LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • T-27 ful. 1-6
  • Rakkinni Hundi Yeroo Dhihotti Ni Bada!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkinni Hundi Yeroo Dhihotti Ni Bada!
  • Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkinni Kan Jalqabe Maaliifi?
  • Gaaffiin Inni Guddaan—Bulchiinsa Eenyuutu Sirriidhaa? Kan Jedhudha
  • Rakkinni Yeroo Dhihootti Ni Bada
  • Rakkina Danda’uudhaan Faayidaa Argachuu Dandeenya
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Qaamni Kadhannaa Dhagaʼu Maaliif Rakkina Heyyame?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Waaqayyorratti Ka’uun Rakkina Akkamii Geessise?
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Rakkina Addunyaa Maraatiif Furmaata Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!
T-27 ful. 1-6

Rakkinni Hundi Yeroo Dhihotti Ni Bada!

Jireenya kee keessatti: ‘Rakkinni kan akkas baay’ate maaliifi?’ jettee gaafattee beekta ta’a. Waggoottan kumaan lakkaa’amaniif, waraanaan, hiyyummaadhaan, balaadhaan, yakkaan, jal’ina murtootiin, akkasumas dhukkubaafi du’aan ilmaan namootaa rakkina baay’ee arganiiru. Waggoottan dhibbaan darbanitti, yeroo kamiyyuu caalaatti rakkinni hangana hin jedhamne ilmaan namootaarra ga’eera. Dhugumaan rakkinni kun hundi ni badaa?

Deebiinsaa, eeyyee rakkinni kun yeroo dhihootti ni bada kan jedhudha! Sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafni Qulqulluun: “Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jedha. Garraamonni lafarra nagaadhaan kan jiraatan yeroo hammamiitiifi? “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u.”—Faarfannaa 37:10, 11, 29.

Waaqayyo, erga rakkinaafi dhiphina balleessee booda, lafti gara jannataatti jijjiiramti. Sanaan booda, namoonni dhibeen fayyaa utuu isaanirra hin ga’in bara baraaf gammachuudhaan jiraatu. Sagaleen Waaqayyoo akkas jechuudhaan dubbata: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”—Mul’ata 21:4.

Addunyaa haaraa dhufu keessatti, warri du’anis du’aa ka’uudhaan eebba gaarii fuulduratti dhufurraa hirmaatu: ‘Warri qajeelotaafi warri jal’ootis du’aa ni ka’u.’ (Hojii Ergamootaa 24:15) Sababiin Yesus namicha yakkamaa qalbii geeddarachuudhaan isatti amaneen: “anaa wajjin jannata keessatti in argamta” ittiin jedhes kanumaafidha.—Luqaas 23:43.

Rakkinni Kan Jalqabe Maaliifi?

Kaayyoon Waaqayyoo yeroon gara fuulduraa akka gammachiisaa ta’u gochuu erga ta’ee, rakkinni akka jalqabuufi yeroo dheeraadhaaf akka itti fufu kan heyyame maaliifi?

Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaaniin qaamaafii sammuunsaanii gonkummaa akka qabaatu godhee uumeera. Dhaaba jannataa keessa isaan kaa’uudhaan hojii gammachiisaa isaaniif kennee ture. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture.” (Uumama 1:31) Utuu isaan Waaqayyoof ajajamaniiru ta’ee, ijoollee gonkummaa qaban godhatu turan; akkasumas guutummaan biyya lafaa bakka ilmaan namootaa nagaafi gammachuudhaan bara baraaf irra jiraatan taati turte.

Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaaniin mirga addaa filannoo gochuuf isaan dandeessisu akka qabaatan godhee isaan uumeera. Isaan roobootota waa yaaduu hin dandeenye ta’anii hin uumamne. Haata’u malee, gammachuunsaanii kan itti fufuu danda’u, seera Waaqayyootiif abboomamuudhaan mirga addaa filannoo gochuuf isaaniif kennameen karaa sirrii ta’e yoo itti gargaaraman qofadha. Waaqayyo kana ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.” (Isaayaas 48:17) Ilmaan namootaa Waaqayyorraa fagaatanii ofiin akka of bulchan ta’anii waan hin uumamneef, mirga addaa filannaa gochuuf isaaniif kennameen seeraan ala yoo itti gargaaraman rakkina isaanirraan ga’a. Macaafni Qulqulluun: “Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye” dubbata.—Ermiyaas 10:23.

Kan nama gaddisiisu garuu, Addaamiifi Hewwaan Waaqayyorraa fagaannee yoo ofiin of bulchine gaariidha jedhanii yaadan. Haata’u malee, yeroo Waaqayyoof bitamuu didanitti gargaarsisaa waan isaanirraa citeef gonkummaasaanii dhaban. Kanaan kan ka’es, dadhabaa adeemuudhaan dullumaafi du’aaf saaxilaman. Nuyis ijoolleesaanii waan taaneef, isaanirraa cubbuufi du’a dhaalleerra.—Roomaa 5:12.

Gaaffiin Inni Guddaan—Bulchiinsa Eenyuutu Sirriidhaa? Kan Jedhudha

Waaqayyo, Addaamiifi Hewwaaniin balleessee abbaa manaafi haadha manaa garabiraa uumuu kan dhiise maaliifi? Sababiinsaa olaantummaasaarratti, jechuunis mirga inni bulchuuf qaburratti mormiin waan ka’eefidha. Gaaffiiwwan ka’an: Uumama cufa bulchuuf mirga kan qabu eenyu? Bulchiinsi sirrii ta’e kan eenyuuti? kan jedhanidha. Kunis: Ilmaan namootaa Waaqayyoof bitamuu dhiisanii utuu ofiin of bulchanii isaanii wayya ture? gaaffii jedhu kaaseera. Waaqayyo namoonni isarraa guutummaatti walaba ta’anii akka ofiin of bulchan yeroo ga’aa heyyamuudhaan, bulchiinsa ilmaan namootaafi bulchiinsasaa keessaa kamtu gaarii akka ta’e akka beekamu godheera. Ilmaan namootaa qajeelfama Waaqayyoorraa adda ba’anii, sirna siyaasaa, hawaasaa, dinagdeefi sirna amantii filataniin akka of bulchaniif yeroon isaaniif heyyamame ga’aa ta’uu qaba ture.

Waaqayyorratti ka’uun rakkina akkamii geessise? Seenaan ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif dabarsan, rakkoo hangana hin jedhamne kan of irraan ga’an ta’uusaanii nutti hima. Yeroo kamiyyuu caalaa jaarraa darbetti rakkinni hangana hin jedhamne ilmaan namootaarra ga’eera. Waraana addunyaa isa 2⁠ffaatti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman du’aniiru. Namoonni miliyoona 100 ol ta’an sababii waraanaatiin dhumaniiru. Yakkiifi jal’inni garmalee babal’ateera. Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun baay’ee babal’ateera. Dhukkubni saalquunnamtiidhaan darbu namoota baay’ee hubuusaa itti fufeera. Waggaa waggaadhaan, namoonni miliyoona kudhaniin lakkaa’aman sababii beelaafi dhukkubaatiin du’aa jiru. Bakka hundaattiyyuu jireenyi maatiifi amalli namootaa manca’aa jira. Mootummaan namootaa kamiyyuu rakkoowwan kanaaf furmaata fiduu hin dandeenye. Isaan keessaa, dulluma, dhukkubaafi du’a balleessuu kan danda’e hin jiru.

Haalli ilmaan namootaa keessatti argaman, raajii Macaafni Qulqulluun bara keenya ilaalchisee dubbatee wajjin wal fakkaata. Sagaleen Waaqayyoo, yeroon keessa jirru kun ‘guyyoota gara dhumaafi yeroo sodaachisaa’ ta’uusaa dubbata. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhetti, ‘Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad adeemaa jiru.’—2 Ximotewos 3:1-5, 13.

Rakkinni Yeroo Dhihootti Ni Bada

Ragaan kun hundi, ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuuf yaalii gochuusaaniitiin, rakkinni isaan ofitti fidan yeroo dhihoo booda akka badu kan argisiisudha. Ilmaan namootaa Waaqayyoon alatti ofiin of bulchuuf yaaliin isaan godhan, gonkumaa kan isaaniif hin mijoofne ta’uusaa mirkaneessa. Nagaa, gammachuu, fayyaafi jireenya bara baraa fiduu kan danda’u bulchiinsa Waaqayyoo qofadha. Kanaafuu, Yihowaan yeroo dhihootti, rakkinaafi dhiphina ni balleessa. Waaqayyo yeroo dhihootti sirna hamaa kana ni balleessa.

Raajiin Macaafa Qulqulluu akkas jedha: “Bara mootota sanaatti [bulchiinsa ilmaan namootaa yeroo ammaatti argamu] Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, . . . [samiirratti] dhaabuuf jira; inni mootummoota sana [bulchiinsa ilmaan namootaa isa yeroo ammaatti argamu] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” (Daani’el 2:44) Olaantummaan Yihowaafi mirgi inni uumamasaa bulchuuf qabu karaa Mootummaasaa isa samiitiin kan mirkanaa’u yeroo ta’u, ijoon barumsa Macaafa Qulqulluus kanarratti kan xiyyeeffatedha. Yesus, mallattoowwan gurguddaa ‘guyyoota gara dhumaatiif’ kennaman keessaa isa tokko ilaalchisee akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”—Maatewos 24:14.

Guyyaan dhumaa yeroo dhufutti kan badiisarraa oolan eenyufa’i? Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan deebii kenna: “Warri gara-qajeelonni biyya keessa in jiraatu, namoonni balleessaa hin qabnes isa keessatti in hafu. Warri jal’oonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu.” (Fakkeenya 2:21, 22) Warri gara-qajeelonni, namoota fedha Yihowaa barataniifi isa baratan hojiirra oolchanidha. Yesus Kiristos akkas jedheera: “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.” (Yohannis 17:3) Eeyyee, “Biyyi lafaa . . . . in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”—1 Yohannis 2:17.

Ibsi garabiraan yoo kenname malee, Caqasiwwan tiraakticha keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfamerraa kan fudhatamanidha. Caqasichatti aansee, NW yoo jedhame, caqasichi kan fudhatame Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan Ingiliffaa keessaa ta’uusaa argisiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi