Barumsa 16
Waaqayyoon Tajaajiluuf Murtoo Gochuu Qabdu
Waaqayyoo wajjin michoomuuf maal gochuu qabdaa? (1, 2)
Waaqayyoof kan ofmurteessitu akkamittii? (1)
Cuuphamuu kan qabdu yoomii? (2)
Waaqayyoof amanamummaadhaan dhaabachuuf humna sibarbaachisu akkamitti argachuu dandeessaa? (3)
1. Michuu Waaqayyoo ta’uu yoo barbaadde, dhugaa Macaafa qulqulluu akka gaaritti beekuu (1 Ximotewos 2:3, 4), wanta barattetti amanuu (Ibroota 11:6), cubbuu hojjettetti gaabbuu (Hojii 17:30, 31), fi akkaataa jireenyaa kee jijjiiruu (Hojii 3:19) sibarbaachisaa. Kana booda jaalalli Waaqayyoof qabdu akka Isaaf ofmurteessitu sikakaasuu qaba. Kana jechuunis, kophaa kee taatee kadhannaa dhuunfaatiin fedhasaa raawwachuuf akka dabarsitee ofkennite Waaqayyotti himta jechuudha.—Maatewos 16:24; 22:37.
2. Waaqayyoof eega ofmurteessitee booda, cuuphamuu sibarbaachisa. (Maatewos 28:19, 20) Cuuphamuunkee Waaqayyoof akka ofmurteessite namni hundinuu akka beeku godha. Kanaafuu cuphamuu kan qaban namoota ofmurteessuufi Waaqayyoon tajaajiluu danda’an qofadha. Namni tokko yeroo cuuphamu, qaamnisaa guutummaadhaa guutummaatti yeroo muraasaaf bishaan keesa lixuutu irra jiraata.a—Maarqos 1:9, 10; Hojii 8:36.
3. Eega ofmurteessitee booda, waadaa galtee kana egdee akka jiraatu Yihowaan sirraa barbaada. (Faarfannaa 50:14; Lallaba 5:4, 5) Seexanni Yihowaa tajaajiluu akka dhaabdu gochuudhaaf ni carraaqa. (1 Phexros 5:8) Haata’u malee, kadhannaadhaan Waaqayyootti dhihaachuu qabda. (Filiphisiiyus 4:6, 7) Guyyaa guyyaadhaan sagaleesaa qayyabadhu. (Faarfannaa 1:1-3) Walitti dhufeenya Gumii wajjin qabdu cimsi. (Ibroota 13:17) Kana hundumaa yoo raawwatte, Waaqayyoof amanamummaadhaan dhaabachuuf humna argatta. Akkaataa kanaan wanta Waaqayyo sirraa barbaadu bara baraaf hojjechaa jiraachuu ni dandeessa!
[Footnotes]
a Qophii cuuphaaf sibarbaachisu gochuuf kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu, ykn kan kanaa wajjin walfakkaatu kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin maxxanfame yoo qayyabatte gaariidha.