LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 10 ful. 16-17
  • Amantii Dhugaa Beekuun kan Danda’amu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantii Dhugaa Beekuun kan Danda’amu Akkamitti?
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Amantii Sobaarraa Fagaadhu!
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Amantii Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqeffannaa Dhugaa Akkamitti Beekuu Dandeessa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 10 ful. 16-17

BARUMSA 10

Amantii Dhugaa Beekuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde, amantii isa biratti fudhatama qabu hordofuu qabda. Yesus warri ‘Waaqayyoof sagadan’ “dhugaadhaan” isaaf sagaduu akka qaban dubbateera. (Yohannis 4:23, 24) Waaqayyoon sirriitti waaqeffachuu kan dandeenyu karaa tokko qofadha. (Efesoon 4:4-6) Amantii dhugaan jireenya barabaraa argamsiisa; amantiin sobaa garuu gara badiisatti geessa.—Maatewos 7:13, 14.

Namoonni baay’een Dhugaa Baatota Yihowaa ni ilaalu

Gocha namoota amanticha hordofanii ilaaluudhaan, amantii dhugaa beekuu dandeessa. Yihowaan Waaqa gaarii waan taʼeef, namoonni amantii dhugaa hordofanis namoota gaarii taʼuu qabu. Mukti burtukaanii gaariin burtukaanii gaarii akkuma godhatu, amantiin dhugaas namoonni gaarii akka taʼan gochuu qaba.—Maatewos 7:15-20.

Michoonni Yihowaa Macaafa Qulqulluutiif ulfina guddaa kennu. Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo akka taʼe beeku. Jireenyasaanii ittiin qajeelfachuuf, rakkinasaanii ittiin hiikkachuufi waaʼee Waaqayyoo barachuuf itti fayyadamu. (2 Ximotewos 3:16) Wanta lallabanis hojiirra oolchuuf carraaqu.

Michoonni Yihowaa wal jaallatu. Yesus waaʼee Waaqayyoo barsiisuufi warra dhukkubsatan fayyisuudhaan namoota akka jaallatu argisiiseera. Namoonni amantii dhugaa hordofanis, warra kaan akka jaallatan ni argisiisu. Akkuma Yesus, isaanis namoota hiyyeeyyii ykn namoota qomoosaanii hin taane hin tuffatan. Yesus, duuka buutonnisaa jaalala waliif qabaniin akka beekaman dubbateera.—Yohannis 13:35.

Michoonni Waaqayyoo maqaasaa isa Yihowaa jedhamuuf ulfina kennu. Namni maqaa keetiin si waamuu hin barbaanne michuukee taʼuu dandaʼaa? Hin dandaʼu! Michuu yoo qabaanne, maqaasaatiin isa waamna; warra kaanittis waaʼeesaa waan gaarii dubbanna. Namoonni michuu Waaqayyoo taʼuu barbaadanis, maqaasaatiin isa waamuufi waaʼeesaa warra kaanitti himuu qabu. Yihowaan kana akka goonu barbaada.—Maatewos 6:9; Roomaa 10:13, 14.

Michoonni Waaqayyoos, akkuma Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisu. Mootummaan kun, bulchiinsa Waaqayyoo isa lafa kana jannata godhudha. Michoonni Waaqayyoo misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo kana warra kaanitti himu.—Maatewos 24:14.

Dhugaa Baatonni Yihowaa michuu Waaqayyoo taʼuuf carraaqu. Macaafa Qulqulluudhaaf ulfina kennu, walis ni jaallatu. Maqaa Waaqayyootti ni fayyadamu, maqaa kanas ni kabaju, akkasumas waaʼee Mootummaa Waaqayyoo warra kaan ni barsiisu. Yeroo ammaatti addunyaa maratti amantii dhugaa kan hordofan Dhugaa Baatota Yihowaa qofadha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi