KUTAA 6
Warra Kee
Warri muuxannoo isaaniirraa wanta baayʼee barataniiru. Dargaggummaa isaaniitti jijjiiramni qaamaa fi miiraa yeroo ammaatti si mudachaa jiru isaan mudateera. Kanaafuu, umurii kana keessa milkaaʼinaan darbuu akka dandeessu si gargaaruu dandaʼu. Yeroo tokko tokko garuu warri kee furmaata sii kennuu mannaa rakkina keetiif gumaacha akka godhan sitti dhagaʼama taʼa. Fakkeenyaaf, haalawwan armaan gadii keessaa tokko si mudachuu dandaʼa:
□ Warri koo yeroo hunda na qeequ.
□ Abbaan koo ykn haati koo qoricha sammuu hadoochu fudhachuun ykn dhugaatii alkoolii dhuguun araada isaanitti taʼeera.
□ Warri koo yeroo hunda wal lolu.
□ Warri koo gargar baʼaniiru.
Boqonnaan 21-25 rakkoowwan kanaa fi kana fakkaatan dandamachuuf si gargaara.
[Fakkii guutuu fuula 172, 173rra jiru]