LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 7 ful. 14-15
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Kutaa 11
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu!
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 7 ful. 14-15

Barumsa 7

Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu

Yeroo hunda kadhachuun maaliif barbaachisaa? (1)

Kadhachuu kan qabnu eenyuunii, akkamittiihoo? (2, 3)

Kadhachuu kan qabnu maal fa’ii? (4)

Kadhachuu kan qabdu yoomii? (5, 6)

Waaqayyo kadhannaa hundumaa ni dhaga’aa? (7)

1. Kadhannaa jechuun gad ofqabuudhaan Waaqayyoon haasofsiisuudha. Yeroo hundumaa Waaqayyoon kadhachuu sibarbaachisa. Kana yoo goote, Waaqayyo akka hiriyaa jaallatamaatti sitti dhihaachuu danda’a. Waaqayyo baay’ee guddaafi humnisaa hammana kan hin jedhamne yoo ta’eyyuu kadhannaa keenya ni dhaga’a! Yeroo hunda ni kadhattaa?—Faarfannaa 65:2; 1 Tasaloniiqee 5:17.

2. Kadhannaan Kutaa waaqeffannaa keessaa isa tokko. Kanaafuu, kadhannaa keenya dhiheessuu kan qabnu Yihowaadhaaf qofa. Yesus yeroo lafarra jiraachaa ture kan inni kadhannaa dhiheesse Abbaasaatiif malee eenyuufiyyuu hin turre. Nuyis akkasuma gochuu nubarbaachisa. (Maatewos 4:10; 6: 9) Haata’u malee, kadhannaan keenya hundinuu dhihaachuu kan qabu maqaa Yesuusiini. Kunis aboofi sadarkaa Yesus akka kabajnu, akkasumas furii aarsaasaatti akka amannu argisiisa.—Yohannis 14:6; 1 Yohannis 2:1, 2.

3. Kadhannaa keenya yeroo dhiheessinutti wanta garaa keenya keessa jiru Waaqayyotti himachuu dandeenya. Kitaaba kadhannaan irratti barreeffamerraa, ykn waan sammutti qabanne, irra deddeebinee kadhachuu hin qabnu. (Maatewos 6:7, 8) Yeroo nubarbaachiseefi bakka barbaannetti karaa ulfina qabuun kadhachuu dandeenya. Sagalee keenya utuu hin dhageessisin garaa keenyatti wanta kadhannu hunda Waaqayyo dhaga’uu ni danda’a. (1 Saamu’el 1:12, 13) Dhuunfaatti kadhannaa keennya dhiheessuuf bakka namoonni hin jirreefi bakka gabii qabu yoo arganne gaariidha.—Maarqos 1:35.

4. Waay’ee maaliifaa kadhachuu dandeessaa? Wanta walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdu ilaalu hundaaf kadhachuu dandeessa. (Filiphisiiyus 4: 6, 7) Waayee maqaafi kaayyoo Yihowaa kadhachuun akka nubarbaachisu fakkeenyi kadhannaa Yesus ni mul’isa. Kana malees, wanta jireenyaaf nubarbaachisu, cubbuun keenya akka nuuf dhiifamu, humna qormaata ittiin mo’uu dandeenyu akka nuukennu kadhachuu dandeenya. (Maatewos 6: 9-13) Kadhannaan keenya ofittummaarratti kan hundaa’e ta’uu hin qabu. Kadhachuu kan qabnu akka fedha Waaqayyootti ta’uu qaba.—1 Yohannis 5:14.

5. Waaqayyoon galateeffachuun, ykn ol ol gochuun yeroo sitti dhaga’amu yeroo kamittiyyuu kadhannaa dhiheessuu ni dandeessa. (1 Seenaa Baraa 29:10-13) Rakkinni yeroo simudatuufi amantiinkee yeroo qoramu kadhannaa dhiheessuun sibarbaachisa. (Faarfannaa 55:22; 120:1) Nyaata utuu hin nyaatiniin dura yoo kadhannaa dhiheessite gaariidha. (Maatewos 14:19) Yihowaan “yeroo hundumaa” akka isa kadhannu nu afeera.—Efesoon 6:18.

6. Caalaadhumatti yeroo cubbuu cimaa hojjennu kadhachuu nubarbaachisa. Yeroo akkasii kanatti, Yihowaan dhiifamaafi aaraara akka nuugodhu cimsinee kadhachuu qabna. Irra daddarba keenya Waaqayyotti yoo himne, deebisnee cubbuu akka hin hojjenneefis hamma danddeenye yoo tattaafanne, Waaqayyo ‘dhiifama nuuf gochuudhaaf qophaa’aadha.’ —Faarfannaa 86:5 [NW]; Fakkeenya 28:13.

7. Yihowaan kan dhaga’u kadhannaa namoota qajeeloo qofa. Kadhaawwan kee Waaqayyo biratti fudhatama akka argatan yoo barbaade, seerawwan Waaqayyoo eeguuf tattaaffii gochuu sibarbaachisa. (Fakkeenya 15:29; 28:9) Yeroo kadhannaa dhiheessitu gad ofqabuu sibarbaachisa. (Luqaas 18:9-14) Kana malees, kadhannaakee wajjin walii galtee jiraachuuf carraaquu qabda. Kana gochuunkee, amantii dhugaa akka qabduufi wanta kadhattu sana garaa guutuudhaan akka barbaaddu argisiisa. Yihowaan kadhannaa keetiif kan deebii kennu yoo kana gote qofa.—Ibroota 11:6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi