LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yp2 boq. 25 ful. 208-214
  • Abbaa Ykn Haadha Koo Qofa Wajjin Gammachuudhaan Jiraachuu Nan Dandaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abbaa Ykn Haadha Koo Qofa Wajjin Gammachuudhaan Jiraachuu Nan Dandaʼaa?
  • Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Dhiphattu Maal Gochuu Dandeessa?
  • “Utuu Akkas Taʼee” Jettee hin Yaadin
  • Baʼaa Kee Baachaa Jirtaa?
  • Maatiiwwan Haadha Yookiin Abbaa Qofaan Bulan Jireenya Gammachuu Qabu Jiraachuu Ni Danda’u!
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Hamma Kana Gadduun Koo Sirriidhaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Warri Koo Yeroo Hunda yoo Wal Falman Maal Gochuun Qaba?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Abbaan Koo Araada Cimaa Qaba Yoo Taʼehoo?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
yp2 boq. 25 ful. 208-214

BOQONNAA 25

Abbaa ykn Haadha Koo Qofa Wajjin Gammachuudhaan Jiraachuu Nan Dandaʼaa?

“Ijoolleen abbaa fi haadha isaanii wajjin jiraatan kutaa mataa isaanii qabu, uffanni haaraanis isaaniif bitama. Ani garuu dhuunfaatti kutaa hin qabu; uffanni ani barbaadus yeroo hunda naaf hin bitamu. Haati koo wantan barbaadu naaf bituu akka hin dandeenye natti himti. Yeroo ishiin hojii deemtu hojii mana keessaa hunda waanan hojjedhuuf hojjettuu manaa akkan taʼee fi wantootan ijoollummaa kootti argachuu qabu akkan dhabe natti dhagaʼama.”—Shaloondaa, 13.

IJOOLLEEN warra isaanii wajjin jiraachuun isaanii gaarii akka taʼe ifadha. Abbaa fi haati yoo waliin jiraatan ijoollee isaaniitiif caalaatti qajeelfama, eegumsaa fi deeggarsa kennuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluunis, “Hojii jabaatanii hojjetaniif badhaasa gaarii waan argataniif, tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya” jedha.—Lallaba 4:9.

Taʼus, lakkoofsi ijoollee abbaa fi haadha isaanii wajjin jiraatanii baayʼee xiqqaachaa deemee baduu jala gaʼeera. Fakkeenyaaf, Yuunaayitid Isteetis keessatti ijoolleen walakkaadhaa ol taʼan umuriin isaanii 18 guutuu isaa dura yeroo muraasaaf abbaa ykn haadha isaanii qofa wajjin jiraatu.

Haa taʼu malee, dargaggoonni haadha isaanii qofa wajjin jiraatan tokko tokko haalli isaanii isaan qaanessa.a Kaanimmoo dhiibbawwanii fi rakkoowwan isaan mudatan humnaa ol akka isaanitti taʼan isaanitti dhagaʼama. Abbaan kee si wajjin hin jiraatu yoo taʼe dhiibbaan akkamii sirra gaʼuu dandaʼa? Rakkina hundumaa caalaa si jeequ gaditti barreessi.

․․․․․

Jaalalaa fi kunuunsa abbaa keetii yeroo hunda waan hin arganneef jireenya gammachuu qabu jiraachuu hin dandeessu jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Gammachuu qabaachuu fi dhiisuun kee harki caalaan isaa ilaalcha keerratti hundaaʼa. Fakkeenyi 15:15, “Namni cunqurfame guyyoonni isaa hundi gaarii miti, namni garaa gammade qabu garuu yeroo hunda affeerraa irra jira” jedha. Caqasa kanarratti akkuma ibsame miirri nama tokkoo yeroo baayʼee haala namni sun keessa jirurratti utuu hin taʼin, ilaalcha inni qaburratti kan hundaaʼedha. Haalli keessa jirtu maaliyyuu yoo taʼe ‘garaa gammade qabaachuuf’ maal gochuu dandeessa?

Yeroo Dhiphattu Maal Gochuu Dandeessa?

Jalqaba, yaanni dogoggoraa namoonni dubbatan akka si dhiphisu hin heyyamin. Fakkeenyaaf, barsiisonni tokko tokko barattoota haadha qofaan guddatan ilaalchisee wanta miira namaa miidhu dubbachuu dandaʼu. Tokko tokkommoo barataan tokko amala gadhee kan argisiisu mana isaanii keessa rakkinni waan jiruuf akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Garuu mee akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni wanta akkasii dubbatan anas taʼe maatii koo sirriitti beekuu? Moo wantuma namoonni ijoollee haadha qofaan guddataniin jedhan irra deebiʼaa jiru?’

Kitaaba Qulqulluu keessatti yaanni “mucaa abbaa hin qabne” jedhu bakka baayʼeetti akka argamu hubachuun barbaachisaadha. Yaanni kun bakka tokkottillee karaa nama salphisuun itti hin hojjetamne. Kanaa mannaa, bakka yaanni kun caqasame hundatti Yihowaan ijoollee abbaa ykn haadha qofaan guddataniif baayʼee akka yaadu ibseera.b

Karaa biraatiinimmoo namoonni garaa qajeelaa qaban tokko tokko yeroo si haasofsiisan garmalee of eeggatu taʼa. Fakkeenyaaf, akka si hin mufachiisne ykn akka si hin qaanessine sodaachuudhaan jechoota akka, “abbaa,” “gaaʼela,” “wal hiikuu” ykn “duʼa” jedhanitti fayyadamuurraa of qusatu taʼa. Amalli akkasii si aarsaa? Taanaan, yeroo si wajjin haasaʼan garmalee of eeggachuun akka isaan hin barbaachisne malaan isaanitti argisiisi. Tooniin inni umuriin isaa waggaa 14 taʼe abbaa isaa hin beeku. Namoonni jechoota tokko tokko fayyadamuurraa duubatti jedhan muraasni akka jiran dubbateera. Haa taʼu malee, Tooniin yeroo isaan wajjin haasaʼu taʼe jedhee jechoota kanatti fayyadama. “Haalan keessa jirutti akkan hin qaanofne akka beekanan barbaada” jedheera.

“Utuu Akkas Taʼee” Jettee hin Yaadin

Warri kee yoo wal hiikan ykn isaan keessaa tokko yoo duʼe gadduunii fi nama jaallattu akka dhabde yaaduun waanuma jirudha. Taʼus, oolee bulee haala keessa jirtu amantee fudhachuun si barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun, “‘Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?’ hin jedhin” jechuudhaan nu gorsa. (Lallaba 7:10) Shamarreen waggaa 13 Saaraa jedhamtu warri ishii yeroo ishiin waggaa 10 turtetti wal hiikan. Akkana jetteetti: “‘Utuu akkas taʼee’ jettee yaaduudhaan hin dhiphatin ykn rakkinni sirra gaʼaa kan jiru haadha kee qofa wajjin waan jiraattuuf akka taʼee fi ijoolleen abbaa fi haadha isaanii wajjin jiraatan qananiidhaan jiraachaa akka jiran yaaduudhaan hin gaddin.” Kun gorsa gaariidha. Ijoolleen warra isaanii wajjin jiraatanis rakkinni isaan mudata.

Maatiin kee batoodhaan bidiruu oofaa akka jiru godhii yaadi. Bidiruu sanarra namoonni barbaachisan hundi utuu jiraatanii gaariidha. Maatii abbaan keessa hin jirre keessatti namni tokko waan hirʼateef warri hafan bidiricha oofuuf caalaatti cimanii hojjechuu qabu. Maarree, kana jechuun maatichi hin milkaaʼu jechuudhaa? Lakki. Miseensonni maatichaa kaan wal gargaaranii yoo hojjetan bidiruun sun deemuu isaa itti fufuu fi bakka barbaadan gaʼuu dandaʼu.

Baʼaa Kee Baachaa Jirtaa?

Maatii kee wajjin taatee baʼaa kee baachuuf maal gochuu dandeessa? Yaadawwan sadan armaan gaditti ibsaman hojiirra oolchuuf yaali:

Qusannaa baradhu. Maatiiwwan haadha qofaan bulan hedduun waaʼeen maallaqaa isaan yaaddessa. Maarree, ati gargaarsa gochuuf maal gochuu dandeessa? Tooniin inni olitti ibsame akkana jedheera: “Ijoolleen na wajjin baratan warri isaanii kophee fi uffata gatiin isaanii miʼaa taʼe akka isaaniif bitan gaafatu. Wantoonni kun yoo isaaniif bitaman malee mana barumsaa deemuu didu. Ani uffata miʼaa taʼe hin qabu; garuu wantan qabu qulqullinaa fi seeraanan qabadha. Haati koo wanta dandeessu hunda gochaa jirti; anis jireenyi akka ishiitti ulfaatu gochuu hin barbaadu.” Hamma tokko carraaqqii gochuudhaan fakkeenya Phaawulos ergamaa hordofuu dandeessa. Phaawulos, “Wantan qabutti gammadee jiraachuu baradheera. . . . iccitii waan hundumaa fi haala hundumaa keessatti gammadanii jiraachuu baradheera” jedheera.—Filiphisiyus 4:11, 12.

Karaan itti qusattu kan biraanimmoo qisaasessuurraa fagaachuudha. (Yohaannis 6:12) Dargaggeessi Roodnii jedhamu akkana jedheera: “Mana keessatti miʼoota akkan hin cabsine ykn bakka hin taane akkan hin keenye ofan eeggadha; sababiin isaas, miʼoota kana suphuun ykn bakka buusuun maallaqa gaafata. Meeshaalee eleektirooniksii ykn ibsaa yeroon itti hin fayyadamnetti nan dhaamsa. Kunimmoo baasii ibsaadhaaf baasnu nuuf hirʼisa.”

Dursa fudhadhu. Haadholiin qeenxee taʼan hedduun seera mana keessaa baasuun ykn ijoolleen isaanii hojii mana keessaa akka isaan gargaaran gaafachuun isaanitti ulfaata. Maaliif? Tokko tokko ijoollee isaaniitiif jireenyi akka salphatu gochuudhaan abbaa dhabuu isaaniitiif ijoollee isaanii kiisuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. ‘Ijoolleen koo waa akka isaanitti hafe akka isaanitti dhagaʼamu hin barbaadu’ jedhanii yaadu.

Tarii atis miira balleessaa haadha keetti dhagaʼamutti fayyadamtee wanta barbaaddu argachuuf qoramta taʼa. Akkas gochuun garuu haadha keetti baʼaa dabaluu malee faayidaa hin qabu. Kanaa mannaa, dursa fudhattee maaliif gargaarsa hin gootu? Tooniin maal akka godhe ilaali. Akkana jedheera: “Haati koo hospitaala keessa waan hojjettuuf yuunifoormiin ishii tokkofamuu qaba. Kanaafuu ishiidhaafan tokkosa.” Kun garuu hojii dubartootaa mitii? Tooniin, “Namoonni tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼama. Garuu akkas gochuun koo haadha koo waan fayyaduuf homaa natti hin fakkaatu” jedheera.

Dinqisiifannaa qabdu ibsi. Gargaarsa qabatamaa gochuu malees dinqisiifannaa kee ibsuudhaan haadha kee jajjabeessuu dandeessa. Haati qeenxeen takka akkana jettee barreessiteetti: “Yeroo baayʼee yommuun abdii kutadhu ykn rakkina bakka hojiitti na mudateen kan kaʼe yeroon aaree manatti galu, intalli koo irbaata qopheessuurratti na gargaarti. Ilmi koommoo dhufee na hammata.” Maarree, karaa kanaan akka ishiidhaaf yaadan argisiisuu isaaniitti maaltu ishiitti dhagaʼame? “Miirri koo guutummaatti jijjiirama” jetteetti.

