BOQONNAA 37
Cuuphamuun Qabaa?
Dhugaa ykn soba isa jedhurratti mallattoo godhi.
Kiristiyaana taʼuuf cuuphamuun barbaachisaadha.
□ Dhugaa
□ Soba
Kaayyoon itti cuuphamtu inni guddaan cubbuutti kufuurraa eegumsa argachuufi.
□ Dhugaa
□ Soba
Cuuphamuun kee fayyinaaf karaa siif bana.
□ Dhugaa
□ Soba
Yoo cuuphamuu baatte wanta raawwattuuf Waaqayyo duratti itti hin gaafatamtu.
□ Dhugaa
□ Soba
Hiriyoonni kee yoo cuuphaman atis cuuphamuuf qophoofteetta jechuudha.
□ Dhugaa
□ Soba
JIREENYA kee keessatti ulaagaalee Waaqayyoo eegdee kan jiraattu yoo taʼe, Waaqayyo wajjin michummaa yoo uumtee fi waaʼee amantii keetii warra kaanitti kan himtu yoo taʼe, cuuphamuuf yaaduun kee hin oolu. Maarree, cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee akkamitti beekta? Deebii gaaffii kanaa argachuuf qabxiilee olitti tarreeffaman haa ilaallu.
● Kiristiyaana taʼuuf cuuphamuun barbaachisaadha.
Dhugaa. Yesuus barattoonni isaa akka cuuphaman qajeelfama kenneera. (Maatewos 28:19, 20) Yesuusiyyuu fedhii isaatiin cuuphameera. Atis fakkeenya Yesuus hordofuuf cuuphamuun si barbaachisa; kana gochuuf garuu, bilchina gaʼaa murtoo kana gochuuf si barbaachisuu fi fedhii cimaa qabaachuu qabda.
● Kaayyoon itti cuuphamtu inni guddaan cubbuutti kufuurraa eegumsa argachuufi.
Soba. Cuuphaan mallattoo Yihowaadhaaf akka of murteessite namoota duratti ittiin argisiistudha. Of murteessuun walii galtee wantoota keessa keetti gochuu barbaaddu akka hin goone si dhoowwu miti. Kanaa mannaa, Yihowaadhaaf kan of murteessitu ulaagaalee isaatiin jiraachuu waan barbaadduufi.
● Cuuphamuun kee fayyinaaf karaa siif bana.
Dhugaa. Kitaabni Qulqulluun cuuphaan fayyina argachuuf tarkaanfii barbaachisaa akka taʼe dubbata. (1 Pheexiros 3:21) Haa taʼu malee, cuuphaan akka inshuraansii yoo akka tasaa balaan uumame of eeguuf bitattuu miti. Kanaa mannaa, kan cuuphamtu Yihowaa waan jaallattuu fi bara baraaf garaa kee guutuu isa tajaajiluu waan barbaadduufi.—Maarqos 12:29, 30.
● Yoo cuuphamuu baatte wanta raawwattuuf Waaqayyo duratti itti hin gaafatamtu.
Soba. Yaaqoob 4:17 akka jedhutti, “namni tokko wanta sirrii taʼe akkamitti akka hojjetu beekee, utuu hin hojjetin yoo hafe cubbuu isatti taʼa,” cuuphamus cuuphamuu baatus jechuudha. Kanaafuu, wanta sirrii taʼe kan beektu yoo taʼee fi bilchina waaʼee jireenya keetii yaaduuf si dandeessisu yoo qabaatte, ammuma warra kee ykn Kiristiyaana bilchina qabu kan biraa wajjin dhimma kanarratti mariʼachuun kee gaariidha. Akkana gochuun kee cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe beekuuf si gargaara.
● Hiriyoonni kee yoo cuuphaman atis cuuphamuuf qophoofteetta jechuudha.
Soba. Cuuphamuuf murteessuu kan qabdu garaadhaa kakaatee taʼuu qaba. (Faarfannaa 110:3) Cuuphamuu kan qabdu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun itti gaafatamummaa akkamii akka sitti fidu guutummaatti yoo hubattee fi itti gaafatamummaa kana fudhachuuf qophaaʼaa taʼuu kee mirkanaaʼaa yoo taate qofadha.—Lallaba 5:4, 5.
Tarkaanfii Jireenya Kee Jijjiiru
Cuuphaan tarkaanfii jireenya kee jijjiiruu fi eebbaawwan hedduu siif argamsiisudha. Taʼus, tarkaanfiin kun itti gaafatamummaa cimaa waadaa dhuunfaatti Yihowaadhaaf galte eeguu gaafatudha.
Maarree, ati murtoo akkasii gochuuf qophoofteettaa? Taanaan, sababii itti gammaddu qabda jedhuudha. Yihowaa garaa guutuudhaan tajaajiluu fi karaa dhugumaan akka isaaf of murteessite argisiisuun jiraachuuf mirga argatteetta; kun mirga hundarra caaludha.—Maatewos 22:36, 37.
Galmawwan jireenya keetti ogummaadhaan fayyadamuuf si gargaaran baafachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
CAQASA IJOO
‘Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu godhaa dhiheessaa; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitanidha.’—Roomaa 12:1.
GORSA GAARII
Warra kee wajjin taʼuudhaan gumii keessaa nama guddina hafuuraa gochuuf si gargaaru argachuuf yaali.—Hojii Ergamootaa 16:1-3.
KANA BEEKTAA?
Cuuphaan kutaa “mallattoo” fayyina siif argamsiisu keessaa isa iddoo guddaa qabudha.—Hisqiʼel 9:4-6.
WANTAN GOCHUU YAADE
Cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuuf, hubannaan barumsawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadiirratti qabu nan guddifadha: ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Cuuphaan tarkaanfii iddoo guddaa qabu kan taʼe maaliifi?
● Dargaggeessi tokko dafee cuuphamuuf akka kakaʼu wanti isa taasisu maal taʼuu dandaʼa?
● Dargaggeessi tokko of murteessuu fi cuuphamuurraa duubatti akka jedhu wanti isa taasisu maal taʼuu dandaʼa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 306rra jiru]
“Akkan cuuphame yaaduun koo murtoowwan ogummaarratti hundaaʼan gochuu fi daandii miidhaa geessisurraa of eeguuf na gargaareera.”—Hoolii
[Saanduqa/Fakkii fuula 307rra jiru]
Gaaffilee Cuuphaa Ilaalchisee Yeroo Baayʼee Gaafataman
Cuuphamuun kee maal argisiisa? Bishaan keessa gad liccisiifamtee ol baʼuun kee jireenya ofittummaadhaaf duutee amma fedhii Yihowaa raawwachuuf jiraachuu jalqabuu kee argisiisa.
Jireenya kee Yihowaadhaaf murteessuu jechuun maal jechuudha? Kana booda ofii keetiif akka hin jiraannee fi wanta kamiyyuu caalaa fedhii Waaqayyootiif dursa kennuuf waadaa galuu kee argisiisa. (Maatewos 16:24) Cuuphamuu kee yeroo muraasa dura kadhannaa dhiheessuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuun kee barbaachisaadha.
Cuuphamuu kee dura maal gochuu qabda? Haala Dubbii Waaqayyoo wajjin wal simuun jiraachuu fi waaʼee amantii keetii warra kaanitti himuu qabda. Kadhannaa dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan Waaqayyo wajjin michummaa horachuu qabda. Yihowaa kan tajaajiltu ofiin filattee malee warri kaan dhiibbaa waan sirratti godhaniif taʼuu hin qabu.
Cuuphamuuf umurii taʼe tokkorra gaʼuu qabdaa? Wanti iddoo guddaa qabu umurii miti. Taʼus, umurii fi bilchina of murteessuun maalfaa akka dabalatu hubachuuf si dandeessisurra gaʼuu qabda.
Cuuphamuu kan barbaaddu taʼus warri kee turuu akka qabdu yoo isaanitti dhagaʼamehoo? Tarii warri kee jireenya Kiristiyaanummaa keessatti muuxannoo dabalataa akka argattu barbaadanii taʼuu dandaʼa. Gorsa isaanii fudhachuudhaan yeroo kana michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf itti fayyadami.—1 Saamuʼel 2:26.
[Saanduqa fuula 308, 309rra jiru]
Gilgaala
Cuuphamuuf Yaadaa Jirtaa?
Gaaffilee fi yaadawwan armaan gadiirratti yaaduudhaan guddina kee gamaaggami. Deebii kee barreessuu kee dura caqasoota kennaman dubbisi.
Yeroo ammaatti Yihowaatti akka amanamtu argisiisaa kan jirtu karaawwan kamiini?—Faarfannaa 71:5.․․․․․
Wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa keetii akka leenjiste kan argisiiste akkamitti?—Ibroota 5:14.․․․․․
Yeroo hunda ni kadhattaa?․․․․․
Wanta barbaaddu kadhannaa keerratti adda baastee ni caqastaa? Kadhannaan kee Yihowaadhaaf jaalala akka qabdu ni argisiisaa?—Faarfannaa 17:6. ․․․․․
Galmawwan kadhannaa wajjin haala wal qabateen baafachuu barbaaddu gaditti barreessi. ․․․․․
Sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabdaa?—Iyyaasuu 1:8. ․․․․․
Waaʼee maaliifaa qoʼatta? ․․․․․
Qoʼannaa dhuunfaa wajjin haala wal qabateen galma baafachuu barbaaddu gaditti barreessi. ․․․․․
Tajaajilli kee buʼa qabeessadhaa? (Fakkeenyaaf: Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu namootaaf ibsuu ni dandeessaa? Namoota fedhii qaban deebitee ni gaafattaa? Nama tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf carraaqqii ni gootaa?)
□ Eeyyee □ Lakki
Warri kee akkas gochuu baatanis ati tajaajilarratti ni hirmaattaa?—Hojii Ergamootaa 5:42.
□ Eeyyee □ Lakki
Tajaajila wajjin haala wal qabateen galma baafachuu barbaaddu gaditti barreessi.—2 Ximotewos 2:15. ․․․․․
Walgaʼii gumiirratti kan argamtu yeroo hundamoo darbee darbeeti?—Ibroota 10:25. ․․․․․
Walgaʼiirratti hirmaachaa kan jirtu akkamitti? ․․․․․
Yeroo warri kee argamuu hin dandeenyetti ati ni argamtaa (yoo siif heyyaman)?
□ Eeyyee □ Lakki
Fedhii Waaqayyoo raawwachuun dhugumaan akka si gammachiisu sitti dhagaʼamaa?—Faarfannaa 40:8. ․․․․․
□ Eeyyee □ Lakki
Haalawwan dhiibbaa hiriyaa itti dandamatte tokko tokko ibsuu dandeessaa?—Roomaa 12:2. ․․․․․
Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu cimaa taʼee akka itti fufuuf maal gochuuf karoorfatteetta?—Yihudaa 20, 21. ․․․․․
Warri kee fi hiriyoonni kee Yihowaa tajaajiluu yoo dhiisanillee ati isa tajaajiluu kee itti fuftaa?—Maatewos 10:36, 37.
□ Eeyyee □ Lakki
[Fakkii fuula 310rra jiru]
Cuuphaan akkuma gaaʼelaa tarkaanfii jireenya kee jijjiiru waan taʼeef, salphistee ilaaluu hin qabdu