Boqonnaa Afur
Raajonni Hundi Isaaf Dhugaa Ba’aniiru
1. Haalawwan Yesus utuu nama ta’ee hin dhalatin dura turan walitti dhufeenya inni Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee maal argisiisu?
“ABBAAN ilma in jaallata, ofii isaatii kan hojjetu hundumaa ilmatti in argisiisa.” (Yohannis 5:20) Ilmi kun Abbaasaa Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qaba ture! Walitti dhufeenyi cimaan kun kan jalqabame ilmisaa kun utuu nama ta’ee hin dhalatin waggoota dheeraa dura, jechuunis yeroo inni uumamedha. Inni ilma Waaqayyoo isa tokkicha yeroo ta’u, kana jechuunis kallattiidhaan Yihowaadhaan kan uumame isa qofa jechuudha. Wantoonni samiirras ta’e lafarra jiran hundi kan uumaman karaa Ilma isa jaallatamaafi isa hangafa kanaati. (Qolosaayis 1:15, 16) Kana malees, Yesus Sagalee Waaqayyoo kan dabarsu ta’uudhaan jaalala Waaqayyoo warra kaaniif kan dabarsu ta’ee tajaajileera. Ilmi Waaqayyo biratti baay’ee jaallatamaa ta’e kun yeroo booda nama ta’uudhaan Yesus Kiristos jedhamee waamame.—Fakkeenya 8:22-30; Yohannis 1:14, 18; 12:49, 50.
2. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu waa’ee Yesus hammam dubbatu?
2 Ilmi Waaqayyoo inni hangafni haala dinqii ta’een utuu hin dhalatin dura, raajiiwwan hedduun waa’eesaa dubbatan barreeffamanii turan. Phexros ‘Raajonni hundinuu isaaf dhugaa ba’aniiru’ jechuudhaan Qorneelewosiif mirkaneesseera. (Hojii Ergamootaa 10:43) Akka Macaafa Qulqulluurratti ibsametti shoora Yesus qabu ilaalchisee ergamaan tokko Yohannisiin: “Inni Yesus dhugaa ba’e immoo isa hafuurri namoota raajii dubbachiisuu dha” jedheera. (Mul’ata 19:10) Raajiiwwan kun inni Masiihii ta’uusaa mirkaneessaniiru. Akkasumas shoora addaddaa Yesus kaayyoo Waaqayyoo raawwachuu keessatti qabu nuuf ibsaniiru. Wantoonni kun hundi yeroo har’aatti hiika guddaa qabu.
Raajiiwwan kun Maal Ibsanii Turan?
3. (a) Raajii Uumama 3:15rratti ibsamerratti bofichi, ‘dubarttittiiniifi sanyiin bofichaa’ eenyuun bakka bu’u? (b) ‘Mataan bofichaa buruqsamunsaa’ tajaajiltoota Yihowaa gammachiisuu kan qabu maaliifi?
3 Raajiiwwan kana keessaa inni jalqabaa Eeden keessatti erga Waaqayyorratti ka’uun jalqabamee booda kan dubbatamedha. Yihowaan bofichaan akkas jedhe: “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.” (Uumama 3:15) Raajiin kun Seexana isa bofaan fakkeeffameef kan dubbatame ture. ‘Dubartittiin’ jaarmiyaa Yihowaa isa samii amanamaa ta’een kan fakkeeffamte yeroo ta’u, jaarmiyaan kun isaaf akka haadha manaa amanamtuuti. ‘Sanyiin bofichaa’ ergamtootaafi namoota amala Seexanaa calaqqisiisuudhaan Yihowaafi sabasaa morman hundaa kan dabalatudha. ‘Mataan bofichaa buruqsamuunsaa,’ Seexanni inni Yihowaarratti ka’ee isa arrabseefi ilmaan namootaarratti rakkina hangana hin jedhamne geessise dhumarratti kan balleeffamu ta’uusaa argisiisa. Haata’u malee, “sanyiin” mataa bofichaa buruqsu eenyudhaa? Wanti kun waggoota hedduudhaaf “dhoksaa” ta’ee tureera.—Roomaa 16:20, 25, 26.
4. Hiddi dhaloota Yesus, Sanyii abdachiifame ta’uusaa baruuf kan gargaare akkamitti?
4 Waggoota 2,000 booda Yihowaan kana ilaalchisee ibsa dabalataa kenne. Sanyiin kun hidda dhalootaa Abrahaamirraa akka dhufu argisiise. (Uumama 22:15-18) Haata’u malee, hiddi dhalootaa gara Sanyii kanaatti geessu filannoo Yihowaatiin malee qomoodhaan miti. Abrahaam ilmasaa Ishmaa’el isa Aggaarirraa dhalche kan jaalatu ta’ullee, Yihowaan garuu akkas jechuudhaan isatti hime: “Kakuu koo garuu Yisihaq isa Saaraan . . . siif deessuu wajjin nan jabeessa.” (Uumama 17:18-21) Yeroo boodas kakuun kun ilma Yisihaq isa hangafa Esaawuuf utuu hin ta’in, Yaaqoob isa gosoota Israa’el 12 argamsiisetti darbeera. (Uumama 28:10-14) Achiis, Sanyiin kun karaa Daawwitiin gosa Yihudaarraa akka dhalatu ibsame.—Uumama 49:10; 1 Seenaa 17:3, 4, 11-14.
5. Yesus yeroo tajaajilasaa isa lafarraa jalqabetti, Masiihii ta’uusaa wantoonni ifatti argisiisan maalfa’i?
5 Mallattoowwan eenyummaa Sanyichaa beekuuf nu gargaaran garabiraan maalfa’i? Sanyiin abdachiifame kun biyya Betlihem jedhamtutti akka dhalatu Macaafni Qulqulluun waggoota 700 dura raajessee ture. Kana malees, Sanyiin kun kan “bara baraa” jechuunis yeroo samii keessatti uumamee jalqabee kan jiraate ta’uusaa dubbatee ture. (Miikiyaas 5:2) Masiihii ta’ee yeroon inni lafarratti itti mul’atus Daani’el raajichaan dursee dubbatameera. (Daani’el 9:24-26) Yeroo Yesus hafuura qulqulluudhaan dibametti, sagaleen Waaqayyoo samiirraa dhufuudhaan Ilmasaa ta’uusaa ibseera. (Maatewos 3:16, 17) Eenyummaan Sanyii kanaa kan beekame yeroo kana ture. Kanaafuu, Filiphos shakkii tokko malee akkas jechuu danda’eera: “Isa Museen macaafa seeraa keessatti, raajonnis immoo macaafa isaanii keessatti waa’ee isaa caafan arganneerra.”—Yohannis 1:45.
6. (a) Akka Luqaas 24:27rratti ibsametti, duuka buutonni Yesus maal hubatanii turan? (b) ‘Sanyiin dubartittii’ inni guddaan eenyudha? Inni mataa bofichaa buruqsa jechuunoo maal jechuudha?
6 Sana booda, duuka buutonni Yesus Caaffata Qulqullaa’oo keessatti raajiiwwan waa’eesaa dubbatan baay’een akka jiran hubatan. (Luqaas 24:27) Achiis Yesus ‘sanyii dubartittii’ isa guddaa mataa bofichaa buruqsu akkasumas bara baraaf Seexana kan balleessu ta’uunsaa ni hubatame. Abdiin Waaqayyo ilmaan namaatiif kenneefi hawwiidhaan eeggannu hundi raawwi kan argatan karaa Yesusidha.—2 Qorontos 1:20.
7. Raajiiwwan kana keessatti kan ibsame Eenyu akka ta’e hubachuu qofa utuu hin ta’in, maal hubachuu keenyatu faayidaa nuuf argamsiisa?
7 Kana hubachuun keenya maal gochuuf nu kakaasuu qaba? Macaafni Qulqulluun, xu’aashiin nama Itoophiyaa tokko raajiiwwan waa’ee furiifi waa’ee Masiihichaa dubbatan tokko tokko dubbisuusaa nutti hima. Namichis kana hubachuu waan dadhabeef Filiphosiin: “Raajichi waa’ee eenyuutiif kana dubbata?” jechuudhaan gaafate. Haata’u malee, namichi gaaffiisaatiif erga deebii argatee booda dhimma kana akkasumaan hin dhiisne. Ibsa Filiphoos akka gaariitti erga dhaggeeffatee booda, dinqisiifannaan inni raawwii raajii kanaaf qabu gamasaatiin tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. Cuuphamuun akka isa barbaachisus ni hubate. (Hojii Ergamootaa 8:32-38; Isaayaas 53:3-9) Nutihoo tarkaanfii akkasii ni fudhannaa?
8. (a) Abrahaam ilmasaa Yisihaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf yaalii gochuunsaa eenyuuf fakkeenya ta’a? (b) Yihowaan Abrahaamiin sabni biyya lafarraa hundi sanyii keetiin ni eebbifamu jedhee kan itti hime maaliifi? Jechi kun yeroo har’aatti nuuf kan hojjetu akkamitti?
8 Kana malees, Abrahaam ilmasaa tokkicha isa Saaraarraa dhalate Yisihaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf qophaa’ee akka ture yaadadhu. (Uumama 22:1-18) Kunimmoo Yihowaan Ilmasaa tokkicha aarsaa godhee akka dhiheessu fakkeenya ta’a ture: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yohannis 3:16) Kunis Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf Ilmasaa tokkicha akka nuuf kenne, ‘waan hundumaas tola akka nuuf kennu’ akka amannu nu gargaara. (Roomaa 8:32) Wanti nurraa barbaadamu maalidha? Uumama 22:18rraa hubachuu akka dandeenyutti, Yihowaan: “Ati waan anaaf abboomamteef” sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin ni eebbifamu jechuudhaan Abrahaamitti himeera. Nutis Yihowaafi Ilmasaa dhaggeeffachuu nu barbaachisa: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee.”—Yohannis 3:36.
9. Abdii jireenya bara baraa karaa aarsaa Yesus arganne kan dinqisiifannu yoo ta’e maal goona?
9 Abdii jireenya bara baraa karaa aarsaa Yesusiin arganne kan dinqisiifannu yoo ta’e, wanta Yihowaan karaa Yesus nutti hime hojiirra oolchuu barbaanna. Kunimmoo Waaqayyoofis ta’e namootaaf jaalala qabaachuu keenyarratti kan hundaa’edha. (Maatewos 22:37-39) Yesus, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu warri kaan ‘wanta [Yesus] nu abboome hundumaa akka eegan isaan barsiisuuf’ kan nu kakaasu ta’uusaa dubbateera. (Maatewos 28:19, 20) Namoota Yihowaa tajaajilanii wajjin yeroo hundumaa ‘walitti qabamuudhaanis’ jaalala kana argisiisuu barbaanna. (Ibroota 10:25; Galaatiyaa 6:10) Kana malees yeroo Waaqayyoofi Ilmasaa dhaggeeffannu, wanta isaan gonkummaa nurraa barbaadan goonee yaaduu hin qabnu. Ibroonni 4:15, Yesus Angafa Lubootaa isa ‘dadhabbiin keenya garaa isaa rukutu’ ta’uusaa dubbata. Dadhabbii keenya mo’uuf gargaarsa argachuuf karaa Kiristos kadhannaadhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun hangam kan nama jajjabeessudhaa?—Maatewos 6:12.
Kiristositti Akka Amantu Argisiisi
10. Yesus Kiristosiin alatti fayyina argachuun kan hin danda’amne maaliifi?
10 Phexros, raajiin Macaafa Qulqulluu Yesusirratti akkamitti akka raawwiisaa argate mana murtii olaanaa Yihudootaa Yerusaalemitti argamuuf erga ibsee booda, akkas jechuudhaan haasawaasaa xumureera: “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne.” (Hojii Ergamootaa 4:12) Sanyiin Addaam hundi cubbamoota waan ta’aniifi kan du’anis gatii cubbuu kaffaluuf waan ta’eef, duutisaanii eenyuufiyyuu furii ta’uu hin danda’u. Yesus garuu nama gonkummaa qabu waan tureef duutisaa furii ta’uu ni danda’a. (Faarfannaa 49:6-9; Ibroota 2:9) Yesus jireenya Addaam dhabee wajjin wanta qixxee ta’e kaffaluudhaan gatii furii sanaa Waaqayyoof dhiheesseera. (1 Ximotewos 2:5, 6) Kunimmoo addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti jireenya bara baraa akka argannuuf karaa nuuf baneera.
11. Aarsaan Yesus faayidaa akkamii akka nuuf argamsiisu ibsi.
11 Kana malees, furiin kun yeroo har’aattillee faayidaawwan hedduu nuuf argamsiisaa jira. Fakkeenyaaf, cubbamoota taanus, karaa aarsaa Yesus dhiifama cubbuu waan arganneef yaada garaa qullaa’aa qabna. Kunimmoo, akka Seerri Musee ajajutti Israa’eloonni aarsaa horii dhiheessuudhaan dhiifama cubbuu argatanirra baay’ee kan caaludha. (Hojii Ergamootaa 13:38, 39; Ibroota 9:13, 14; 10:22) Haata’u malee, dhiifama cubbuu argachuuf aarsaan Kiristos baay’ee akka nu barbaachisu hubachuu qabna: “Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru. Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”—1 Yohannis 1:8, 9.
12. Waaqayyo duratti yaada garaa nama hin ceephaane argachuuf cuuphamuun kan barbaachisu maaliifi?
12 Cubbamoonni Kiristosiifi aarsaasaatti amanuu kan danda’an akkamitti? Jaarraa jalqabaatti namoonni yeroo amantoota ta’an amantiisaanii kana namoota duratti argisiisu turan. Kana kan godhan akkamitti ture? Cuuphamuudhaan ture. Maaliif cuuphamu turan? Yesus bartoonnisaa hundi akka cuuphaman waan ajajeefidha. (Maatewos 28:19, 20; Hojii Ergamootaa 8:12; 18:8) Namni tokko qophii Yihowaan karaa Yesus isaaf godheen garaansaa yoo tuqame cuuphamuurraa duubatti hin jedhu. Jireenyasaa keessatti sirreeffama barbaachisu hunda gochuudhaan kadhannaadhaan Waaqayyoof of murteessa; boodas murtoosaa kana cuuphamuudhaan argisiisa. Kana gochuudhaan erga amantiisaa argisiisee booda ‘yaada garaa isa hin ceephaane akka isaaf kennu Waaqayyoon gaafachuu’ danda’a.—1 Phexros 3:21.
13. Cubbuu hojjechuu keenya yoo hubanne, maal gochuu qabna? Maaliif?
13 Erga cuuphamnee boodas cubbuu hojjechuun keenya hin oolu. Erga akkas ta’ee maal gochuu qabnaree? Yohannis akkas jechuudhaan dubbateera: “Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kristos isa qajeelaa dha. Inni furee cubbuu keenyaa ti.” (1 Yohannis 2:1, 2) Kana jechuun garuu waanuma feene hojjennee dhiifama akka nuuf godhu Waaqayyoon yoo kadhanne cubbuun keenya nuuf dhiifama jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Dhiifama cubbuu argachuu yoo barbaanne garaa keenyaa qalbii geddarachuu qabna. Kana malees, jaarsolii gumii keessatti argamaniifi muuxannoo qabanirraa gargaarsa argachuun nu barbaachisa. Dogoggora hojjenne amanuufi wanta goonetti garaadhaa gadduudhaan dogoggora kana lammata akka hin hojjenneef carraaqqii gochuu qabna. (Hojii Ergamootaa 3:19; Yaaqoob 5:13-16) Kana yoo goone, gargaarsa Yesus akka argannuufi Yihowaa biratti fudhatama akka argannu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.
14. (a) Karaa aarsaan Yesus itti nu fayyadu isa guddaa ibsi. (b) Dhugumaan aarsaa kanarratti amantii kan qabnu yoo ta’e maal goona?
14 Aarsaan Yesus, ‘karri xinnayyoon’ sanyii lammaffaa Uumama 3:15rratti ibsame ta’uudhaan samiirratti jireenya bara baraa akka argatan karaa isaanii baneera. (Luqaas 12:32; Galaatiyaa 3:26-29) Kana malees, aarsaan kun namoonni biliyoonaan lakkaa’aman lafa jannata taaturratti jireenya bara baraa akka argataniif karaa baneera. (Faarfannaa 37:29; Mul’ata 20:11, 12; 21:3, 4) Jireenyi bara baraa ‘kennaa Waaqayyoo karaa Kristos Yesus gooftaa keenyaa tola nuu kennudha.’ (Roomaa 6:23; Efesoon 2:8-10) Kennaa kanarratti amantii kan qabnuufi haala qophiin kun itti nuuf godhame kan dinqisiifannu yoo ta’e, dinqisiifannaan keenya akkaataa jireenyaa keenyaan mul’ata. Yihowaan jaalalasaa raawwachuuf akkamitti Yesusiin haala dinqisiisaa ta’een akka itti fayyadameefi hundi keenyayyuu fakkeenyasaa hordofuun keenya hangam akka barbaachisaa ta’e hubachuun keenya, tajaajila Kiristiyaanummaatiif dursa akka laannu nu godha. Kennaa Waaqayyoo isa hundumaarra caalu kanatti akka amannu haala argisiisuun namoota kaanitti kan himnu yoo ta’e amantiin keenya ifatti mul’ata.—Hojii Ergamootaa 20:24.
15. Yesusitti amanuun keenya tokkummaa argamsiisuu kan danda’u akkamitti?
15 Amantiin akkasii kun tokkummaa argamsiisuuf humna guddaa akkamii qaba! Amantii akkasiitiinis Yihowaatti, Ilmasaafi obboloota gumii keessatti argamanii wajjin baay’ee walitti dhihaanna. (1 Yohannis 3:23, 24) Amantiin kun, Yihowaan gaarummaadhaan kaka’ee Ilmasaatiif wanta armaan gaditti ibsame kennuusaatti akka gammannu nu godha. “Maqaa [maqaa Waaqayyoo utuu hin dabalatin] isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta’e beeksisuuf jiru.”—Filiphisiiyus 2:9-11.
Maree Irra Deebii
• Yeroo Masiihichi mul’ate, namoonni Sagalee Waaqayyootti amanan eenyummaasaa sirriitti hubachuu kan danda’an maaliifi?
• Aarsaa Yesus akka dinqisiifannu karaawwan itti argisiisnu keessaa tokko tokko maalfa’i?
• Yeroo ammaattis aarsaan Yesus karaawwan kamiin nu fayyada? Aarsaan kun cubbuun keenya akka nuuf dhiisamu Yihowaa yeroo kadhannu kan nu gargaaruhoo akkamitti?
[Fakkii fuula 36rra jiru]
Yesus duuka buutonnisaa namoonni kaan abboommiiwwan Waaqayyoo akka eeganiif barsiisuu akka qaban isaan ajajeera