Barumsa 6
Mootummaan Waaqayyoo Maalidhaa?
Mootummaan Waaqayyoo eessatti argamaa? (1)
Mootiin Mootummaa kanaa eenyudhaa? (2
Mootichaa wajjin kan bitan jiru ta’innaa? Yoo jiraatanoo, lakkofsisaanii meeqaa? (3)
Bara dhumaa keessa akka jirru akkamitti beeknaa? (4)
Gara fuulduraatti Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namaatiif maal godhaa? (5-7)
1. Yesus yeroo lafarra ture, duuka buutonnisaa Mootummaan Waaqayyoo haadhuftu jedhanii akka kadhatan isaan barsiisee ture. Mootummaan olaantummaa mootii tokkootiin kan bulfamudha. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa addaati. Kan hundeeffame samiirratti yeroo ta’u lafas ni bulcha. Maqaa Waaqayyoo ni qulqulleessa, ykn qulqullummaa maqaasaa ni mirkaneessa. Fedhiin Waaqayyoo samiirratti akkuma ta’e lafarrattis akka raawwatamu taasisa.—Maatewos 6:9, 10.
2. Yesus Mootii Mootummaasaa akka ta’u Waaqayyo dubbatee ture. (Luqaas 1:30-33) Yesus yeroo lafarra ture, gaarii, dhuga qabeessaafi Mootii gonkummaa qabu ta’uu akka danda’u mirkaneesseera. Gara samiitti akka ol ba’een, Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee teessoorra hin teenye. (Ibroota 10:12, 13) Bara 1914tti Yihowaan waadaa Yesusiif galee tureen aboo kenneef. Guyyaa sanaa eegalee, Yesus Mootii ta’e samiirratti bituu jalqabeera.—Daani’el 7:13, 14.
3. Kana malees Yihowaan dhiiraafi dubartoota amanamoo samiitti geessu filateera. Jarreen kun Yesusii wajjin mootota, abbootii firdiifi luboota ta’anii ijoollee namaa bulchu. (Luqaas 22:28-30; Mul’ata 5:9, 10) Yesus Mootummaasaatti namoota isaa wajjin bitaniin “karra xinnayyoo” jedhee waameera. Lakkoofsisaaniis 144,000 dha.—Luqaas 12:32; Mul’ata 14:1-3.
4. Yesus battaluma Mootii ta’etti, Seexanaafi ergamootasaa gara lafaatti darbbateera. Bara 1914 jalqabee haalli biyya lafaa kan badaa deemes kanumaafi. (Mul’ata 12:9, 12) Waraanni, beelli, dhahichi, seeraan ala ta’uunifi kkf hundi, Yesus bitaa jiraachuusaafi sirni kun yeroo dhumaa keessa jiraachuusaa ‘mallattoowwan’ argisiisan keessaa tokko tokkodha.—Maatewos 24:3, 7, 8, 12; Luqaas 21:10, 11; 2 Ximotewos 3:1-5.
5. Akka tikseen hoolotasaa re’oota keessaa fo’atutti, Yesus yeroo dhihootti ijoollee namaa addaan fo’uudhaan murtoo kenna. ‘Hoolotni’ warra amanamummaadhaan Waaqayyoof bitamuusaanii mirkaneessanidha. Jarreen kun lafarratti jireenya bara baraa argatu. ‘Re’ootnimmoo’ warra Mootummaa Waaqayyoo hin barbaadnu jedhanidha. (Maatewos 25:31-34, 46) Yeroo dhihootti, Yesus namoota re’ootaan fakkeeffaman haxaa’ee balleessa. (2 Tasaloniiqee 1:6-9) Yoo “hoolota” Yesus keessaa tokko ta’uu barbbaadde, ergaa Mootummatti dhaggeeffachuufi waan baratte hojiirra oolchuu sibarbaachisa.—Maatewos 24:14.
6. Yeroo ammaatti lafti biyyoota adda addaatiin garaa gara hiramteetti. Biyyoottan hundinuu seera mataasaanii qabu. Saboonni kun yeroo baay’ee walii walii isaanii wal waraanu. Haata’u malee, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa mootummaa namootaa hundumaa balleessee iddoosaanii qabata. Guutummaa biyya lafaarratti mootumman bulmaataa inni tokkichi Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’a. (Daani’el 2:44) Yeroo sanatti waraanni, yakkiifi hammeenyi hin jiraatu. Namni hundinuu nagaafi tokkummaadhaan jiraata.—Miikiyaas 4:3, 4.
7. Bara bittaa Yesus isa waggaa kuma tokkootti, ijoolleen namaa amanamoo ta’an hundinuu gonkummaa argatu. Guutummaan biyya lafaa jannata taati. Yesus dhuma waggaa kuma tokkootti, hojii Waaqayyo itti keenne hundummaa ni raawwata. Sanaan booda Mootummicha abbaasaatiif deebisa. (1 Qorontos 15:24) Waan Mootummaan Waaqayyoo raawwatu maaliif hiriyoota keetiifi namoota jaallattutti hin himtuu?
[Fakkii fuula 13rra jiru]
Bulchiinsa Yesus jalatti, jibbi ykn walcaalmaan hin jiraatu