LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • rq barumsa 12 ful. 24-25
  • Lubbuufi Dhiigaaf Ulfina Kennuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lubbuufi Dhiigaaf Ulfina Kennuu
  • Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kennaa Jireenyaatiif Ulfina Kenni
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Ilaalcha Waaqayyo Lubbuudhaaf Qabu Qabaadhu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Akkuma Waaqayyoo Jireenyaaf Bakka Guddaa ni Kennitaa?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Akkuma Waaqayyoo, Jireenyaaf Bakka Guddaa Kennitaa?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
rq barumsa 12 ful. 24-25

Barumsa 12

Lubbuufi Dhiigaaf Ulfina Kennuu

Jireenyaaf ilaalcha akkamii qabaachuutu sirra jiraataa? (1) ulfa baassuudhaafoo? (1)

Kristiyaanonni lubbuurra akka balaan hin geenyeef jabeessanii kan yaadan ta’uusaanii akkamitti argisiisuu? (2)

Horii ajjeesuun dogoggoraa? (3)

Lubbuuf akka kabaja hin laanne gochawwan argisiisan maalfa’ii? (4)

Dhiiga ilaalchisee seerri Waaqayyoo kenne maalidhaa? (5)

Kunoo dhiiga karaa hidda dhiigaa fudhachuu ni dabalataa? (6)

1. Burqaan jireenya hundaa Yihowaadha. Uumamni hundinuu jireenya kan argatan Waaqayyoo irraati. (Faarfannaa 36:⁠9) Lubbuun fuula Waaqayyoo duratti qulqulluudha. Mucaan hin dhalatin kan gadameessa haadhaa keessa jiru Waaqayyo duratti iddoo guddaa qaba. Mucaa garaa haadhaa keessatti guddachaa jiru beekaa ajjeesuun cubbuudha.​—⁠Ba’uu 21:​22, 23; Faarfannaa 127:⁠3.

2. Kristiyaanonni dhugaa haalawwan lubbuurra balaa geessisan akka hin jiraanneef cimsanii ofeeggatu. Konkolaataafi manasaaniitiin haala walqabateen wanti balaa geessisu akka hin jiraanne ofeeggatu. (Keessa Deebii 22:⁠8) Tajaajiltoonni Waaqayyoo gammachuu argachuuf jedhanii lubbuusaanii balaatti dabarsanii hin kennan. Kanaafuu ta’e jedhanii ispoortii balaa geessisurratti hin hirmaatan. Bashannana lola kakaasurraa ni fagaatu.​—⁠Faarfannaa 11:5; Yohannis 13:⁠35.

3. Lubbuun horiis fuula Waaqayyoo duratti qulqulluudha. Kristiyaanni tokko nyaataafi uffataaf ykn dhukkubaafi balaarraa of oolchuuf bineensa ajjeesuu ni danda’a. (Uumama 3:21; 9:3; Ba’uu 21:28) Haata’u malee, ispoortii ykn bashannanaaf jedhee bineensoota dhiphisuun ykn ajjeesuun sirrii miti.​—⁠Fakkeenya 12:⁠10.

4. Kristiyaanonni tamboo xuuxuu, jimaa qama’uufi gammachuudhaaf jedhanii qoricha sammuu hadoochuun fayyadamuu hin qaban. (1) Bitamtootasaanii waan nugodhaniif, (2) qaama keenyarra waan balaa geessisaniifi (3) waan nuxureessaniif Gochawwan kana raawwachuun sirrii miti. (Roomaa 6:19; 12:1; 2 Qorontos 7:⁠1) Amalawwan kana dhiisuun ulfaataa ta’uu danda’a. Ta’us Yihowaa gammachiisuuf jecha dhiisuun dirqama.

5. Dhiignis fuula Waaqayyoo duratti qulqulluudha. Waaqayyo lubbuun ykn jireenyii dhiiga keessa akka ta’e ni hima. Kanaafuu dhiiga nyaachuun dogoggora. Kana malees, horii qalamee sirriitti dhiignisaa hin dhangala’in nyaachuun sirrii miti. Horii ykn bineensa hudhamee ykn kiyyoodhaan qabamee du’e nyaachuu hin qabnu. Rasaasaan rukutamee ykn eeboodhaan waraanamee yeruma sanatti dhiignisaa yoo dhangala’uu baate nyaatamuu hin qabu.​—⁠Uumama 9:​3, 4; Lewwoota 17:​13, 14; Hojii 15:​28, 29.

6. Dhiiga karaa hidda dhiigaa fudhachuun dogoggoraa? Yihowaan dhiigarraa fagaachuu keenya akka barbaadu yaadadhu. Kana jechuunis dhiiga nama kamiiyyuu, dhiiga qaama keenya keessaa ba’ellee taanaan karaa kamiiniyyuu gara qaama keenyaatti galchuu hin qabnu jechuudha. (Hojii 21:25) Sababii kanaan kan ka’e Kristiyaanonni dhugaa dhiiga hin fudhatan. Qorichawwan dhiigarraa walaba ta’an dabalatee, yaalii barbaachisaa ta’e hundumaa ni fudhatu. Jiraachuu kan barbaadan yoo ta’eyyuu, seera Waaqayyoo cabsuudhaan lubbuusaanii dheeressuuf hin yaalan.​—⁠Maatewos 16: 25.

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne, dhiiga karaa hidda dhiigaatiin hin fudhannu; barsiifatawwan gaarii hin taanerraa ni fagaanna, lubbuu keenyas balaarra hin buusnu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi