BOQONNAA 13
Namoota Duuka Buutota Yesus Turan
Namni kun eenyu jedhama? Duuka buutuu Yesus kan taʼehoo akkamitti?
NAMNI namoota hundumaa caalaa Waaqayyoon tajaajile eenyudha?— Dhugaa keeti, Yesus Kiristosidha. Nutoo, akkumasaa Waaqayyoon tajaajiluu kan dandeenyu sitti fakkaataa?— Macaafni Qulqulluun Yesus wanta inni raawwate akka hojjennuuf fakkeenya nuu taʼuusaa dubbata. Inni duuka buutotasaa akka taanu nu afeereera.
Duuka buutuu Yesus taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Duuka buutuu Yesus taʼuun wantoota hedduu kan dabalatudha. Tarkaanfiin inni jalqabaa, isarraa barachuudha. Haataʼu malee kun qofti gaʼaa miti. Wanta inni dubbates garaadhaa amanuu qabna. Wanta inni dubbatetti kan amannu yoo taʼemmoo, wanta inni godhaa jedhes ni raawwanna.
Namoonni hedduun Yesusitti akka amanan dubbatu. Dhuguma namoonni kun duuka buutotasaa jedhamuu dandaʼuu?— Baayʼeensaanii duuka buutotasaa warra dhugaa jedhamuu hin dandaʼan. Namoonni kun, gara mana sagadaa dhaqu taʼa. Haataʼu malee, hedduunsaanii yeroo fudhatanii wanta Yesus barsiise dubbisanii hin beekan. Kanaaf, duuka buutota Yesus warra dhugaa kan jedhaman namoota fakkeenyasaa hordofan qofadha.
Yeroo Yesus lafarra turetti, namoonni duuka buutotasaa turan tokko tokko eenyufaa akka taʼan haa ilaallu. Namoota jalqaba duuka buutota Yesus taʼan keessaa tokko Filiphos jedhama. Filiphos, hiriyaasaa Naatnaaʼel (isa Bartolomewos jedhamuufi) muka jala taaʼee argitu sana bira dhaqe. Naatnaaʼel gara Yesus yommuu dhufu, Yesus “Ilaa, nama Israaʼel isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre” jedheen. Naatnaaʼelis jecha Yesus kanatti waan dinqisiifameef, “Eessatti na beekta?” jedhee isa gaafate.
Yesus duuka buutotasaa akka taʼaniif eenyuunfaa waamaa jira?
Yesusimmoo deebisee, “Filiphos utuu si hin waamin muka harbuu jalattan si arge” jedheen. Inni eessa akka ture Yesus sirriitti beekuusaatti waan dinqisiifameef Naatnaaʼel, “Ati ilma Waaqayyoo ti, ati mootii Israaʼel!” jedheen.—Yohannis 1:49.
Yihudaa nama Biyya Keriyot, Yihudaa (isa Taadewos jedhamu), Simi’oon
Namoonni Filiphosiifi Naatnaaʼel dura duuka buutota Yesus taʼan garabiraanis jiru turan. Isaanis Indiriyaas, obboleessasaa Phexrosiifi Yohannisidha; Yaaqoob obboleessi Yohannisis isaan keessaa tokko taʼuu hin oolu. (Yohannis 1:35-51) Yeroo muraasa booda garuu, namoonni arfan kun gara hojii qurxummii qabuusaaniitti deebiʼan. Achiis gaaf tokko Yesus qarqara ciisa bishaan Galiilaa bira utuu darbuu, Phexrosiifi Indiriyaas kiyyoo qurxummii itti qaban gara galaanaatti utuu darbatanii isaan arge. Yeroo kanatti Yesus, “Na duukaa buʼaa!” isaaniin jedhe.
Yaaqoob (ilma Alfewos), Toomaas, Maatewos
Xinnoo erga isaanirraa hiiqee boodammoo, Yaaqoobiifi Yohannisiin arge. Isaanis abbaasaanii wajjin bidiruurra taaʼanii kiyyoo qurxummii ittiin qaban suphaa turan. Yesus, isaanis isa duukaa akka buʼaniif isaan waame. Yesus, yeroo kanatti utuu si waameera taʼee maal goota turte? Yeruma sana isa duukaa buuta turtee?— Namoonni kun Yesus eenyu akka taʼe, akkasumas kan isa erge Waaqayyo taʼuusaas beeku turan. Kanaaf, hojii qurxummii qabuusaanii dhiisanii yeruma sana isa duukaa buʼaniiru.—Maatewos 4:18-22.
Naatnaa’el, Filiphos, Yohaannis
Namoonni kun duuka buutota Yesus erga taʼanii booda, dogoggora raawwatanii hin beekan jechuudhaa?— Akkas jechuu miti. Namoonni kun namni hundasaaniirra caalu eenyu akka taʼe wal falmaa akka turan ni yaadatta taʼa. Haataʼu malee, gorsa Yesus isaaniif kenne dhagaʼanii, jijjiirama gochuuf fedhii qabu turan. Nuyis jijjiirama gochuuf fedhii kan qabnu yoo taʼe, duuka buutota Yesus taʼuu ni dandeenya.
Yaaqoob (obboleessa Yohaannis), Indiriyaas, Pheexiros
Yesus namoonni haala addaddaarratti argaman duuka buutotasaa akka taʼan afeereera. Yeroo tokko, dargaggeessi sooressi geggeessituu Yihudootaa taʼe tokko gara Yesus dhufee jireenya barabaraa argachuuf maal gochuu akka qabu isa gaafate. Dargaggeessi kun ijoollummaasaatii jalqabee abboommiiwwan Waaqayyoo hunda eegaa akka jiru yommuu itti himu, Yesus “Kottuu ana duukaa buʼi!” jedheen. Haataʼu malee, namichi yeroo kanatti maal akka godhe beektaa?—
Namichi sooressa taʼuurra duuka buutuu Yesus taʼuun caalmaa akka qabu yommuu hubatu baayʼee gadde. Jaalalli inni qarshiisaatiif qabu jaalala Waaqayyoof qaburra waan isatti caaleef, duuka buutuu Yesus utuu hin taʼin hafeera.—Luqaas 18:18-25.
Yesus gara waggaa tokkoofi walakkaadhaaf erga lallabee booda, duuka buutota 12 filachuudhaan ergamootasaa akka taʼan godheera. Ergamoonni kun, namoota Yesus hojii addaa akka hojjetaniif ergedha. Maqaa namoota kanaa beektaa?— Mee maqaasaanii qabachuuf yaalii haa goonu. Fakkiisaanii ilaaluudhaan, maqaasaanii qabachuuf yaali. Achiis maqaasaanii yaadatti qabadhuutii waamuuf yaalii godhi.
Yesus yeroo lallabaaf adeemu dubartoonni isa gargaaraa turan kun eenyufaʼi?
Yeroo booda garuu ergamoota 12n kana keessaa inni tokko nama gadhee taʼe. Innis Yihudaa nama biyya Keriyotidha. Sana booda, duuka buutuun tokko filatamee ergamaa Yesus akka taʼu godhame. Maqaa nama kanaa beektaa?— Maatiyaas jedhama. Yeroo booda, Phaawulosiifi Baarnaabaas ergamoota Yesus yoo taʼaniyyuu, isaan warra 12n sana keessatti hin lakkaaʼamne.—Hojii Ergamootaa 1:23-26; 14:14.
Yesus ijoollee xixinnoo akka jaallatu Boqonnaa 1ffaa kitaaba kanaarratti barannee turre. Yesus kana kan godhe maaliifi?— Isaanis duuka buutotasaa taʼuu akka dandaʼan waan beekuufidha. Yeroo baayʼee wanti ijoollee xixinnoon dubbatan, namoonni gurguddaan waaʼee Barsiisaa Guddichaa akka dhagaʼaniifi barachuuf fedhii akka qabaatan kan godhu taʼuu dandaʼa.
Dubartoonni hedduunis duuka buutota Yesus taʼaniiru. Isaan keessaa tokko tokko yommuu inni lallabaaf gara magaalaawwan addaddaa dhaqu isaa wajjin adeemaniiru. Maariyaam ishee biyya Magdalaa, Yoʼaanaafi Susaanaan kana godhaniiru. Tarii nyaata qopheessuufi uffatasaa miicuudhaan isa gargaaranii taʼuu dandaʼa.—Luqaas 8:1-3.
Atoo duuka buutuu Yesus taʼuu ni barbaaddaa?— Duuka buutuu Yesus akka taane dubbachuun keenya qofti gaʼaa akka hin taane yaadadhu. Yeroo gara walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa dhaqnu qofa utuu hin taʼin, bakka hundumaatti wanta duuka buutota Yesusirraa eegamu raawwachuu qabna. Iddoowwan duuka buutota Yesus taʼuu keenya itti argisiisnu tokko tokko natti himuu dandeessaa?—
Eeyyee, mana keessattis taʼe mana barumsaatti kana gochuun nurraa eegama. Duuka buutuu Yesus warra dhugaa taʼuu jechuun, eessayyuu yoo jiraanne yeroo hundumaa wanta inni godhe raawwachuu jechuu akka taʼe dagachuu hin qabnu.
Iddoowwan duuka buutota Yesus taʼuu keenya itti argisiisnu tokko tokko eessafaʼi?
Duuka buutota Yesus ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu Maatewos 28:19, 20; Luqaas 6:13-16; Yohannis 8:31, 32 fi 1Phexros 2:21rraa waliin haa dubbisnu.