LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yp2 boq. 20 ful. 164-170
  • Maatiin Koo Hiyyeeyyii Yoo Taʼanoo?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatiin Koo Hiyyeeyyii Yoo Taʼanoo?
  • Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Wanta Qabdu Yaadi
  • Ofitti Amanannaa Horadhu
  • Yeroo Gara Fuulduraa Abdiidhaan Eeggadhu
Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
yp2 boq. 20 ful. 164-170

BOQONNAA 20

Maatiin koo Hiyyeeyyii Yoo Taʼanoo?

Giriigooriin inni Baha Awurooppaa jiraatu uffataa fi meeshaalee eleektirooniksii dargaggoonni Lixaa qaban tokko tokko bitachuu hin dandaʼu. Haalli jireenyaa isaa baayʼee waan abdii isa kutachiiseef gara Ostiriyaa deemee jiraachuuf jedha. Giriigooriin hiyyeessa sitti fakkaataa?

□ Eeyyee □ Lakki

Looyisoonimmoo kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu fagaatee mandara baadiyyaa kibba Afrikaatti argamtu tokko keessa jiraata. Maatii isaa wajjin mana citaa xinnoo tokko keessa waan jiraatuuf dargaggoota bishaan boombaa fi ibsaa argatanii magaalaa keessa qananiidhaan jiraatanitti hinaafa. Looyisoon hiyyeessa sitti fakkaataa?

□ Eeyyee □ Lakki

WANTI namoonni hiyyummaa akka taʼetti ilaalan biyyaa biyyatti garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf, Giriigooriin hiyyummaa cimaa keessa akka jiraatu isatti dhagaʼama taʼa; Looyisoo wajjin yeroo walbira qabamu garuu jireenya qananii jiraata. Hammamiyyuu hiyyeessa yoo taate namoonni si caalaa hiyyeeyyii taʼan akka jiran hubachuu qabda. Taʼus, uffata gaarii mana barumsaa uffattee deemtu ykn wantoota buʼuuraa kan akka bishaan boombaa jiran hin qabdu yoo taʼe, namoonni si caalaa hiyyeeyyii taʼan akka jiran beekuun kee baayʼee si jajjabeessuu dhiisuu dandaʼa.

Dargaggoonni maatii hiyyeeyyii taʼan keessatti guddatan tokko tokko gatii akka hin qabnee fi warra kaanii gadi akka taʼan isaanitti dhagaʼama; haala keessa jiran irraanfachuufis dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu fayyadamu. Haa taʼu malee, akkas gochuun haalli isaa akka hammaatu godha. Namoonni dhugaatii alkoolii garmalee dhugan dhugaatiin alkoolii ‘akkuma bofaatti akka nama hiddu, akkuma buutiittis summii akka maddisiisu’ hubataniiru. (Fakkeenya 23:32) Maariyaan ishiin haadha ishii hiyyeettii taate wajjin Afrikaa Kibbaa keessa jiraattu, “Dhugaa jiru jalaa baqachuuf yaaluun furmaata argamsiisuu mannaa rakkina dabalataa fida” jetteetti.

Tarii ati dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochu fayyadamuudhaan haala keessa jirtu jalaa baqachuuf hin yaaltu taʼa; taʼus jireenyi kee yoomiyyuu akka hin fooyyofne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Maarree, eessaa gargaarsa argachuu dandeessa? Gorsi Kitaaba Qulqulluu akkuma furtuu funcaa abdii kutannaarraa hiikamuuf si gargaaruuti; ilaalcha sirrii akka qabaattu si gargaara. Mee akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Wanta Qabdu Yaadi

Tarkaanfii gaariin fudhachuu dandeessu tokko wanta dhabderratti utuu hin taʼin wanta qabdurratti xiyyeeffachuudha. Wantoonni akka manaa fi maatii jaalala qabeessa taʼee jiran maallaqa caalaa gatii guddaa qabu. Kitaabni Qulqulluun, “Bakka jibbi jirutti sangaa coome nyaachuu mannaa, bakka jaalalli jirutti kuduraa nyaachuu wayya” jedha. (Fakkeenya 15:17) Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan wanta gatii guddaa qabu, jechuunis deeggarsa “guutummaa waldaa obbolootaa” qabu.—1 Pheexiros 2:17.

Tarii wantoota qabduuf ilaalcha gaarii qabaachuuf yaaluu dandeessa. Kan jiraattu mana miʼa baayʼee hin qabnee fi hin mijanne keessa taʼuu dandaʼa. Uffanni kee moofaa, tarsaʼaa kan qabu ykn erbamaa taʼuu dandaʼa. Nyaata gosa garaagaraa nyaachuus ni hawwita taʼa. Garuu Waaqa gammachiisuuf uffata babbareedaa fi mana guddaa qabaachuun si barbaachisaa? Lubbuudhaan jiraachuu kee itti fufuu fi fayya buleessa taatee jiraachuuf nyaata garaagaraa soorachuun si barbaachisaa? Lakki. Phaawulos ergamaan gama kanaan barumsa gaarii argateera. Sooressa taʼees, hiyyeessa taʼees beeka. (Filiphisiyus 4:12) Maarree, xumura akkamiirra gaʼeera? “Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna” jedheera.—1 Ximotewos 6:8.

Ildireed inni Afrikaa Kibbaatti maatii hiyyeeyyii taʼan keessatti guddate, “Maatiin keenya galii xinnoodhaan akka jiraatanii fi wanta barbaannu hunda argachuu akka hin dandeenye of amansiisneerra” jedheera. Ildireed surreen mana barumsaa uffatee deemu yeroo moofaʼu haati isaa irra deddeebitee isaaf erbaa akka turte ni yaadata. “Qoosaa namootaa dandamachuun na barbaachisa ture. Garuu wanti guddaan uffanni keenya qulqulluu fi uffatamuu kan dandaʼu taʼuu isaati” jedheera.

Ofitti Amanannaa Horadhu

Jeemsi inni umuriin isaa waggaa 11 taʼe Afrikaa Kibbaatti naannoo seeraan alaa namoonni hiyyeeyyiin keessa jiraatanii fi Johaanisbargitti dhihoo jiru tokko keessa haadha isaa fi obboleettii isaa wajjin jiraata ture. Homaa hin qaban jechuun ni dandaʼama. Taʼus, Jeemsi wanta qabutti, jechuunis yeroo fi humna isaatti fayyadamee warra kaan gargaaruun isa gammachiisa. Yeroo hunda dhuma torbaniitti Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo isaanitti ijaaramurratti gargaarsa godha ture. Hojiin kun yeroo dheeraa qabutti karaa buʼa qabeessa taʼeen akka fayyadamu qofa utuu hin taʼin, miirri gaariin akka isatti dhagaʼamuu fi kabaja akka ofiif qabaatu isa gargaareera. “Guyyaa guutuu galma ijaaruurratti ergan hirmaadhee booda keessa kootti gammachuu guddaatu natti dhagaʼama” jedheera.

Hojiin buʼa qabeessi kan biraanimmoo manaa gara manaa deemuudhaan Kitaaba Qulqulluu barsiisuurratti hirmaachuudha. (Maatewos 24:14) Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan yeroo hunda hojii kanarratti ni hirmaatu. Kana gochuudhaan warri kaan waaʼee gara fuulduraa abdii akka qabaatan gargaaru; ofitti amanannaa fi kabaja ofiif qabanis ni guddifatu. Dhugaadha, hojii kanarratti waan hirmaataniif maallaqni isaaniif hin kaffalamu. Taʼus, ergaa Yesuus Kiristiyaanota durii gumii Simirnaa keessatti argamaniif erge yaadadhu. Kiristiyaanonni kun qabeenya baayʼee hin qaban turan. Haa taʼu malee, karaa hafuuraa cimoo waan turaniif Yesuus, “Ani rakkina kee fi hiyyummaa kee beeka, garuu ati sooressa dha” isaaniin jedheera. Yeroo booda dhiiga Yesuus isa dhangalaʼerratti amantii akka qaban argisiisuu isaaniitiin kan kaʼe gonfoo jireenyaa isa hin banne waan argataniif baayʼee sooreyyii taʼu.—Mulʼata 2:9, 10.

Yeroo Gara Fuulduraa Abdiidhaan Eeggadhu

Hiyyeessas taate sooressa Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuu ni dandeessa. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kana dha. Lamaan isaanii iyyuu kan uume Yihowaa dha” jedha. (Fakkeenya 22:2) Dhugaan kun dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii fi kumaan lakkaaʼaman hiyyummaa akka dandamatan gargaareera. Gammachuun qabeenyarratti utuu hin taʼin Yihowaa isa namoota isa tajaajiluu barbaadan hunda simatu wajjin michummaa uumuurratti kan hundaaʼe akka taʼe hubataniiru. Waaqayyo gara fuulduraatti addunyaa haaraa hiyyummaarraa bilisa taʼe akka fidu waadaa galeera.—2 Pheexiros 3:13; Mulʼata 21:3, 4.

Hammasitti garuu wanta qabdutti ogummaadhaan fayyadami. Yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggadhu. Qabeenya hafuuraa kuufadhu. (Maatewos 6:19-21) Hiyyummaa dandamachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi.

CAQASA IJOO

“Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe [miti].”—Luqaas 12:15.

GORSA GAARII

Qumaara taphachuu, sijaaraa xuuxuu fi dhugaatii alkoolii garmalee dhuguurraa fagaadhu. Miseensonni maatii kee barsiifata akkasii qabu taanaan amala keetiin fakkeenya isaaniif taʼi.

KANA BEEKTAA?

Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun kee haalli keessa jirtu maaliyyuu yoo taʼe wanta qabdutti gammaduuf si gargaara.—Filiphisiyus 4:12, 13; 1 Ximotewos 6:8; Ibroota 13:5.

WANTAN GOCHUU YAADE

Wantootan qabu ․․․․․

Wantootan qabu kanatti fayyadamee warra kaan gargaaruuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Haalli hiyyummaa jedhamu biyyaa biyyatti garaagara kan taʼe maaliifi?

● Dhugaa jiru jalaa baqachuuf qoricha sammuu hadoochu, dhugaatii alkoolii ykn wanta kan biraatti fayyadamuun balaa qaba kan jennu maaliifi?

● Hiyyummaa dandamachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 168rra jiru]

“Hiyyummaa jalaa baqachuu akkan hin dandeenye kan natti dhagaʼamu taʼus, wantan ittiin jiraadhu argachuuf garee kashalabbootaatti makamuun ykn hatuun furmaata akka hin taane hubadheera. Yeroo ammaatti namoonni umurii koorratti argamanii fi akkas godhan hedduun hawaasicha keessatti kan tuffatamanii fi dhugaatii alkoolii ykn qoricha sammuu hadoochuuf garba taʼaniiru ykn hidhamaniiru.”—Joorji

[Saanduqa/Fakkii fuula 164rra jiru]

Gilgaala

Biyya Alaa Deemuun Qabaa?

Dargaggoonni tokko tokko maallaqa argachuuf ykn maatii isaanii maallaqaan deeggaruuf biyya alaa deemuu barbaadu. Kaanimmoo afaan biyya alaa barachuuf, barumsa dabalataa hordofuuf ykn rakkina mana keessa jiru jalaa baqachuuf biyya alaa deemu. Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokkommoo gara biyyoota labsitoonni wangeelaa caalaatti barbaachisan deemaniiru. Biyya alaa deemuun murtoo salphaa miti; murteessuu kee dura akka gaariitti irratti yaaduu qabda. Kanaafuu, biyya alaa deemuuf yaadaa jirta yoo taʼe, caqasoota armaan gadii dubbisiitii irratti xiinxali. Gaaffilee jiran of gaafadhu, deebii kees barreessi. Achiis kadhannaa erga dhiheessitee booda murtoo godhi.

◻ Gama seeraatiin maalfaatu narraa eegama?—Roomaa 13:1.

◻ Biyya alaa deemuuf walumaa galatti maallaqa hammamiitu na barbaachisa?—Luqaas 14:28.

◻ Yeroon biyya alaa deemu wanta karaa qaamaa na barbaachisu guuttachuu akkan dandaʼu wanta argisiisu gochaan jiraa?—Fakkeenya 13:4.

◻ Namoota bilchaatoo biyya alaa jiraatanii beekan gorsa gaafadheeraa?—Fakkeenya 1:5.

◻ Yaada koo ilaalchisee warra kootti maaltu dhagaʼama?—Fakkeenya 23:22.

◻ Biyya alaa deemuu kanan barbaade maaliifi?—Galaatiyaa 6:7, 8.

◻ Namoota kan biroo wajjin kanan jiraadhu yoo taʼe barsiifata hafuuraa gaarii akkan qabaadhu na jajjabeessuu?—Fakkeenya 13:20.

◻ Wanti karaa naamusaa, karaa qaamaa fi karaa hafuuraa balaadhaaf na saaxiluu dandaʼu jiraa?—Fakkeenya 5:3, 4; 27:12; 1 Ximotewos 6:9, 10.

◻ Biyya alaa deemuun koo faayidaa akkamii akka naaf argamsiisun eega?—Fakkeenya 14:15.

[Fakkii fuula 167rra jiru]

Gorsi Kitaaba Qulqulluu akkuma furtuu funcaa abdii kutannaarraa hiikamuuf si gargaaruuti

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi