LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bh ful. 222-ful. 223
  • Guyyoota Ayyaanaa Kabajuu Qabnaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guyyoota Ayyaanaa Kabajuu Qabnaa?
  • Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaanota Tokko Tokko kan hin Kabajne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Ayyaana Duʼaa Kaʼuu Ilaalchisee Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
bh ful. 222-ful. 223

KUTAA DABALATAA

Guyyoota Ayyaanaa Kabajuu Qabnaa?

AYYAANAWWAAN jaallatamoon yeroo har’aa addunyaa maratti kabajaman, amantii wajjin walitti dhufeenya qabaatanis qabaachuu baatanis Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’an miti. Ayyaanawwan kun eessaa dhufaniree? Mana kitaabaa dhaqxee dubbisuuf carraa qabda taanaan, ayyaanawwan naannookeetti kabajaman ilaalchisee yaadawwan kennaman yeroo argitu utuu hin dinqisiifatin hin ooltu. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.

Ayyaana Du’aa Ka’uu. Kitaabni Za Insaaykilooppiidiyaa Biriitaanikaa jedhamu “Kakuu Haaraa keessatti Ayyaanni Du’aa Ka’uu akka kabajame wanti argisiisu hin jiru” jechuudhaan dubbateera. Ayyaanni Du’aa Ka’uu akkamitti kabajamuu jalqabe? Ayyaanni kun amantii namoota Waaqayyoon hin beeknerraa kan maddedha. Ayyaanni kun du’aa ka’uu Yesus yaadachuuf jecha kan kabajamu ta’us, barsiifatiwwan Ayyaana Du’aa Ka’uu wajjin wal qabsiifamanii kabajaman Kiristiyaanummaarraa kan maddan miti.

Ayyaanota Waggaa Haaraa Kabajuu. Guyyaan waggaan haaraa itti kabajamuufi barsiifatawwan ayyaana kanaa wajjin wal qabsiifamanii kabajaman wantoonni raawwataman biyyaa gara biyyaatti gargaridha. Za Worlid Buuk Insaayikilooppidiyaan dhufaatii ayyaana kanaa ilaalchisee akkas jedha: “Dhaloota Kiristos dura bara 46⁠tti, mootiin warra Roomaa Juuliyes Qeesaar, Amajjii 1 guyyaa waggaan bara haaraa itti jijjiiramu akka ta’u murteesse. Warri Roomaa guyyaan kun yaadannoo waaqa karraa, waaqa balbalaafi waaqa jalqaba kan ta’e Jeenasiif akka kabajamu godhan. Jiini Amajjii waaqa Jeenasii fuula lama qabuufi fuullisaa inni tokko gara fuulduraa fuullisaa inni kaanimmoo gara duubaa ilaaluuf maqaa moggaafamedha.” Kanaafuu, ayyaanota waggaa haaraa kabajuun barsiifata namoota Waaqayyoon hin beeknerraa kan dhufanidha.

Guyyoota Ayyaanaa Garabiraa. Guyyoota ayyaanaa addunyaa maratti kabajaman hundaa caqasuun hin danda’amu. Haata’u malee, ayyaanawwan namoota ykn jaarmiyaa ilmaan namootaatiin dhaabatan kabajuun Yihowaa duratti fudhatama hin qabu. (Ermiyaas 17:5-7; Hojii Ergamootaa 10:25, 26) Kana malees, ayyaanawwan amantii wajjin walitti dhufeenya qaban Waaqayyoon gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka danda’an yaadadhu. (Isaayaas 52:11; Mul’ata 18:4) Seerawwan bu’uuraa Boqonnaa 16⁠rratti ibsaman ayyaanawwan amantii wajjin walitti dhufeenya hin qabnerratti hirmaachuuf ilaalcha akkamii akka qabaachuu qabdu hubachuuf si gargaaru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi