LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 3 ful. 6-7
  • Yesus Kristos Eenyuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Kristos Eenyuu?
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Kiristos Eenyudha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 3 ful. 6-7

Barumsa 3

Yesus Kristos Eenyuu?

Yesus ilma Waaqayyoo ‘isa hangafa’ jedhamee kan waamame maaliifii? (1)

“Sagalee” jedhamee kan waamame hoo? (1

Yesus nama ta’ee gara lafaa kan dhufe maaliif turee? (2-4)

Dinqiiwwan kan hojjete maaliifii? (5)

Yeroo dhihootti Yesus maal godhaa? (6)

1. Yesus gara lafaa utuu hin dhufiniin dura qaama hafuuraa ta’ee samii keessa jiraachaa ture. Uumama Waaqayyoo isa jalqabaa waan ta’eef ilma Waaqayyoo “isa hangafa” jedhamee waamameera. (Ibroota 1:6; Qolosaayis 1:15) Yihowaan kallattiidhaan kan uume Yesusiin qofa. Yihowaan samiis ta’e uumama lafarra jiraatan hundaa kan uumee Yesusiin akka hangafa ‘hojjetaatti’ dhimma ba’uudhaani. (Fakkeenya 8:22-31 Macaafa qulqulluu bara 1899 maxxanfame; Qolosaayis 1:16, 17) Kana malees, Waaqayyo akka sagalee dabarsituutti itti gargaarameera. “Sagalee” jadhamee sababiin waamameefis kanuma.—Yohannis 1:1-3; Mul’ata 19:13.

2. Waaqayyo lubbuu ilmasaa kana gara gadameessa Maariyaamitti jijjiiruudhaan gara lafaatti isa erge. Yesus abbaa nama foonii kan hin qabaanne kanaafi. Cubbuu ykn hir’ina gonkummaa kan hin dhaalles kanumaafi. Waaqayyo Yesusiin gara lafaatti kan erge sababii sadiifi: (1) Waayee Waaqayyoo dhugaasaa akka nubarsiisuuf (Yohannis 18:37), (2) Ejjennoosaa gonkummaadhaan eegee faanasaa duukaa akka buunuuf fakkeenya nuuta’uuf (1 Phexros 2:21), Akkasumas (3) Lubbuusaa cubbuu keenyaaf aarsaa godhee du’a jalaa nubaasuuf. Aarsaa dhiheessuun maaliif barbaachisee?—Maatewos 20:28.

3. Addaam namni inni jalqabaa, abboommii Waaqayyoorra darbuudhaan wanta Macaafni qulqulluun “Cubbuu” jedhee waamu hojjete. Kanaaf, Waaqayyo murtoo du’aa itti murteesse. (Uumama 3:17-19) Addaam sadarkaa ejjennoo Waaqayyoo utuu hin guutin waan hafeef, gonkkummaasaa dhabe. Suuta suutaanis dulloomee du’e. Addaam cubbuu kana ijolleesaa hundumaatti dabarse. Nuyis kan dulloomnu, kan dhukkubsannuufi kan duunuuf sababii kanaafi. Egaan dhalli namaa fayyuu kan danda’u akkamittii?—Roomaa 3:23; 5:12.

4. Yesus akkuma Addaam nama gonkummaa qabu ture. Haata’u malee qorumsi cimaan isarra ga’uyyuu, haala Addaamirraa adda ta’een Waaqayyoof guutummaatti ajajameera. Kanaafuu, lubbuusaa isa gonkummaa qabu aarssaa gochuudhaan cubbuu Addaam nurraa haquu ni danda’a. Macaafni qulqulluun “furii” jedhee kan waamu kana dha. Karaa kanaan ijoolleen Addaam hidhaa du’aa jalaa walaba ba’uu danda’u. Kan Yesusitti amanan hundinuu dhiifama cubbuu argatanii jireenya bara baraa dhaaluu ni danda’u.—1  Ximotewos 2:5, 6; Yohannis 3:16; Roomaa 5:18, 19.

5. Yesus yeroo lafarra jiraachaa ture dhukkubsattoota fayyiseera, kan beela’an nyaachiseera, obomboleesi bishaanii akka gab jedhu godheera, kan du’an kaaseera. Dinqiiwwan kana kan hojjetee maaliif turee? (1) Namoota rakkinni irra ga’eef waan gaddeefi isaan gargaaruu waan barbaadeef. (2) Dinqiiwwan kun ilma Waaqayyoo ta’uusaa waan mirkaneessaniif. (3) Yeroo Mootii ta’ee lafa kana bulchutti ijoollee namaa warra ajajamoo ta’aniif maal akka godhuuf argisiisuuf.—Maatewos 14:14; Maarqos 2:10-12; Yohannis 5:28, 29.

6. Yesus eega du’ee booda, Waaqayyo qaama uumama hafuuraa taasisee isa kaaseera; gara samiittis deebi’eera. (1 Phexros 3:18) Waaqayyo yeroo sanaa jalqabee Mootii isa godheera. Yeroo dhihootti, Yesus lafa kanarraa hammeenyaafi dhiphina gonkumaa ni balleessa.—Faarfannaa 37:9-11; Fakkeenya 2:21, 22.

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Tajaajilli Yesus, barsiisuu, dinqii raawwachuufi lubbuusaa nuuf dabarsee kennuu dabalata ture

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi