Boqonnaa Digdamii Tokko
Kaayyoon Yihowaa Haala Dinqisiisaa Ta’een Raawwiisaa Argata
1, 2. (a) Yihowaan ergamootaafi namootaaf kaayyoo akkamii qaba? (b) Maatiin tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatu eenyufaa kan dabalatudha?
KAAYYOON Yihowaa, ergamoonnis ta’e namoonni hundi tokkummaadhaan Waaqa isa dhugaa akka waaqeffataniifi birmadummaa argatanii ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qaban akka ta’aniif ture. Kunimmoo wanta namoonni qajeelummaa jaallatan hawwanidha.
2 Yihowaan kaayyoosaa isa guddaa galmaan ga’uu kan jalqabe yeroo hojii uumamaa jalqabettidha. Waaqayyoo jalqaba kan uume Ilmasaa isa yeroo du’aa ka’ee jalqabee ‘ifni ulfina Waaqayyoo isarraa calaqqiseefi Waaqayyo akkuma jirutti isaan mul’atedha.’ (Ibroota 1:1-3) Ilmi kun Waaqayyo kallattiidhaan waan isa uumeef uumama kaanirra adda kan ta’edha. Yeroo boodas, jalqabarratti ergamoonni samii, achiis namoonni lafarraa kan uumaman karaa Ilma kanaa ture. (Iyoob 38:7; Luqaas 3:38) Isaan kun hundi tokko ta’uudhaan maatii uumama cufa keessatti argamu ta’aniiru. Hundumasaaniitiifis Yihowaan Waaqasaanii, akkasumas isaanirratti Olaantummaa kan qabuufi Abbaasaanii ture.
3. (a) Hundi keenya Addaamiifi Hewwaanirraa maal dhaalleerra? (b) Yihowaan ijoollee Addaamiif qophii akkamii godhe?
3 Addaamiifi Hewwaan ta’e jedhanii cubbuu waan hojjetaniif duuti erga isaanitti faradamee booda jannata keessaa kan ari’aman yeroo ta’u, mirga ijoolleesaa ta’uus ni dhaban. Waaqayyos akka ijoolleesaatti isaan ilaaluu ni dhiise. (Uumama 3:22-24; Keessa Deebii 32:4, 5) Hundi keenya ijoolleesaanii waan taaneef cubbuu dhaalleerra. Haata’u malee, Yihowaan ijoollee Addaamiifi Hewwaan keessaa tokko tokko qajeelummaa akka jaallatan beeka ture. Kanaafuu, Yihowaan karaa namoonni kun “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qaban” itti ta’an qopheesse.—Roomaa 8:20, 21.
Sabni Israa’el Mirga Guddaa Qaban Dhaban
4. Yihowaan saba Israa’eliif mirga addaa akkamii kennee ture?
4 Addaam erga uumamee waggoota 2,500 booda, Yihowaan namoonni muraasni isaa wajjin walitti dhufeenya gochuuf mirga addaa akka qabaatan qophii godheera. Yihowaan Israa’eloota filatee sabasaa akka ta’an gochuudhaan Seerasaa isaaniif kenneera. (Uumama 12:1, 2) Hanga saba ta’anitti isaan baay’isuudhaan haala kaayyoosaa wajjin wal qabateen isaanitti fayyadameera. (Keessa Deebii 14:1, 2; Isaayaas 43:1) Haata’u malee, yeroo sanattillee garbummaa cubbuufi du’aa jala waan turaniif, birmadummaa ulfina qabeessa Addaamiifi Hewwaan jalqabarratti qaban hin qaban turan.
5. Israa’eloonni walitti dhufeenya addaa Waaqayyoo wajjin qaban kan dhaban akkamitti?
5 Ta’us Israa’eloonni Waaqayyo biratti fudhatama argatanii turan. Kana malees, Yihowaadhaaf akka Abbaasaaniitti ulfina kennuufi haala kaayyoosaa wajjin wal simuun hojjechuuf itti gaafatamummaa qabu turan. Yesus itti gaafatamummaa qaban kana raawwachuunsaanii baay’ee barbaachisaa ta’uusaa jabeessee ibseera. (Maatewos 5:43-48) Sabni Israa’el garuu kana utuu hin godhin hafaniiru. Yihudoonni “nuyi abbaa tokkicha qabna, innis Waaqayyoo dha” haa jedhaniyyuu malee, Yesus hojiinsaaniifi yaannisaanii kana akka hin argisiisne dubbateera. (Yohannis 8:41, 44, 47) Waaqayyo Dh.K.B. bara 33tti Seericha kan jijjiire yeroo ta’u, walitti dhufeenyi Israa’eloonni isaa wajjin qabanis ni dhaabate. Kana jechuun garuu sana booda namoonni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu hin danda’an jechuudhaa?
“Wanta Bantii Waaqaa Keessa Jiru” Walitti Qabuu
6. Kaayyoon “bulchiinsa” ilaalchisee Phaawulos Efesoon 1:9, 10rratti caqasee maalidha?
6 Phaawulos ilmaan namootaa keessaa muraasnisaanii Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya addaa qabaachuu akka danda’an dubbateera. Fakkeenyaaf, qophiisaarratti namoonni amantii qaban miseensota maatiisaa ta’uusaanii ilaalchisee Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa’atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe. Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, [bulchiinsa tokko qopheessee, NW] wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.” (Efesoon 1:9, 10) ‘Bulchiinsi’ kunimmoo Yesusirratti kan xiyyeeffatedha. Ilmaan namootaa karaasaa Waaqayyo biratti fudhatama argatu. Isaan kana keessaas namoonni muraasni samiirra jiraachuuf abdii qabu. Namoonni lakkoofsisaanii hedduu ta’emmoo bara baraaf lafarra jiraatu.
7. ‘Wantoonni bantii waaqaa keessa’ jiran eenyufa’i?
7 Jalqaba, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti “wanta bantii waaqaa keessa jiru” jechuunis namoota Kiristosii wajjin samiirratti Mootota ta’aniif xiyyeeffannaan kennameera. Gatii aarsaa Yesusirratti amantii waan qabaniif Waaqayyo qajeelota isaaniin jedheera. (Roomaa 5:1, 2) Yeroo boodas Yihudoonniifi namoonni saba Waaqayyoo hin ta’in qophii kana keessatti waan dabalamaniif lakkoofsi “wanta bantii waaqaa keessa jiru” kanaa 144,000 ta’eera. (Galaatiyaa 3:26-29; Mul’ata 14:1) Yeroo ammaatti namoota kana keessaa muraasasaanii qofatu lafarratti argama.
“Wanta Lafa Irra Jiru” Walitti Qabuu
8. “Wanta lafa irra jiru” kan jedhaman eenyufa’i? Isaanoo Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qabu?
8 ‘Wanta lafarra jirus’ kan walitti qabu bulchiinsuma kanadha. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman lafarratti jireenya bara baraa argachuuf abdachuudhaan yeroo ammaatti walitti qabamaa jiru. Dibamtoota lafarratti argamaniifi Mootummicha dhaalanii wajjin tokko ta’uudhaan maqaafi waaqeffannaa Yihowaa ol ol godhu. (Isaayaas 2:2, 3; Sefaniyaa 3:9) Yihowaan burqaa jireenyaa ta’uusaa waan hubataniifis “Abbaa” jedhanii isa waamu. Dhiiga Yesus isa dhangala’etti waan amananiif Yihowaa duratti fudhatama argataniiru. (Mul’ata 7:9, 14) Haata’u malee, ammayyuu cubbamoota waan ta’aniif Waaqayyo guutummaatti akka ijoolleesaatti kan isaan ilaalu gara fuulduraattidha.
9. Roomaa 8:21 ilmaan namaatiif abdii akkamii kenna?
9 Yeroo ammaatti namoonni lafarra jiraachuuf abdatan kun yeroo namoonni hundi ‘garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba itti ba’an’ hawwiidhaan eeggachaa jiru. (Roomaa 8:21) Luba ba’uun kun kan jalqabu, Kiristosiifi ergamoonni samiirra jiran rakkina isa guddaa Armaagedoonitti akka xumuramu erga godhanii boodadha. Kana jechuunis sirni Seexanaa inni hamaan guutummaatti erga badee booda, Bulchiinsa Mootummaa Kiristos Isa Waggaa Kuma Tokkoo keessatti eebbawwan gurguddaa arganna jechuudha.—Mul’ata 19:17-21; 20:6.
10. Tajaajiltoonni Yihowaa faarfannaa galataa isa kamiin faarfatu?
10 Tajaajiltoonni Yihowaa warri lafarratti argaman tajaajiltoota Waaqayyoo warra samiirratti argamanii wajjin tokko ta’anii gammachuudhaan akka armaan gadiitti yeroo faarfatan dhaga’uun baay’ee kan nama gammachiisu ta’a: “Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas! Yaa gooftaa! Namni si hin sodaanne, maqaa kees kan hin guddifne eenyu? Si duwwaatu qulqulluu dha; sabni hundinuu in dhufu, siifis in sagadu; gochaan kee inni qajeelaan mul’ifameera!” (Mul’ata 15:3, 4) Eeyyee, tajaajiltoonni Yihowaa hundi tokkummaadhaan Waaqa dhugaa isa tokkicha waaqeffatu. Warri du’anillee, du’aa ka’anii tajaajiltoota Waaqayyo warra kaanii wajjin Yihowaa jajachuuf carraa argatu.—Hojii Ergamootaa 24:15.
Birmadummaa Dinqisiisaa Argamu
11. Namoonni rakkina guddaarraa oolan birmadummaa dinqisiisaa akkamii argatu?
11 Rakkinni guddaan Armaagedoonitti xumuramu hammeenya lafarraa erga balleessee booda, Seexanni “waaqayyicha bara si’anaa” akka hin taane godha. Sana booda waaqeffattoonni Yihowaa dhiibbaa Seexanaa wajjin waldhaansoo hin qabatan. (2 Qorontos 4:4; Mul’ata 20:1, 2) Amantiin sobaan Yihowaa bakka bu’us ta’e, ilmaan namootaa gargar qoodu hin jiru. Dabaafi saamichi namoota aangoo qabaniin warra Waaqa dhugaa waaqeffatanirratti raawwatamu ni dhaabata. Birmadummaa dinqisiisaa arganna.
12. Namoonni hundi cubbuufi dhiibbaa cubbuurraa birmaduu kan ba’an akkamitti?
12 Yesus “hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” waan ta’eef gatii aarsaa kaffale sanaan cubbuu ilmaan namootaa balleessa. (Yohannis 1:29) Yesus yeroo lafarra turetti nama tokkoof akka dhiifama godheef argisiisuuf namicha dhukkubasaattii fayyisa ture. (Maatewos 9:1-7; 15:30, 31) Haala wal fakkaatuun, Yesus Kiristos Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan ta’eef, namoota ijisaanii jaame, namoota dubbachuu hin dandeenye, warra duudaa, kan qaamnisaanii hir’ate, kan rakkina sammuu qabaniifi rakkina fayyaa akkamiiyyuu qaban hundaa haala dinqisiisaa ta’een ni fayyisa. (Mul’ata 21:3, 4) Namoonni ajajamoo ta’an hundi ‘seera cubbuurraa’ birmaduu waan ba’aniif, yaanniifi gochisaanii isaaniinis ta’e Waaqayyoon kan gammachiisu ta’a. (Roomaa 7:21-23) Dhuma Waggaa Kumaatti namoota gonkummaa qaban waan ta’aniif ‘bifaafi fakkeenya’ Waaqa dhugaa isa tokkichaa calaqqisu.—Uumama 1:26.
13. Bulchiinsa Waggaa Kumaa booda Kiristos tarkaanfii akkamii fudhata? Bu’aansaahoo maal ta’a?
13 Kiristos namoota gara gonkummaatti erga fidee booda, aboo hojii kana hojjechuuf isaaf kenname Abbaasaatiif deebisee kenna: “Kristos immoo gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas golgoleessee, mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti erga kennee booddee dhumni in ta’a. Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa’ufitti, Kristos mo’uutu ta’a.” (1 Qorontos 15:24, 25) Bulchiinsi Kiristos Inni Waggaa Kuma Tokkoof turu kaayyoosaa galmaan waan ga’uuf, sana booda bulchiinsi Waaqayyoofi ilmaan namootaa walitti fidu hin barbaachisu. Cubbuufi duuti guutummaatti waan badaniifi ilmaan namootaas waan furamaniif, hojiin Yesus ilmaan namootaa furuuf jecha hojjechaa tures ni raawwata. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibsa: “Ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta’a.”—1 Qorontos 15:28.
14. Namoonni gonkummaa qaban hundi qorumsa akkamii keessa darbu? Kun kan ta’u maaliifi?
14 Kana booda ilmaan namootaa gonkummaa qaban bara baraaf Waaqa dhugaa isa tokkicha tajaajiluuf fedhii akka qaban argisiisuuf carraan isaaniif kennama. Sana booda, Yihowaan ilmaan namootaa warra gonkummaa qaban guutummaatti ijoolleesaa godhee fudhachuusaa dura yeroo dhumaatiif akka qoraman heyyamuuf, Seexanniifi hafuuronni hamoon bakka lafa jalaa keessaa ni gadhiisamu. Qormaanni kun namoota dhugumaan Yihowaa jaallatanirratti miidhaa bara baraa kan fidu miti. Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu didan hundi garuu, Seexana isa yeroo jalqabaatiif Waaqayyorratti ka’eefi hafuurota hamoo wajjin bara baraaf ni balleeffamu.—Mul’ata 20:7-10.
15. Gara fuulduraatti ergamoonnis ta’an ilmaan namootaa hundi maal gochuudhaan tokko ta’u?
15 Yihowaan namoota gonkummaa qabaniifi qormaata isa dhumaarratti olaantummaasaa deggeran ijoolleesaa godhee isaan simata. Isaanis yeroo sanaa jalqabee miseensa maatii Waaqayyoo warra uumama cufarratti argamaniifi olaantummaasaa deggeran ta’uudhaan, birmadummaa ijoolleen Waaqayyoo warri ulfina qabeessa ta’an argatan guutummaatti argatu. Ergamoonni samiirratti argamaniifi namoonni lafarratti argaman hundi Waaqa dhugaa isa tokkicha tokkummaadhaan waaqeffachuu jalqabu. Kaayyoon Yihowaa raawwiisaa isa dinqisiisaa argata! Atoo miseensa maatii uumama cufaafi gammachuu qabu, akkasumas bara baraaf jiraatu ta’uu ni barbaaddaa? Taanaan, wanta Macaafni Qulqulluun 1 Yohannis 2:17rratti jedhu akka hojiirra oolchitu si jajjabeessina: “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”
Maree Irra Deebii
• Utuu Eeden keessatti Waaqayyorratti ka’uun hin jalqabamin dura, warri isa waaqeffatan hundi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qabu turan?
• Tajaajiltoonni Waaqayyoo itti gaafatamummaa akkamii qabu?
• Gara fuulduraatti ijoollee Waaqayyoo kan ta’an eenyufa’i ? Kunimmoo kaayyoo Yihowaan tokkummaa waaqeffannaa argamsiisuuf qabuu wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?
[Fakkii fuula 190rra jiru]
Namoonni Waaqayyoof ajajaman lafa jannata taaturratti jireenya gammachiisaa jiraatu