“Hundumaa Dura Immoo Jaalala Ho’aa Waliif Qabaadhaa!”
“Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. ... Hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!”—1PHEXROS 4:7,8.
YESUS, sa’aatiin dhumaa bartootasaa wajjin dabarsu yeroo murteessaa akka ta’e beeka ture. Waan isaanitti dhufuuf jirus beeka ture. Hojii guddaan raawwachuu qaban kan kennameef ta’uyyuu, akkuma Yesus, ni jibbamu ni ari’atamus. (Yohannis 15:18-20) Galgala dhumaa, waliin turan sanatti, barbaachisummaa ‘wal jaallachuu’ irra deddeebi’ee isaan yaadachiseera.—Yohannis 13:34, 35; 15:12, 13, 17.
2 Galgala sanatti achi kan ture Phexros, yaadachiisa Yesus kenne hubateera. Waggoota baay’ee booda, Phexros, Yerusaalem baduushee yeroo xiqqoo dura xalayaa barreesseen, barbaachisummaa jaalalaa ibseera. “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera. ... Hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!” jechuudhaan Kristiyaanota gorseera. (1Phexros 4:7,8) Jechi Phexros kun, namoota “guyyoota gara dhumaa” sirna wantootaa kana keessa jiraniif caalaatti hiika guddaa qaba. (2Ximotewos 3:1) ‘Jaalalli ho’aan’ maalidha? Warra kaaniif jaalala akkasii qabaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Jaalala akkasii kana akkamiin argisiisuu dandeenya?
‘Jaalalli Ho’aan’—Maalinni?
3 Namoonni baay’een, jaalalli miira uumamaan argamudha jedhanii yaadu. Haata’u malee, Phexros kan dubbachaa ture waa’ee jaalala akkasii utuu hin ta’in, waa’ee jaalala isa hundumaarra caaluuti. 1Phexros 4:8 irratti jechi “jaalala” jedhu, afaan Griikiitiin jecha agaappee jedhurraa kan hiikamedha. Hiikni jecha kanaa, jaalala ofittummaarraa walaba ta’eefi kan seera bu’uuraatiin geggeeffamu kan jedhudha. Barreeffamni tokko: “Jaalalli agaappee jedhamu kun, duraan dursa miiraan kan gaggeeffamu utuu hin ta’in, seera bu’uuraa Waaqayyootiif waan ajajamnuufi.” Fedhii ofittummaa waan dhaalleef, akka seera bu’uuraa Waaqayyo kennetti jaalala waliif qabaachuuf yaadachiisni nu barbaachisa.—Uumama 8:21; Roomaa 5:12.
4 Kana jechuun, kan wal jaallannu abboommiin waan nu kennameef jechuu miti. Agaappeen jaalala miira ho’aa hin qabne miti. Phexros, “jaalala ho’aa” waliif akka qabaanu dubbateera.a Kun garuu, carraaqqii gaafata. Jecha afaan Griikiitiin “ho’aa” jedhu ilaalchisee, hayyuun tokko akkas jedheera: “Yaada atleetiin tokko dorgommiisaa mo’uuf yeroo xumuruu jala ga’u humna qabu hundumaatiin gargaaramee dorgomu itti dhaga’amuu wajjin wal fakkaata.”
5 Kanaaf, jaalalli keenya, wantoota salphaa ta’aan gochuudhaan ykn namoota filataman muraasaaf argisiisuudhaan kan daangeffame ta’u hin qabu. Jaalala Kristiyaanummaa argisiisuun yoo rakkisaa ta’ellee, kana gochuuf gara ‘bal’eessa’ ta’u gaafata. (2Qorontos 6:11-13) Akkuma atleetiin tokko dandeettisaa fooyyeessuuf leenjii fudhachuu qabu, jaalala akkasii kana dagaagsuun nubarbaachisa. Jaalala akkasii waliif qabaachuun keenya barbaachisaadha. Maaliifi? Yoo xinnaate sababiiwwan sadii ilaalla.
Wal Jaallachuu kan Qabnu Maaliifi?
6 Tokkoffaan, ‘Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta’eefidha.’ (1Yohannis 4:7) Madda jaalala akkasii kanaa kan ta’e Yihowaan, dursee nujaallateera. Yohannis ergamaan: “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul’ate” jedha. (1Yohannis 4:9) Ilmi Waaqayyoo, nama ta’ee “gara biyya lafaatti” ergameera, tajaajilasaa raawwateera, akkasumas fannifamee du’eera. Kana hundaa kan godhe, “jireenya akka argannuufi.” Jaalala Waaqayyoo isa hunda caaluu kanaaf deebii akkamii kennuu qabna? Yohannis akkas jedha: “Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta’a.” (1Yohannis 4:11) Yohannis, “Waaqayyo akkana erga nu jaallatee”—yeroo jedhu, si utuu hin ta’in nu jechuusaa qalbeeffadhaa. Ergaan kun ifadha: Waaqayyoo warra hidhata amantii keenyaa kan jaallatu yoo ta’e, nuyis akkumasaa isaan jaallachuu qabna.
7 Lammaffaan, ‘Dhumni waan hundumaa kan dhihaate’ waan ta’eef, obboloota gargaaramuu qaban gargaaruuf, caalaatti yeroo ammaa wal jaallachuun keenya barbaachisaadha. (1Phexros 4:7) Kan jiraannu, ‘Guyyoota gara dhumaa sodaachisaa’ ta’an keessadha. (2Ximotewos 3:1) Haalli biyya lafaa, balaawwan uumamaafi mormiiwwan nurratti ka’an kun rakkoo nurraan geessisu. Haalawwan rakkisaa ta’an keessatti, caalaatti walitti dhihaachuu nu barbaachisa. Jaalalli ho’aan, tokko nu gochuudhaan ‘waliif akka yaadnu’ nukakaasa.—1Qorontos 12:25, 26.
8 Sadaffaanimmo, ‘Seexanaaf karaa kennuu’ waan hin barbaanneef wal jaallachuu qabna. (Efesoon 4:27) Seexanni, hir’ina, dadhabbiifi dogoggora warra hidhata amantii keenyaatti gargaaramee nu gufachiisuuf dammaqaadha. Jechi yaada malee dubbatame, ykn gochi gaarii hin taane gumiirraa nu hin fageessaa? (Fakkeenya 12:18) Jaalala ho’aa yoo waliif qabaanne walirraa nu fageessu! Jaalalli akkasii kun, nagaa akka qabaannuufi tokkummaadhaan ‘harka wal qabannee’ Waaqayyoon tajaajiluuf nu gargaara.—Sefaniya 3:9.
Karaa Itti Warra Kaan Jaallachuu kee Argisiisuu Dandeessu
9 Jaalala argisiisuun maatii keessaa jalqabuu qaba. Kristiyaanonni dhugaa, jaalala waliif qabaniin akka beekaman Yesus dubbateera. (Yohannis 13:34, 35) Jaalalli, hiriyaa gaa’elaa, akkasumas warraafi ijoollee gidduu jiru, gumii keessatti qofa utuu hin ta’in—mana keessattis argisiifamuu qaba. Akka maatii keenya jaallannu hojiidhaan argisiisuu qabna malee, akka isaan jaallannu nutti dhaga’amuunsaa qofaan gahaa miti.
10 Haati manaafi abbaan manaa, akka wal jaallatan akkamitti argisiisuu danda’u? Abbaan manaa dhugumaan akka haadha manaasaa jaallatu—dhuunfaattis ta’e, namoota biratti jechaafi gochasaatiin—argisiisuu qaba. Eenyummaashee, yaadashee, ilaalchasheefi, miirasheetiif bakka guddaa kenna. (1Phexros 3:7) Abbaan manaa fedhasaatiif utuu hin ta’in, fedhii haadha manaasaatiif dursa kennuudhaan, karaa fooniifi karaa hafuuraa wanta miirasheetiif barbaachisu guutuufii qaba. (Efesoon 5:25, 28) Haati manaa dhugumaan abbaa manaashee jaallattu, darbee darbee wanta isheen barbaaddu guutuufii baatus, “ulfina” ni kennitiif. (Efesoon 5:22, 33) Waan humnaa ol ta’e gaafachuu dhiisuufi wanta hafuuraarratti akka xiyyeeffataniif carraaqqii inni godhu deeggeruudhaan, abbaa manaashee ni gargaarti, ni ajajamtiifis.—Uumama 2:18; Maatewos 6:33.
11 Warri, ijoollee keessaniif jaalala argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Waan isaan barbaachisu guutuuf jabaattanii hojjechuun keessan jaalala isaaniif qabdan kan mul’isudha. (1 Ximotewos 5:8) Haata’u malee, nyaata, uffannaafi, bakka jireenyaa argachuu caalaa wanti ijoollee barbaachisu jira. Waaqa dhugaa jaallatanii akka guddataniifi akka isa tajaajilaniif leenjii hafuuraa barbaadu. (Fakkeenya 22:6) Sana jechuun maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qorachuu, tajaajilarratti hirmaachuufi walga’iiwwan Kristiyaanaarratti argamuuf yeroo ramaduu jechuudha. (Keessa Deebii 6:4-7) Keessumaa yeroo rakkisaa kana keessatti, utuu walirraa hin kutin sochiiwwan akkasiirratti hirmaachuun aarsaa guddaa gaafata. Jireenya bara baraa argachuunsaanii waan isin yaaddessuuf, karaa hafuuraa isaaniif yaaduufi carraaquun keessan, akka isaan jaallattan kan argisiisudha.—Yohannis 17:3.
12 Warri, miira ijoolleesaanitiif yaaduudhaan jaalala argisiisuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Ijoolleen balaadhaaf kan saaxilamanidha; akka isaan jaallattan beekuu barbaadu. Kana gochuun keessan, akka isaan jaallatamaniifi akka barbaadaman akka itti dhaga’amu godha. Jaalala isaaniif qabdan ibsuuf garaadhaa isaan galateeffachuudhaan, carraaqqii godhan akka ilaaltaniifi kanaafis bakka guddaa akka kennitan beekuuf isaan gargaara. Jaalalaan isaan adabuun keessan, fulduratti nama gaarii ta’uusaanii akka barbaaddan hubachiisa. (Efesoon 6:4) Jaalalli akkasitti ibsamu hundi, maatii gammachuu qabuufi wal gargaaru ijaarudhaan maatiin sun dhiibbaa guyyoota dhumaatti dhufan mo’uuf akka qophaa’u godha.
13 Jaalalli, irra daddarbaa warra kaanii akka irra darbinu nu kakaasa. Phexros, “jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!” jechuudhaan namoota ergaasaa dubbisan erga gorsee booda, “baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala” jechuudhaan sababii kana gochuun barbaachisaa itti ta’e ibseera. (1Phexros 4:8) “Akka deebi’ee hin argamne” godha jechuun, cubbuu guddaa dhoksuu jechuu miti. Cubbuu cimaan akkasii kun, warra gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniitti himamuufi ilaalamuu qaba. (Lewwoota 5:1; Fakkeenya 29:24) Warri cubbuu hamaa hojjetan warra qajeeloo ta’aan akka miidhaniifi akka gowwoomsan heyyamuun—kan jaallatamuufi kan Macaafni Qulqulluun deggeru miti.—1Qorontos 5:9-13.
14 Yeroo baay’ee, dogoggoriifi dadhabbiin obboloota keenyaa xiqqoodha. Hundi keenya darbee darbee jechaanis ta’e gochaan waan irraa kaannuuf, wal mufachiisuu ykn wal miidhuu dandeenya. (Yaaqoob 3:2) Balleessaa warra kaanii dabarsinee odeessuuf ni jarjaraa? Wanti akkasii kun gumiikeessatti walitti bu’insi akka uumamu godha malee faayidaa hin qabu. (Efesoon 4:1-3) Jaalalaan kan gaggeeffamnu yoo ta’e, ‘maqaa hidhata amantii keenyaa hin balleessinu.’ (Faarfannaa 50:20) Akkuma maraggiiniifi halluu dibuun dagalee manaa dhoksu, jaalallis irra daddarbaa warra kaanii dhoksa.—Fakkeenya 17:9.
15 Jaalalli, warra gargaarsi dhugumaan isaan barbaachisu gargaaruuf nukakaasa. Haalli guyyoota dhumaa kun ittuma caalaa yeroo deemu kanatti, yeroon itti obboloota keenyaaf gargaarsi barbaachisu jira. (1Yohannis 3:17, 18) Fakkeenyaaf, rakkinni dinagdee ykn hojii dhabinsi miseensa gumii keenyaa tokkorra ga’eeraa? Tarii hammuma humna keenyaa gargaarsa gochuufii dandeenya ta’a. (Fakkeenya 3:27, 28; Yaaqoob 2:14-17) Manni obboleettii maanguddoon abbaan manaashee irraa du’e, suphamuu barbaadaa? Kanaafuu, tarii gartokkoo hojichaarratti hirmaachuuf dursa fudhachuu dandeenya ta’a.—Yaaqoob 1:27.
