Barumsa 5
Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
Yihowaan maaliif lafa uumee? (1, 2)
Lafti yeroo ammaatti maaliif jannata hin taanee? (3)
Namootni hamoon maal ta’uu? (4)
Yesus gara fuulduraatti warra dhukkubsatan, warra dulloomaniifi warra du’aniif maal godhaa? (5, 6)
Eebbawwan gara fuulduraatti argamanirraa hirmaachuu yoo barbaadde maal gochuu sibarbaachisaa? (7)
1. Yihowaan lafattii kana kan Uume namoonni bara baraan gammadanii akka irra jiraataniifi. Fedhiinsaa yeroo hundumaa lafti namoota qajeeloofi gammadoo ta’aniin akka guutamtu ture. (Faarfannaa 115:16; Isaayaas 45:18) Lafti gonkumaa hin baddu; bara baraaf jiraatti.—Faarfannaa 104:5; Lallaba 1: 4.
2. Waaqayyo utuu nama hin Uumin dura, kutaa lafaarraa xinnoo filatee jannata baay’ee bareeddu dhaabe. Bakka sanas iddoo dhaaba mukeetii Eedan jedhee waame. Dhiiraafi durba warra duraa jechuunis, Addaamifi Hewwaaniin achi keessa kaa’ee. Akka ijoollee horaniifi lafa guutan kaayyoosaa ture. Suuta suutaanis guutummaa lafattii gara jannataatti jijjiiru.—Uumama 1:28; 2: 8, 15.
3. Addaamiifi Hewwaan ta’e jedhanii seera Waaqayyoorra darbuudhaan cubbuu hojjetan. Sababii kanaan kan ka’e Yihowaan dhaaba jannataa keessaa isaan baase. Jannatnis ni badde. (Uumama 3:1-6, 23) Haata’u malee Yihowaan lafattii kanaaf kaayyoo qabu hin iraanfanne. Jannata ijoolleen namaa irra jiraatan dhaabuuf waadaa galeera. Kana akkamitti raawwataa?—Faarfannaa 37:29.
4. Lafti kun utuu jannata hin ta’in, namootni hamoon baduutu irra jiraata. (Faarfannaa 37:38) Kunis kan ta’u, guyyaa Waaqayyo guutummaadhaa guutummaatti waraana Armaagedooniin hammeenya balleessutti. Sana booda, Seexanni waggaa 1,000 hidhama. Kana jechuun namoonni hamoon lafa balleessan hin jiraatan jechuudha. Badiisa kanarraa kan oolan saba Waaqayyoo qofa ta’u.—Mul’ata 16: 14, 16; 20: 1-3.
5. Kana booda Yesus waggaa 1,000f lafa kanarratti mo’a. (Mul’ata 20:6) Suuta suutaan sammuufi qaama keenyarraa cubbuu ni balleessa. Haala gonkummaa Addaamiifi Hewwaan utuu cubbuu hin hojjetin dura qabanitti deebina. Dhukkubni, dullumniifi duuni hin jiraatan. Namoonni dhukkubsatan ni fayyu, warri dulloomanis gara dargaggummaatti deebi’u.—Iyoob 33:25; Isaayaas 33:24; Mul’ata 21: 3, 4.
6. Bittaa Yesus waggaa kuma tokkootti, namootni amanamoon guutummaa lafattii jannata taasisu. (Luqaas 23:43) Kana malees namoota du’an keessaa kan miliyoonatti lakkaa’aman du’aa ka’aanii lafarra jiraachuu jalqabu. (Hojii 24:15) Wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu yoo raawwatan, bara baraaf lafarra jiraatu. Yoo raawwachuu baatan garuu, bara baraaf badu.—Yohannis 5: 28, 29; Mul’ata 20: 11-15.
7. Akka kanaan kaayyoon Waaqayyo jalqabatti lafaaf baase ni raawwata. Eebbawwan gara fuulduraatti dhufan kanarraa hirmaachuu ni barbaaddaa? Yoo ni barbaadda ta’e, waayee Yihowaa barachuu kee itti fufuufi waan inni sirraa barbaadu hundaa gochuu qabda. Kana gochuuf walga’ii galma Dhugaa Baatota Yihowaatti argamuun kee baay’ee sigargaara.—Isaayaas 11:9; Ibroota 10: 24, 25.
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Jannata ishee badde
[Fakkii fuula 11rra jiru]
Armaagedoon booda lafti Jannata taati