:14, 27) “Dheekkamsatti suuta” jechuuf carraaqaa.—Fakkeenya 14:29.
GARGAR BA’UUMOO WALIIN JIRAACHUU WAYYA?
23. Miseensi gumii Kiristiyaanaa tokko irra deddeebi’uudhaan gaabbii malee maatiisaatti kan dheekkamu, irra darbees kan isaan reebu yoo ta’e maaltu godhama?
23 Macaafni Qulqulluun, gochawwan Waaqayyo balaaleffatu keessaa tokko tokko “diinummaa, qoccolloo, . . . dheekkamsa” akka ta’aniifi “warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye” ibsa. (Galaatiyaa 5:19-21) Kanaafuu, namni Kiristiyaana ofiin jechaa gaabbiin utuu itti hin dhaga’amin, hiriyaa gaa’elaasarrattis ta’e ijoolleesaarratti yeroo baay’ee dheekkamu ykn isaan reebu, gumii Kiristiyaanaa keessaa baafamuu danda’a. (2 Yohannis 9, 10 waliin ilaali.) Karaa kanaan gumichi namoota yakka raawwatanirraa qulqulluu ta’a.—1 Qorontos 5:6, 7; Galaatiyaa 5:9.
24. (a) Hiriyoonni gaa’elaa miidhaan irra ga’e maal gochuuf filachuu danda’u? (b) Hiriyoonniifi jaarsoliin nama miidhame sanaaf yaadan gargaarsa akkamii gochuufii danda’u? Garuu maal gochuu hin qaban?
24 Kiristiyaanonni dhiheenya kanatti hiriyaa gaa’elaa jijjiirama argisiisaa hin jerreen reebaman maal gochuu danda’u? Kiristiyaanonni tokko tokko sababii addaddaatiin kan ka’e hiriyaa gaa’elaa isaan miidhuu wajjin jiraachuu filataniiru. Tokko tokkommoo, fayyaasaanii, sammuufi jireenyi hafuuraasaanii, tariimmoo lubbuusaaniirrayyuu balaan akka ga’u waan itti dhaga’ameef gargar ba’uu filataniiru. Wanti miseensi maatii yakka mana keessatti raawwatamuun miidhaan irra ga’e gochuuf filatu tokko, murtoo dhuunfaa Yihowaa duratti godhudha. (1 Qorontos 7:10, 11) Michoonni, firoottan ykn jaarsoliin namaaf yaadan gargaarsa gochuufi gorsa kennuu barbaadu ta’a; ta’uyyuu, namni miidhaan irra ga’e sun tarkaanfii akkamiiyyuu akka fudhatu dhiibbaa isarratti gochuu hin qaban. Kun murtoo abbumti sun gochuu qabudha.—Roomaa 14:4; Galaatiyaa 6:5.
YEROO RAKKOOWWAN MIIDHAA GEESSISAN ITTI HAFAN
25. Maatii ilaalchisee kaayyoon Yihowaa maalidha?
25 Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniin gaa’elaan yeroo walitti hidhetti, maatiiwwan rakkina akka araada dhugaatii alkoolii ykn yakkaa jiraniin akka diigaman kaayyoosaa hin turre. (Efesoon 3:14, 15) Kanaa mannaa, maatiin bakka jaalalliifi nagaan keessa buufateefi miseensi maatii hundumtuu fedhiin sammuu, miiraafi hafuuraasaa itti guutamuuf akka ta’u yaadamee ture. Haata’u malee, erga cubbuun raawwatamuu jalqabee booda jireenyi maatii gadi badaa dhufe.—Lallaba 8:9 waliin ilaali.
26. Namoonni ulaagaa Yihowaan baaseen jiraachuuf yaalan maal argatu?
26 Kan nama gammachiisu garuu, Yihowaan kaayyoo maatiidhaaf qabu kan hin jijjiirre ta’uusaati. Addunyaa namoonni ‘bir’aa malee keessa jiraataniifi wanti tokkollee itti isaan hin naasisne’ akka fidu abdii kenneera. (Hisqi’el 34:28) Yeroo sanatti araadni dhugaatiin alkoolii, yakkiifi rakkoowwan yeroo har’aa maatii miidhan hundumtuu hin jiraatan. Namoonni sodaafi miidhaa isaanirra ga’e dhoksuuf utuu hin ta’in “nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin” fuullisaanii ni ifa.—Faarfannaa 37:11.
a Nama araada dhugaatii alkoolii qabu akka dhiiraatti caqasnuyyuu, seerri bu’uuraa boqonnaa kana keessatti ibsame dubartii araada akkasii qabduufis qixxee hojjeta.
b Biyyoota tokko tokkotti, buufanni yaalii fayyaa, hospitaalonniifi sagantaawwan namoota araada dhugaatii alkoolii qabaniifi maatiiwwansaanii gargaaruuf qophaa’an jiru. Qophiiwwan kanatti fayyadamuu ykn dhiisuun filannoo dhuunfaati. Waldaan Masaraa Eegumsaa wal’aansa kanarra isa kanatu wayya jedhee yaada hin kennu. Haata’u malee, namni tokko gargaarsa argachuuf jecha seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka hin cabsine of eeggachuu qaba.