16 Jaalalli keenya, namoota naannoo keenyatti argaman qofaaf kan daanggeeffame miti. Yeroo tokko tokko, tajaajiltonni Waaqayyoo bakka garabiraa jiran, sababii hobomboleettiitiin, socho’ina lafaatiin, ykn goolii saboota gidduuti uumamuun, hubamuusaanii dhageenya. Tarii, nyaata, uffataafi waan isaan barbaachisu garabiraa dhabuusaanitiin abdii kutaniiru ta’a. “Obbolummaa amantootaa” waan jaallannuuf sanyii ykn gosa kaminiyyuu ta’uunsaanii isaaniin gargaaruurraa nu hin dhorku. (1Phexros 2:17) Kanaafuu, akkuma gumiiwwan jaarraa jalqabaa, qindoomina gargaarsaaf godhame deeggaruuf qophaa’oodha. (Hojii Ergamootaa 11:27-30; Roomaa 15:26) Karaa kana hundaan, jaalala kan argisiisnu yoo ta’e, guyyoota dhumaa kana keessatti tokkumaan keenya akka jabaatu goona.—Qolosaayis 3:14.
17 Jaalalli misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti lallabuuf nukakaasa. Fakkeenya Yesus ilaalaa. Kan lallabeefi kan barsiise maaliifi? Namoota sonaan baay’ee karaa hafuuraa haala gaddisiisaarra turaniif waan ‘oo’eefi.’ (Maarqos 6:34) Geggeessitoota amantii, dhugaa karaa hafuuraa isaan barsiisuuf abdii kennuufii qabaniin dagatamaniifi wallaalchifamanii turan. Kanaaf, Yesus, jaalala onneerraa maddeefi gara laafinaan kaka’ee, waa’ee “misraachoo mootummaa Waaqayyoo” lallabudhaan isaan jajjabeessera.—Luqaas 4:16-21, 43.
18 Yeroo har’aas, namoonni baay’een karaa hafuuraa kan dagataman, kan gowwoomsamaniifi abdii kan hin qabnedha. Nuyis akkuma Yesus, fedhii hafuuraa namoota Waaqa dhugaa hin beekneef kan yaadnu yoo ta’e, jaalalaafi gara laafinaan kakaanee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabnaaf. (Maatewos 6:9, 10; 24:14) Kan hafe yeroo gabaabaa waan ta’eef, ergaa lubbuu baraarsaa ta’e kana lallabuun yeroo ammaa caalaa arifachisaa kan ta’e akka hin jirre beeku.—1Ximotewos 4:16.
“Dhumni Waan Hundumaa Dhi’aateera”
19 Phexros akka jaalala waliif qabaannu nu gorsuuf, jecha: “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera” jedhuun jalqabuusaa yaadadhaa. (1Phexros 4:7) Yeroo dhihootti, biyya lafaa hamaan kun addunyaa qajeelaa haaraa isa kan Waaqayyootiin iddoo bufama. (2Phexros 3:13) Yeroon kun, yeroo itti garmalee of gammachiisnu miti. Yesus akka armaan gadiitti jechuudhaan nu akeekkachiiseera: “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa.”—Luqaas 21:34, 35.
20 Kanaaf, yeroo duguugamaa keessa jiraannu kanatti karaa hundaa ‘dammaqoo’ taanee haa eegnu. (Maatewos 24:42) Gowwoomsaa Seexanaa yaada keenya jal’isuu danda’u kamirraayyuu of haa eegnu. Addunyaan qabbanaa’aniifi jaalala hin qabne kun, warra kaaniif jaalala argisiisuurraa akka nudhorku heyyamuu hin qabnu. Hunda caalaa, Mootummaa Masihichaatti gargaaramee kaayyoosaa isa dinqisiisaa lafa kanaaf qabu kan raawwatu Waaqa dhugaa kan ta’e Yihowaatti yeroo kamiyyuu caalaa haa dhihaannu.—Mul’ata 21:4,5.
[Miiljalees]
a Hiikiwwan Macaafa Qulqulluu biroon, jecha 1Phexros 4:8rra jiru, “garaadhaa”, “baay’ifnee” ykn “jabeessinee” wal jaallachuu qabna jechuudhaan hiikaniiru.
GAAFFIIWWAN
• Yesus bartootasaa dhiisee deemuuf ennaa jedhu gorsa akkamii kenneef? Phexros kana hubachusaa kan argisiisu maalidha? (Key. 1-2)
• ‘Jaalalli ho’aan’ maalidha? (Key. 3-5)
• Wal jaallachuu kan qabnu maaliif? (Key. 6-8)
• Warra kaaniin akka jaallattu akkamitti argisiisuu dandeessa? (Key. 9-18)
• Yeroon kun yeroo itti garmalee of gammachiifnu kan hin taane maaliifi? Maal gochuuf murteessuu qabna? (Key.19-20)
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Maatiin tokkummaa qabu dhiibbaa guyyoota dhumaatti dhufan mo’uuf caalaatti qophaa’aadha
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Jaalalli, warra dhugumaan gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruufnu kakaasa
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Warra kaaniif misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuun gocha jaalalaati