LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lr boq. 34 ful. 177-181
  • Yeroo Duunu Maal Taana?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Duunu Maal Taana?
  • Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaalleewwan Kee Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Duuti Dhuma Waan Hundumaa Miti!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Namoonni Duʼan Duʼaa ni Kaʼu!
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
lr boq. 34 ful. 177-181

BOQONNAA 34

Yeroo Duunu Maal Taana?

AKKUMA beektu namoonni ni dulloomu, ni dhukkubsatu, akkasumas ni duʼu. Ijoolleen xixinnoonillee ni duʼu. Haataʼu malee, duʼa ykn nama duʼe sodaachuu qabdaa?— Yeroo duunu maal akka taanuhoo beektaa?—

Yeroo ammaatti namni duʼaa kaʼeefi waaʼee warra duʼanii nutti himuu dandaʼu hin jiru. Barsiisaa Guddicha kan taʼe Yesus, yeroo lafarra ture garuu namni duʼaa kaʼe tokko jira ture. Waaʼee nama kanaa dubbisuudhaan, namoonni yeroo duʼan maal akka taʼan beekuu dandeenya. Namni kun michuu Yesus siʼa taʼu, mandara xinnoo Bitaaniyaa jedhamtuufi magaalaa Yerusaalemitti dhihoo taate keessa jiraata ture. Maqaansaa Alaazaar jedhama; obboleettota Maartaafi Maariyaam jedhamanis qaba ture. Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu haa ilaallu.

Gaaf tokko Alaazaar baayʼee dhukkubsate. Yeroo kanatti Yesus biyya fagoo jira ture. Kanaaf, Maartaafi Maariyaam obboleessisaanii Alaazaar dhukkubsachuusaa Yesusitti akka himuuf nama tokko garasaatti ergan. Kanas kan godhan, Yesus dhufee obboleessasaanii fayyisuu akka dandaʼu waan beekaniif ture. Yesus doktoora taʼuu baatus, Waaqayyo humna waan isaaf kenneef dhukkuba hunda fayyisuu ni dandaʼa ture.—Maatewos 15:30, 31.

Haataʼu malee, Yesus garasaa dhaquusaa dura Alaazaar baayʼee dhukkubsatee waan tureef ni duʼe. Yesus garuu Alaazaar akka rafeefi innimmoo dhaqee hirribaa akka isa kaasu bartootasaatti hime. Haataʼu malee, bartoonnisaa wanta Yesus jedhe kana hin hubanne. Kanaaf Yesus, “Alaazaar duʼeera” jedhee ifatti isaanitti hime. Jechi kun duʼa ilaalchisee maal nu hubachiisa?— Duuni hirriba cimaa wajjin kan wal fakkaatu taʼuusaa nu hubachiisa. Duuni hirriba cimaa namni tokko abjuullee itti hin arginee wajjin wal fakkaata.

Yesus Maartaafi Maariyaamiin gaafachuuf gara manasaanii dhufaa jira. Yeroo kanatti michoonniifi firoottansaanii hedduun achi turan. Namoonni kun Maartaafi Maariyaam obboleessisaanii waan jalaa duʼeef isaan jajjabeessuu dhufan. Maartaan Yesus garasaanii dhufaa akka jiru yommuu dhageessu daftee gad itti baate. Maariyaamis ishee duukaa buute. Maariyaam baayʼee waan gadditeef booʼaa turte; yeroo isa argitus miillasaa jalatti kufte. Michoonnisaanii warri Maariyaam duukaa buʼanis booʼaa turan.

Barsiisaa Guddichis Alaazaariin eessa akka kaaʼan gaafate. Yeroo kanatti namoonni sun Yesusiin bakka Alaazaar itti awwaalametti isa geessan. Yesus namoota booʼan sana hunda yommuu arge, innis booʼuu jalqabe. Yesus nama jaallatan tokko duʼaan dhabuun hangam akka nama gaddisiisu beeka ture.

Dhagaan tokko awwaalicharratti qadaadamee waan tureefis Yesus, ‘Dhagicha irraa fuudhaa!’ isaaniin jedhe. Haataʼu malee, kana gochuunsaanii sirriidhaa?— Maartaan yaanni kun gaarii akka hin taane itti dhagaʼamee ture. Kanaaf, “Gooftaa, yoona foolii godhateera, erga awwaalamee harʼa guyyaa afuraffaa isaa ti” jetteen.

Yesus garuu, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?” jedheen. Yeroo kanatti Yesus Maartaan wanta Waaqayyoof ulfina argamsiisu tokko akka argitu dubbachuusaa ture. Yesus maal gochuuf jedha laata? Yommuu dhagicha irraa fuudhan, Yesus sagaleesaa ol kaasee Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Achiis sagaleesaa guddisee, “Alaazaar as baʼi!” jedhe. Maarree Alaazaar boollicha keessaa baʼeeraa? Achi keessaahoo baʼuu ni dandaʼa turee?—

Ati nama rafe hirribaa kaasuu ni dandeessaa?— Eeyyee, sagaleekee ol kaastee yoo isa waamte isa dammaqsuu dandeessa. Haataʼu malee, nama duʼe kaasuu ni dandeessaa?— Hin dandeessu. Hamma feete sagaleekee ol kaastee yoo iyyitellee, namni duʼe sun si dhagaʼuu hin dandaʼu. Anaafi siin dabalatee, namni kamiyyuu matumaa nama duʼe kaasuu hin dandaʼu.

Yesus ni waame, Alaazaaris gara jireenyaatti deebi’e, akkasumas boolla keessaa gadi baʼe

Yesus Alaazaariif maal godhe?

Yesus garuu namoota hundarra addadha. Waaqayyo humna adda taʼe isaaf kenneera. Kanaaf, yeroo Yesus Alaazaariin waamu wanti dinqisiisaan tokko ni raawwatame. Namichi guyyaa afuriif duʼee ture sun awwaala keessaa baʼe. Namni kun deebiʼee jireenya argate. Yeroo kanatti hafuura baafachuu, adeemuufi dubbachuu jalqabe. Eeyyee, Yesus Alaazaariin duʼaa kaaseera.—Yohannis 11:1-44.

Mee dhimma kanarratti yaadi: Alaazaar yommuu duʼe maal taʼe? Lubbuunsaa ykn hafuurrisaa qaamasaarraa adda baatee bakka taʼe tokko jiraachuuf adeemteettii? Yookiin lubbuunsaa gara samii dhaqxee turtee? Alaazaar, guyyaa arfan sanaaf Waaqayyoofi ergamoota Waaqayyoo warra qulqulluu wajjin turee?—

Matumaa. Yesus Alaazaar rafaa jira jedhee akka ture yaadadhu. Yommuu raftu haala akkamii keessatti argamta? Yeroo hirriba cimaa raftu, wanta naannoo keetti raawwatamu beekuu hin dandeessu mitii?— Yeroo hirribaa kaatummoo, saʼaatii yoo ilaalte malee hangam akka rafte hin beektu.

Namoonni duʼanis haaluma akkasii keessatti argamu. Waan tokkoyyuu hin beekan. Wanti isaanitti dhagaʼamu tokkoyyuu hin jiru. Homaa gochuus hin dandaʼan. Alaazaaris yeroo duʼetti haaluma akkasii keessatti argama ture. Duuti hirriba cimaa namni waan tokkoyyuu itti yaadachuu hin dandeenyee wajjin wal fakkaata. Macaafni Qulqulluun, ‘Warri duʼan waan tokkoyyuu hin beekan’ kan jedhus kanaafi.—Lallaba 9:5, 10.

Reeffa Alaazaar holqa keessa ciisee jiru

Alaazaar yommuu duʼe haala akkamii keessatti argama ture?

Mee dhimma kanarrattis yaadi: Alaazaar guyyaa afuriif utuu samiirra tureera taʼee, waaʼee bakka sanaa waan tokkollee hin dubbatu turee?— Yesushoo bakka gaarii sanaa gara lafaatti gad isa fida turee?— Matumaa akkas hin godhu!

Haataʼu malee, namoonni hedduun wanta lubbuu jedhamtu qabna; erga foon keenya duʼee boodas lubbuun kun jiraachuushee itti fufti jedhu. Namoonni kun lubbuun Alaazaar bakka taʼe tokko jiraachaa turte jedhanii amanu. Macaafni Qulqulluun garuu akkas hin jedhu. Kanaa mannaa, Waaqayyo nama jalqabaa Addaamiin “lubbuu” godhee akka uume dubbata. Kanaaf Addaam lubbuu ture jechuudha. Macaafni Qulqulluun Addaam yommuu cubbuu hojjetu akka duʼe dubbata. Yeroo kanatti Addaam duʼee biyyoo jalqaba irraa tolfametti deebiʼeera. Kana malees, Macaafni Qulqulluun ijoolleen Addaam hundi cubbuu akka dhaalaniifi akka duʼan dubbata.—Uumama 2:7, hiika bara 1899; 3:17-19; Lakkoobsa 6:6; Roomaa 5:12.

Kanaaf, lubbuu qaama keenyarraa adda taate hin qabnu jechuudha. Hundi keenya lubbuudha. Macaafni Qulqulluun namoonni hundi Addaamirraa cubbuu akka dhaalaniif, ‘lubbuun isa cubbuu hojjetuummoo akka duʼu’ dubbata.—Hisqiʼel 18:4.

Ijoollee iddoo awwaalaa jiran

Namoota duʼan sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

Namoonni tokko tokko warra duʼan ni sodaatu. Namoonni kun, warri duʼan lubbuu qaamasaaniirra adda baatee jiraattuufi namoota lubbuudhaan jiranirra miidhaa geessistu qabu jedhanii waan sodaataniif naannoo awwaalchaa hin dhaqan. Haataʼu malee, namni duʼe tokko nama lubbuudhaan jiru miidhuu ni dandaʼaa?— Matumaa hin dandaʼu.

Namoonni tokko tokko warri duʼan ekeraa taʼanii deebiʼanii dhufuudhaan namoota lubbuudhaan jiran gaafatu jedhanii amanu. Kanaan kan kaʼes, namoota duʼaniif nyaata kaaʼu. Haataʼu malee, namoonni wanta akkasii raawwatan warra duʼan ilaalchisee wanta Waaqayyo jedhe hin beekan. Wanta Waaqayyo jedhutti kan amannu yoo taʼe garuu, warra duʼan hin sodaannu. Waaqayyo lubbuu waan nuu kenneef kan isa galateeffannu yoo taʼe, wantoota Waaqayyo biratti fudhatama qaban raawwachuudhaan dinqisiifannaa keenya argisiisna.

Haataʼu malee, ‘Waaqayyo daaʼimman duʼan gara jireenyaatti ni deebisaa? Dhuguma inni akkas gochuuhoo ni barbaadaa?’ jettee gaafatta taʼa. Dhimma kana mataduree ittaanurratti ilaalla.

Haala namoonni duʼan keessatti argaman ilaachisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu, Faarfannaa 115:17; 146:3, 4 fi Ermiyaas 2:34, hiika bara 1899⁠rraa haa dubbisnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi