LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kn36 ful. 1-4
  • Waggaa Kuma Haaraan Abdii Maalii Siif Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waggaa Kuma Haaraan Abdii Maalii Siif Qabaa?
  • Waggaa Kuma Haaraan Abdii Maalii Siif Qabaa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Waaggaa Kuma Haaraan--Duree Bara Haaraa Tii?
  • Xuraa’ina Naannoo
  • Dhukkuba
  • Hiyyummaa
  • Waraana
  • Waggaa Kuma Ijoolleen Namaa Itti Eebbifamani
  • Beekumsa Gara Jireenyaatti Geessu!
Waggaa Kuma Haaraan Abdii Maalii Siif Qabaa?
kn36 ful. 1-4

Misiraachoo Mootumma Lakkoofsa 36

Waggaa Kuma Haaraan Abdii Maalii Siif Qabaa?

Waaggaa Kuma Haaraan--Duree Bara Haaraa Tii?

MUDDEE 31, 1999 Walakkaa halkanitti jaarraa 20⁠ffaa irraa adda baaneerra.a Cimina jequmssaa tiin jaarraa beekame ture. Haat’u mallee jaarraan kun teeknolojiwwan haaraa, guddina saayinsii fayyaa, wal jijjirraa informeeshinii fi guddinni dinagddee guutummaa biyya lafaatti argame dha. Knaafuu waggaan kuma haaraa kun namoota baay’ee biratti mallattoo abdii fi jijjiramaa ta’ee ilaalameera. Haata’u malee jaarraan kun waraanni, hiyyumnni, xuraa’ina naannoo fi dhukkubnni itti dhabamsiifamuu danda’amu ta’innaa?

Namootni baay’een abdii akkasii qabu. Haa ta’u malee jijjirraan waggaa kuma haaraan kun fidu siifis ta’e jireenya maatii keetiif abdii wabii qabu fiduuf danddeettiin isaa ammamii? Rakkowwan fula keenya dura jiran keessaa bal’ina yartuwwan isaanii ilaalii.

Xuraa’ina Naannoo

Biyyoottan industrii dhaan guddatan “sadarkaa biyyoleessaa tiin halawwan naannoo irratti balaa geessisuu isaanii irra iyyuu xuraa’ina babal’isuuf seera umamaa irratti badii guddaa gessisaa jiru.” Haalli kun akkaataa kanaan itti fufnaan “uumama irratti badii isaan geessisan ittuma cimaa adeema.”​—⁠“Globaal Invaayroonmeent Aawut luuk​—⁠2000.” Haala Naannootti Sagantaa Mootummoota Waliinta’anii.

Dhukkuba

“Bara 2020⁠tti namoota biyyoottan gudachaa jiran jiraatan keessaa dhukkuba namaa namaatti hin darbineen kudhan keessaa torba kan du’an ta’uu isaanii waan madaalamee yeroo ta’u sa’aa ammaatti garuu lakkoofsi kun walakkaa irraa gadi bu’aa dha.” “Za Gloobaal Barddan Oof Diiziiz.” Haarvaard Yunivarsiitii Prees, 1996.

Akka hayyootni [beekttonni ] tokko tokko dubbatanitti yoo ta’e “bara 2010⁠tti biyyoottan dhukkubni [Eedsii ] baay’inaan babal’atan 23 keessa lakoofsi namoota [ jiraatanii ] miliyona 66 gadi ta’a.”​—⁠“Konffarting EEDS: Iviidans Froom The Develoopping Woorld.” Coomishiinii Awuroopaa fi Baankii Buyyolessaa tiin gabaasa dhihaate.

Hiyyummaa

“Saba biyya lafaa jiraatan keessaa biliyona 1.3⁠tti kan dhihaatan tokkoon tokkoo guyyaa kan dabarsan qarshii doolaara tokkoo gadi ta’en yeroo ta’u namootni biliyona 1⁠tti dhihaatan immoo fedhii bu’ura nyaata isaanii illee guuttachuu hin dandeenye.”​—⁠“Ripporttii Huumaan Diiveeloppmeentii bara 1999,” Sagantaa misooma mootummoota waliin ta’anii.

Waraana

“Jeeqamni [biyyottan adda addaa] keessatti ka’an kun sadarkaa argamee hin beekamnne irra ga’uu danda’u. Sanyii, qomoo fi [garaa garummaa] amantiitiin jeqamni kaka’u akkasii kun . . . kurmaana [qubsuma] Waggaatti . . . waggaa waggaa dhaan namootni kumaatama dhibbatti lakkaa’aman kan ittiin dhuman walitti bu’insa beekamaa geessisa.”​—⁠“Niwuu Woorld Kaaming: Ameerikaan Seekuuritti In Za Tuweentii Farst Seenchurii,” Yuu Ees (U.S.) Wabii eegumsa nageenya naashinaal koomishiinii jaarraa 21⁠ffaa.

Egaan Waaggaan kuma inni haaraan bari’uu issaa tiin burraaqqii fi gammachuun argame xuraa’ina naannaa, dhukkuba, hiyyummaa fi waraanni Yeroo kam iyyuu caalaatti bara inni itti babal’achaa adeemu kun akka hin hubatamnee fi dhugaan isaa akka hin argamneef dhokseera. Rakkowwan kanaaf sababii durssaa kan ta’e qorannoo saayinsii, karaa teeknooloojii yookiin karaa siyaasaa hambisuu kan hin danda’amne kan akka doqnummaa, amantaa wal irraa dhabuu, amalawwan ofittummaa ti.

Waggaa Kuma Ijoolleen Namaa Itti Eebbifamani

YEROO tokko barreessaan bara durii tokko akkas jedhee ture: “Yaa Waaqayyo! namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin gaggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka.” (Ermiyaas 10:23) Dhallii namaa dandeetti lafa bituu qofaa utuu hin ta’in mirga isaa iyyuu hin qabu. Rokkowwan ijoollee namaa hiikuu dhaaf mirga isaas ta’e dandeettii isaa kan qabu uumaa keenya kan ta’e Yihowaa duwwaa dha.​—⁠Roomaa 11:​33-36; Mul’ata 4:⁠11.

Haa ta’u malee wanti kun kan ta’u yoomii fi akkamitti? Ragaan “guyyoota gara dhumaatti” dhihaachuu keenya argisiisan baay’eetu jira. Hadaraakee Macaafa Qulqulluu kee baniitti 2 Ximotewos 3:​1-5⁠tti dubbisi. Namootni “bara nama sodaachisu” kanatti amalawan isaan argisiisan nuuf ibsa. Kana malees Maatewos 24:​3-14 fi Luqaas 21:​10, 11 waa’ee “yeroo nama sodaachisu” kanaa ni dubbatu. Isaan kunis kan irratti xiyyeeffatan bara 1914 eegalee haalawwan raawwachaa turan, kan akka waraanawwan biyyooleessaa, dha’ichaa fi hir’ina nyaataa babal’achaa deeman irratti dha.

Yeroo dhihootti “guyyaan gara dhumaa” kun ni raawwata. Daan’eel 2:44 akkas jedha: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni Waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, . . . dhaabuuf jira; inni mootumoota [biyya lafaa] sana hundumaa caccabsse in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaa ti immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” Kanaafuu Waaqayyoo mootummaa lafa kana bitu, yookiin bulchu akka hunddeessu duraan durssee raajiin dubbatameera. Akka Mul’ata 20:4 jedhutti yoo ta’e bulchiinsi kun Waggaa kuma tokkoof bita! Waggaa ulfina (surra) qabeessa kuma tokkoo kana keessatti karaa haalawwan jireenyi ijoollee namaa itti foyya’uu dandda’an tokko tokko haa ilaallu:

Diinagdee. “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu, si’achi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu.”​—⁠Isaayaas 65:​21, 22.

Fayyaa. “Yommuus iji warra jaamotaa in banama gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaalaa, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu.” “Warra xiyoon keessa jiraatan keessaa namni tokko illee, ‘nadhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”​—⁠Isaayaas 33:​24: 35:​5, 6.

Haala Naannoo. “Waaqni warra lafa balleessan ni balleessa.”​—⁠Mul’ata 11:⁠18.

Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiraatu. “Tulluu koo isa qulqula’aa irrattis nama kan miidhu, yookiis waa kaan balleessu hin jiru; akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.”​—⁠Isaayaas 11:9

Namootni miliyonatti lakkaa’aman abdiwwan Macaafa Qulqullutti waan amananiif waay’ee yeroo gara fula duraa ilaalcha sirrii ta’e qabaachuu danda’aniiru. Sababa kanaan kan ka’e cimina jireenyaa fi haalawwan rakkinaa danda’aniiru. Macaafni Ququlluun jireenya kee tiif akkamitti qajeelfama ta’uu danda’aa?

Beekumsa Gara Jireenyaatti Geessu!

AL TOKKO TOKKO sadarkaa sayinsiif teeknooloojiin irra ga’an baay’ee kan nama ajaa’ibu ta’u ni danda’a! Haa ta’u malee, beekumsi namaa jireenya namoota baay’ee gammachuuf tasgabbii akka argatan hin taasisne. Beekumsi qofaa isaatti kana gochuu danda’u Macaafa Qulqulluu keessatti Yohannis 17:3 irratti ibsameera: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”

Beekumsi akkasii kun fuula Macaafa Qulqulluu irratti argama. Namootni baay’een Macaafa Qulqulluu ilaalchisanii yaada ilaalcha jabaa qabu kan dubbatan yoo ta’e iyyuu baay’een isaanii Macaafa kana qoruu dhaaf yaalii godhanii hin beekani. Atoo? Dhugaa dha, Macaafa Qulqulluu dubbisuun akka inni tattaaffi cimaa barbaadu beekamaa dha.

Haa ta’u iyyuu malee bu’aa inni argamsiisuu danda’u yeroo ilaallutti hammam illee yoo dadhabnne wanta nama gaabbisiisu miti. “Caaffatni qulqullaa’aan hundinuu gaggeessaa hafuura waaqayyootiin waan caafameef; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelumaattis leejjisuudhaaf dhimma kan baasuu” Macaafa Qulqulluu qofa.​—⁠2 Ximotewos 3:⁠16.

Egaan Macaafa Qulqulluu wajjin wal baruu jalqabuu kan dandeessu attamittii? Maaliif Dhugaa Baafttonni Yihowaa akka si gargaaran in gootuu? Namoota miliyoonatti lakkaa’aman baasii tokko malee Macaafa Qulqulluu barsiisu. Karaa kanaan si gargaaruuf brooshura Waaqni nurraa maal barbaadaa? Jadhamuu fi barreeffamoota adda addaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’aniin dhimma ba’u. Brooshuriin kun Waaqnni eenyuu? Kaayyoon Waaqnni lafaaf qabu maal innii? Mootummaan Waaqayyoo maal innii? Macaafnni Ququlluun jireenya maatii kee sii fooyyeessuu kan danda’u akkaataa kamiinii? Kan jedhaniif kan kana fakkaataniif, Macaaf Ququlluu ilaalchisee gaaffiwwan qabduuf deebii quubsaa fi gabaabaa keennu.

Dhugaa Baaftota Yihowaa keessaa tokko mana kee dhufee akka si haasofsiisu yoo ni barbaadda ta’e hadaraakee kuppoona kanaa gadditti argamu guuti. Dhugaa Baafttonni Yihowaa waa’ee bittaa mootummaa Waaqayyoo isa surra qabeessa waggaa kuma tokkoo ragaa dabalataa si kennuuf qophaa’oo fi gammado dha.

□ Burooshura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhu arggachuu nan barbaada. Afaan kamiin akka barbaaddan ibsaa․

□ Macaafa Qulqulluu baruu waanan barbaaduuf hadaraa na hasofsiisaa.

[Miiljalee]

a Waggaan kuma haaraan nu’ii as irratti ittiin dhimma baane ilaalcha biyyoota Dhihaatti bal’inaan fudhatamaa ta’eeni dha. Akka seera isaatti yoo ta’e garuu waggaan kumaa inni haaraan kan jalqabu Amajjii 1, 2001.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi