LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bh ful. 215-ful. 218 key. 1
  • Bara 1914—​Waggaa Raajii Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bara 1914—​Waggaa Raajii Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu
  • Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Mootii Kan Taʼe Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Bara 1914 Ilaalchisee Lakkoofsi Baraa Kitaaba Qulqulluu Maal Ibsa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
bh ful. 215-ful. 218 key. 1

KUTAA DABALATAA

Bara 1914​—Waggaa Raajii Macaafa Qulqulluu Keessatti Iddoo Guddaa Qabu

BARATTOONNI Macaafa Qulqulluu, bara 1914⁠tti wantoonni hiika guddaa qaban akka raawwataman barri olitti caqasame utuu hin ga’in naannoo waggaa afurtamaa dura dubbatanii turan. Wantoonni ni raawwatamu jedhaman kun maalidha? Barri 1914 waggaa hiika guddaa qabu ta’uusaa ragaan argisiisuhoo maalidha?

Luqaas 21:24⁠rratti Yesus akkas jedheera: “Yerusaalemis saba Waaqayyoo warra hin ta’iniin irra in ejjetamti, kunis hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin ta’initti kenname raawwatamutti.” Yerusaalem magaalaa guddittii saba Yihudii, jechuunis bakka mootonni sanyiin Daawit ta’an itti bulchan turte. (Faarfannaa 48:1, 2) Haata’u malee, mootonni kun mootota biyya lafaarra adda turani. Waaqayyoon bakka bu’uudhaan “Teessoo Waaqayyoorra” taa’u turan. (1 Seenaa 29:23, 1899) Kanaafuu, Yerusaalem bulchiinsa Waaqayyootiin fakkeeffamti turte.

Haata’u malee, bulchiinsi Waaqayyoo ‘saba Waaqayyoo warra hin ta’iniin kan irra ejjetame’ yoomiifi akkamitti? Kun kan ta’e Dh.K.D. bara 607 yeroo Yerusaalem warra Baabiloniin injifatamtettidha. Yeroo sanaa jalqabee ‘teessoo Waaqayyoorra’ kan taa’e kan hin jirre yeroo ta’u, bulchiinsi sanyii Daawitiin bakka buufamus gargar citeera. (2 Mootota 25:1-26) Bulchiinsi kun bara baraaf ‘irra ejjatamee’ hafaa? Hin hafu. Raajiin Hisqi’el, mootii Yerusaalem isa dhumaa Zedeqiyaa ilaalchisee akkas jedha: “Marata of irraa baasi! Gonfoos of irraa fuudhi! . . . kunis hamma abbaan firdii sun dhufee, ani isatti kennutti hin ta’u.” (Hisqi’el 21:26, 27) Gonfoo Daawit gonfachuuf “abbaan firdii” [inni mirga seeraa qabu, NW ] Yesus Kiristosidha. (Luqaas 1:32, 33) Kanaafuu, yeroo Yesus Mootii ta’etti ‘irra ejjetamuun’ kun ni hafa.

Wanti guddaan kun kan raawwatamu yoomi? Yesus warri saba Waaqayyoo hin ta’in kan bulchan yeroo muraasaaf ta’uusaa dubbateera. Yaanni Daani’el boqonnaa 4⁠rratti argamu dheerinni yeroo kanaa hammam akka ta’e akka hubannu nu gargaara. Raajichi abjuu mootiin Baabilon Nebukadnezaar arge ibsa. Mootichi muka guddaa murame arge. gufuun mukichaa sibiilaafi sibiila diimaadhaan waan hidhameef guddachuu hin danda’u. Ergamaan tokko: “Barri torba isa irratti haa darbu” jechuudhaan labseera.​—Daani’el 4:10-16.

Macaafa Qulqulluu keessatti al tokko tokko mukoonni bulchiinsa ilmaan namootaa argisiisu. (Hisqi’el 17:22-24; 31:2-5) Kanaafuu, mukti akka fakkeenyaatti ibsame muramuunsaa bulchiinsi Waaqayyoo inni mootota Yerusaalemiin bakka buufame akka dhaabatu argisiisa. Haata’u malee ‘Yerusaalemirra kan ejjetamu’ yeroo muraasaaf, jechuunis— ‘bara torbaaf’ akka ta’e ibsameera. Yeroon kun hammam dheerata?

Mul’anni 12:6, 14 barri sadiif walakkaan “guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaa” wajjin akka qixxee ta’e dubbata. Kanaafuu, “barri torba” dachaa lama ykn guyyoota 2,520 ta’a. Haata’u malee, saba Waaqayyoo warri hin ta’in guyyoota 2,520 keessatti bulchiinsa Waaqayyoorra ‘ejjechuu’ hin dhaabne. Kanaafuu, raajiin kun yeroo kanarra baay’ee caalu akka argisiisu hubachuun ni danda’ama. Lakkoobsa 14:34⁠rratti “guyyaan tokko akka waggaa tokkootti” ykn Hisqi’el 4:6⁠rratti “waggaan tokko akka guyyaa tokkootti” waan ibsameef, “barri torba” waggoota 2,520 ta’u.

Waggoonni 2,520 kan jalqaban, Onkololeessa 607 Dh.K.D. yeroo Yerusaalem warra Baabilon jalatti kufteefi mootiin sanyii Daawit ta’e teessoorraa akka buufamu yeroo godhamettidha. Barri kunimmoo kan raawwate Onkololeessa 1914⁠ttidha. Yeroo sanatti, “barri warra saba Waaqayyoo hin ta’inii” kan raawwate ta’uusaarrayyuu Yesus Mootummaa Waaqayyoo isa samiirratti Mootii ta’ee muudameera.a​—Faarfannaa 2:1-6; Daani’el 7:13, 14.

Akkuma Yesus dursee dubbatetti, samiirratti mootii ta’ee yeroo inni aboosaatiin ‘dhufetti’ ykn [“argametti, NW] addunyaa maratti waraanni, beelli, socho’i lafaafi dha’ichi haala kanaan dura ta’ee hin beekamneen ga’aniiru. (Maatewos 24:3-8; Luqaas 21:11) Dhugumayyuu, wantoonni akkasii kun bara 1914⁠tti Mootummaan Waaqayyoo samiirratti akka dhalateefi ‘guyyoonni gara dhumaa’ sirna hamaa kanaa jalqabuusaanii ragaawwan argisiisanidha.​—2 Ximotewos 3:1-5.

Chaartii:Barri torba ykn barri namoota saba Waaqayyoo hin taanee, kufaatii Yerusaalem irraa hamma dhuma waggoota 2,520tti yeroo shallagamu Sadaasa 1914 irra oola

a Onkololeessa 607 Dh.K.D. jalqabee hanga Onkololeessa 1 Dh.K.D, waggoota 606 ta’a. Waggaan duwwaa jedhamu waan hin jirreef, Onkololeessa 1 Dh.K.D kaasee hanga Onkololeessa 1914 Dh.K.B. waggoota 1,914 ta’a. Waggoota 606 fi waggoota 1,914 yeroo walitti edaanu waggoota 2,520 arganna. Badiisa Dh.K.D bara 607⁠tti Yerusaalemirra ga’e ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Qoruu [Ingiliffa] jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e mataduree “Kiroonooloojii” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi