LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 6 ful. 37-41
  • Barsiisaa Guddichi Namoota Tajaajileera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barsiisaa Guddichi Namoota Tajaajileera
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Barsiisaa Guddicha kan Jedhame Maaliifi?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Faasikaa Isa Xumuraa Irratti Waaʼee Gad Of Qabuu Barsiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Barsiisaa koo Wajjin Walii Galuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Yeroo Hunda Dursa Argachuu Barbaaddaa?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 6 ful. 37-41

BOQONNAA 6

Barsiisaa Guddichi Namoota tajaajileera

NAMNI tokko wanta gaarii yommuu sii godhu ni gammaddaa?— Namoonni kaanis, namni tokko wanta gaarii yommuu isaaniif godhu ni gammadu. Hundi keenyayyuu wanti gaariin yommuu nuu godhamu ni gammanna. Barsiisaa Guddichis kana waan beekuuf, yeroo hundumaa namootaaf wanta gaarii godha ture. Kanaan kan kaʼes, ‘Ani hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuuf malee’ jedheera.—Maatewos 20:28.

Yesus duuka buutonni isaa lama yeroo wal morman ilaalaa jira

Duuka buutonni Yesus maalirratti wal falmaa jiru?

Nutoo, Barsiisaa Guddicha fakkaachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?— Namoota tajaajiluu, jechuunis waan gaarii isaaniif gochuu qabna. Namoonni hedduun garuu akkas akka hin goone beekamaadha. Kanaa mannaa, yeroo hunda warri kaan akka isaan tajaajilan barbaadu. Duuka buutonni Yesusis yeroo tokko akkas isaanitti dhagaʼamee ture. Hundisaanii, warra kaanirra caaluu ykn bakka guddaa argachuu barbaadu turan.

Gaaf tokko Yesus bartootasaa wajjin karaa adeemaa ture. Mandara Qifirnaahom ishee ciisa Bishaan Galiilaatti dhihoo jirtu yommuu gaʼan, hundisaanii mana tokko seenan. Achittis Yesus, “Karaa irratti maal walii wajjin dudubbachaa turtan?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu nu keessaa eenyuutu caala jedhanii wal falmaa waan turaniif qaanaʼanii callisan.—Maarqos 9:33, 34.

Yesus bartootasaa keessaa eenyuyyuu warra kaan akka caalu yaaduunsaa sirrii akka hin taane beeka ture. Kanaaf, akkuma boqonnaa tokkorratti qayyabanne, mucaa xinnoo tokko gidduusaanii dhaabee, gad of deebisuu akka qaban isaan barsiise. Isaan garuu jijjiirama hin goone. Kanaaf, Yesus duʼuusaa guyyoota muraasa dura barumsa matumaa hin irraanfatamne tokko isaan barsiiseera. Maal waan godhe sitti fakkaata?—

Hundisaanii utuu irbaata nyaachaa jiranii, Yesus kaʼee uffata irra keessatti uffatu ofirraa fuudhee kaaʼe. Erbee xinnoo tokko fuudhee mudhiisaatti suuqqate. Achiis xuwwee miillaatti bishaan naqate. Duuka buutonnisaa maal gochuuf jedha laata? jedhanii naʼanii akka turan hin shakkisiisu. Utuma isaan ilaalaa jiranii, Yesus jilbeenfatee hundasaaniitiif miillasaanii dhiqe. Achiis erbee sanaan isaaniif qoorse. Mee yaadi! Utuu achi jiraattee maal goota turte? Maaltu sitti dhagaʼama ture?—

Yesus miila duuka buutota isaa dhiqeera

Yesus duuka buutotasaa waaʼee maalii barsiisaa jira?

Duuka buutonnisaa, Barsiisaa Guddichi karaa kanaan isaan tajaajiluunsaa sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼamee ture. Kanaaf, wanti inni godhe baayʼee isaan yeellaasise. Phexros, hojiin kun akka hojii gad aanaatti waan ilaalamuuf Yesus miillasaa akka isaaf hin dhiqne dhowwuu yaalee ture. Yesus garuu hojii kana raawwachuunsaa barbaachisaa akka taʼe itti hime.

Yeroo harʼaatti miilla namootaa dhiquun baayʼee kan beekamu miti. Haataʼu malee, bara Yesus lafarra ture miilla namootaa dhiquun aadaa baramaa ture. Maaliif akkas akka godhan beektaa?— Biyya Yesusiifi duuka buutoonnisaa jiraachaa turanitti namoonni kophee banaa kaaʼatu turan. Kanaaf, karaa awwaara qaburra yommuu adeeman miillisaanii awwaara uffata ture. Keessummaa manasaanii dhufeef awwaara miillasaarraa dhiquun gaarummaa kan argisiisu ture.

Haataʼu malee yeroo kanatti, bartoota Yesus keessaa miilla warra kaanii dhiquuf kan of dhiheesse hin turre. Kanaaf Yesus ofiisaatii miillasaanii dhiqe. Yesus akkas gochuudhaan, duuka buutotasaa barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe barsiiseera. Yeroo kanatti barumsi akkasii isaan barbaachisa ture. Yeroo harʼaattis barumsi kun nu barbaachisa.

Barumsi kun maal akka taʼe beektaa?— Yesus wayyaa irra keessatti uffatu fudhatee iddoosaatti erga deebiʼee booda akkas isaaniin jedhe: “Waanan isiniif godhe hubattuu ree? ‘Barsiisaa, gooftaas’ jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in taʼa.”—Yohannis 13:2-14.

Mucaa dubartoota nyaata qopheessaa jiraniif mi’a nyaata itti bilcheessan fidaa jiru

Namoota gargaaruuf maal gochuu dandeessa?

Asirratti Barsiisaa Guddichi duuka buutonnisaa namoota akka tajaajilan kan barbaadu taʼuusaa argisiiseera. Ofittoo taʼuudhaan waaʼee ofiisaanii qofa kan yaadan akka taʼan hin barbaanne. Namootaa ol akka taʼanitti of ilaaluudhaan, yeroo hunda warri kaan isaan tajaajiluu akka qaban godhanii akka yaadan hin barbaadu ture. Kanaa mannaa, namoota tajaajiluuf fedhii akka qabaatan barbaada ture.

Kun barumsa gaarii mitii?— Atoo fakkeenya Barsiisaa Guddichaa fudhachuudhaan namoota kaan tajaajiluu hin barbaadduu?— Hundi keenyayyuu wantoota namootaaf gochuu dandeenyu qabna. Namoonni wanta gaarii yommuu isaaniif goonu ni gammadu. Hunda caalaa garuu, wanta gaarii gochuun keenya Yesusiifi Abbaasaa gammachiisa.

Ijoollee mana qulqulleessuudhaan haadha isaanii gargaraa jiran

Namoota kaan tajaajiluun ulfaataa miti. Yoo itti yaadde, wanta namootaaf gochuu dandeessu hedduu qabda. Mee yaadi: Haadhakee gargaaruuf wanti gochuu dandeessu jiraa? Siifis taʼe maatichaaf wanti haatikee gootu hedduun akka jiru beekta. Ishee gargaaruu dandeessaa?— Maal si gargaaru jettee maaliif ishee hin gaafattu?

Nyaata nyaachuu keessan dura minjaala irratti nyaatamu qixeessuu dandeessa. Yookiin nyaata booda qodaa itti nyaatame minjaalarraa kakaasuu dandeessa. Ijoolleen tokko tokko guyyaa guyyaadhaan mana qulqulleessuurratti hirmaatu. Wanti gochuu dandeessu maaliyyuu yoo taʼe, akkuma Yesus namoota tajaajilaa jirta jechuudha.

Mucaa siree afuudhaan obboleessa isaa quxisuu gargaaraa jiru

Obbolaa quxisuukee taʼaniifi tajaajiluu dandeessu qabdaa? Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesus, duuka buutotasaa akka tajaajile hin irraanfatin. Atis quxisuuwwankee tajaajiluudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeessa. Akkamitti?— Qodaa ittiin taphachaa turan iddoosaatti akka deebisan leenjisuudhaan isaan gargaaruu dandeessa. Yookiin wayyaasaanii akka uffataniifi sireesaanii afuu akka baran isaan gargaaruu dandeessa. Wanti isaaniif gochuu dandeessu garabiraanoo jiraa?— Obboloota keetiif akkas kan gootu yoo taʼe, akkuma duuka buutonnisaa Yesusiin jaallatan, obboloonnikees caalaatti si jaallatu.

Mana barumsaattis namoota tajaajiluu ni dandeessa. Ijoollee kutaakee baratan ykn barsiisaakee tajaajiluu dandeessa. Mucaan tokko kitaabnisaa yoo lafa jalaa buʼe, lafaa fuudhuudhaan waan gaarii gochuufii dandeessa. Gabatee gurraacha qulqulleessuu ykn waan garabiraa gochuudhaan barsiisaakee gargaaruu dandeessa. Nama tokkoof balbala banuunis gaarummaadhaan namoota tajaajiluu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Mucaa gabatee gurraacha qulqulleessuudhaan barsiisaa isaa gargaaraa jiru; shamarree dubartii wiilchariirra jirtu takkaaf nyaata fidaa jirtu

Al tokko tokko, yoo isaan tajaajillees namoonni akka nu hin galateeffanne hubanna taʼa. Namoonni nu galateeffachuu dhiisuunsaanii wanta gaarii gochuu akka dhiisnu nu gochuu qabaa?— Gochuu hin qabu! Namoonni hedduun, waan gaarii inni isaaniif godheef Yesusiin hin galateeffanne. Kun garuu wanta gaarii gochuusaa akka dhiisu isa hin goone.

Kanaaf, matumaa namoota tajaajiluurraa duubatti jechuu hin qabnu. Yeroo hundumaa Barsiisaa Guddicha yaadachuudhaan fakkeenyasaa hordofuuf haa carraaqnu.

Namoota tajaajiluu ilaalchisee caqasawwan dabalataa kana dubbisi: Fakkeenya 3:27, 28; Roomaa 15:1, 2 fi Galaatiyaa 6:2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi