LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ol kutaa 8 ful. 25-28
  • Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi
  • Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantii Sobaa Keessaa Baʼi
  • Meeshaawwan Waaqeffannaa Sobaatiif Oolan Balleessi
  • Saba Yihowaa Wajjin Walitti Dhihaadhu
  • Karaa Sirrii Waaqayyo itti Waaqeffatamu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Amantii Sobaarraa Fagaadhu!
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
Dabalataan Ilaaluuf
Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
ol kutaa 8 ful. 25-28

KUTAA 8

Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi

1. Yeroo ammaatti namoonni waaqeffannaa ilaalchisee filannaa akkamii gochuu qabu?

YESUS, “Eenyu illee gara koo yoo taʼuu dhaabaate mormituu koo ti” jedheera. (Maatewos 12:30) Yihowaa cinaa ykn Seexana cinaa dhaabanneerra. Namoonni hedduun karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun isa tajaajilaa akka jiran kan itti dhagaʼamu taʼus, Macaafni Qulqulluun Seexanni, ‘guutummaa biyya lafaa wallaalchisaa’ akka jiru dubbata. (Mulʼata 12:9) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran kan itti dhagaʼamu taʼus, Seexana tajaajilaa jiru! Yeroo ammaatti namoonni filannoo tokko gochuu qabu: Innis, “Waaqa dhugaa” kan taʼe Yihowaa ykn “abbaa sobaa” kan taʼe Seexana tajaajiluudha.—Faarfannaa 31:5 hiika bara 1899; Yohannis 8:44.

Amantii Sobaa Keessaa Baʼi

2. Karaan Seexanni namoonni Yihowaa akka hin waaqeffanne gochuuf itti yaalu inni tokko maalidha?

2 Yihowaa tajaajiluuf murteessuun, filannaa gaarii Waaqayyo biratti fudhatama namaaf argamsiisudha. Haataʼu malee, Seexanni nama Waaqayyoon tajaajilu kamittiyyuu waan hin gammanneef, namoota akkasiirratti rakkina uuma. Karaa Seexanni kana itti godhu keessaa inni tokko, hiriyootaafi miseensota maatii keenyaa dabalatee warri kaan akka nutti gaʼisan ykn akka nu morman gochuudha. Yesus, “Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in taʼu” jechuudhaan akeekkachiiseera.—Maatewos 10:36.

3. Maatiinkee ykn hiriyoonnikee Waaqayyoon akka hin waaqeffanne utuu si mormanii maal goota?

3 Wanti akkasii utuu sirra gaʼee maal goota? Namoonni hedduun amantiinsaanii dogoggora akka taʼe kan beekan taʼus, amanticha keessaa baʼuuf ni mamu. Kana gochuun maatiisaanii ganuu akka taʼe itti dhagaʼama. Ilaalchi kun sirriidhaa? Fakkeenyaaf, miseensonni maatiikee qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhatan utuu beektee, qorichi kun akka isaan miidhu isaan hin akeekkachiistuu? Isaanii wajjinoo qoricha kana ni fudhattaa?

4. Iyaasuun waaqeffannaa barasaatti ture ilaalchisee Israaʼelootaan maal jedhe?

4 Iyaasuun, Israaʼeloonni gochawwaniifi aadaawwan amantii sobaa abbootiinsaanii raawwachaa turan akka dhiisan isaan jajjabeessee ture. Akkas isaaniin jedheera: “Amma egaa Waaqayyoon sodaadhaa, amanamummaa guutuudhaanis isaaf hojjedhaa! Waaqayyolii warra abboonni keessan laga Efraaxiis gamatti, biyya Gibxiittis hojjechaafii turan sanattii deebiʼaatii Waaqayyoof hojjedhaa!” (Iyaasuu 24:14) Iyaasuun Waaqayyoof amanamaa waan tureef, Yihowaan isa eebbiseera. Nuyis Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane nu eebbisa.—2 Saamuʼel 22:26.

Barumsawwan Amantii Dhugaa Taʼaniifi Soba Taʼan

  • Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko dubartii tokkoo fi ijoollee ishii yommuu qo’achiistu

    Sillaasee: Amantiiwwan hedduun Waaqayyo Sillaasee akka taʼe barsiisu. “Abbaan Waaqayyodha, Ilmi [Yesus] Waaqayyodha, Hafuurri Qulqulluunis Waaqayyodha; taʼus Waaqayyo tokko malee sadii miti” jedhu.

    Macaafni Qulqulluun jecha “Sillaasee” jedhutti hin fayyadamu; akkasumas Yihowaan sadan waaqa tokkichaa akka taʼe hin barsiisu. Waaqni Yihowaa qofadha. Qorontos Inni Duraa 8:6, “Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira; innis abbaa[dha]” jedha. Yihowaan Waaqa Hundumaa Gararraa Jirudha. Yesus Waaqayyo utuu hin taʼin, ‘Ilma Waaqayyooti.’ (1 Yohannis 4:15) Hafuurri qulqulluunis Waaqa miti. Qaama mataasaallee kan hin qabnedha. Kanaa mannaa, humna Waaqayyoo isa hojiirratti argamudha.—Hojii Ergamootaa 1:8; Efesoon 5:18.

  • Lubbuu: Amantiiwwan hedduun lubbuun wanta nama keessa jirtuufi matumaa duʼuu hin dandeenye akka taate barsiisu. Macaafni Qulqulluun garuu lubbuun namichuma akka taʼe barsiisa; namnimmoo duʼuu akka dandaʼu beekamaadha.—Uumama 2:7, hiika bara 1899; Hisqiʼel 18:4.

  • Ibidda Qilillee: Amantiiwwan sobaa, lubbuun namoota hamoo bara baraaf ibidda qilillee keessatti akka gubattu barsiisu. Macaafni Qulqulluun garuu warri duʼan ‘waan tokkoyyuu akka hin beekne’ dubbata. (Lallaba 9:5) Macaafni Qulqulluun “Waaqayyo jaalala” akka taʼes ni barsiisa. (1 Yohannis 4:8) Waaqa jaalalaa kan taʼe Yihowaan matumaa namoota ibiddaan hin gubu.

Saanduqa: Macaafni Qulqulluun, waaʼee Sillaasee, waaʼee lubbuufi waaʼee ibidda qilillee maal barsiisa?

Meeshaawwan Waaqeffannaa Sobaatiif Oolan Balleessi

Dubartii meeshaawwan ittiin falfala raawwattu yommuu gubdu

5. Meeshaawwan qaallummaa balleessuu kan qabnu maaliifi?

5 Amantii sobaa keessaa baʼuun, meeshaawwan qaallummaa kan akka kudhaamaa, qubeelaafi bitawoo, akkasumas wantoota kana fakkaatan balleessuu dabalata. Kun guutummaatti Yihowaatti akka amanamnu kan argisiisu waan taʼeef baayʼee barbaachisaadha.

6. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa macaafota qoricha namatti gochuuf itti gargaaramaa turan maal godhan?

6 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko, yommuu amantii dhugaa hordofuuf murteessan maal akka godhan ilaali. Macaafni Qulqulluun, “Isaan keessaas warri qoricha namatti gochaa turan macaafota ittiin hojjechaa turan walitti guuranii, fuula hunduma isaanii duratti guban” jedha.—Hojii Ergamootaa 19:19.

7. Hafuuronni hamoon yoo nu rakkisan maal gochuu dandeenya?

7 Namoota kanaan dura ayyaana heduu, moraafi qaallummaarratti hirmaachaa turaniifi Yihowaa tajaajiluu jalqaban hafuuronni hamoon isaan rakkisuu dandaʼu. Wanti akkasii yoo sirra gaʼe, sagaleekee ol kaasiitii maqaa Yihowaa waamii kadhadhu. Innis si gargaara.—Fakkeenya 18:10; Yaaqoob 4:7.

8. Kiristiyaanonni waaqayyolii tolfamoo, bifawwaniifi fakkiiwwan waaqeffannaadhaaf oolaniif ilaalcha akkamii qabu?

8 Namoonni Yihowaa tajaajiluu barbaadan waaqayyolii tolfamoo, bifawwan ykn fakkiiwwan kutaa waaqeffannaa sobaa taʼan qabaachuus taʼe itti fayyadamuu hin qaban. Kiristiyaanonni dhugaan, ‘amantiidhaan jiraatu malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraatu miti.’ (2 Qorontos 5:7) Seera Waaqayyoo isa waaqeffannaa keessatti fakkii akkamiittiyyuu akka hin fayyadamne dhowwu ni kabaju.—Baʼuu 20:4, 5.

Saba Yihowaa Wajjin Walitti Dhihaadhu

Haati tokko intala ishii wajjin yommuu nyaata qopheessan

9. Ogeessa taʼuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun gorsa akkamii kenna?

9 Macaafni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa” jedha. (Fakkeenya 13:20) Ogeeyyii taʼuu yoo barbaanne, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhihaachuu qabna. Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoota daandii jireenyatti geessurra deemaa jiranidha.—Maatewos 7:14.

10. Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyoon akka tajaajiltu akkamitti si gargaaruu dandaʼu?

10 Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaaf garaadhaa yaadu. Hojiinsaanii, namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa Macaafa Qulqulluu isa jireenya barabaraatti geessu akka argatan gargaaruudha. Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuudhaan si gargaaruu dandaʼu. Gaaffiiwwan keetiif deebii sii kennu; akkasumas beekumsa Macaafa Qulqulluurraa argatte akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu si barsiisu.—Yohannis 17:3.

11. Walgaʼiin Kiristiyaanaa kan si gargaaru akkamitti?

11 Walgaʼiisaanii isa yeroo baayʼee Galma Mootummaatti godhamurratti waaʼee daandiiwwan Yihowaa wanta hedduu baratta. Fedhiin barumsa amantii dhugaa hojiirra oolchuuf qabdus sii cima. Akkasumas, warri kaan Macaafa Qulqulluu akka baratan akkamitti gargaaruu akka dandeessu leenjii argatta.—Ibroota 10:24, 25.

Walga’ii gumii Galma Walga’ii keessatti godhamaa jiru

12. Kadhannaan, Waaqayyoon tajaajiluuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

12 Waaʼee fedhaafi kaayyoo Yihowaa caalaatti yommuu barachaa deemtu, dinqisiifannaan daandiisaa isa jaalalarratti hundaaʼeef qabdu ni guddata. Fedhiin wanta isa gammachiisu raawwachuufi wanta isa gaddisiisurraa fagaachuuf qabdus ni dabala. Yihowaan wanta gaarii akka raawwattuufi wanta dogoggora taʼerraa fagaachuuf akka si gargaaru kadhachuu akka dandeessu yaadadhu.—1 Qorontos 6:9, 10; Filiphisiiyus 4:6.

Maatii Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisaa jiru

Waaqeffannaa dhugaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

13. Garaa Yihowaa ciibsuu kan dandeessu akkamitti?

13 Karaa hafuuraa yommuu guddachaa deemtu, of murteessitee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuunkee barbaachisaa taʼuusaa akka hubattu hin shakkisiisu. Ulaagaa saba Yihowaarraa eegamu guutuudhaan garaa Yihowaa ni ciibsita. (Fakkeenya 27:11) Saba gammadoo Waaqayyo, “Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebiʼa; ani Waaqayyo isaanii nan taʼa, isaanis saba koo in taʼu” jechuudhaan waaʼeesaanii dubbate keessaa tokko taata.—2 Qorontos 6:16.

Dhiibbaa Hafuurota Hamoorraa Walaba Taʼeera

Yoosefiin Iikeezuu ijoollee ishii muraasa wajjin

Gaaf tokko halkan aniifi abbaan manaakoo rafnee utuu jirruu, sagalee al sadii maqaakoo waamu tokkon dhagaʼe. Achiis koorniisiin keenya yeroo tarsaʼuufi ibiddi kubbaa fakkaatu tokko garaakoorra yeroo buʼun arge. Abbaan manaakoo wantoota kana hunda hin argine. Haataʼu malee, jiʼoota hedduudhaaf hoʼi cimaan natti dhagaʼama ture.

Jiʼa jaʼa booda ammas sagaleen sun na waame. Yeruma sana manni keenya guutummaatti bishaaniin kan liqimsame natti fakkaate. Bofti guddaan tokko bishaan sana keessaa baʼee harka koorratti marame. Ofirraa buusuuf yaalii yoon godheyyuu hin dandeenye. Baayʼeen sodaadhe. Sana booda bishaanichis taʼe bofichi ni badan; anis garmaleen lafa dhaʼe. Saʼaatii dheeraadhaaf of wallaaleen ture. Sagaleen sunis mana sagadaa mandarichaa hafuura xuraaʼummaadhaan itti fayyifamanitti akkan deebiʼu natti hime. Hafuurichi maqaansaa eenyu akka taʼe yommuun isa gaafadhu, maqaa hiiknisaa “nama qabeenya qabu; garuu daaʼima kan hin qabne” jechuu taʼe natti hime. Namoota fayyisuudhaan sooressa akkan taʼu akka na gargaaru waadaa naa gale.

Namoonni dhukkubsatan fagoodhaas taʼe dhihoodhaa na bira dhufu turan. Manakoo gaʼuusaanii dura, daawwitiikoo isa adda taʼe keessatti natti mulʼatu turan. Achiis namni tokko erga na bira gaʼee booda, barruukoo barruusaatti yommuun rukutu dhukkubnisaafi qorichi dhukkuba sanaa yeruma sana natti mulʼata. Hafuurichi namoonni qarshii hangamii kaffaluu akka qabanis natti hima ture.

Namoonni dhukkubasaaniirraa waan fayyaniif qarshiifi kennaa hedduutu naa dhufa ture. Sana booda ani “nama qabeenya qabu” taʼeera; haataʼu malee, “daaʼima kan hin qabne” jechuun maal jechuu akka taʼes hubadheera. Yeroon mucaa godhadhu hundumaatti, angafti mucichaa ni duʼa ture. Kun baayʼee kan nama dhiphisu ture. Waggoota 12af hafuura kana yeroon tajaajilaa turetti ijoolleen jaʼa na jalaa duʼaniiru.

Waaqayyo akka na gargaaru kadhachuun jalqabe. Yeroo hunda nan kadhadha ture. Gaaf tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa balbalakoo rurrukutan. Yeroo baayʼee kanan isaan ariʼu taʼullee, guyyaa sana isaan dhaggeeffachuufan murteesse. Maree itti aansinee goonerratti, hafuura hamaa tajaajilaa akkan turen baradhe. Achiis gocha hafuura xuraaʼummaa dhiisuu akkan qabun murteesse.

Murtookoo kana hafuurichatti yommuun himu, na akeekkachiise. Haataʼu malee, “Kana booda sirraa dhimma hin qabu!” jedheen deebiseef.

Meeshaawwan hojii kanaaf itti fayyadamaa ture hunda nan gube. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu ergan qayyabadhee booda, bara 1973⁠tti cuuphameen tajaajiltuu Yihowaa taʼe. Amma ijoollee fayyaa taʼan shanan qaba. Abbaan manaakoos cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeera.—Jozafiin Ikeezuun akka dubbattetti.

Saanduqa: Dubartiin tokko dhiibbaa hafuurota hamoorraa walaba kan taate akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi