Qajeelfama Ilaaltuu Olaanaa Mana Barumsichaatiif Kenname
GUMII tokko keessatti jaarsi tokko ilaaltuu olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii taʼee tajaajila. Itti gaafatamummaan kun sii kennameera taanaan, miira hoʼaadhaan geggeessuunkeefi barattoonni karaa hafuuraa akka guddatan kan isaaniif yaaddu taʼuunkee, manni barumsichaa gumichaaf faayidaa guddaa akka argamsiisu gochuurratti gaʼee guddaa qaba.
Hojiinkee inni guddaan, gumii keessatti torban torbaniin Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii geggeessuudha. Obboloota kutaan kennameef malees namoonni walgaʼiirratti argaman garabiraan akka jiran yaadadhu. Mana barumsichaa, kaayyoo barumsi kun itti barbaachiseefi yaada kitaaba kana fuula 5 hanga 8rratti ibsame galmaan gaʼuuf, karaa guutummaan gumichaa jajjabinaafi yaadachiisa akka argatu godhuun geggeessi.
Obboloota kutaa dubbisaan dhihaatu, kutaa hojiin argisiisaafi haasaadhaan dhihaatu qaban hundaaf akka yaaddu argisiisi. Wanti gochaa jiran, kutaa tokko dhiheessuu qofa utuu hin taʼin tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessaniin guddachaa akka adeeman kan isaan gargaaru akka taʼe isaan hubachiisi. Carraaqqiin gama kanaan gochaa jiran, karaa hafuuraa guddachuuf baayʼee isaan gargaara. Haataʼu malee garaadhaa isaaniif yaaduunkee, yaada gorsi irratti kennamu hubachuunsaanii hangam barbaachisaa akka taʼeefi gorsa kana akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu isaaniif ibsuunkees barbaachisaadha. Kanaaf, yaada gaarii isaaniif kennuu akka dandeessutti, haasaa dhihaatu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu.
Manni barumsichaa saʼaatiisaatti jalqabamee saʼaatiisaatti akka xumuramu yaalii godhi. Yaada kennitu daqiiqaa si ramadametti xumuruudhaan fakkeenya taʼi. Barataan tokko saʼaatii yoo dabarse, ati ykn namni garabiraan mallattoo kennuufii qabdu. Baratichis hima jalqabe xumuree waltajjiirraa buʼuu qaba. Obboloonni mana barumsichaa keessatti kutaa qaban kaanis saʼaatii yoo dabarsan, ati gama keetiin yaada kennitu gabaabsi; walgaʼicha boodammoo babalʼisaa saʼaatii dabarse sanaaf gorsa kenni.
Walgaʼicharratti argamteetta taanaan, mana barumsichaa geggeessuu kan qabu sidha. Yeroo ati argamuu hin dandeenyetti garuu, obboleessi qaama jaarsoliitiin dursee ramadame mana barumsichaa geggeessuu qaba. Barbaachisaa taanaan, tajaajilaan gumii qaama jaarsoliitiin ramadame, sagantaa qopheessuu, barreessuu, waraqaa kutaan itti kennamu hiruufi obboloota kutaa fudhatanii hafan bakka buusuurratti si gargaaruu dandaʼa.
Barattoota Galmeessuu. Babalʼistoonni hundi mana barumsichaatti kutaa dhiheessuuf akka galmeeffaman jajjabeessi. Namoonni gumichaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qaban, akkasumas barumsa Macaafa Qulqulluutti amananiifi seerawwan buʼuuraa Kiristiyaanotaaf baʼe eeganii jiraatan kaanis mana barumsichaatti galmeeffamuu dandaʼu. Namni tokko mana barumsichaarratti hirmaachuu yoo barbaade, gammachuudhaan isa simadhu. Namni kun babalʼisaa taʼuu baannaan, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaa waan taateef, galmeeffamuuf maaltu akka irraa eegamu itti himuu qabda. Yeroo kanatti namni Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisu yoo jiraate, isaa wajjin (ykn warrisaa Dhugaa Baatota yoo taʼanimmoo bakka isaan jiranitti) isa haasofsiisuunkee filatamaadha. Ulaagaan kun, ulaagaa babalʼisaan hin cuuphamne guutuu qabuu wajjin tokkodha. Ulaagaan kun kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu fuula 79 hanga 82rratti ibsameera. Maqaa namoota haaraafi kanaan dura mana barumsichaa keessatti hirmaachuuf galmeeffaman hunda qabadhu.
Foormii Gorsi Itti Kennamutti Fayyadamuu. Foormiin gorsa barattootaaf kennamu hunda qabate kitaaba kana fuula 79 hanga 81rratti argama. Akkuma halluudhaan gargar baafame, gorsi lakkoofsa 1 hanga 17 keessatti argamu hundi namoota kutaa dubbisaa dhiheessaniif kan kennamu taʼa. Kutaa hojiin argisiisaan dhihaatuuf gorsa lakkoofsa 7, 52fi 53 alatti, lakkoofsa hundatti fayyadamuun ni dandaʼama. Haasaadhaafimmoo gorsa lakkoofsa 7, 18fi 30 alatti, lakkoofsa hundatti fayyadamuun ni dandaʼama.
Lakkoofsi gorsi irratti kennamu ramadameera taanaan, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kitaaba baratichaarratti mataduree “Guyyaa Itti Kenname” jedhu jalatti irsaasiidhaan guyyaasaa barreessa. Baratichi kutaasaa erga dhiheesse booda, gilgaala qabxii gorsi irratti kennamuufi dhumarratti argamu hojjechuufi dhiisuusaa gaafadhu. Itti hojjeteera taanaan saanduqa foormicharratti argamurratti mallattoo godhi. Barataan sun qabxii gorsi irratti kennamurratti hojjechuusaa akka itti fufu yoo yaadde, mallattoo irratti hin godhin. Kanaa mannaa, “Guyyaa Itti Xumurame” jedhu utuu hin guutin dhiisuu qofti gaʼaadha. Bakka kanatti mallattoo gochuu kan qabdu, baratichi gara qabxii gorsi itti kennamu garabiraatti kan darbu yoo taʼe qofadha. Kana malees baratichi kutaasaa erga dhiheessee booda, yoomessoota fuula 82rra jiran keessaa bakka duwwaa karaa isa bitaatti argamurratti guyyaan yoomessa sanatti itti hojjete barreeffamuu qaba. Qabxiiwwan gorsi irratti kennamuufi yoomessoota hundarratti siʼa lama itti hojjechuun akka dandaʼamutti bakki duwwaan lama qophaaʼeera. Yeroo sagantaan kun geggeeffamutti barattoonni kitaabasaanii qabachuu qabu.
Barataa tokkoof, siʼa takkaatti qabxii gorsi irratti kennamu tokko qofa kennuu qabda. Yeroo baayʼee, qabxiiwwan gorsi irratti kennamu duraa duubasaaniitiin akka irratti hojjetu gochuun filatamaadha. Haataʼu malee, barattoonni dandeettii gaarii qaban yoo jiraatan, qabxiiwwan kana keessaa tokko tokko dhuunfaasaaniitti akka qayyabataniifi akka irratti hojjetan jajjabeessuu dandeessa. Achiis qabxiiwwan akka gaariitti haasaa dhiheessuufi barsiisuuf isaan fayyadu jettee yaaddurratti akka hojjetan isaan gargaaruu dandeessa.
Barataan tokko waggoota hedduudhaaf kutaa dhiheessaa kan ture taʼuus, qabxiiwwan gorsi irratti kennamu hunda yoo qayyabateefi yoo itti hojjete faayidaa guddaa argachuu dandaʼa. Barattoota karaa taʼe tokkoon fooyyaʼiinsa gochuun isaan barbaachisu gargaaruuf, qabxii gorsi irratti kennamu duraa duubaan hordofuu mannaa qabxii tokko tokko filattee isaaniif kennuu dandeessa.
Gorsa Kennuu. Yeroo gorsa kennitu fakkeenyawwaniifi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman akka gaariitti itti fayyadami. Barattoonni, gorsi kennitus taʼe akkaataan gorsa itti kennitu seerawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanii wajjin kan walsiman akka taʼan isaanitti dhagaʼamuu qaba.
Obboloonnikee “hidhata” amantiikee akka taʼan hin dagatin. (2 Qor. 1:24) Atis akkumasaanii, akkaataa itti dubbattuufi itti barsiistu fooyyessuuf carraaqqii gochuun si barbaachisa. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu qayyabadhu, gorsa achirratti argamu hojiirra oolchuudhaanis warra kaaniif fakkeenya taʼi.
Yeroo akkas gootu, kaayyoonkee barattoonni akka gaariitti kan dubbisan, haasaa gaarii akka dhiheessaniifi barsiistota dandeettii qaban akka taʼan gargaaruudha. Kana gochuuf garuu, barattoonni malawwan haasaa addaddaa akka beekan, malawwan kun barbaachisaa kan taʼan maaliif akka taʼeefi dandeettii kana akkamitti guddifachuu akka dandaʼan akka hubatan gargaaruuf carraaqqii gochuun si barbaachisa. Kitaabni kun kana akka gootu si gargaaruuf kan qophaaʼedha. Haataʼu malee, yeroo baayʼee yaada kitaabicharra jiru kallattiidhaan dubbisuun qofti gaʼaa miti. Yaanni kitaabicharra jiru maal akka taʼeefi akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu ibsi.
Barataan tokko qabxii isaaf kennamerratti yoo itti hojjete isa galateeffadhu. Kutaansaa buʼa qabeessa ykn gaarii akka taʼu kan godhe maal akka taʼe gabaabsi ibsi. Wantoonni inni fooyyessuu qabu tokko tokko yoo jiraatanimmoo, sababii kana gochuun itti isa barbaachise ibsuufii qabda. Akkamitti fooyyessuu akka dandaʼus ibsiif. Gorsikee ifatti, garuu gaarummaadhaan kan kenname taʼuu qaba.
Namoonni hedduun, saba dura dhaabatanii dubbachuun baayʼee akka isaanitti ulfaatu hin dagatin. Namni tokko kutaasaa akka gaariitti akka hin dhiheessine yoo itti dhagaʼame, fooyyaʼiinsa gochuu hin dandaʼu jedhee yaaduu dandaʼa. Fakkeenya Yesus, isa “jajjaba buruqfamaa hin cabsu, foʼaa ibsaa isa seequs hin dhaamsu” jedhamee hordofi. (Mat. 12:20) Wanta baratichatti dhagaʼamuu dandaʼu tilmaama keessa galchi. Yeroo gorsa kennitus, baratichi babalʼisaa haaraa ykn babalʼisaa muuxannoo qabu taʼuusaa tilmaama keessa galchi. Garaadhaa galateeffachuun, namoonni hamma dandaʼan carraaqqii gochuusaanii akka itti fufan jajjabeessuu dandaʼa.
Barattoota hunda kabaji. Roomaan 12:10, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan nu gorsa. Kun gorsa gaarii obboleessa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii geggeessuuf taʼu mitii? Barataan sun umriidhaan kan si caalu yoo taʼe, gorsa 1 Ximotewos 5:1, 2rra jiru hojiirra oolchi. Baratichi umrii akkamiirrattiyyuu kan argamu yoo taʼe, wantoota tokko tokkorratti sirreeffama akka godhu gaarummaadhaan gorsi yoo kennameef, gorsa kana fudhachuun isa hin rakkisu.—Fak. 25:11.
Yeroo gorsa kennitu, kaayyoo leenjii kanaa baratichaaf ifa godhi. Kaayyoonsaa qabxii isaaf kennamerratti hojjetee galateeffamuufi qabxii gorsi irratti kennamu kan biraatti darbuu miti. Kaayyoon keenya, akkaataa itti dubbannuufi haasaa itti dhiheessinuun warra kaan dinqisiisuu taʼuu hin qabu. (Fak. 25:27) Kanaa mannaa, dandeettii kanatti fayyadamnee Yihowaa jajachuu, namoonni kaanis akka isa beekaniifi akka isa jaallatan gargaaruudha. Leenjiin kun, hojii Maatewos 24:14fi 28:19, 20rratti ibsame karaa buʼa qabeessa taʼeen akka raawwannu nu gargaaruuf kan kennamudha. Obboloonni dhiiraa gaʼumsa qaban yeroo booda haasaa sabaa dhiheessuufi barsiistota taʼuudhaan, ‘Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne’ eeguurratti akka hirmaatan gaafatamuu dandaʼu.—1 Phe. 5:2, 3.
Qabxiin gorsi irratti kennamu barattootaaf erga ramadamee booda, yeruma sana lakkoofsa qayyabannaa sana dubbisuu akka jalqaban jajjabeessi. Kutaa mana barumsichaarratti dhiheessan yeroo qophaaʼan, qabxiiwwan kitaabicharraa argatan maree godhanirratti, yeroo gumiirratti yaada kennaniifi yeroo tajaajilarratti hirmaatan akka itti hojjetan jajjabeessi.
Kutaa Kennuu. Kutaan, yoo xinnaate torban sadii dura barattootaaf kennamuu qaba. Dandaʼamnaan, kutaan hundi foormii itti kutaa dhiheessanirratti barreeffamee kennamuu qaba.
Kutaawwan gumicha barsiisuuf qophaaʼan, jaarsoliifi tajaajiltoota gumii akka gaariitti kuticha dhiheessuu dandaʼaniif kennamuunsaanii filatamaadha.
Sagantaan mana barumsichaatiif qophaaʼu, kutaa obboloota dhiiraatiifi obboleettotaaf kennamuu qabu beekuuf si gargaara. Barattoota keessaa harka caalaan obboleettota yoo taʼan, obboloonni dhiiraa kutaawwan dubbisaan dhihaataniin alattis kutaawwan garabiraa dhiheessuuf carraa akka argatan godhi.
Sagantaa yommuu baastu, haala barattootaa tilmaama keessa galchi. Jaarsa ykn tajaajilaa gumii guyyaa sanatti Walgaʼii Tajaajilaarratti kutaa qabuuf ykn torban sana keessa haasaa sabaa dhiheessuuf kutaa kennuu qabdaa? Obboleettii guyyaa sanatti mucaanshee kutaa akka dhihees su ramadameefi gargaarsashee barbaaduuf guyyuma sanatti kutaa kennuu qabdaa? Keessumaa, baratichi mucaa yoo taʼe ykn nama hin cuuphamne yoo taʼe matadureen kennituuf haalasaa wajjin kan walsimudhaa? Barumsichi qabxii gorsi irratti isaaf kennamurratti hojjechuu dandaʼuufi dhiisuusaa mirkaneessuu qabda.
Kutaan tokko obboleettiidhaaf yeroo kennamu, obboleettiin kun qajeelfama fuula 78fi 82rratti argamurratti hundaaʼuudhaan yoomessasaa ofiisheetiif filatti. Yeroo kanatti obboleettiin ishee gargaartu tokko ramadamuufii qabdi; babalʼistuu ishee gargaartu garabiraas ramaduun ni dandaʼama. Barattuun tokko namni yoomessa adda taʼe tokkotti fayyadamuuf caalaatti ishee barbaachisu akka isheedhaaf ramadamu yoo gaafatte, gaaffiishee tilmaama keessa galchuun barbaachisaadha.
Kutaawwan Galma Dabalataatti Dhihaatan. Barattoonni mana barumsichaatti galmeeffaman lakkoofsisaanii 50 ol yoo taʼe, kutaa dabalataa barattoonni kutaasaanii itti dhiheessan qopheessuu barbaadda taʼa. Taanaan, akka haala gumichaatti kutaawwan hundi ykn kutaawwan dhumaa lamaan qofti akka dhihaatan gochuun ni dandaʼama.
Kutaa dabalataa kana keessatti, obboleessi dandeettii gaarii qabuufi gorsa kennu ramadamuu qaba; dandaʼamnaan obboleessi kun jaarsa utuu taʼee filatamaadha. Barbaachisaa taanaan, tajaajilaa gumii gaʼumsa qabutti fayyadamuun ni dandaʼama. Obboloota kana qaama jaarsoliitu filata. Barattoonni kutaasaanii, galma isa kamittiyyuu yoo dhiheessan, hordoffii gochuudhaan gargaaruun akka dandaʼamutti obboloota kutaawwan dabalataatti gorsa kennanii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu qabda.
Qophii Addaa Dubbisa Fooyyessuuf Gargaaru. Qaamni jaarsolii afaan gumichi itti fayyadamuun namoonni dubbisuu barachuun isaan barbaachisu akka jiran yoo itti amane, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii wajjin haala wal qabateen qophii tokko tokko gochuu dandeessa. Barumsi kennamu qubee barsiisuu ykn dandeettii dubbisaa fooyyessuuf kan gargaaru taʼuu dandaʼa.
Barumsi kun, kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii yeroo geggeeffamanitti kan dhihaatu taʼuu hin qabu. Namoota kana akka gaariitti gargaaruuf, saʼaatii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiitiif kennamerra caalu ramaduun barbaachisaadha. Qaamni jaarsolii maaltu akka barbaachisuufi barumsichi yoom akka kennamu murteessuu dandaʼa. Akka barbaachisummaasaatti bakka tokkotti walitti qabanii barsiisuuf ykn dhuunfaatti barsiisuuf qophiin godhamuu dandaʼa.
Barsiisan dandeettii gaarii qabu ramadamuu qaba. Obboleessi itti gaafatamummaan kun kennamuuf, akka gaariitti kan dubbisuufi afaanicha sirriitti kan beeku taʼuunsaa filatamaadha. Obboloota dhiiraa argachuun hin dandaʼamu taanaan, jaarsoliin obboleettii gaʼumsa qabduufi fakkeenya taatu ramaduu dandaʼu. Isheenis yeroo barsiistu mataashee haguuggachuu qabdi.—1 Qor. 11:3-10; 1 Xim. 2:11, 12.
Buukleetiin Dubbisuufi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamu afaan baayʼeedhaan qophaaʼeera. Buukleetiin kun barumsa buʼuuraa ittiin barsiisuuf kan qophaaʼedha. Dandeettii barattoonni dubbisuuf qabanirratti hundaaʼuudhaan, barreeffamoota ittiin barsiisuuf gargaaran garabiraattis fayyadamuun ni dandaʼama. Barattoonni dubbisasaanii erga fooyyeffatanii booda, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa akka dhiheessan jajjabeeffamuu qabu.
Ilaaltuu olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii taatee yommuu tajaajiltu, gumichi faayidaa guddaa akka argatu gargaaruu dandeessa. Kanaaf akka gaariitti qophaaʼi; gorsa Roomaa 12:6-8rratti kennamee wajjin haala walsimuunis, itti gaafatamummaakee akka adaraa Waaqayyo biraa sitti kennameetti ilaali.