Qabxiilee sadan olitti ibsaman keessaa isa caalaatti irratti hojjechuun si barbaachisu barreessi. ․․․․․

Haadha kee wajjin qofa jiraachuun kee amaloota akka gara laafinaa, jaalala ofittummaarraa walaba taʼee fi amanamummaa jiran horachuuf carraa siif bana. Kana malees, Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Haadha kee gargaaruuf carraaqqii kan gootu yoo taʼe gammachuu guddaa argachuu dandeessa.

Yeroo tokko tokko ‘Abbaan koo utuu jiraatee’ jettee yaaduun kee hin oolu. Taʼus, haala keessa jirtu keessatti wanta dandeessu gochuu, darbees haala isaa fooyyessuu ni dandeessa. Shamarreen Niyaa jedhamtu kana hubatteetti. Akkana jetteetti: “Abbaan koo erga duʼee booda obboleettiin takka, ‘Jireenyi kee harka kee keessa jira’ naan jettee turte; wanta ishiin naan jette kana yoomiyyuu hin irraanfadhu. Haallin keessa jiru gammachuu akka na dhabsiisu heyyamuu akkan hin qabne na yaadachiiseera.” Atis ilaalcha akkasii horachuu dandeessa. Gammachuu qabaachuu fi dhiisuun kee haala keessa jirturratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadadhu. Ilaalcha kee fi tarkaanfii fudhatturratti kan hundaaʼedha.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 4 DUBBISI

[Miiljaleewwan]

a Boqonnaan kun adda durummaadhaan ijoollee haadha qofaan guddatanirratti kan xiyyeeffatu taʼus, gorsi kenname ijoollee abbaa qofaan guddataniifis nu hojjeta.

b Fakkeenyaaf, Keessa Deebii 24:19-21 fi Faarfannaa 68:5 ilaali.

CAQASA IJOO

“Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

GORSA GAARII

Itti gaafatamummaan qabdu humna keetii ol akka taʼe yoo sitti dhagaʼame haati kee wantoota armaan gadii akka yaaltu malaan yaada dhiheessi:

● Hojii mana keessaa miseensonni maatichaa hundi hojjechuu qaban barreessuu.

● Barbaachisaa taanaan hojicha miseensota maatichaa kaaniif hiruu.

KANA BEEKTAA?

Haadha kee qofa wajjin yeroo jiraattu itti gaafatamummaa garaagaraa waan fudhattuuf, ijoollee abbaa fi haadha isaanii wajjin jiraatan caalaa daftee bilchina qabaachuu dandeessa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Miirri gaarii hin taane yeroo natti dhagaʼamu dandamachuuf akkanan godha ․․․․․

Namoonni yeroo na wajjin haasaʼan garmalee kan of eeggatan yoo taʼe akkanan jedhaan ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan haadha koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Namoonni tokko tokko ijoollee haadha qofaan guddataniif ilaalcha gaarii kan hin qabaanne maaliifi?

● Haati kee hojii mana keessaa akka ishii gargaartu si gaafachuurraa duubatti kan jettu maaliif taʼuu dandaʼa?

● Dinqisiifannaa haadha keetiif qabdu ibsuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 211rra jiru]

“Warri keenya erga wal hiikanii booda anii fi haati koo akka gaariitti waliin haasaʼuu dandeenyeerra; baayʼee walitti dhihaanneerra.”—Melaanii

[Fakkii fuula 210, 211​rra jiru]

Haadha kee qofa wajjin jiraachuun namni barbaachisu tokko utuu hin jiraatin batoodhaan bidiruu oofuu wajjin wal fakkaata; miseensonni maatichaa kaan wal gargaaranii hojjechuuf caalaatti carraaqqii gochuun kan isaan barbaachisu taʼus milkaaʼina argachuu ni dandaʼu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi