BOQONNAA 34
Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu Hordofuu Kanan Qabu Maaliifi?
Mana barumsaatti shamarran lama wajjin kaaffee keessa teessee laaqana nyaachaa utuu jirtuu gurbaa haaraan sun ni dhufe.
Achiis ishiin tokko, “Daawit baayʼee si jaallata. Akkaataan inni itti si ilaaluyyuu ni beeksisa. Ija isaa sirraa buqqifachuu hin dandeenye” siin jette.
Shamarreen kan biraas sitti siqxee, “Jaalalleemmoo hin qabu” jettee sitti asaaste.
Atis kana shakkiteetta. Yeroo darbe paartii mana isaatti qopheesseerratti akka argamtu si affeeree ture. Gaafa sana utuu deemtee maaltu akka uumamu beekuu kan barbaadde taʼus affeerraa isaa hin fudhanne.
Achiis shamarreen jalqabaa sun akkana jette:
“Utuun jaalallee qabaachuu baadhee Daawit na jala hin darbu ture.”
Achiis burjaajoftee si ilaaluu jalqabde. Itti aansuudhaan maal akka siin jettu beekteetta.
“Ati garuu jaalallee kan hin qabanne maaliifi?” siin jette.
Gaaffiin kun si sodaachisa! Dhugaa dubbachuuf, jaalallee utuu qabaattee sitti tola. Garuu jaalallee qabachuuf hamma gaaʼelaaf qophooftutti eeguun gaarii akka taʼe sitti himamaa tureera. Utuu akkas taʼuu baatee silaa . . .
Achiis shamarree lammaffaan, “Sababii amantii keetiitiini mitii?” siin jette.
Atis, ‘Akkamitti beekte?’ jettee yaadde.
“Atimmoo Kitaaba Qulqulluu malee wanta kan biraa hin beektu. Yeroo tokko tokko wanta si gammachiisu yoo goote rakkina maalii qaba?” jettee sitti qooste.
ULAAGAALEE Kitaaba Qulqulluu hordofuuf carraaqqii gochuu keetiin kan kaʼe namoonni sitti qoosanii beekuu? Taanaan, waa si jala darbaa akka jiru sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Shamarreen Dibooraa jedhamtu akkas ishiitti dhagaʼamee ture. “Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu bilisummaa kan nama dhabsiisan akka taʼan natti dhagaʼama. Hiriyoonni mana barumsaa koo toʼannaa malee jiraachuun isaanii na hinaafsisa” jetteetti.
Dhugaa Jiru Mirkaneeffadhu
Muuxannoo ofiirraa barachuun yeroo hunda gaarii miti. Akkuma Asaaf faarfatichaa dogoggora warra kaaniirraa barachuun ogummaadha; Kitaabni Qulqulluunis kana jajjabeessa. Asaaf yeroo muraasaaf ulaagaaleen Waaqayyoo garmalee bilisummaa akka nama dhabsiisan isatti dhagaʼamee ture. Jireenya namoota daandii Waaqayyoo dhiisanii yeroo qoru garuu dhugaa jiru hubachuu dandaʼeera. Namoonni akkasii “lafa mucucaatu irra” dhaabbatanii akka jiran yeroo booda hubateera.—Faarfannaa 73:18.
Kana sammuutti qabachuudhaan wanta dargaggoonni yeroo muraasaaf ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu dhiisanii gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatan dubbatan ilaali.
● Wantoonni ilaalchaa fi gocha keessanirratti dhiibbaa godhan maalfaʼi?
Dibooraa: “Mana barumsaatti dargaggoonni hundi jaalallee yeroo qabatan argaan ture; gammachuus waan qaban fakkaatu. Yommuun isaan wajjin yeroo dabarsu yeroo wal dhungatanii fi wal hammatan waanan arguuf nan hinaafa, akkasumas kophummaan natti dhagaʼama ture. Yeroo baayʼee waaʼee gurbaan jaalladhe tokkoo yaaduudhaan saʼaatii dheeraan dabarsa. Kunis fedhiin isa wajjin taʼuuf qabu akka dabalu godheera.”
Maayik: “Wantoota saalqunnamtii jajjabeessan nan dubbisa, akkasumas nan ilaalan ture. Hiriyoota koo wajjin waaʼee saalqunnamtii haasaʼuun koo hawwiin koo akka dabalu godhe. Achiis yeroon shamarree takka wajjin kophaa koo taʼu saalqunnamtii utuu hin raawwatin wal tuttuquudhaan jaalala keenya waliif ibsuu akka dandeenyuu fi yeroo kamittiyyuu dhaabuu akkan dandaʼu yaaduun jalqabe.”
Andiriwu: “Intarneetiidhaan poornoogiraafii ilaaluun barsiifata natti taʼee ture. Dhugaatii alkoolii baayʼinaan dhuguun jalqabe. Dargaggoota ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu hin kabajne wajjin paartiirratti argamuus nan jalqabe.”
Tireesii: “Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun dogoggora akka taʼe beeka; garuu gocha akkasii hin jibbun ture. Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuuf hin yaannen ture; garuu miirri koo ilaalcha koo toʼate. Yeroo muraasaaf qalbiin koo waan hadoodeef miirri balleessaa tokkollee natti hin dhagaʼamu ture.”
● Akkaataan jireenyaa keessan gammachuu isiniif argamsiiseeraa?
Dibooraa: “Jalqabarratti bilisummaa guddaa akkan argadhe natti dhagaʼamee ture, hiriyoota koo fakkaachuun koos na gammachiisee ture. Miirri kun garuu yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Akkan xuraaʼee fi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼamuu jalqabe. Durbummaa koo karaa kanaan dhabuu kootti baayʼeen gaabbe.”
Andiriwu: “Fedhii dogoggoraatiin salphaatti moʼamuun jalqabe. Garuu miira balleessaatiin liqimfamee fi baayʼee ofitti aareen ture.”
Tireesii: “Halalummaan dargaggummaa koo na jalaa balleesse. Anii fi jaalalleen koo gammachuudhaan waan jiraannu natti fakkaatee ture. Garuu akkas hin taane. Baayʼee wal miidhuu jalqabne. Yeroo hunda galgala galgala maal taʼa karaa Yihowaan barbaaduun deddeebiʼeera utuun taʼee jedheen booʼa.”
Maayik: “Walakkaan qaama kootii akka duʼe natti dhagaʼame. Dhiibbaa gochi koo warra kaanirraan geessise salphisee ilaaluuf yaaleen ture, garuu hin dandeenye. Gammachuu argachuuf jedhee warra kaan akkan miidhe beekuun koo baayʼee na gaddisiise.”
● Dargaggoota ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu bilisummaa akka nama dhabsiisan yaadaniif gorsa akkamii kennitu?
Tireesii: “Ulaagaalee Yihowaa hordofaa; namoota akkas godhan wajjin yeroo dabarsaa. Akkas yoo gootan gammachuun keessan caalaatti dabala.”
Dibooraa: “Gochi keessan kan miidhu isin qofa miti. Warra kaanis ni tuqa. Gorsa Waaqayyoo hordofuu yoo dhiistan of miitu.”
Andiriwu: “Muuxannoo hin qabdan taanaan akkaataan jireenyaa hiriyoota keessanii gammachiisaa akka taʼe isinitti dhagaʼama. Ilaalchi isaanii dhiibbaa isinirratti godha. Kanaafuu, hiriyoota keessan ogummaadhaan filadhaa. Yihowaatti yoo amanamtan gaabbii hedduurraa of oolchitu.”
Maayik: “Yihowaan ulfinaa fi qulqullummaa dabalatee wantoota gatii guddaa qaban isiniif kenneera. Of toʼachuu dadhabdanii kennaawwan kana darbattanii yoo gattan of salphistu. Rakkina isin mudate warra keessanii fi namoota bilchina qaban kan birootti himaa. Dogoggora yoo raawwattan ifatti dubbachuu fi balleessaa keessanirraa deebiʼuuf yaalaa. Wanta Yihowaan barbaadu yoo gootan nagaa dhugaa argattu.”
Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu Akka Hidhaattimoo Akka Qabattoo Konkolaataatti Ilaalta?
Yihowaan “Waaqa gammadaa” waan taʼeef atis akka gammaddu barbaada. (1 Ximotewos 1:11; Lallaba 11:9) Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffaman faayidaa keetiif kan qophaaʼanidha. Ulaagaalee kana akka hidhaa bilisummaa si dhabsiisutti ilaalta taʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu akkuma qabattoo konkolaataa miidhaarraa si eeguuti.
Eeyyee, Kitaaba Qulqulluu amanuu ni dandeessa. Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuuf yoo filatte Yihowaa gammachiisuu qofa utuu hin taʼin ofis ni fayyadda.—Isaayyaas 48:17.
Michuu Waaqayyoo taʼuu ni dandeessa. Akkamitti akka taʼe ilaali.
CAQASA IJOO
“Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si [barsiisudha].”—Isaayyaas 48:17.
GORSA GAARII
Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu ogummaarratti kan hundaaʼe taʼuu isaa quxusuu keetiif yeroo ibsitu yaadaan ilaali. Wanta itti amantu warra kaanitti himuun kee wanti sun garaa kee keessatti hidda akka gadi fageeffatu godha.
KANA BEEKTAA?
Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu yeroo muraasa keessatti dhabuu kan dandeessu taʼus, deebitee michuu isaa taʼuuf garuu waggoota hedduu sitti fudhachuu dandaʼa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu ogummaarratti kan hundaaʼan taʼuu isaanii hubachuuf akkanan godha ․․․․․
Namoota ulaagaa addunyaa hordofanitti hinaafuu yoon jalqabe akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Miidhaa seera Waaqayyootiif ajajamuu dhiisuun qabu muuxannoo ofiirraa barachuun gaarii kan hin taane maaliifi?
● Yaada Dibooraan, Maayik, Andiriwuu fi Tireesiin kennanirraa maal baratte?
● Namoonni tokko tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu akka hidhaatti kan yaadan maaliifi? Garuu ilaalchi kun sirrii miti kan jennu maaliifi?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 285rra jiru]
“Dhiphinni adabbii siif kennamuun kan kaʼe sitti dhagaʼamu dhiphina balleessaa kee dhoksuuf yaaluudhaan sitti dhagaʼamurra hin caalu.”—Doonaa
[Fakkii fuula 288rra jiru]
Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu gammachuu kan si dhabsiisan utuu hin taʼin eegumsa kan siif godhanidha