LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be ful. 62-ful. 65 key. 4
  • Dandeettii Namootaa Wajjin Mariʼachuuf Qabnu Fooyyessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Namootaa Wajjin Mariʼachuuf Qabnu Fooyyessuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Manakeetii Jalqabi
  • Nama Hin Beeknee Wajjin Mariʼachuu
  • Mareen Akka Itti Fufu Gochuu
  • Obbolootaa Wajjin Yommuu Taanu
  • Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Karaa Alidilee Taʼeen Dhugaa Baʼuuf Marii Jalqabuu
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Dandeettii Namoota Wajjin Haasaʼuuf Qabu Fooyyeffachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Marii Keessan Addaan Kutuu Qabdaa?
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Fedhii Namootaatiif Xiyyeeffannaa Kenni
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be ful. 62-ful. 65 key. 4

Dandeettii Namootaa Wajjin Mariʼachuuf Qabnu Fooyyessuu

YEROO baayʼee sodaan utuu sitti hin dhagaʼamin namootaa wajjin mariʼachuun sitti ulfaataa? Namoonni baayʼeen, namaa wajjin, keessumaammoo, nama hin beeknee wajjin mariʼachuun baayʼee isaan sodaachisa. Namoonni akkasii uumamasaaniitiin kan sodaatan taʼuu dandaʼu. ‘Waaʼee maaliin dubbadha? Maricha akkamittan jalqabuu dandaʼa? Marichi akka itti fufu gochuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhanii yaaddaʼu taʼa. Namoonni hin sodaanneefi salphaatti namootaa wajjin walii galuu dandaʼanimmoo maricha toʼachuuf qoramu taʼa. Namoonni akkasii namni kaan yaadasaa akka ibsu gochuufi warra kaan dhaggeeffachuun isaan rakkisuu dandaʼa. Kanaaf, kan sodaannus taane, salphaatti namootaa wajjin walii galuu kan dandeenyu hundi, dandeettii namootaa wajjin mariʼachuuf qabnu fooyyessuun nu barbaachisa.

Manakeetii Jalqabi

Dandeettii namootaa wajjin mariʼachuuf qabdu fooyyeffachuuf, manakeetii maaliif hin jalqabdu? Mareen nama jajjabeessu gammachuu maatiitiif gumaacha guddaa qaba.

Garaadhaa waliif yaaduun maree akkasii gochuuf baayʼee barbaachisaadha. (Kes. 6:6, 7; Fak. 4:1-4) Waliif kan yaannu yoo taʼe, wanta nutti dhagaʼamu ni dubbanna; namni kaan yommuu dubbatus ni dhaggeeffanna. Wanti barbaachisaa taʼe garabiraanimmoo, yaada nama jajjabeessuufi warra kaaniif hirru qabaachuudha. Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu kan dubbisnuufi kan qayyabannu yoo taʼe, wanta gaarii namootaaf hirru hedduu qabaanna. Buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamutti akka gaariitti yoo fayyadamne, yaada maree jalqabuuf nu gargaaru arganna. Tajaajilarratti yommuu hirmaannu muuxannoo gaarii argannee taʼuu dandaʼa. Wanta hubannaa namaa dabalu ykn nama kolfisiisu dubbisneerra taʼa. Maatiin yommuu waliin haasaʼu, yaada akkasii kaasanii mariʼachuun wanta amaleeffatamuu qabudha. Akkas gochuun keenya, namoota kaanii wajjinis mariʼachuuf nu gargaara.

Nama Hin Beeknee Wajjin Mariʼachuu

Namoonni hedduun nama hin beeknee wajjin maree jalqabuun isaan sodaachisa. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu Waaqayyoofi namoota waan jaallataniif, dhugaa Macaafa Qulqulluu namootatti himuuf jecha, karaa itti warra kaanii wajjiin maree gochuu dandaʼan barachuuf carraaqu. Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

Filiphisiiyus 2:4⁠rraa seera buʼuuraa buʼa qabeessa taʼe argatta. Hundi keenya, “waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin!” jedhamnee gorfamneerra. Mee karaa kanaan yaadi: Namni yeroo jalqabaatiif argite tokko, akka ormaatti si ilaaluu dandaʼa. Namni kun akka hin sodaanne gochuu kan dandeessu akkamitti? Fuula ifaadhaan nagaa isa gaafachuun gaariidha. Wanti irratti yaadamuu qabu garabiraanis jira.

Tarii utuu yaadaan qabamee jiruu isa haasofsiiste taʼa. Wanta inni yaadaa jiruuf xiyyeeffannaa utuu hin kennin, wanta ofiikeetii yaadde itti dubbachuu utuu yaaltee deebii gaarii waan sii kennu sitti fakkaataa? Yesus, Samaariyaatti boolla bishaanii biratti dubartii tokko yommuu arge maal godhe? Yaannishee bishaan waraabuutti qabamee ture. Yesusis dhimma kanarratti hundaaʼee dubartittii wajjin mariʼachuu kan jalqabe yommuu taʼuu, karaa hafuuraas maree gaarii gochuu dandaʼeera.—Yoh. 4:7-26.

Haala namootaa xiyyeeffannaadhaan kan ilaaltu yoo taʼe, waaʼee maalii akka isaan yaadan hubachuu dandeessa. Gaddamoo gammachuutu fuula namichaarraa mulʼata? Nama dulloome ykn kan dhukkubsatedhaa? Ijoolleen mana keessa akka jiran wanti argisiisu jiraa? Nama jireenya gaarii qabumoo, wanta jireenyaaf isa barbaachisu argachuuf tattaafatudha? Wantoonni inni manasaa ittiin miidhagse ykn faayaansaa nama amantii taʼuusaa argisiisuu? Yeroo nagaa isa gaafattu wantoota kana tilmaama keessa yoo galchite, fedhii wal fakkaatu akka qabdan isatti dhagaʼamuu dandaʼa.

Namichi balbalasaa utuu hin banin kan si haasofsiisu yoo taʼe sababiinsaa maal taʼuu dandaʼa? Tarii jireenyisaa sodaadhaan kan guutame taʼuu dandaʼa. Akkas taanaan achuma dhaabattee dhimma kanarratti mariisisuu dandeessaa?

Naannoo tokko tokkotti, eenyummaakee, manasaa kan dhaqxeefi Waaqayyotti kan amantu maaliif akka taʼe, akkasumas Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf maaltu akka si kakaaseefi macaafa kana qayyabachuunkee akkamitti akka si gargaare itti himuudhaan nama tokkoo wajjin maree jalqabuun ni dandaʼama. (HoE. 26:4-23) Ogummaafi kaayyoo ifa taʼe sammuutti qabattee kana gochuu qabda. Kunimmoo, namichi waaʼeesaafi ilaalcha wantoota addaddaatiif qabu akka sii ibsu isa kakaasuu dandaʼa.

Naannoo tokko tokkotti keessummaa simachuun aadaa beekamaadha. Namoonni kun yeruma sana ol seentee akka teessu si afeeru taʼa. Ol seentee erga teessee booda, nageenya maatichaa karaa ulfina qabuun kan gaafattuufi yeroo isaan dubbatan garaadhaa kan dhaggeeffattu yoo taʼe, isaanis xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffachuu dandaʼu. Namoonni kaanimmoo, keessummaa manasaanii dhaqeef kana caalaa ulfina guddaa waan kennaniif, haalli itti nagaa isaan gaafattu baayʼee balʼaa taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti ilaalcha wal fakkaatu akka qabdan wanti argisiisu akka jiru hubachuu dandaʼu. Kunis karaa hafuuraa maree gaarii gochuuf carraa gaarii banuu dandaʼa.

Namoonni naannoo keetti argaman hedduun afaan garaagaraa kan dubbatan yoo taʼehoo? Namoota kanaa wajjin mariʼachuu kan dandeessu akkamitti? Afaanota kana keessaa jechoota nagaa gaafachuuf gargaaran qofallee yoo baratte, namoonni kun ilaalcha gaarii akka isaaniif qabdu hubachuu dandaʼu. Kunimmoo maree dabalataa gochuuf karaa banuu dandaʼa.

Mareen Akka Itti Fufu Gochuu

Mareen akka itti fufu gochuuf, yaada nama sanaa dhaggeeffachuuf fedhii qabaadhu. Fedhii yoo qabaate yaadasaa akka sii ibsu gaafadhu. Gaaffii itti yaadame gaafachuun si gargaaruu dandaʼa. Yeroo baayʼee, namni tokko gaaffii gaafatamuuf eeyyee ykn lakki jedhee qofa akka hin deebisne waan gargaaruuf, gaaffiiwwan namni tokko yaadasaa akka ibsu godhanitti fayyadamuun gaarii taʼa. Fakkeenyaaf, rakkoo namoota naannoosaa yaaddessu tokko erga dubbattee booda, “Sababiin rakkoo kanaa maal sitti fakkaata?” ykn “Furmaannisaa maalidha jettee yaadda?” jettee gaafachuu dandeessa.

Gaaffii erga gaafattee booda, deebii inni kennu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Waa dubbachuudhaan, mataa raasuudhaan ykn sochii qaamaa gochuudhaan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa akka jirtu argisiisi. Dubbiisaa gargar hin kutin. Wanta inni dubbatu garaadhaa dhaggeeffadhu. “Dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa” taʼi. (Yaq. 1:19) Deebiinkee, wanta inni dubbate xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa akka turte kan argisiisu taʼuu qaba.

Haataʼu malee, nama hundatu gaaffii keetiif deebii kenna jechuu akka hin taane hubadhu. Namoonni tokko tokko nyaaraan ykn seequudhaan qofa deebii kennu taʼa. Kaanimmoo, eeyyee ykn lakki jechuudhaan qofa deebisu. Taʼus abdii hin kutatin. Obsi. Namichi utuu hin barbaadin marichi akka itti fufu gochuu hin yaalin. Dhaggeeffachuuf fedhii qaba taanaan, Caaffata Qulqulluurraa yaada nama jajjabeessu itti himi. Sana booda akka michuusaatti si ilaaluufi sodaa malee yaadasaa sii ibsuu dandaʼa.

Yeroo namootaa wajjin mariʼattu, gaaffii yeroo garabiraa irratti mariʼachuuf si gargaaru gaafadhu. Namni tokko gaaffii hedduu yoo si gaafate, muraasasaaniitiif deebii erga kennitee booda, gaaffii yeroo garabiraa irratti mariʼachuu dandeessan tokko ykn lamammoo dhiisi. Gaaffiiwwansaarratti qorannaa akka gootu itti himi; achiis yaada argatte deebiʼii ibsiif. Gaaffii hin gaafanne taanaanimmoo, gaaffii fedhiisaa kakaasuu dandaʼu gaafachuudhaan maree keessan xumuruu dandeessa. Achiis yommuu deebitee dhaqxu akka irratti mariʼattan itti himi. Kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamurraa, akkasumas barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dhiheenyatti baʼanirraa yaadawwan gaggaarii argachuu dandeessa.

Obbolootaa Wajjin Yommuu Taanu

Nama Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal argitu, wal baruuf dursa fudhattammoo callistee ilaalta? Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu isaanii wajjin wal baruuf nu kakaasuu qaba. (Yoh. 13:35) Akkamitti wal baruu dandeessa? Maqaakee erga itti himtee booda, maqaasaa gaafachuu dandeessa. Yeroo baayʼee dhugaa akkamitti akka dhagaʼe gaafachuun, maree gaarii gochuufi akka gaariitti wal baruuf si gargaara. Yaadakee akka gaariitti ibsuun si rakkisullee, isaa wajjin wal baruuf carraaqqiin ati goote waaʼeesaa akka yaaddu akka itti dhagaʼamu godha; wanti barbaachisummoo kanadha.

Obboleessa gumii keetti argamuu wajjin maree gaarii gochuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Waaʼeesaafi waaʼee maatiisaa garaakeetii akka yaaddu argisiisi. Walgaʼiin xumurameeraa? Yaada gaarii walgaʼicharraa argatte itti himuu dandeessa. Kana gochuunkee lamaan keessaniyyuu fayyaduu dandaʼa. Qabxii gaarii Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaa! dhiheenyatti baʼerraa argatte caqasuu dandeessa. Kana kan gootu qabxii si gammachiise isaaf hiruuf malee, of jajuuf ykn beekaa taʼuukee argisiisuuf taʼuu hin qabu. Tokkoon keessan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa qabdu taanaan, kutichi akkamitti akka dhihaatu yaada walii hiruu dandeessu. Muuxannoo tajaajilarraa argattes itti himuu dandeessa.

Wanta namoonni dubbatan ykn godhan maree keenya gidduutti kaasuun keenya akka hin oolle beekamaadha. Maree keenya gidduutti qoosaa tokko tokko kaasuu dandeenya. Wanti dubbannu kan nama jajjabeessudhaa? Gorsa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuuf xiyyeeffannaa kan kenninuufi Waaqayyoon kan jaallannu yoo taʼe, mareen keenya kan nama jajjabeessu taʼuu akka qabu hin shakkisiisu.—Fak. 16:27, 28; Efe. 4:25, 29; 5:3, 4; Yaq. 1:26.

Tajaajila baʼuu keenya dura akka qophoofnu beekamaadha. Maarree michootakee wajjin yommuu mariʼattu, yaada nama gammachiisu dubbachuuf maaliif qophii hin gootu? Yaada gaarii yommuu dubbistu argatte ykn dhageesseefi warra kaaniif hiruu barbaaddu sammuutti qabadhu. Yeroo booda yaadawwan keessaa filattu baayʼee qabaachuu dandeessa. Akkas gochuunkee, wantoota guyya guyyaadhaan nu mudataniin alattis wantoota baayʼeerratti yaada akka kennitu si gargaara. Hunda caalaatti, wanti ati dubbattu Dubbii Waaqayyootiif bakka guddaa akka kennitu kan argisiisu haataʼu!—Far. 139:17.

YAADAWWAN MAREE JALQABUUF GARGAARAN

  • Barsiifata naannoo sanaa hordofi

  • Garaadhaa galateeffadhu

  • Dhimma lamaan keessan yaaddessu kaasi

  • Gaaffii ilaalchasaa akka ibsu kakaasu gaafadhu

AMALAWWAN MAREE JALQABUUF GARGAARAN

  • Fuula ifaa argisiisuu

  • Miira hoʼaafi garaa qulqulluu qabaachuu

  • Karaa sirrii taʼeen isaaniif yaaduu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi