LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 9 ful. 15
  • Michoonni Waaqayyoo Eenyufa’i?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michoonni Waaqayyoo Eenyufa’i?
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Uumamawwan Hafuuraa Miliyoonaan Lakkaaʼaman
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 9 ful. 15

BARUMSA 9

Michoonni Waaqayyoo Eenyufaʼi?

Mootii Mootummaa Waaqayyoo kan ta’e Yesuus Kiristoosii fi maleekonni hojii lallabaa geggeessaa jiru

Yesus Kiristos Ilma Yihowaafi michuusaa isa hundarra caaludha. Yesus nama taʼee lafarra jiraachuusaa dura, qaama hafuuraa humna guddaa qabu taʼee samiirra jiraachaa ture. (Yohannis 17:5) Sana booda, dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu namoota barsiisuuf gara lafaa dhufe. (Yohannis 18:37) Ilmaan namootaa warra ajajamoo taʼan cubbuufi duʼa jalaa oolchuufis lubbuusaa kenneera. (Roomaa 6:23) Yesus yeroo ammaatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo siʼa taʼu, Mootummaan kunis samiirratti kan argamuufi lafa kana Jannata kan godhudha.—Mulʼata 19:16.

Ergamoonnis michoota Waaqayyooti. Ergamoonni kan uumaman akka namootaa lafarra akka jiraataniif miti. Waaqayyo lafa uumuusaa dura samiirratti isaan uume. (Iyoob 38:4-7) Baayʼinni ergamootaa miliyoonaan kan lakkaaʼamudha. (Daaniʼel 7:10) Michoonni Waaqayyoo samiirra jiraatan kun, ilmaan namootaa waaʼee Yihowaa dhugaasaa akka beekan barbaadu.—Mulʼata 14:6, 7.

Dhugaa Baatonni Yihowaa dubartii tokkoof yommuu lallaban

Waaqayyo lafarraas michoota kan qabu siʼa taʼu, isaaniinis dhugaa baatotakoo jedhee waama. Namni dhugaa baʼuuf mana murtiitti waamame, waaʼee nama ykn wanta beeku tokkoo ni dubbata. Dhugaa Baatonni Yihowaas, waaʼee Yihowaafi waaʼee kaayyoosaa wanta beekan warra kaanitti himu. (Isaayaas 43:10) Akkuma ergamootaa, Dhugaa Baatonni kunis waaʼee Yihowaa akka barattu si gargaaruudhaan michuu Waaqayyoo akka taatu barbaadu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi